Ethiopia: Raadiyoo Wayyaanee irraa Afaan Oromootti waan Yaya Beshir hiike kana dubbisaa!

Ethiopia: Raadiyoo Wayyaanee irraa Afaan Oromootti waan Yaya Beshir hiike kana dubbisaa!

Raadiyoon Dimtsi Wayyaanee tamsaasa isaa guyyaa kaleessaa keessatti qondaala waraana Wayyaanee kan INSA keessatti Dr. Abiyyi waliin hojjechaa ture tokko dubbise. Janaraal Dr. Takla Birhaan Wale Gabreel jedhama. Qabsaayaa TPLF durii ti. Gaaffii fi deebii kana eegan dhaggeeffadhee booda waanin dhagahe ummata keenya afaan kana hin dhageneyeef qooduun filadhe. Waan namichi jedhu akka armaan gadhiitti cuunfeera, itti dhihaadhaa.
==============================
Jalqaba irratti Haala siyaasaa amma biyyattii keessatti mul’ataa jiru akkamitti laalta gaafii jedhutu dhihaateef. Yeroo deebisu akkas jedhe.

“Akka seera ADWUItti aangoon kan ummataati. Amma garuu sun hiika dhabee jira. Haaromsa jennee eegalle. Garuu amma gara tortoruutti deeme. Kun halkan tokkotti hin taane. Waan yeroo dheeraa keessatti tahe. Paarlaamaan ammaa kun homaa hiika hin qabu. Fooliidhuma ADWUI of keessaa hin qabu. Manni Maree Federeeshiiniis kan nugusaa tahee jira. Dhagahaas jirra. Nugusa 7ffaa jedhanii of muuduu agarree jirra. Hiriira waamanii na deeggaraa jechuus agarree jirra. Hanqina dolaaraa qabna jechuun qabeenya biyyaa gurguraa jirani. Qabeenya ummata Itoophiyaa dallaalaan gurguraa jira. Wanti siyaasaa biyyattii keessatti mul’ataa jiru lammii biyyattii hunda yaaddessuu qaba. Yakkamtoonni humnaan mootummaa fonqolchuuf sosso’an gadhiifamaniiru. Heerri fi seerri tumamee ittiin hojjetamaa ture hundi diigamaa jira. FBI takkaa Afgaanistaanillee seenee hin beeku. Amma kunoo biyya keenya seenee waan fedhe godhaa jira. Ofirratti amantaa hin qabdu yoo tahe kunoo ashkara FBI taata. Humni waraanaa biyyattii kan ummata biyyattiiti. Yoo humna waraanaa biyyattii irraa amantaa dhabdu kunoo ashkara warra Dhihaa taata.”

Gaazexessituun gaaffii gaafatte. Faranjiin dhimma keenya keessa seenee qorachuun seeraan fudhatamaa dhaa?
“Gargaarsa teknikaa gaafachuu ni dandeessa. Yoo ogummaa qoranoo gahaa fakkeenyaaf waa’ee bombii irratti hin qabdu taate. Garuu dhimma boombii dhihoo kanaa san qorachuuf saayinsii rookeetii hin gaafatu. Kun walabummaa keenya balaaf saaxiluu dha. Akkuman jedhe sirni mootummaa keenyaa baay’ee laafeera. Federaalizimiin hojiin ala tahaa jira. Maqaa tokkummaa qofatu faarfamaa jira. Amma diinummaa Tigireetiin gad of dhaabanii sirna Dargiitti nu deebisuuf hojjetaa jiru. Daandiin keenya Dimokraasiin Warraaqaan bakkaa buqqa’aa jira. Hiriirri dheengaddaa kana nu garsiise. Garuu amma namni keenya heddu dubbii kana hubataa hin jiru. Namuu waan qilleensa sirrii (room temperature) keessa jiru itti fakkaataa jira. Sirnichi fayyaa waan qabu itti fakkaataa jira. Hanga qabxii danfiinsaa (boiling point) gahutti dammaqaa hin jiru. Qabsoon itti aanu maal akka tahuu qabu murteeffachuuf boiling point irra gahuu eeguu hin qabnu.”

Gaaffii gaazexessaa: Humna lama wal faallaa beekna turre biyya kana keessatti. Humni tokko sirna kaleessaa deebisuu barbaada. Humni kaan ammo fakkeenyaaf Oromoon faallaa saniiti. Garuu amma walitti dabalamanii haala nama ajaa’ibuun wal tahanii sirna kana irratti ka’aniiru. Kun akkamitti laalama? Furmaanni hoo?

“Dhiphoo fi Of tuulaan sarara mata mataa isaanii qabu. Garuu lamaanuu daandii keenyaan ala jiru waan taheef dantaa waloo irratti hireen itti wal tahan dhalachuu danda’a. Hiree aangoo qabachuu argannaan daangaan garaagarummaa jaraa ni diigama. Aangootu walitti isaan araarsa, walitti isaan buusa. Lamaanuu ‘olaantummaan Tigraay jira’ kan jedhu irratti wal tahanii socho’aa jiru. Kun asuma ADWUI keessattis dhalate. Olaantummaan Tigraay kun jira moo hin jiru kan jedhu irratti falmii yeroo dheeraatu ture. Haalli amma dhufe kunis asuma keessaa dhalate. Oromoon wayyaba waan taheef, Amaarri wayyaba waan taheef nutu biyya bulchuu qaba herrega jedhuun deemu. Kun daandii keenya keessatti waan haaraa dha. Jibba kana irraa ka’uun ‘waraabeyyii guyyaa’ jedhanii nu waamu. Dhaaba keenya TPLFiin Naaziidhaan wal fakkeessu.”

