ESAT is live now.

ESAT’s live video.


Ibsa Ijjannoo Koree Giddugaleessaa Dhaabbata Dimokiraatawa Ummata Oromoorraa kanname.

Koree Giddu Galeessa Dh.D.U.O jallqabbii imala haaroomsa jijjiiramaafii kallattii heegareerratti mariifii qorannoo ballaa guyyoota kurnan darbaniif gaggeessaa ture Ammajjii 29 Bara 2010 milkaawinaan xumuree jira.

Dhaabni keenyaa aadaa ummata dhaggeeffachuun hanqinoota mudataniifii akka sirratan akeekaman fudhachuun sirreessaa deemuun beekkama. Imala jijjiiramaan haaromuu A.D.W.U.I gaggeesseefii kallattii kaawe bu’uura godhachuudhaan toora biyyattiin gama siyaasa,diinagdeefi hawaasummaatiin irra jirtu gadi fageenyaan qorachuudhaan kallattii kaa’e jira.

 Dh.D.U.O nageenyiifii wajji jireenyi ummatoota biyya keenyaa karaa kamiinuu akka hin gufanneefii duudhaan Jaalalaf wajjini jireenyaafi nageenya labsuu ummata Oromoofi Dhaaba Naannoo keenya hoogganaa jiruu karaa milkaawina qabuun akka itti fufu, gufuuwwan duudhaa kana gufachiisuu malan kamuu akka sirratan hoojjachuun dhimma murteessaa tahuu isaa xiyyeeffannoo addaan mari’ate jira.

 Aaadaan dimokiraasummaafii ummatummaa dhaabaa kun harraas komiiwwan karaa kamiinuu ummata biraa ka’an dhaggeeffachuu, onneerraa dhiifama gaafachuuniifii tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun barbaachisaa tahuu isaas koreen kun ballinaan marihachuun kallattii kaayee jira.

 Koreen Giddu Galeessaa Dh.D.U.O rakkoolee siyaas diinagdee sirna Federaalaa balaarra buusuu danda’an karaa saayinsaawaa taheen adda baasuun furmaata hatattamaa kennuun fedhii ummataa guutuun dhimma murteessaafi hatattamaan raawwatamuu qabu akka tahees qoratee jira.

 Fayyadamummaa diinagdee haqa qabeessa mirkaneessuufii hirmaannaa siyaasaa qixxeefii haqa qabeessa naamusa cimaan raawwachuun fedhii ummata ballaa Oromoo guutuun dhimma yeroon kennamuuf miti.

 Kabajniifii wajjiin jireenyi Obbolummaa duudhaa hundee ummanni Oromoo ummatoota biyyattii waliin qabufi biyya ijaaruu keessatti ga’ee qabu akkuma kaleessaa cimsee akka itti fufuu qabuus koreen Giddu Galeessaa Dh.D.U.O gadi fageenyaan marihatee jira.

 Waliiti dhufeenya dhaabbiilee miseensa A.D.W.U.I gidduu jiru karaa dimokiraatawa taheen cimsuun kaayyoo ummatummaa keenya milkeessuufii biyyi keenya rakkoorra akka hin buune hoojjechuun dhimma murteessaa akka tahees kallattii kaayee jira.

 Gochoonni ofittummaafii kira sassaabdummaan sirna federaalaa keenya balaarra buusan,rakkoon bulchiinsa gaariin ummata komachiisanii dhaabbata isa hoogganurratti akka fincilu taasisan,angoo meenshaa ummata haqummaafii amanummaan itti tajaajilan gochuun hafee faayiddaa dhunfaaf oolfachuun,mirgi heera mootummaa lammiin bakka barbaade jiraachuu mulqamee ummatoonni kumaatamaan lakkaawaman qa’eefii qabeenya isaaniirraa buqqa’uun, maqaa invastimantiitiin qabeenya mootummaafii ummataa kan tahe lafa saamuun hiyyeessa hoongeessuun, nageenya ummata nagayaa booreessuufii yakkoonni hammaataan wal fakkaatu raawwatamaniifii raawwatamaa turan hirmaannaa ummataatiin hadheeffatanii irratti qabsaawuun heegaree biyya keenyaa balaarraa oolchuun dhimma ijoo xiyyeeffannoon addaa kennamuufii qabu akka tahees ballinaan irratti marihatamee jira.

 Jeequmsa waggoota muraasa darban mudataniin lammiileen hedduun lubbuu isaanii dhabanii jiru, qabeenyi barbadaawe,nagayaan bahanii nagayaan galuun lammiilee balaarra bu’ee jira, kanaaf rakkoon kun mudachuuf itti gaafatamummaa fudhatanii sirreessuun barbaachisaa akka tahe cimsanii irratti marihachuun kallattiin taa’ee jira.

 Humnoonni sirna federaalaa keenya balaarra buusuun faayiddaa dhunfaafii garee milkeeffachuuf jecha lammiilee nagayaarra balaa buusaniifiii gocha suukanneessaa seenaa keessatti mudatee hin beekne dhaqqabsiisan seeraan akka gaafataman akkanumaas badiin wal fakkaataan akkanaa lamuu akka hin deebineefii olaantummaan seeraa akka mirkanaawu ummatoota biyya keenyaa hunda hirmaachisuun qabsoo ummataa finiinsuun bu’aa olaanaatti ceesisuun dirqama guddaa akka tahees Koree Giddu Galeessaa Dh.D.U.O kallattii kaayee jira.

