Dubbii Lammaa fi Abiy Odeeffannoo Qabatamaa!!

Dubbii Lammaa fi Abiy Odeeffannoo Qabatamaa!!

Sagantaan araaraa Araara Lammaa fi Abiy jiddutti geggeeffame. Maanguddoo fi namoota hedduutti irratti argame. Miilatti kufanii araaraa fi eebba maanguddoo hin didan jedhanii Lammaa kadhatan. Innis araara ni fudhate. Wanti jira tana. Lammaan waldhabbii dhuunfaa obboleessa koo Abiy Ahmad waliin hin qabnu jedhe. Ammoo, waldhaba yaadaa ykn kaayoo ni qabna jedheen. Maanguddoo dubbii qorachuu jalqabde. Lammaan dubbii VOA Sagantaa Afaan Oromoo irratti dubbate sun deebi’ee dubbate. Abiy ammoo Obboleessi kiyya Lammaan dhugaa qaba, garuu iccitii Oromoo miidiyaatti baasuun sirrii miti jedhe. Sun achi, gaaffiin isaa dhugaa dha. Jijjiirama gosa inni barbaaduu fiduuf waadaa seene. Kanumaan araarri bu’ee, jaarroleen Lammaa eebbiste.

Abiy gorsa Lammaa cufa fudhadhee hojiitti jijjiira jedhe. Garuu akkamiin? ODPn ibidda dhadhaa bu’e. Bilxiginnaa looterii nyaatame. Haala qabsoo Oromoo kolaasuun hundaa’ee jira. Ammaan booda Abiy maal godhu danda’aa? Bilxiginnaaf maaltu hafee? Danbiin bulmaataa barreeffamee irratti waliigalameera. Paartiileen hundi mallatteessaniiru. Filannoo dhufuu irratti hirmaachuuf, bilxiginnaan iyyannoon boordii filannootti galfatee deebii eegachaa jira. Haala kana keessatti, gorsa Lammaa fudhachuu jechuun maal jechuu dha? Bilxiginnaa dhiisnee ODP deebisina jechuu dha? Moo adeemsa Bilxiginnaa hundeessuu keessa deebinee laallaa jechuudhaa? Ifa miti.

Ammaaf dubbiin araaraa jaanjoo (confusion) hamaa uume. Bishaan duruu booruu irra caala booressa. Raata’anii uummatas raateessaa jir. Uummanni rakkate. Shakkii malee, Bilxiginnaaf bu’aa guddaa buusa. Cooma ololaaf oolu. Kanaaf, OBN “Oduu Simbirtuu” irratti hojjate. Bilxiginnaa Abiyyiif boqonnaa guddaa dha. Lammaan waan jira Oromootti himuu qaba. Dhugaa jirtu bahee dubbachuu baannaan bilxiginnaan miila lamaan dhaabachuu deema. Lammaaf ammoo bowwoo dha. Gaaffileen isaa akkamiin fala argatu? Deeggartoonni isaa kan ODP keessaa maal tahuu deemu? Nama hedduutti isa waliin dhaabbate.

Via Kadiro Elemo


Siyaasni (gadaan) Oromoo dhidhitamaa, laaqamaa fi tolfamaa jira. Otoo ummata waan hin malleen (gosaan, gandaan, godinaan, amantiin) hin qodiin, political community (ummata gadaa tokko qabu) Oromoo keessatti, yaadaan ummata ofittii hiriirsun waanuma jiru. Hanga yaadaan mo’ani sagalee 50+1 arganitti ‘ummata qoqqodani’ jechuun hin barbaachisu. Yaadatu mo’a. Kuni kan bu’uuraan hubatamu qabu.

Warrii durriyyee magaalaa, Habashaa fi Abiyyis principle (akka) kana fudhatani ‘siyaasa sabaan nu hin qodinaa’ jechuf yaalu. Kuni garuu gonkumaa sirrii miti. Political community (haawaasa gadaa ofii qabu) ijaarun ummata qoqqodu ta’u hin danda’u. Amaara fi Oromoon maal waliin qaba? Homaa, amma Federeshini Itiyophiyaa kan sirnaan ijaaramtellee hin qabu. Oromoon maal waliin qaba? Seenaa, Gadaa, Qalbii, Afaan, Amantii tokko (dur), Dudhaa, Safuu, Lafa etc waliin qaba. Wali-galatti kuni political community (ummata siyaasa ykn gadaa waliin qabu) jedhama. Umanni Oromoo fi Amaara ykn Tigree gadaa waliin hin qabu. Kanaaf ‘siyaasa sabaan nun hin qodinaan’ hin hojjatu.

