Dr. Boonii Holkomb: Oromoon bakka akkas badhaadherra taa’uunsaa tasa natti hin fakkaatu

Above Single Post

Dr. Boonii Holkomb: Oromoon bakka akkas badhaadherra taa’uunsaa tasa natti hin fakkaatu

Nami hedduun maqaa Qabbanee Waaqayyoo jedhuun beekaan. Dr. Boonii K. Holkomb lammii Ameerikaa yoo taatu, ganna hedduun dura – akka isheen jettutti ‘qarree ganna 23 wayita turtetti’ gara Oromiyaa dhufuun uummata Oromoo waliin walbarte.

Egasiis OSA hundeessuu dabalatee, qorannoowwan garaagaraa gaggeessaa turteetti. Ganna hedduun duubas gara Oromiyaa kan deebite Qabbanneen, wayita konfaransii OSA’f Finfinneetti argamte BBC waliin turtii taasisteetti. Dhiyaadhaa.

Maqaa Qabbannee akkamiin argatte?

Sirna moggaasaatiin hin turre kan naaf mogga’e. Hawaasa waliin hojii garaagaraa irratti nan hirmaadhan ture. Gaafa sana xaafii sassaabaan ture. Uummata waliin, warri dhiiraa yoo haaman, dubartoonni ni hidhu. Daboo ture, hundi keenya dadhabnee turre.

Gaaddisa muka guddaa jala teenyee nyaata dhufe nyaachaa turre. Gargaaraa qorataa Guddataa Nagarii jedhamu qaban ture. Amma argachuunii hin dandeenye, BBC’n yoo nagargaare hedduun gammada.

Maqaan koo eenyu akka ta’eefi hiikni isaa maal akka ta’e nagaafatani. Isatti garagaluun, amallishee akkami jedhanii gaafatani. Tasgabbooftuudha jedheen. Naga qabeettiifi kan hin dhiphanne, salphaattis hin jeeqamtu jedheeni.

Isaanis: gaaddisa mukaa jala teenyee jirra, tasgabbooftuufi kan hin dhiphannedha jettee jirta. Qabbanee jennee haa waamnuun jedhani.

Anis maal akka ta’e nan gaafadhe – natti tole. Isaan keessaas namni ta’e abbaan kee meerre naan jedhe. Anis, biyya kanatti kophaakoon asiif achi deema, waaqatu na eegan jedheen. Akkas taanaan Qabbanee Waaqayyoo jennee siwaamna naan jedhe.

Guyyaa sanarraa kaasees Qabbanee jedhanii na waamani, anis maqaa kana hedduun kabaja.

Namni Aadde Qabbanee jedhee yoo siwaamu maaltu sitti dhaga’ama?

Baay’een gammada! Mallattoo jaalalaati. Beekamtii namaaf laachuu dha.

Dhimmi Oromoo yoom si hawwachuu eegale?

Waa’een Oromoo kan na hawwate karaa mishinaroota, hiriyoota abbaa koo turaniini. ‘Warra Gaallaa’ Kiristaanomsuuf H/Sillaasee irraa ergaa argachuu natti himani.

Ergaa sanaaf deebii kennuun, H/Guduruutti mishinarii dhaabani.

Koolleejii yeroon xumuru waa’ee uummata kanaa baruun barbaade. Kanaaf Antirooppoloojii qo’adhe. Bara 1971’tti qarree ganna 23 ta’ee gara kana dhufe.

Uummanni sirriitti na simate. Yeroo sana ture ‘Gaallaa’ osoo hin taane, Oromoo akka ta’an kanin bare. Oromoo waliin kanin wal-bare qonnaan bultoota baadiyyaa jiraniini. Beeyiladootas ni qabu ture.

Uummata guddaa dhageettii hin arganne ta’uu hubachuun eegale. Hojiinkoos Oromoon akka ifatti ba’uuf karaa garaagaraan carraaquu ture.

Danqaan hedduun na mudatee jira. Hundeessitoota ‘OSA’ keessaa tokko ta’uun, beektota dhimma akkasii irratti hojjetan waliin hojjechuun eegale. Yaadrimee fi barnoota gocha qabatamaa ta’etti warreen wal-simsiisan.

Anis isaan keessaa tokko jedheen fudhadha. Firiin amma OSA irraa argame, waan itti gammaduu qabnudha.

Bara 1973’tti ergan ba’ee hanga ammaatti hin deebine. Ummata baadiyyaa Oromiyaa keessaa daawwachuuf fedhus hin dandeenyen ture. Mootummaan Dargii naaf hayyamuu dide, inni itti aanes gammadaa hin turre. Amma qeerroo fi qarreen anaafi kanneen biroof balbala nuuf bananii jiru.

Dantaa Oromoo irratti hojjechuuf maaltu akkas si kakaase?

Yaada kiyyaan, osoon ummata biroo haala akkasii keessa jiran argee, akka dhimma haqaattiin fudhadhee sochoo’a ture. Intala paastarii ta’uun koo, akkan dhimma kana cimsee itti fufu na taasisee jira. ‘Oromo Advocacy Alliance’ dhaabuuf garee tokko waliin socho’eera.

