Dr. Nuredin Luke: Deebii gaafilee keessanii:

Dr. Nuredin Luke: Deebii gaafilee keessanii:

I. Namni tokko qabamee mallatoo otoo hin muldhisin dhukkubicha daddabarsuu ni danda’a?

* Eeyyee ni danda’a. Namni tokko vaayirasichishaan qabamee otoo mallattoo muldhisuu hin jalqabin dura dhukkubicha gara nama biraatti ni daddabarsa. Guyyaa lammaffaa fi sadaaffaa Vaayirasichi qaama seene irraa kaasee dhukkubicha gara namoota birootti daddabarsuu ni danda’a. Jiddu galeessaan guyyaa afurifi shan erga dhukkubicha daddabarseen booda mallattoo muldhisa. Namni tokko mallattoo muldhisuuf jiddu galeessaan guyyaa 5-6 tura. Haa ta’uu malee mallattoo otoo hin muldhisin hanga guyyaa kudha afuris turuu ni danda’a. Kanaaf otoo mallattoo hin muldhisin duras dhukkubicha inuma daddabarsa.

II. Qufaa Dhukkuba VaayirasiiKoronaa (COVID-19) fi Qufaa qakkee/uttaalloo ykn dhukkuba biraa irraa dhufu attamitti adda baafna?

* COVID-19 qufaa gogaa qofa hin fidu. Namotni tokko sadaffaa ta’an (%34) ta’an qufaa aakee qabu/aakkita ni qabaatu. Amma irratti manuma keenya teenyee qufaan kun kan COVID-19ti, kun ammoo ka isaatii miti jechuu hin dandeenyu. Kun ogeessa fayyaatiin mallattolee biraa wojji wolbira qabamee ilaallamuu barbaachisa. Dabalataan qorannoon akka raajii, dhiigaa fi qoronannoon biroos barbaachisuu danda’u. Kanaaf halli qajeela Qakkee/ Uttaalloo manumatti COVID-19 irraa adda baafnuun ulfaataadha jechuu. Mana yaalaa deemuu feesisa.

III. Vaayirasichi otoo somba hin seenin yeroo muraasaaf kokkee/qoonqoo irra waan turuuf bishaan dhugnee gara garaachaa gadi dabarsuun aasidii garaachaatiin ajjesuu ni dandeenyaa?

* Kun sirrii miti. Beekkumsa amma jiruun Vaayirasichi uwwusituulee haphii (mucos membrane) afaanii, funyaaniifi ijaatiin gara sirna marsaa dhiigaa seenuun gara sombaa deema. Kanaaf haala jedhamu saniin kokkee irraa bishaaniin micamee gara garaacha gadi buufne asiidiin ajjeesuun vaayirasicha of irraa ittisna kan jedhu sirrii miti. Garuu bishaan dhuguun dalagaa qaama keenyaaf barbaachisaadha. Bishaan dhuguu dhugaa, garuu vaayirasicha halaa jedhame saniin miicee hin deemu.

Fayyaa ta’aa, fayyaa argadhaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!

Dr. Nuredin Luke


Gorsaafi dhaamsa namummaa qondaalota Bilxiginnaatiif

Balaa dhukkubni koronaa kun qabatee dhufaa jiru hubataa akka hin jirreefi, hoggansa balaa kana jalaa biyyaaf ummata baraaruuf malu kennuufis qophii akka hin taane jala muree hubadheera. Kanarra kanan gahes ergan jechaafi gocha torban sadeen kana isinirraa arge ergan madaalee booddeedha. Fakkeenyaaf;

– Torban lama dura qilleensifi midhaan biyyanaa koranaaf nama hin saaxilu ergaa jedhu ifatti dabarsaa turtan. Guyyama lama dura hoggansi olaanaan tokko ‘ koronaa jedhanii kan hafarsan kun dhibee duutuu utaalloo hin geenyeedha” jechuun dabballoota walitti qabamanitti himaa ture.

– Erguma dhibeen kun biyya seeneyyuu osoo isinitti waywaannuu dabballoota kumaatamaan galma ukkaamfamaa keessatti walitti qabdanii walghahii teessisaa turtan. Dabballootuma keessanis saaxiltanii ummatas gaaga’amaaf qaadhimtan. Rabbi nu haabaasu malee.

– Yeroo addunyaan guutuun dhukkaba kana jalaa baraaruuf odeeffannoon murteessaadha jettee gorsitu kanatti, isin garuu interneetii Lixaafi Kibba Oromiyaa morka gowwaatiin qabamtanii akkuma murtanitti jirtu.

