By Dr Buli Edjeta Ummata keenya hundaaf,

By Dr Buli Edjeta Ummata keenya hundaaf,

Seeran ala erga butamnee mana hidhaattii darbatamnee booda guyyaa 15f sababa tokko malee nu hidhanii qabsoo uummati keenya, dhaabi keenya( ABO), fi abukaaatoti keenya godhaniin baanee jirra. Olaantummaa seeraa mirkaneessineeraa jedhanii halkanii guyyaa kan dubbatanis dhara ta’uu isaa qabatamni nuttii agarsiisaniiru. Kanaaf warri nu hidhees haa galatoomani. Hidhaaf ajeechachaan Qabsoo Oromoo boodattii osoo ni deebisa ta’ee qabsoon Oromoo waggaa 40 dura bara Taddasaa Birruu faa hidhamnii ajjeefaman dhaabbata ture!

Warri halkanii guyyaa yeroo nuti afaan qabamne afaan keenyaa taatanii akka nuti baanuf karaa isini danda’me hundumaan qabsooftanii galati keessani guddaadha. Sagalee isin karaa social media dhagessisaa turtaan hedduu jabaa akka ture hubanna. Kan dhuftanii mana hidhaatti nu argitanii nu jajjabeesitani akkasuma guddaa isin galateeffanna.

Yeroo nu baane, jaali keenya waliin hidhamne, jaal Amän Filee, itti Gaafatamaa Waajjra ABO Neqemte nu biraa fuudhanii bakka nuti hin beekneetti dabarsanii jiru.

Ammas qabsoon itti fufa. Ammaan tana namooti armaan gaditti maqaa isaanii caqafame mana hidhaa nuti turre keessatti dararamaa jiru. Isaanis akka bahan qabsoo keenya bifa kaminiyuu itti haa fufu.
1. Koloneel Gammachuu Ayyanaa
2. Komndaer Faqadee Raggasaa
3. Komander Tegenyi Ragassa
4. Komander Getachoo Gammadaa
5. Obbo Dastaa Dammana
6. Obbo Misganu Birru
7. Obbo Xiichoo Diimaa

Adem Misoma