Ergaa Mana Hidhaa Galaan irra hundeeffama Waggaa 48ffaa ABO ilaalachisee erga Jaal Mikaa’el Booran

KDHSLO Adoolessa 11,2021
Ergaa Mana Hidhaa Galaan irra hundeeffama Waggaa 48ffaa ABO ilaalachisee erga Jaal Mikaa’el Booran
 
Qabsoo Oromoo galmaa gahuuf ABO jabeessuun dirqama!
Walakkeessa jaarraa 19ffaa irraa eegalee duula badii Oromoo fi Oromummaa irratti geggeeffamaa tureen wal bira qabnee oggaa ilaallu waggootni 50 darban seenaa qabsoo saba keenyaa keessatti yeroo bakka itti kufanii deeb’anii ol ka’uu, yeroo ol adeemuu fi yeroo ijaaramuu, walumaagalatti yeroo injifannooleen gurguddoon keessatti galmaawanidha. Jijjiiramaa fi injifannoo kana kan argamsiises dhalachuu ABO fi qabsoo bilisummaa hoogganummaa isaatiin geggeeffamaa turee fi jirudha.
 
Qabsoo haqaa sabni keenya hoogganummaa ABOtiin masakamee geggeessaa jiruun Oromummaan (Afaan, Aadaa fi seenaan sabichaa) kan dhabamaaf qaadhimamee ture qarqara badiisaa irraa deebifamee akka lalisu tahaa jira. Biyyi teenya Oromiyaan ‘Map’ irratti akka beekamtuu fi Afaan saba guddaa kan tahe Afaan Oromoo ukkaamama jalaa bahee Afaan hojii fi barreeffamaa akka tahu kan godhe qabsoo hadhaawaa sabni keenya hoogganummaa ABOtiin geggeessee fi wareegama qaalii inni baasaa turee fi amma illee baasaa jirudha.
 
Qabsoon Oromoo ABOdhaan hoogganamee geggeeffamaa jiru bu’aan siyaasaa inni hanga ammaatti argamsiise ummata Oromoo qofa kan fayyade miti. Jijjiirama akka waliigalaatti siyaasa Itoophiyaa keessatti waggoota 50 darban keessatti mul’achaa dhufan keessatti qabsoon Oromoo qooda ol’aanaa qaba. Addatti immoo jijjiirama bara 1991 A.L.A mul’ateen mirga sabootaaf beekamtiin seeraa kan itti kenname heera amma jiruuf (hojiitti hiikamuu baatus) bu’uura kan tahe chaartera yeroo cehumsaa maddisiisuu keessatti qoodni qabsoo Oromoo fi ABO murteessaa ture.
 
Sirna cunqursaa fi abbaa Irree EPDRF kan jijjiirama bara 1991 qabsoo ummataatiin argame afaan qawweetiin gara dabarsee waggaa 27f ummatoota Itoophiyaa keessa jiraatan irratti waanjoo cunqursaa deebisee fe’e qabsoodhaan maqsuun irratti ammoo kana hanga ABO qabsaawee fi bu’aa argamsiise hin jiru yoo jenne dhaadheessuu hin ta’u. Addi Bilisummaa Oromoo akka dhaabaatti fi akka sabni Oromoo akka sabaatti qabsoo kana keessatti wareegamni baasan akka salphaatti ibsuun kan danda’amu miti. Ilmaan qonnaan bultootaa fi tikfattootaa irraa kaasee hanga hayyootaatti, lubootaa fi ulumaa’ota, barattoota, barsiisota, abbootii qabeenyaa, hojjettoota mootummaa, ogeeyyota fayyaa fi ogummaa addaa addaa…kkf.
Hunda irraa dhiiraa-dhaalaan, xiqqaa-guddaan ilmaan saba keenyaa gosaa fi bakka dhalootaan ykn
 