Biyyoonni (Kolonii Afrikaarraa alatti) kan ijaaraman hundii sirna Nation State (Biyya Sabaa)tiinidha. Biyyoota muraasa qofatu sirna biraatiin ijaaraman. Kanaaf sabummaan fi sabonummaan ummatni kamu haawasa of-danda’aa siyaasa tokko qabu ta’uf kan ittiin wal-qindeessudha. Biyyoonni baay’ee waan keessa darbanif fi waan gaaffii bu’uuraa ta’ef (primordial and basic natural right), sabummaa yookaa ittiin ijaaramani yookan deebin jiru hundi deebi’era.

Filannoon Oromoo, yeroo dheerraa jalqabe akkuma jedhame, Itiyoophiyaa kan isaa godhu ykn Oromiyaa walaba taate ijaarudha. Itiyoophiyaa kan isaa gochuf ykn ofiif bocuuf, keessattu sirna dimokraatawaatiin, bakka tuffiin Nafxanyaa amma jiruttii, yeroo, qabeenyaa fi humnatu isa barbaachisa. Yeroo, qabeenya, humna argachuun ammoo salphaa miti.

Kanaafi Lammaa Magarsaan ‘dura mana keenya yaa ijaarannuu’ kan jedhe. Yaadni kuni Lammaan yeroo ‘OPDO’ gara ‘ODP’ jijjirus kanuma ture. Yaadni ‘goftaan keenya ummata keenya’ jechus kanumarraa burqa. Humna fi qabeenya godhatuf mana keenya yaa ijaarannu. Yeroo bitufiis nu gargaara. Siyaasni Oromoo waggoota dhufan 10 fi 15f, waggaa 150 booda, of-ijaaru fi humna godhachutti fullafachu qaba. Dur humna qabso turre kan ijaarannu, amma humna biyya Itiyoophiyaa sirna malee safuu malee ijaaramte kan ofii gochuf humna godhachu qabna.

Via: Biyya Oromiyaa


Ethiopia: ሰበር መረጃ – ለማ መገርሳ እና ዶ/ር አብይ “የታረቁት” እንዴት ነው?


Gaaffii Uummata Oromoof

1- Worri Masjiida gubachaa jiru kanatti naanna’anii sirbaan gammachuu isaanii agarsiifachaa jiran kun Uummata magaalaa sanaa moo waaraana mootumaatii ??

2- Yeeroo Uummatni dilli kun ba’ee abidda itti qabsiisee itti naanna’ee dhiichisee sirbu mootummaan naannoo sanaa hin beeku jettanii yaadduu ??

3- Yoo mootummaatu dantaa siyaasaaf gubee Uummata magaala guutuu gadi baasee gammachuu keessan ibsadhaa kan jedhe yoo ta’ee Itoophiyaa keessaa hordoftoota amantii Islaamaa qaban ifatti balleessuuf labsii baaseera jechuu hin ta’uu ??

4- Mootummaan naannoo Amaaraaf Uummanni Amaaraa akka yaadanitti Amantii Islaamaa balleesuun Oromoo balleessuu, Oromoo balleessuun Islaamummaa balleessuu akka ta’etti siyaasni isaanii qirixamee hojjetamee isa abbootiin isaanii itti Kennan hojiitti hiikaa jiraachuu isaanii Oromoon ni haalaa ??

5- Kaleessa barattoonni Oromoo mooraa Yunivaristii naannoo Amaaraa keessatti argamaan yeeroo ajjeefamanii guyyaadha gara guyyaatti reeffa barataa tokko tokkoon nuuf erganiif har’as yeeroo ergaa jiraan Oromoon lubbuu baratootaa daldala siyaasaa godhatee irraa dubbachaa hin turre hin jirus, barataan achitti hafe akka mooraa barnootaatti osoo hin taane akka mana hidhaatti jiraachaa jiru, shamarran dhukkubsatanii mana yaalaa dhaquu hin danda’ani, maatiin dhaqee dubbisuu hin danda’u, kana hunda Oromoon quba hin qabuu ??

6- Har’a masjiida akkasitiin Uummanni gadi ba’ee mootummaa Abyiif mootummaa naannoo Amaaraatiin deeggaramanii ifaaf bilisaan yeroo gubanii akka waraana lola dhaqee injifatee galeetti dhiichisanii sirban, Oromoon namoota badii kana raawwatan seeratti nuuf haa dhiyeessuu jennee hiriira ba’uun qaaniidha, mootummaan yoo waraanni isaa nama ajjeese maaliif ajjeeftee hin jedhu akka ajjeesuuf leenjise hidhachiise waan ta’eef, akkasuma mootummaan Itoophiyaaf mootummaan naannoo Amaaraa waan marii’atanii guban tokko waan seeratti dhiyeesu hin qabu, fakkeessuuf shakkamtoota nama 5 qabneerra jedhani, worrii achii sirbaa jiran kun nama 5 hin caalanii ??

7- Seeratti dhiyaachuu kan qaban Uummaticha moo bulchitoota naannoo Amaaraatii ??

Ittafaa Oro