EconomicRevolution moo shira OPDO? :- Obbo Lammaa Magarsaa

EconomicRevolution moo shira OPDO? :- Obbo Lammaa Magarsaa

Dhiheenya kana erga muudama Obbo Lammaa Magarsaa as jechootni OPDOn fayyadamuu jalqabde namoota hedduu afaanfajjeessuun isaa hin oolle. Dhimma kana ilaalchisee waan kun akkamitti afaanfajjii uume kan jedhuuf waan tokko jechuun barbaade

EconomicRevolution moo shira OPDO? :- Obbo Lammaa Magarsaa
Lammaa Magarsaa

Akkuma hedduun keenya quba qabnu waggoottan 25 darbaniif kaabinootni OPDO fuula garagaraa fi ilaalcha garagaraa qaban miidiyaa irratti mumul’achaa turuun isaanii ni yaadatama. Keessumaa kaabinootni aangootti dhufuu barbaadan quuqama sabaa fafakkeessiin guutame uummatatti dubbachuun beekamu. Hasan Alii Presideentii Oromiyaa jalqabaa irraa kaasee hanga Obbo Lammaa Magarsaatti uummata Oromoo biratti fudhatama argachuuf waliin-dhaha kashalabbummaa hedduu dalagu.
(Oromoprotests) – Akkuman olitti ibse gaafa Abbaan Duulaa aangootti dhufe, duraanis gaafa Juneddiin aangootti dhufe, Alamaayyoo Atoomsaa gaafa aangootti dhufe fi kkf. tooftaa ittiin uummata irraa fudhatama argatan tolfataniitu. Jarreen gameeyyii OPDO kunneen uummata biratti fudhatama argachuuf shira adda addaan uummata afaanfajjeessanii gara gooftolii isaaniitti immoo afaan biraan odeessaniitu aangootti ol bahan. Haa ta’u malee kaayyoo fi karoorri isaanii martuu faayidaa dhuunfaa gidduu galeessummaa kan godhate akka ta’e ifa galaadha.

Yeroo ammaa kana wanti Obbo Lammaa fi garee isaa sabaa-himaalee kanarratti iyyisiisaa jirus waanuma seenaa darbeetiin adda ta’ee natti hin mul’atu. Gareen Obbo Lammaa sabaahimaalee to’achuuf gad-bahan kunneen warra OPDO gameeyyii irraa muuxannoo argatan qabu. Muuxannoon isaan argatan akkuma warra duraanii jechoota saba Oromoo laphee laaffisuufii danda’u fayyadamuun aantummaa uummataa fakkeessanii boolla awwaalchaa gadi-fageessanii qotaa deemuudha.

Gareen Obbo Lammaa kunneen maaliif tooftaa kana fayyadaman? Akkuma beekamu OPDO gameeyyiin warreen akka Abbaa Duulaa, Kumaa Dammaqsaa faa waggoottan darban keessatti qabeenyaa hedduu horachuun har’a namoota abbaa qabeenyaa ta’anii biyyattii keessatti lakkaawwaman keessaa isaan tokkodha. Gameeyyiin OPDO duraanii kunneen Gamoo gurguddaa Finfinnee keessatti kan qaban; Daldala export-import warra qaban; share holder Kaampaanota hedduu fi investmentii hedduu keessatti warra harka dheereffatanii qabeenyaan hundee gadi-fageeffatanii jiranidha. Har’a gameeyyiin OPDO kunneen namni maqaa isaanii irraanfachaa jira; isaanis suuta suuta gara qabeenya ofii sochoosuutti deebi’aniitu jiran. Dhimma siyaasaaf yeroo gurra kennan miti; kaayyoon isaanii namoota dantaa isaanii kabajchiisan bakka buufatanii jiruu badhaadhummaa keessatti maatiifi fira ofii waliin bashannanaa umurii jireenya isaanii hafte gaggeeffachuudha. Gameeyyiin kaabinoota OPDO kun har’a ijoollotni isaanii summer and winter vacation warra biyya ambaatti bashannanaaf maallaqa miliyoonaan lakkaa’amu dhangalaasaa oolanidha. Namoota ijoolleen isaanii bashannanaaf biyya alaatti ergaman hedduu maqaa dhahuun ni danda’ama; ammaaf irra darbuu feesisa.