amantiidhaan osoo wal hin qoodinii fi wal biraa hin hafin waliin qabsaawanii waliin wareegamaa as gahan. Dirree lolaa irratti waliin kuffisanii kufaa manneen hidhaa keessatti gidiraa hedduu hanga qaamaa hir’achuu fi wareegama lubbuutti waliin dhandhamataniiru. Kutaa fi amantiin adda hin baanu jechuun boolla tokkotti waliin awwaalamaniiru. Qe’ee fi qabeenyi manca’ee waliin baqattummaa fi hiyyumaaf saaxilamaniiru.
Jijjiirama qabsoo fi wareegamni ummata keenyaa siyaasa Itoophiyaa keessatti fide keessaa guddaa fi inni asaanu kan waggoota 3dura (2018) mul’atee fi diigamuu EPRDF hordofsiisedha. Jijjiiramni kun guutumaatti (100%) jechuun haala danda’amuun qabsoo ummata keenyaatiin kan dhufedha. Haa tahu malee, haala faallaa dhugaa kanaa taheen kan ummatni keenya osoo caalaatti irraa fayyadamuun isaaf maluu caalaatti itti miidhamee fi miidhamaa jirus isuma. Miidhaa kanneen keessaa sadeen armaan gadii isaan gurguddoodha.
 
1. Daba qabsaawota irratti dalagame.
Qaama hawaasa keenyaa keessaa warri adda-durummaadhaan sossohanii wareegama isaaniitiin abbootii jijjiiramichaa tahan (Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Miseensotaa fi deggertootni ABO, Miseensotaa fi deggertootni KFO, akkasumas sab-boototni) bifa gara garaatiin itti hirmaachaa turan hundi akka diinaatti ilaalamanii murna aangoo mootummaa dhuunfateen hidhaa seeraan alaa fi ajjeechaa dabalatee miidhaa hedduuf saxilamaa jiraachuu.
 
2. Daba maqaa Filannootiin dalagame
Waxabajjii 21/2021 kana maqaa ‘filannoo’ jedhamee itoophiyaatti geggeefame daandii filmaataa ummatatti cufuudhaan umurii aangoo humnaan dheereffachuuf daba “PP”dhaan dalagame malee Filannoo jedhamuu hin danda’u. keessattuu ammoo Oromiyaa keessatti yoo xiqqaate 90% irraa ol kan tahu qaamni hawaasa keenya (deggertootni ABO fi KFO) sagaleen isaanii ukkaamamee bakka bu’ummaa dhorkamuun saba keenyaaf miidhaa qofa osoo hin taane tuffii fi arrabsoo guddaadha. Warra isa bakka hin buune beekkamtii dhorkachuudhaan tuffii kana keessaa of baasuun dirqama ummata keenya irraa eegamudha.
 
3. Daba Tokkummaa Oromoo miidhuu.
Waan hundaan oitti gochi dabaa (shiraa) fokkataa fi jibbisiisaan “PP”n ummata keenya irratti dalagaa jiru kan tokkummaa saba keenyaa laaffisuuf (diguuf) raaw’atamaa jirudha. Waan gama kanaan dalagamaa jiru dubbachuuf illee nama qaanfachiisa. Waan dhokataa ykn iccitii waan hin taaneefis hunduu ni hubata. Gochi diinummaa fi diigaan gurmuu tokkummaa oromummaa miidhuu irratti dalagamaa jiru kun osoo kana caalaa miidhaa hin geessisin akka dhaabbatuu fi sirratuuf irratti hojjetamuu qaba.
 
Dhaabni keenya ABOn adeemsa jibbisiisaa faallaa kaayyoo qabsoo ummata keenyaa tahe kana keessatti hirmaachuu diduudhaan “adeemsi kun haa sirratu! Waliin hojjennee, wal gargaarra haa sirreessinu!” jechuudhaan murna aangoo mootummaa of harkaa qabu waliin kokkee wal qabaa waggoota 3een dabran lakkoofsise. Ajjeechaa sukkaneessaan lammiilee keenya nagaa irratti Oromiyaa keessatti raaw’atama jiru, hidhaan seeraan alaa, ajajni mana murtii ifatti poolisaa fi dabballota PPtiin cabsamee hoogganootaa fi miseensotni, deggertootni ABO fi KFO mana hidhaatti ugguramanii baatiilee fi waggoota lakkoofsisaa jiraachuun kana irraa madda. Rakkinichi sirna cunqursaa fi saaminsaa itti fufsiisuuf ijibbaata gama
 