Gaaffii gaazexessaa: Atii fi Dr. Abiyyi INSA keessa waliin hojjetaa turtan. Ati hoggana isaa turte. Ololli jiru akka jedhutti erga wal mufattanii booda Janaraal dursee INSA gadhiisee bahe jedha. Dr. Abiyyi ati dursitee bahuu keetti gammadaa hin turre jedhamas FB irratti. Dhuguma wal mufannoo qabdu turtanii? Maaliif dursitee hojii sana gadhiifte?

“Dr. Abiyyi waliin rakkoo dhunfaa walirraa hin qabnu. Yeroo lola Ethio ertiraa opretera keenya ture. INSAs waliin dhaabne. Haa tahu malee, waan sirna keneya miidhu hojjete. Kanaafuu nu waliin itti fufuu hin dandeneye. Ofirraa baafne. Kun rakkoo dhunfaan osoo hin taane rakkoo dhimma hojiiti. Abiyi nama haaleffataa dha kan jedhamuun wal qabsiisuun sirrii miti. Rakkoon jiru sana dura ture. Janaraalota biroo waliin taanee dubbataa turre. Sirni keenya boora’aa jira yaaddoo jedhu kaasaa turre. Fakkenyaaf qorannoo dhimma GDP keenyaarratti ifatti keenyee jirra. MM duraa Hayla Maaryaam Dassaalegn waliinis maryannee turre. Dhimma imaammata dinagdee biyyaa irratti garaagarummaa qabna turre. Kanaafuu kaayyoo irratti wal dhabneeti malee na miidha jedhee sodaadhee gadhiisee hin baane ani.”

Gaaffii gaazexessaa: Amma ADWUIn jijjiiramaa jira. Jijjiirama kana gara hireetti jijjiiruuf akka Tigraayitti maal gochuutu danda’ama?

“Rakkoon kun balaa qofa hin fidne. Hiree fidus ni qaba. Tokko, akka Tigreetti akka wal gaafannu godha. Maal gochuu hafneeti rakkoo kana mudanne jennee akka maryannu nu godha. Hundee irraa qabnee of gamaaggamna. Of tahuu, of keessa laaluu qabna. Ala irraa of keessa laalaa turre. Amma sana jijjiirra. Dubbittiin laalessituu taatu illee irraa baranna. Gatii kafalaa baranna. Hireen cimaan lammaffaa ammo, seenaa keenya nu yaadachiisa. Nuti Tigronni seenaa waggaa 4,000 qabna. Seenaa boonsaa kana irraa dhaabannee amma irraa hoo garam deemuu qabna kan jedhu of qoranna. Akka dammaqnu nu godha. Ummanni Tigraay jaarmayummaa qaba.

Akka aadaatti. Jaarmayummaan sun aadaa Tigrummaati. Rakkoo tokko dandamachuuf dafee of jaaree yeroo gabaabduu keessatti tarkaanfii fudhata. Jilbeenfachuu hin beeku. Aadaa jabaa kanatti yeroo akkanaa fayyadamuu danda’a. Amma lola qorqalbiitu nurratti labsamee jira. Ummanni Tigraay akka muddama hamaa seenetti of hubatee akka hamilee cabu nu godhaa jiran. Miira moohamtummaa keessa seenuu hin qabnu. Jilbeenfatuummaan nutti dhagahamuu hin qabu. Waan lama keessaa tokkotti nu naquu barbaadu. Tokko, abalu diina keenya jennee akka tarkaanfii fudhannu. Yookiis ammo jilbeenfannee akka fedhii isaanii qofa keessumsiifnu. Kana lamaanuu irraa alatti furmaataaf hojjenna.

“Qorqalbiidhaan nu jilbeenfachiisuu jechuun maal jechuu dha? Fakkeneyaaf dhimma Itoophiyaa fi Ertiraa fudhu. Dhimmi sun dhimma ummatoota lamaaniiti. Garuu mootummaan 4Kiiloo sun osoo ummata Tigraayii fi Afaariin hin maryatin Ertiraa waliin araarame. Maree jaraa dheengaddaa keessatti Eertiraan Asabii fi Masawwaa Itoophiyaaf banuu fi ofii isii ammo kutaalee Itoophiyaa keessatti investmentii hojjechuuf wali galan. Kutaalee Itoophiyaa jedhaman sana keessa Tigraay hin jirtu. Kun Tigraay jilbeenfachiisuu dha. Ummata Tigraayii fi TPLFin adda qoqqoodanii rukutuu dha. Kun waan tasa hin yaadamne. Ilaalcha hin qaroomini kan sammuu lukkuutiin yaadamuu dha.”


“Finfinnee jirra Shaanxaan utuu hintaane, Qawwee baannee Finfinneen baane” jedha WBO’n

Waraanni Bilisummaa Oromoo hanga Bilisummaa Oromoo mirkaneessutti qabsoo hindhaabu!