Eertiraan humna waraana ishii baroota dheeraaf daangaa irra ture har’a of duuba butuun dursitee tarkaanfii fudhatteetti.

Eertiraan humna waraana ishii baroota dheeraaf daangaa irra ture har’a of duuba butuun dursitee tarkaanfii fudhatteetti. Akkuma yaadatamu yeroo dheeraaf mootummaan Eertiraa akka mootummaan Itoophiyaa lafa manni murtii addunyaa murteesseef irraa haalduree tokko malee waraana isaa baasu gaafachaa turte. Har’a garuu ofii dursanii baasuun araarichaaf of kennan. Gama Itoophiyaatiin tarkaanfii wal fakkaataa fudhachuuf ajaja MM qofatu eegamaa jira jedhama.

Yaya Beshirin

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Wareegama Qeerroo fi ummanni Oromoo kafaleen qilleensi jijjiiramaa kun dhufee Itoophiyaa fi Eertiraa walitti araarse. Kanaafuu jijjiirama har’a dhufee araara dhugoomse kana kan faarsu hundi galata Qeerroo Oromoo yaadachuutu irra ture. Har’a Oromoon wareegama baaseen Maa’ikalaawii eega cufsiisee booda dhiibbaa isuma irraa maddeen manneen hidhaa Eertiraa keessaas cufsiisuu eegaleera. Hidhamtoota biyyattii kan addunyaan hiiksisuuf bara kudhanootaaf waywaatee dadhabe kunoo hiiksisaa jira. Garuu kan qooda Qeerroo kana hubate hangas mara miti.

Guyyaa har’a xayyaara DQI kan waggaa 20 booda yeroo duraaf imaltoota 400 ol qabatee gara Asmaraa barare keessa namoota adda addaa ture. Eertiraanota qofa osoo hin taane artistotaa fi abbootii qabeenyaa Amaarnyaa dubbatan hedduu agarre. Televiziyoonii Eertiraa irratti yaada isaan hariiroo biyyoota lameenii laalchisee afaan Tigrignaa fi Amaarnyaan kennatan caqasneerra. Hafuura firooma gara kaabaa kanatu qilleensa guddaa fudhate. Hafuurri Oromoo keessatti him mul’atu. Injifannoo kana fiduu keessatti garuu Oromootu qooda leencaa qaba. Galata galfamaa oole keessatti maqaa Dr. Abiyy irraa kan hafe Dr. Abiyyiinuu maaltu akka dhale kan kan beeku xiqqaa dha. Warraaqsa Oromiyaa keessaa dhalatee gammachuu kanaaf sababa tahe Asmaraatti nama maqaa dhahu hin dhageenye.

Ala kanattis hafuuruma wal fakkaataa kan Oromoo dagatetu mul’ata. Guyyaa kaleessaa Sweden Stockholm keessatti Eertiraanonni fi Amaarinyoonni hiriira deeggarsa Dr. Abiyyi bahuun afaan lamaaniin waliin sirbaa oolan. Eskistaa fi Guwaanaa sirban. Shaggooyyee yookiin ragada quba hin qabani. Alaabaa Eertiraa fi alaabaa sirna nugusa duraanii walitti erbanii dhiichisaa oolan. Alaabaa Qeerroon injifannoo kana fiduuf wareegame ittiin maramee owwaalame alaabaa Oromoo hin beekani. Stockholm keessa Oromoon kumootaan akka jiraatu ni beekama. Gaafa qabsoo farra Wayyaanee jarri kun Oromoo waliin hiriira bahaa turan. Ar’a yeroo qabsoon Oromoo jara walitti araarsee firooma isaanii ow’isu Oromoo quba hin qabani. Jaratu Oromoo lagate moo Oromootu jara lagate?

Wanti kun dhimma xixiqqoo fakkaachuu mala. Garuu yoo hubatanii laalan nama ajaa’iba, gaddisiisas. Har’a yeroo jarri araaramanii wal hammatanii sirban dhiigni Oromoo ammallee numa jigaa jira. Dhiiga kaleessa injifannoo kana fidetu har’as hin citini. Oromoon du’ee, dhiigee alagaaf bara gaarii fiduu isaaf galatatu malaaf. Kan galata kana beekaa waakkatu, inumaa achii as deebi’ee Oromoo irratti olola banee jiru argaa jirra. Kana irratti hojii piroppaagaandaa gahaa hojjechuu nu feesisa. Sagaleen keenya sadarkaa gaanfa Afriikaatti ol jedhee dhagahamuu qaba. Kan nun beeyne nu baruu qaba. Dhiiga keenyaan maqaa fi firooma kan bitataa jiru hundi dursee Oromoo baruu qaba.
Akkan miira keessa seene nan tilmaama, na ofkalchaa!


Wani Tedy Demuf Wayane Wajiin Wal Tahe Hacalu Xuqe


Mootummaan waan kana irratti qorannoo gadi fagoo geggeessuun dirqama. Warri yakka kana hojjetee fi warri tarkaanfii murruqqii kana keessatti dhuman ummataaf ifa godhamuu qabu. Kun yakka sadarkaa Mana Murtiii Idil Addunyaatti dhihaachuu qabuu dhas. Dubbiin kun dubbii torbaan tokko qofa afarfamee san booda dagatamu akka hin taane koreen tokko jaaramee dhiibbaa yoo godhe gaariidha.