Kun osoo kanaan jiruu muuxannoo darban kanneen irraa gareen Obboo Lammmaa har’a sabaa-himaa to’atanii jiran waan cimaa barataniiru. Yeroo gameeyyiin OPDO aangoo qabeenya horachuu of harkaa qaban turan, isaan har’a aangootti dhufan kun jalee warra aangoo qabanii turan. Dantaa warra aangoo qabanii warra tiksan garuu faayidaa harka isaanii guutu kan hin argatiin turan. Dargaggootni amma garee Obbo Lammaa jalatti sabaa-himaalee dhiphisan kunneen hedduun warra sadarkaa adda addaatti hojii nageenyaa fi basaasummaa irratti bobba’aa turanidha. Gaafa sadarkaa lammaffaa baratanii hanga yuunivarsiitiitti hojii jalummaa warra oofaa turaniifi ilmaan qaqqaalii hedduu wareegsisan, hiisisan, hiraarsan fi dararaa turanidha.

Namootni garee Obbo Lammaa jala jiran kunneen yeroo ammaa yoo baay’ate lafa mana jireenyaaf isaanii kenname garuu mana kan hin ijaarratiin faatu baay’ata. Amma kaayyoon isaan kanaa akkuma OPDO gameeyyiin duraanii sanatti gaafa aangoon isaan harka galtu gameeyyii of-taasisuuf carraaqaa jiraachuun ala dantaa uummataa wanti isaan kabachiisaniif hin jiru. Sababni isaaan akkanatti mudhii hidhatanii wixxifataa jiraniifis umuriin isaanii dargaggoo waan ta’eef qaanii dargaggummaadhaan galtuu ta’an sana ofirraa baasuuf tattaafatu. Uummatni erga nu ajeeffatee falli keenya maali jedhanii warra ka’anifi tooftaa cimaa qindeeffatanii uummaticha carraa isa dhumaaf ukkaamsanii ofiif faayidaa dhuunfaa isaanii kabachiifachuuf warra onnatedha. Isaan kunneen waraabessa adii qaanii hin beekneefi dhiiga ilmaan Oromoo jiraa oolutti gad-bahanii qoosaa jiranidha. Silaatii aantummaa uummataa osoo qabaatan badii kanaan dura dalaganitti qaana’uun ija Oromootti gadi-bahuu dhiisanii funyoodhaan haadatti of-erguu qabu ture!

Dantaa uummataa osoo kan kabachiisan akkasumas Oromoo qabeenyaan cimsuuf kan hojjetan osoo ta’ee dursa murtoo sirriin gareen Lammaa fudhatu nageenya uummata Oromoo tiksuudha. Har’a Oromiyaa kana keessa nageenya tiksuu miti nageenya abbaluunuu cubbuu guddaadha. Oromiyaan xiin-sammuu gaddaa keessa akka jirtutti bara lakkaa’aa jirti. Uummatni nagaa dhabee jireenya har’aafi boruuf karoorfachuu erga dhiisee bubbulee jira. Kana hundaaf sababni ammoo kutannoo fi cichoominni sabni Oromoo dantaa isaa tiksisiifachuuf qabu sadarkaa gad-aanaa irra waan jiruuf kashalabbeen kaabinee OPDO marti uummata Oromoo kana gara argetti jalliftee itti taphataa jiraatti.

Furmaatni ifaadha, sirni OPDO waggaa 26 saba keenya boollatti dabalaa dhufe kun kana caala hundee jabeeffatee akka saba keenya hin baddubaafnetti gara jabeenyaan ofirraa fincilanii kabajaa ofii ofitti horuun furmaata isa dhumaati. Oromoon dhiigni isaa akka hoolaa garanfasaa jigaatii odeessitoota OPDO muuxannoo oduu qabaniin afaanfajjaa’uu irraa of tiksuun murtoo isa dhumaa ta’uudha qaba.

Shir-saaxil Ammayyuu irraa