 Diinni keenya cimaan hiyyummaa akka taheefi diina hunda keenyaa kana ammo ummanni dhaabaafi mootummaan qindoominaan hoojjachuu akka qaban,dhaabniniis yaadoota hahaarawaafii jijjiirama ummata keenyaa mirkaneessan burqisiisuun hooggansa cimaa kennuun dhaaba keenyarraa akka eeggamuus walii galteerra gahamee jira.

 Qabeenya maddisiisuu qofa otoo hin ta’iin qoqqoodiinsi diinagdee haqa qabeessaa akka jiraatufi itti fayyadamni qabeenyaas qisaasamarraa bilisaafii sirna itti gaafatamummaatiin akka raawwatamu gochuun ummata hirmaachisuu qofa osoo hin ta’iin akka to’achuu qabuus kallattii kaayee jira.

 Gochoota diinagdee quncursan, malaanmaltummaa, kootorobaandii, naanneessa maallaqaa seeraan alaafi xaxaawwan badii sirna gabaa gurgurataa gufachiisan cicciruun hojimaata iftoominaafii itti gaafatummaa qabu diriirsuun rifoormii sirna daldalaa si’eessuuf kallattiin taa’ee jira.

 Qajeeltoowwan heera mootummaa osoo hin caccabiin mirgi dimokiraasummaafi namummaa lammiilee akka kabajamu, mirga heera mootummaatiin gonfatanitti fayyadamanii soda tokko malee bakka fedhan deemanii hoojjechuufii jiraachuu akkanumaas qabeenya horachuu akka mirkanaawu Rifoormiiwwan sirna haqaafi imaammatoota keenyarratti jijjiirama bu’uraa fiduu danda’an irratti hoojjatamuu akka qaban walii galamee jira.

 Koree Giddu Galeessaa Dh.D.U.O walitti dhufeenyi naannoolee gidduu jiru bu’uura heera mootummaatiin akka raawwatamuufi haala sirna heerri mootummaa ajajuun karaa guutuu taheen hojiirra oolee itti cimuu danda’urratti xiyyeeffannoo kannee mari’atee jira.

 Walitti dhufeenyi gaariifii Obbolummaan cimaan Ummata Naannoo Somaaleetii waliin qabnu cimee akka itti fufu sabni somaalee Itoophiyaa naannoo keenya keessa sochoowu kamuu alagummaan akka itti hin dhagahamne jaalalaan ofitti qabnee eeguun,Sabaafii sablammoonni naannoo keenya keessa jiran akkuma qajeeltoo sirna gadaa keenyaa hammannee jaalalaan wajji jiraachuu Oromummaan jaalala tahuu addunyaaf itti mullifnu cimee akka itti fufu ummanni naannoo keenyaa ga’ee olaanaa akka gumaachu Koreen Giddu Galeessaa Dh.D.U.O waamicha dhiyeessee jira.

 Akkuma Aadaa keenyaa Rakkoo kamiyyuu mariin hiikuu malee ilaalchi dubbii karaa jeequmsaatiin hiikuuf deemuu kamuu akka hin mudanne fadhii hundaa mariin hiikuuf hojiin siyaasaa itti fufiinsa qabu hoojjatamuu akka qabu itti amanamee jira.

 Muffiifi komii Dargaggoon keenya qaban kamuu qalbiin dhaggeeffachaa rakkoo isaaniis furaa qabsoo karaa nagaafi dimokiraatawaa akka hordofan gochaa,biyya boru dhaallatan harra ijaarrachuu akka qaban barsiisaa aadaan dimokiraasii akka dagaagu hoojjetamuu akka qabuus irratti walii galamee jira.

 Biyya Ifiifuu diinagdeen isii hin guddatin aadaan dimokiraasiis lafa hin qabatinitti rakkoo addunyaas tahaa kan jiru Ongee,Walitti bu’iinsa,Godaansa seeraan alaa ,Karoora maatiirratti yoo hin hoojjanne gaaga’ama cimaa fiduu waan danda’uuf of eeggannoofii miira itti gaafatamummaa cimaan akka hoojjatamuu qabu ballinaan irratti marihatamee jira

 Lammiilee keenya Naannoo Somaalee Itoophiyaarraa buqqa’an bakka qubannaa yeroorraa gara iddoo dhaabbiitti qubachiisuu. Rakkoo hoji dhabdummaa dargaggootaa hundeerraa furuun jireenyi isaanii akka fooyya’u hoojjachuu, rakkoo bulchiinsa gaarii hojimaataan sirreessuu, kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu,caasaalee manneen murtii,abbaa alangaa,poolisii sadarkaa aanaafii gandaa irra deebiin gurmeessuu,nagayaafii tasgabbiin jiraatee olaantummaan seeraa akka mirkanaawu hojiilee kamuu dura dhimma xiyyeeffannoo kennee hoojjatu akka tahees irratti walii galamee jira.

 Afaan Oromoo Afaan Federaalaa akka tahu, Faayiddaan addaa Naannoon Oromiyaa Finfinneerraa qabdu karaa guutuu ta’een akka hojiirra ooluufii Daangaan Godinni addaa Oromiyaa Naannoo Finfinnee magaalaa Finfinnee waliin jiru akka hojitti jijjiiramu Dh.D.U.O cimsee qabsaawa.

Dh.D.U.O of cimsee waltajjiiwan yeroon gaafatan kamuu injifannoon akka bahatuuf Miseensoonni Mana maree A.D.W.U.I irratti hirmaatan 14 kanneen biraatiin akka bakka bu’an miseensoonni Koree Giddu Galeessaa Dh.D.U.O 4 ammoo hamma yaa’ii itti aanutti akka ugguramanfii miseensi koree giddu galeessaa tokko Of eeggannoon akka bira darbamu mirteessee jira.