– Namni dura vaayrasichaan qabamuun beekame Oromiyaa keessa naannayaa ture. San booda Adaamaatti babal’ate. Isin garuu hanga naannoleen dhukkubichi keessatti hin argaminuu waan itti dhimmamtan hin fakkaatu. Labsiin har’aatuu erga naannoleen biroo sadi labsanii dabarsitan. Kunis balaa kanaaf hangam takka ilaalcha gadi aanaa akka qabdan agarsiisa.

– Akka paartii biyya bulchaa jirutti dhukkuba kana ittisuuf dursa dirqamni keessani. Garuu ammoo hoggansa olaanaa hanga dabballoota keessanitti ammas duula dhibee kana jalaa ummata baraarsuu osoo hin taane duula warra isiniin faallaa jiruu laaffisuufi dhabamsiisuun qabamtanii jirtu.

Akki kun isniifi biyyaafis hin ta’u. Balaa kana jalaa ofiifi biyya baasuu yoo barbaaddan wantoota armaan gadii akka sirritti hubattaniin barbaada.

Weerarri koronaa kun akka isin laffiftanii laaltan kanaa miti. Rakkoo fayyaa, hawaasummaa, diinaggeefi nageenyaa hamaa fidee dhufe.

– Gama Fayyaan- weerarri ( pandemic) kun weerara kanneen biroo kan akka koleeraa, busaafi gifiraa hin se’inaa. Saffisaafi baldhina akkaan guuddaatiin deema. Qaama hawaasa hunda saaxila. Bakka murtaayatti hin dhaabbatu biyya darbee addunyaa waliin gaheera. Kanaafi saffisnifi bal’inni weerara kanaa humna dhaabbilee fayyaa guyyoota gabaabaa keessatti laamshessa. Sadarkaa biyya teenya hiyyeettii tanaa dhiisaatii kanneen hedduu dagaaganii laamshayanii jiran.

– Gama Hawaasummaatiin- Vaayrasiin kun gaaga’ama hawaasummaa guddaa fida. Namoonni rifachiisuufi baay;inaan ni dhibamu, ni du’u du’u. San qofa miti rakkoon. Akka dhukkuba biraa firri dhukkubsattoota dhibamsiifachuun hin danda’amu. Kan du’an awwaallachuun hin ta’u. Kun cinqii hawaasummaa ( societal stress) uumuu bira dabree, hojiin dhibamsiisuufi awwaalus qaama mootummaan waan ra’atamuu qabuuf caasaa fayyaafii nageenyaa irratti dhiibbaa cimaa qaba.

– Gama Diinaggeen- Dhukkubni kun weerara biyya keessaffi addunyaati ( both epidemic and pandemic) dha. Kana jechuun sochii diinaggee keessaafi alaan laamshessa. Keessaan omisha qonnaa, warshaafi tajaajilaa hir’isa. Sochii daldala biyya keessaa laaffisa. Alaan ammoo biyyoonni waliin daldallus omishas ni hirdhisu, alaa bitachuus ni hirdhisu. Kana jechuun gabaan omisha nuti alatti erginuu gadi bu’a. Meshaan alaa galfachuu qabnus ni hirdhata ykn qaalaya. Kun lamaan walitti dabalamee daldala alaa ( import-export) keenya kan duraanuu xiqqaa quucarsee lafaan dhaya. Sochiin diinaggee biyya keessaa laamshayuufi daldalli alaa laafachuun kufaatii diinaggee ( depression) fiduu mala; ni fidas. Biyya hanga ammaa nyaataanuu of hin danda’iniif kun balaa hamaadha. Akka dur gargaarsa warra alaa akka hin abdanne dhukkubichi diinaggee isaanitis daaraa godhaa jira. Dura kan ofii baraaran malee harka nutti hiixatan jennee abdachuu of gowwoomsuudha.

– Gama Nageenyaa ( Security)- Weerara vaayrasii kanaa irra aanuuf tarkaanfilee jireenya ummataa danqan fudhachuun dirqama ta’a. Kun ammoo dhiibbaa xiinsammuufi diinaggee waan qabaatuuf laaftutti hojitti hiikanii tursiisuun hin danda’amu. Fakkeenyaaf tamsa’ina vaayrasichaa hirdhisuuf sochii ummataa dhaabsisuun dirqama. Kanuma amma eegalme kana. Tarkaanfiin kun bu’aa barbaadame akka fiduuf ammoo yeroo dheeraaf ( tarii hamma ji’a lamaa fi sanii ol) uggura sochii tursiisuu gaafata. Kun ammoo ummata irra jireessi harka qalleessa ta’eef baay’ee ulfaataadha. Dhiibbaa uggurri uumu laaffisuuf mootummaan deeggarsa barbaachisaa godhuu baannaan, lammiileen murtii mootummaa diigutti deemu. Rakkoon nageenyaa kan akka saamichaa, qaama nageenyaan walitti bu’uu kkf ni babal’ata. San qofa miti. Qaamota nageenyaaf meeshaa ittiin vaayrasicha ofirraa itti ittisan gahaa dhiheessuufi baannaan; dhukkubichi qaama nageenyaatti babal’annaan, hamileefi efficiency isaanii hedduu gadi bu’a. Gara fincilutti deemuu malu. Waliigala koronaan walqabatee rakkoo nageenyaa hawaasa keessaa qofa osoo hin taane humnuma nageenyaa keessaahuu madduu akka malu tilmaamuun barbaachisaadha. Hawaasnifi qaamni nageenyaa murtii mootummaa hojitti hiikuu didnaan/ dadhabnaa, dhukkubicha daran babal’ata. Rakkoon hawaasummaafi diinaggee gubbatti kaasnees waliin hammaata.