Sochii qeerroofi qarreefis gumaachaa turre. Gama dandeenyuun sagaleen isaanii akka dhaga’amuuf gargaaraa turre. Koongiresii US keessatti wixineen akka dhiyaatuuf haalaan hojjenne. Itoophiyaatti mootummaan waliinii mirga namoomaa kabaju akka jiraatuuf.

Walta’iinsa Amaaraa Ameerikaatti dhimma akkasii irratti hojjetuun walitti dhufne. Akkasumas piroojektii mirga namoomaa Itoophiyaa fi dhaabbilee addunyaa, ‘Human Rights Watch’, ‘Amnesty International’ akkasumas garee ‘TASC’ jedhamu fi gareewwan Somaalii waliin hojjechuu eegalle.

Dantaa waliin keenyas mirga namoomaafi bulchiinsa hunda hammatu gaafachuu ture. Jijjiiramoonni Ameerikaadhaan deeggaraman kanaan kan dhufan natti fakkaata. Ammas karaa garagaraan kana beeksisuuf sochii taasina.

Jireenya kee guutuu dantaa Oromoof hojjechaa wayita turtetti, maatiin kee dhimma kana akkamiin simatani?

Maatiin koo hedduu na deeggaraa turani. Carraa addaa akkan argadhe hubatanii turani. Qaawwa dhiphaa argadheen, ummata Oromootti seenee hojjechuuf carraa namoonni biroo hin argannen argadhee ture.

Namoonni akka kootti kallattiin Oromoo waliin wal-arguuf, danqaa hedduutu ture. Kanaafan dhimma kanaaf amanamee xiyyeeffannoon kanin hojjedhe. Jijjiirama fiduudhaaf.

Namni tokko qofti jijjiirama guddaa fiduu hin danda’u. Garuu waan eegalanitti yoo cichan, jijjiirama muraasa fiduu malu.

Qorannoo hedduu akka geggeessite ni beekna, maal maal akka ta’an mee gabaabsi nutti himi.

Yeroon as turetti waa’ee gaa’elaa qo’achaan ture. Cidha hundarratti argamaan ture. Waa’ee Oromoo gama kanaan hedduun baradhe. Torbee muraasa dura Jimmaa deemee, nama naannoo sanaa argee akka nayaadatu natti hime. ‘Ijoollee siduuka bu’anii afaan sibarsiisaa turan keessaa tokkodha’ naan jedhe. ‘Qamisii dheeraa uffatte cidha irratti suuraa kaasaa turte’ naan jedhe.

Muuxannoo kanas barruu qorannoo Itoophiyaaf dhiyeesseera. Waa’ee Oromoo dubbadheera. Dambiin isaanii Oromoo ‘Gaallaa’ jedhee waan waamuuf, barreeffamichi waa’ee ‘Gaallaa’ dubbata.

Matadureen ‘Gaa’ela Oromoo H/Guduruu Wallaggaatti’ jedhu, yeroo jalqabaaf barruu qorannoo Itoophiyaa irratti jecha Oromoo jedhu qabatee ba’e.

Ameerikaatti deebi’ee barnoota yoon itti fufu, muuxannoofi waanan arge xiinxaluun eegale. Achiis, Itoophiyaan biyya jalqabaa Afriikaatti kolonooffamte jedheen fudhadhe. Awurooppaanonni karaa jelaan naannoo kanarratti dhiibbaa gochaa turani.

‘Awurooppaanota diduun Itoophiyaan Afriikaatti adda dha’ yaada jedhu falmeera. Sababni isaas, biyya hundeessuufi gama ummata bulchuun, qabeenya waliingahuu ilaalchisee amma yoonaatti deeggarsi kennamaafii jira. Kan nuuf maxxansu dhabne.

Barreeffamoonni hedduun beektota ‘Itoophiyummaa’ leellisaniin ilaalamu ture.

Qarshii argachuun rakkisaa waan ta’eef ofumaan hojjenne. Abbaan warraa kiyya kanarratti yeroo hunda nagargaaraa ture. Kitaaba ‘Invention of Ethiopia’ jedhu yaada keenya iddoo tokkotti qabuuf barreessine. Gara maxxansaatti bara 1989 galee, 1990’tti maxxanffame.

Dhimmoota Oromoo hundarratti hojjechuun eegale. Dhimmoota saalaa, baqattummaafi mirga namoomaa irratti. Waa’ee lafaa irrattis barreessuun eegale. Dhihootti barruu qorannoo Oromoo irratti sirba Hawwii Tazarraa ‘Ka’i Qeerroo’ jedhu hiikuudhaan maal akka ta’e barreesseen ture.

Walitti dhufeenya gadi-fagoo Oromoon lafa waliin qabu ittiin xinxale. Lafti handhuura kan jedhu sana.

