Duula duguuggaa sanyii fi babal’ifannaa daangaa, Milishootaa fi Poolisii Humna Addaa Naannoo Amaaraa Raayyaa Ittisaa Impaayera Itoophiyaan tumsamaniin,

Duula duguuggaa sanyii fi babal’ifannaa daangaa, Milishootaa fi Poolisii Humna Addaa Naannoo Amaaraa Raayyaa Ittisaa Impaayera Itoophiyaan tumsamaniin, Roobii (Eebila 14, 2021) irraa qabuun hanga Dilbata har’aatti Uummata Oromoo Walloo irratti geggeeffamaa jiruun, namaa fi qabeenya Oromoo Walloo irra gaaga’amni ga’aa jiraachuu.
 
Lola Poolisii Humna Addaa Naannoo Amaaraan, Uummata Oromoo irratti, Konyaa Baha Wallaggaa, Ona Limmuu, Gandeen Harqumbee: 3, 5, 6, 7 fi 8 jedhaman keessatti, Jimaata (Eebila 16, 2021) irraa qabuun banameen Oromoonni lama jaboo madaa’uun, hospitaala Giddaatti wal’aanamaa jiraachuu.
Lola of-ittisuu Qonnaan-bultoonni Oromoo gandeen kanneen keessa jiraatan taasisaniin ammoo Poolisoota Humna Addaa Naannoo Amaaraa irraa 12 ajjeefamuu.
#RSWO – Eebila 18, 2021