mootummaan godhamuu fi sirna haqaa diriirsuuf qabsoo haqaa ummatootni geggeessan gidduu falmii turee fi jiru kan hanga har’aattuu hin furamin irraa madda. Rakkoon kun ammoo qabsaawota Oromoo fi qabsoo Oromoo qofa osoo kan mudachaa jiru osoo hin taane rakkina siyaasa Itoophiyaa waliigalaati. Paartiin amma aangoo irra jiru mirga sabootaa kan waggaa 30 dura heeraan beekamtii argatee fi hanga tokko bu’aa buusaa jiru illee duubatti deebisuuf dhaabota mirga sabootaa fi qabsaawan akka diinaatti ilaalaa fi itti duulaa jira. Adeemsa kanaan PPn kasaaraa siyaasaa, dippilomaasii fi waraanaa gurguddaa mudachuu irraa kan hafe itti milkoofne. Gonkumaa itti hin milkaawus. Kun kan nuuf mirkaneessu sirni cunqursaa fi saaminsaa
 
Itoophiyaa masaraa Minilik keessatti gadidhaabbate hundeedhaan yoo jijjiirame malee haaromuu yookiin wayyeeffamuu kan hin dandeenye akka tahedha. Qabsoo keenyas jijjiirama bu’uuraa kana hanga hin dhungoomsinitti galma hin gahu. Yeroo ammaa kanatti paartiin biyya bulchaa jira jedhamu PPn shira ofuma isaatiin xaxeenxaxamee gara itti socho’u dhabaa jira. Kana irraa kan ka’e rakkoon biyya kanaa duran hammaatee fi babal’atee tohannoodhaa ala (out of control) tahuuf akka deemu mallattooleen agarsiisan hedduudha.
 
Nuti miseensotni ABO kanneen PPn ajaja mana murtii cabsuudhaan nu hidhee jiru waa’ee haqa dhabuu keenyaa fi rakkinoota hidhaa keessatti nu mudatan hunda caalaa kan nu yaadeessee nu dhiphisaa jiru adeemsa balleessanii baduu fakkaatu kan PPn hordofu kanaan carraan ummatoota biyya kanaa maal tahuuf deema yaaddoo jedhudha. Hawaasa keenya biyya keessoo fi alaa kan haqa dhorkatamuu keenya mormanii hidhaa keessatti nu gaafataniifi nu iyyaafatan, nu jajaabeessaas jiran, akkasumas, haqa keenya hawaasa adduunyaatti deddeebisanii ibsuudhaan hiikamuu keenyaaf falmaa jiraniif jaalalaa fi kabajaan qabnuuf safartuu hin qabu. Galatni keessanis Bilisummaadha jennaani.
Waa’ee hidhamtoota siyaasaa hiiksifachuuf falamuu keessatti wanti hawaasa keenya yaadachiisuu feenu:
 
1. Waggoota 3 dura hidhamtotni siyaasaa Oromoo 40,000 (kuma afurtama) hiikaman jechuun oduu gammachiisaa tahee osoo hedduu hin turin hidhaa fi ajjeechaan qabsaawota Oromoo irratti geggeeffamu bifa jijjiirratee itti fufe. Sababni isaa sirnich inni hidhaa fi ajjeechaa seeraan alaa ummata irratti geggeessu bifa geeddarate malee hin boqqaane waan taheefi.
 
2. Hidhamtoota siyaasaa keenya hiiksisuuf falmaa geggeeffamuun maddiitti fi isaan olitti kan jabaatamee irratti hojjetamuu qabu rakkoo saba keenyaa hunda bu’uura irraa furuuf hundee rakkinichaa buqqisuudhaan (sirna jijjiiruudhaan) Mootummaa Ummataa ijaaruu irratti tahuu qaba jenna.
Dhumarratti
 
Qabsoo Bilisummaatti hiriirree haqa saba keenyaaf falmuun haqa dhorkatamnee (seeraan ala) hidhamuus tahe wareegama inni nu gaafatu kamuu gammachuun simanna!
Galatooma.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.