Oromoon walitti dhufeenya cimaa lafa waliin qabu sirriitti ibsitee jirti jedheen yaada. Amma garuu laftisaa haqa malee saamamuu isaatiin, handhuura isaaniirraa cituu waan hin dandeenyeef fincilaa jiraachuu hima.

Kunneen fakkeenyota kitaabota ani barreesseeti. Jireenyakoo hedduu kanin dabarse garuu Oromoof sagalee ta’uuni.

Namoota jijjiiramaa waliin waliin hojjechuun, yaada guddaa qabaatanii Ingiliffa kan rakkatan gargaaruufi waraqaa qopheessuu, waa’ee Oromoo dubbachuu, qorannoo dhiyeessuu, beektonni hubannoo akka argataniif hojjechuu, danqaawwan bira dabarre keessa deebinee ilaaluu ture.

Oromoon akka baay’ina isaaniitti ammallee hin mullanne.

Waa’ee Oromoo kan jaalattu keessaa tokko natti himi.

Waan tokko filachuun qaba taanaan, kan hedduu na ajaa’ibu, Oromoon akka qaama uumamaatti of ilaaluu isaaniiti.

Waaqaa olittis, gadittis osoo hin taane, qabeenya waaqni kenneefitti fayyadamuuf akka uumamaniitti of ilaalu. Oromoon bakka akkas badhaadherra taa’uunsaa tasa natti hin fakkaatu. Isaantu akkas godhe. Beekumsa uumaa Oromoo hojiirra oolchu.

Waan hunda keessatti marsaatu jira. Sanyiin kamuu kununsa gaarii argannaan, ni guddata jedhanii amanu. Kun ammoo, namarrattis, bineensarrattis, biqilootarrattis ta’e lafarratti ni hojjeta. Kanas akka qabeenya guddaattan ilaala.

Yeroo hundaayyuu dinqisiifachaan ture. Yaadnikoofi kan Oromoo bakka walitti bu’etti seeraan nabarsiisani. Bakki sirrii dhala namaa eessa akka ta’e.

Aadaan kun amantiiwwan gurguddoo addunyaa waliin kan wal-gitu dha. Osoo sirriitti ibsameefi hubatameera ta’ee. Addunyaan Lixaa itti fufiinsa qabeenyaa mirkaneessuuf carraaqaa jira. Oromoon garuu durumaan qaba.

Sanatu wanta guddaa ani Oromoorraa dinqisiifadhu dha. Oromoon lafa waliin walitti dhufeenya qaban, yaada kana ni hirmaatu jedheen yaada.

Guutummaan guutuutti ta’uu baatus, ummanni aadaa kana qabatee jiru, lafa isaarraa buqqa’ee, magaalotatti dhiibamee, hiyyoomee maastikaa akka gurguruufi ‘taaksii’ akka konkolaachisu ta’ee, Qabeenyi isaan qaban badee jira. Baay’ee nagaddisiisa.

Kunis dantaa Oromoo akkan falmadhuu na taasisan keessaa tokko dha.

Gara fuulduraatti Oromoon maal akka ta’u feeta?

Yaada kana qorannookoo yoon dhiyeessu ibseen jira, ammas irran deebi’a. Omishtoonni Oromoo yaada kana qaban, omisha isaaniitiin diinagdee Itoophiyaaf hedduu kan gumaachan, qonnaafi loon horsiisuun warri deeggaran, abbaa qabeenyummaafi murtee kennuu irratti beekamtii akka argatanin fedha. Kunis haala mootummaan itti hojjetu irratti hundaa’uun karaa hedduun ta’uu mala.

Oromoon duudhaawwan Oromoo ganamaatti deebi’uu qaba jedhama, maal yaadda?

Dudhaaleen Oromoo sammuufi onnee Oromoo keessa jira jedheen yaada. Kara namoota barateen dhufuu hin qabani.

Namoota ummata isaaniirraa fagaatanii jiranirraa dhufuu hin qabu. Garuu warreen baratan sun carraafi waltajjii uumuu danda’u. Oromoon kaan dudhaalee isaanii akka shaakalaniif haala mijeessuu malu.

Qonnaan bultoonni carraa argatanii, wanti hundi ibsameefii, seeronni ba’an akkamiin hojiirra akka oolan murteessuu danda’u.

Akka kootti, sadarkaa gadiirraa dhufuu danda’u. Hojiin godaa eegalee namoota carraa fooyya’aa qabaniin deeggarame, addunyaatti dhimmicha dhiyeessuuf carraa guddaa qaba.

Kunis dargaggoota hin baratin Oromiyaa keessa jiran hirmaachisuun, Afriikaafillee fakkeenya ta’uu qaba.

Oromummaatu Gadaa uume, Gadaa kophaatti fudhannee gubbaadhaa eegaluu qaba jennaan, Gadaan akkasitti miti kan hojjetaa ture.

Gadaan sirna jabaa fakkeenyummaa qabuufii dudhaa Oromummaa irraa dhalate dha. Carraan osoo kennameefii waan haaraa fiduu danda’a.

Below Single Post