Kanin armaan olitti tuqe rakkoolee fayyaa, hawaasummaa, diinaggeefi nageenyaa koronaan fidu keessaa baay’ee gabaabaadha. Eerudhumaafin kaaye. Maarree falli maali?

– Rakkoo kana seriously haa fudhannu. Akkanatti laalaa; Rakkoo akkanaa takkaa isin mudattee hin beektu.Isin dhiisaa Ilmaan namaa har’a lubbuun jiran rakkoo akkana hamaa takkaa arganii hin beekan. Biyyanatti mitii addunyaatti. Kanaaf rakkoo ulfaataa kana ulfina isaan malu kennaa yaadaa.

– Wanti isin cinqu tokko filannoo as deemu akka taate nan beeka. Koronaan karoora namoonni, paartileen, biyyoonnifi addunyaan baafatanii lafaa qaban zeeroon baay’iseera. Kanaaf filannoof hin cinqaminaa. Dhimma filannoo yeroof kiisha duubaa keessa kaayadhaa. Filannoon karoora lafa kaayamee jiruun hin godhamu. Filannoo Itoophiyaa dhiisii olompikiin addunyaa haqameera baraa. Amma siyaasaa filannoo keessaa bahaa. Mataa keessan gara balaa yeroo kana jalaa ummata baraarsuutti jijjiiraa. Balaa kana manage godhuu baannaan isin warra itti gaafatamummaa harkaa qabu dhiisaa nuti warri isin morminuu bakakkaa ummataa jalaa hin baanu. Sammuu keessan filannoo keessaa baasuun qalbii takkaan hojii emergency management kana akka hojjattan isin garagaara. Mormitoota keessan morkiin osoo hin taane tumsaan akka hirmaachiftan isin gargaara. Ummata birattis olola nu filadhaa osoo hin taane dhaamsa lubbuun nuuf jiraadhaa akka geggeessitan godha. Ummannis haasaa keessan shakkin laaluu dhiisee akka qalbiin dhugeeffatu godha.

Kanaan yoo waliif galle, wanti dafee ta’uu qabu
– Caasaan mootummaa gubbaa hamma gaditti saffisaan fuulleffannaa isaa guutuu tamsa’ina dhukkuba kanaa hanqisuu irratti haa ta’u
– Ogeeyyii fayyaatiif qaamota nageenyaa ( polisootaafi loltoota) saffisaan meeshaan vaayrasich irraa ittiin of eegan haa raabsamu.
– Dargaggooni leenjiifi meeshaa eeggumsaa waliin qaamota fayyaafi nageenyaa haa gargaaran
– Midhaan hangi kuusaa keessa jiru madaalamee qaamota harka qalleeyyii garagaaruuf haa qophaayu.
– Warra siyaasaa keessan morman hidhuu, doorsisuu, quuxessuu, itti muufachuu dhiisaa akka ugummaa isaaniitiin jigii yaammadhaa.
– Interneetiin dafee haa banamu..saffisni haa dabalamu, gatiin haa hir’atu

Dhumarratti ammas irra deebi’ee wannin jedhu rakkoo as deemaa jiru kana laaffistanii laaluun haa gahu.Politics as usual amma hin ta’u. Adaduma yeroon deemuun hireen balaa vaayrasiin kun fidu dandamachuuf qabnu xinnaataa deema. Dammaqinaan, saffisaanifi qindoominaan hojjannaan irra aanama. Laafisanii laalanii, bifa haraca’een sochoonaan dhibeen kun ummataafi biyya galaafata.

( Hojiin biraa waan na eeggatuuf saffisaan waanin barreesseefi keessa deebi’ee waan hin laaliniif dongora qubee keessaa gingilchaa dubbisaa)

Nagayaan Bulaa!!

Jawar Mohammed