Ethiopia: causalities reported in Meta Woreda, Chelenko city in East Hararghe zone

Above Single Post

Ethiopia : causalities reported in Meta Woreda, Chelenko city in East Hararghe zone of the Oromia regional state

Ethiopia -causalities reported in Meta Woreda, Chelenko city in East Hararghe zone of the Oromia regional state. According to Addisu Arega, Oromia region’s communication head, lives were lost & properties were damaged following protest related disturbances. Others on social media claim security forces carried out the killing.

However, Addisu Arega did not mention the exact number of causalities but said more information will follow soon.

Update:

Addisu Arega said six people are now known to have been killed today after the people of Chelenko went out to protest against the killing of a man called Ahimaddinnn Ahimad Asaasaa. He was killed by members of the Liyu Police and later on died on the way to a hospital.

In addition, 14 people were also wounded, six of whom seriously. The wounded are receiving treatment in Dire Dawa hospital.

PS: This information has been updated to add the number of causalities.


OromoRevolution Muddee 11/2017 Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaa Magaalaa Calanqoo lafaa seenaa, Aradaawwaan Dusee fi Garmmaam jedhaman irratti Waraanni Liyyuu hayilii Somaaleefi Makalaakiyaan Wayyaanee Yakkaa Duguginsa Sanyii (Genocide) uummata Oromoo irraatti gaggeeffameen Lubbuun Ilmaan Oromoo hedduun akka wareegame ifa ta’eejira. Mootummaan Abbaa irree Wayyaaneefi Mootummaan Naannoo Somalee Yakka waraanaa uummata Oromoo irratti banaan itti fufinsaan gaggeessuun lubbuu ilmaan Oromoo barbadeessaa, qe’eefi qabeenyaa irraa buqqisaa duula sanyii balleessuu itti fufinsaan gaggeessa jiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa wayita yakki ulfaataan akkasii kun uummatarraatti gaggeeffamaa jiruu tarkaafii uummatarraa ittisuu fudhachuu hanqachuun isaafi Caalatti iyyuu utuu uummaatni Oromoo ifatti guyyaa Saafaa waraanni irratti banamee dhumaa jiruu warra uummata waraanaan fixaa jiran waliin ayyaana Sabaafi sablammootaa jedhee kabajaa jiraachuun yaakkaa uummata Oromoo irraatti gaggeeffamaa jiruu kanaaf gaafatama jalaa akka hin beene hubachiisa. Guyyaa har’a yakka waraanaa ilmaan Oromoo Harargee Bahaa Calanqoo irratti gaggeeffameen ilmaan Oromoo hedduu Wareegaman keessaa kanneen maqaan adda baafamanii jiran:
1. Haarun Hasan
2. Abdala Isaa
3. Muummee Adamtu
4.Tofiq Abdo
5. Mikaa’el Abdo
6. Abdiisaa Saalii
7. Abbaa Abdi Saalii kanneen jedhama kan keessatti argaman ta’uu ifa ta’ee jira. Yaa uummata Oromoo bakka jirtan hundaa of ittisuufi uummata keenya ittisuuf halkanii guyyaa itti yaadamuu qaba. Uummatni keenya dhumaa jiruuf halkanii guyyaa boqonnaa malee haa dirmannu.
Wareegamtoota keenya Gumaan isaanii Bilisummaa haa ta’u. Maatii fi firoottan isaaniif jajjabina haa kennu,
Qabsa’aan ni kufa
Qabsoon itti fufa!

Seenessaa Qeerroo

Below Single Post