Ethiopia/ Oromia: Extrajudicial executions of the Oromo youth is on the rise, while the world’s focus is on Tigray!!

Ethiopia/ Oromia: Extrajudicial executions of the Oromo youth is on the rise, while the world’s focus is on Tigray!!

Oduu Gaddaa
[SQ-Waxabajji 3/2021]Barreessaa kuusaa Walaloo Oftaanaa Tarreessaa humnoota waraanaa ppn erga qabamee booda ajjeefamee gatame.
 
Dargaggoo Oftaanaa Tarreessaa torban dabarsaa jirru kana keessa Shaggar lixaa aanaa Ilfataa keessaa humnoota waraanaa ppn qabamee ture. Qeerroon kun erga tohatamee booda ajjeesamee bakkeetti gatamuun reeffi isaa bakkee irraa argame.
 
Dargaggoo Oftaanaa Tarreessaa ammaan dura ajjeefamuu Artis Hacaaluun wal qabatee Amboo Sanqalleetti hidhamee murtiin waggaa tokkoo fi baatii shanii itti muramee ture.
Garuu, ol iyyannnoo fudhateen baatii jaha qofa itti muramuun dhiyyeenya mana hidhaa irraa bahe ture.
Qeerroon kun erga mana hidhaa bahee maatii isaa waliin otu
 
jiraachaa jiru humnootni waraanaa pp shiftoonni dargaggoo qaroo ol adeemoo erga qabanii booda rasaasaan ajjeesuun bakka namni hin arginetti reeffa isaa gatanii deemuun reeffi dargaggoo Oftaanaa Tarreessaa bakkee irraa namootaan argamuu maddeen keenya nuuf himaniiru.
Dargaggoo Oftaanaa Tarreessaa barreessaa kuusaa Walaloo lama
 
“Galaa Qeerroo fi Deemsa Qocaa” jedhu barreessuun harka dubbistootaan gahatee ture.
Murni shiftaa Oromoo fi Oroomummaa balleessuuf carraaqu barreesitootaa fi artistoota Oromoo hidhuu ,dhabamsiisuu fi ajjeesuun akka aadaa fi duudhaan Oromoo karaa isaanii hin mul’anneef kan hojjetaa jiru waggoota sadan darban kanatti artistoota qaroo kan akka Cawwaaqaa Yaadataa, Daadhii,Galaan,fi Hacaaluu Hundeessaa yoo ajjeesisu artistoota jaha baatii tokko dura Artist Falmataa Kabbadaa dabalatee ukkaamsee hidhuun yeroo ammaa mana hidhaa Galaan keessatti dararamaa kan jiran yeroo tahu barreessitoota Oromoo hedduus guyyaa eebba kitaaba isaanii irraa qabee hidhuun kan mana hidhaatti darbamanis lakkoofsaan hedduudha.
Gumaa kee bilisummaa Oromoo baafna!

Via: Dabessa Gemelal


የትግራይና የኦሮሞ ህዝቦች ጠላታችን ናቸው አለ literally!
🦨የሱዳን ህዝብ ወንድም ህዝብ ነው ስለዚህ ጦርነት አናደርግም:: ችግር ላይ ናቸው ይላል ይህ 🦨 ይሆነ ጅል:: የትግራይና የኦሮሞ ህዝብ ግን ጠላታችን ነው ማለቱ ነው?


Oduu Ammeetiin‼️
Biyyoonni gurguddoon Addunyaa 10 USA 🇺🇸 waliin ta’uun Sirna Gabroofataa Abiy Ahmed Ali irratti Tarkaanfii gurguddaa fudhachuuf akka beeman mirkanaa’eera‼️
Biyyoonni Immiyyee Itoophiyaa Abiyyitti mudduuf deeman kun
1,USA 🇺🇸
2 United Kingdom 🇬🇧
3, France 🇫🇷
4, Germany 🇩🇪
5, Norway 🇳🇴
6, Canada 🇨🇦
7, Denmark 🇩🇰
8, Sweden 🇸🇪
9, Poland 🇵🇱
10, Netherlands 🇳🇱
Biyyoonni kun hanga warri yakka waraanaa ummata nagaa Oromoo fi Ummata Tigraay irratti raawwatee duguuggaa Sanyii (Genocide) raawwatee seera Idil-Addunyaa (International Cirminal court) fuulduraatti dhiyaatanii gaafatamanitti waloon kan hojjatan ta’uu beeksisaniiru‼️ Biyyatiin rakkina amma keessa jirtu keessaa akka baatuufiis kan hojjatan ta’uu addeessaniiru‼️
Addunyaa suutuma suutaan Abiy Ahmed Ali qalmaaf qopheessaa jirti…Oromoo jabaannee jabaadhaa Addunyaan nu waliin qabsootti jirtii…‼️
Barana Keenya Lolaan waaqa 😊


Hubataniitu yoo ta’ee, faarfannaan obboleessa keenya Bultii Dhinsaa yeroo hunda “original” dha. Yaada hin ergifatu!! Wanta adda ta’e, faarfannaa haaraa dha qaba. Waaqayyo isaa yaa eebbisu!!!