Ethiopia/Oromia! Free all Oromo political prisoners!

Ethiopia/Oromia! Free all Oromo political prisoners!

Hogganoota Ol aanoo ABO Kanneen Manni murtii Bilisaan Gad lakkisee erga lakkifaman Booda Tikni Mootummaa Guyyaa Muraasa Dura mana hidhaa qilinxoo Fuulduraa akkuma Bahaniin Ukkamsee Dhabamsiisee Tana Buuteen isaani dhabamee ture Mana Hidhaa Gammoojjii Naannoo Mata Haaraatti Argamu Awaash Arbaa iddoo Oromoota Kumaatamaan Itti Dararamaa jiran sanatti Hidhamanii argamuun Beekamee jira!
Maqaa hidhamtoota M/murtii fdederaalaa olaanaa dadhachi Caffee Muudaa bilsaan lakkisee poolisiin ugguruun gammoojjii Awaash Arbaa geessuun dararaa jiru
1 Gammachuu Ayyaana
2 Dr, fayyeeraa mokoonin
3 Fiqiruu Dasee
4 Usman Hasan
5 Saj,Wadaajoo Malkaamuu
6 Biqiilaa Damee
7 Lammeessa Takkalee
8 Inspeektar Dorombos cuukoo fi
Chariinat Tarrafee kanneen jedhaman yoo tahu ammaan duras Itti gaafatamaa Sab quunnamtii hawaasaa ABO jaal Battee Urgeessaa fi Gafarsoo Dabalaa dabalatee namoonni biroon jaha caamsaa 16/2021 mana hidhaa Buraayyuu irraa fudhatamanii gara kaampii waraanaa gammoojjii Awaash Aarbaa geeffamuun barameera!
– Gabaasni kan SBO ti