Dr Diimaa Noggoo: ‘Paartileen siyaasaa Oromoo maqaaf malee jiru jechuun hin danda’amu’

Dr Diimaa Noggoo: ‘Paartileen siyaasaa Oromoo maqaaf malee jiru jechuun hin danda’amu’

  • Ammayyuu Ittaanaa
  • Gaazexeessaa, BBC Afaan Oromoo
Dr Diimaa Noggoon hundeessaa ABO fi Dura Taa’aa jalqabaa dhaabichaa yoo ta’an sababa siyaasaan Somaaliyaafi Keeniyaatti dabalatee hidhaaf saaxilamaniiru

Jaarraa walakkaaf ta’u qabsoo keessa kan turan gameessi nama siyaasaa Oromoo Dr Diimaa Noggoo dhimmoota biyyattii humnoota siyaasaa waldhabsiise ‘mariin biyyaalessaa’ furuu danda’a jechuun BBC’tti himan.

Bara dargaggummaa isaanii hundeessaa akkasumas dura taa’aa jalqabaa Adda Bilisummaa Oromoo kan turan hayyuun siyaasaa kun, filannoo jahaffaa Itoophiyaa irratti dhuunfaan dorgomaniiru.

Paartileen mormituu keessumaa Oromiyaa keessa socho’an osoo hirmaatanii ”Mana maree keessa taa’anii iyyachuuf, akka paartiittillee mul’achuudhaaf isaan gargaara,” yaada jedhu qabu.

Itoophiyaa keessa dhaabbileen siyaasaa cimaa dhibamuun sirna dimookiraasii ijaaruuf kanneen rakkisoo ta’an keessaa tokkodha jechuun dubbatu. Warri jiran maali? Dhaabi isaan hundeessanoo?

Dhimma paartilee siyaasaa Oromoo, qabsoo hidhannoo, rakkoo biyyattii qunnameefi kaan irratti BBC waliin turtii dheeraa taasisaniiru. Itti dhihaadhaa!

አብይ አህመድ የፖለቲካ ፓሪዎችን ለመግደል ያቀረበው አማራጭ ወዴት ይወስደናል – ኤርሚያስ ለገሰ


Oromoon Baga isin qabaate!
Kabajaa ummata keenyatti waan hortaniif ulfina argadhaa!!

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.