Dr. Abiy akka Oromoon hin filanne beeke. Garuu kan nama gaddisiisu Oromoon akka isa filattuuf Oromoof waa godhuu dhiisee karaa aangoo irra turu qofa irratti xiyyeeffatuu isaati.

Dr. Abiy akka Oromoon hin filanne beeke. Garuu kan nama gaddisiisu Oromoon akka isa filattuuf Oromoof waa godhuu dhiisee karaa aangoo irra turu qofa irratti xiyyeeffatuu isaati.

Yeroo Afaaniin dubbatu nama aangoo gadi dhiisuuf qophii ta’e of fakkeessa. Hojiin isaa garuu akka aangoo irratti cichuuf deemu ibsa.

EPP kan irratti cicheefis kanuma. Paartiilee Oromiyaan ala jiran waliin tahee sagalee saniin aangoo irra turuuf yaadaa jira. Kanaaf Oromoo caala warra isa waliin jiru akka moo’ataniif karaa saaqaa jira.

Finfinnee irratti warri akka EZAMA yoo moo’ate aangoo isaatiif tola jedhee yaada. Kanaaf EZEMA waliin walitti baquuf dubbataa jira.

Kanaafuu sagalee hedduu Finfinnee irraa argachuuf kutaa 10 irraa 13 dabale. Oromiyaa irraa kutaa 3 hir’ise jechuudha. EZEMA’n Finfinnee irratti moo’e jechuun PP’n moo’e jechuudha. Sagaleen sun isaaf deema.

Gama kaaniin Adaamaa irrattis warri EZEMA akka moo’uuf karaa mijeessaa jira. Qophii EZEMA Adaamaatti godhe irraa ni hubatama.

Kan kanarraa hafe paartiilee naannolee biroo akka amansiifatetti fudhatee jira. Jarri EPP waliin jiran moo’atan jechuun Dr. Abiy moo’ate jechuudha. Kuni hundi sagalee Oromiyaarraa dhuftu caalaa argachuufi.

Garuu shira aangoo irra turuuf godhu kana keessatti waan yeroo dheeraa ummata Oromoo miidhuuf deemu hojjataa jira. Wanti yeroo tokko jaallate qajeelchuuf wareegama guddaa fi yeroo fudhata.

Lubbuun Qeerroo 5000 olii itti mul’ataa hin jiru. Baay’ee nama gaddisiisa!!


Gaaffii Oromoon/Oromiyaan Finfinneerratti Qabaattun Walqabatee Yaada Furmaataa (Reccommendations)

Yaada ogeeyyii seeraa Ibsaa GammadaaAbduljebar Hussien fi Betru Dibaba

Gaaffii Oromoo deebisuufis ta’ee dhimma magaalaa Finfinnee Wajjiin Walqabaturratti seerri/chaartarri/labsiin bahu kamu uummata hirmachiisuun akkuma eegametti ta’ee qabxiiwwaan ka’umsaa kanneen kan hammatu ta’uu qaba yookaan gaaffii dhiyastetti danqaa ta’uu hin qabu.

1. Maqaa Magaalattii – Finfinnee

Maqaa ilaalchisee, magaalaan tun Addis Ababaa ta’uun hafee Finfinnee jedhamtee waamamuu qabdi. Yoo kun sababa Heeraa fi kaaniin hojiirra oolchuuf rakkisellee furmaata yeroo gabaabaa kan maqaaleen lamaan Addis Ababaa fi Finfinnee jedhaman kun adda addatti walqixa fudhatama seeraa qabaatanii hojiirra oolan ykn walfaana (akka ‘Finfinnee-Addis Ababaa’ jedhutti walitti hidhamuun) akka hojiirra oolan taasifamuu qaba. Kunis Chaartara Magaalatti keessatti tumamuu qaba.

2. Finfinneen Magaalaa Guddoo Oromiyaati

Finfinneen Magaalaa Guddoo Oromiyaa akka taate Heera Oromiyaa irratti tumamee. Bu’uruma kanaan Mootummaan Oromiyaa akkuma Naannoo biroo hafan saddeettan biyyattiitti magaalaa guddoo isaarratti ajajuu danda’uu bulchuu danda’uu (aangoo qaamotni mootummaa sadan qaban hojiitti hiikuu dabalatee) qaba. Dhimmoota ifatti federaalaaf kennamaniin alatti dhimmoota naannoo (regional state matters) Finfinnee keessatti uumaman irratti aangoo qabaachuu qaba. Karaa biraatiin dhimmoota federaalaa hin taanerratti (non federal matters or regional matters) irratti itti waamamni magaalattii Oromiyaaf ta’uu qaba jechuu dha.

Finfinneen magaalota naannolee biroo irraa wanti adda ishii godhu teessoo Mootummaa Federaalaa ta’uu qofa. Kunimmo aangoo Oromiyaan magaalaa guddoo ishiitirratti qabdu kan dangeessu ta’uu hin danda’u. Gama biraatiin daangaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee (Aanota/Magaalota Naanneessaa Finfinnee jiranii) bal’ina bara Heerri RFDI ragga’uun dura tureetti deebi’uu qaba. Asirratti Finfinneen teessoo federaalaa ta’uun qaama Oromiyaa ta’uu ishii waan hin hambisneef dhimmi daangaa murteessuu dhimma keessoo Oromiyaaa akka tahe hubatamuu qaba. Bu’uruma kanaan daangaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Magaalota/Aanota naanneessaa Finfinne jiranii kun too’annaa Caffee Oromiyaa jalatti rawwaatamuu qaba.

3. Finfinneen Qaama Oromiyaati Malee Ofiif Naannoo Miti

Heera Mootumma RFDI Kew 1 jalatti maqaan mootummaa federaalaa Rippabilika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa hundeessa. Kew 2 jalatti ammoo lafti/daangaan Itoophiyaa ida’ama miseensota federeeshinichaa akka ta’e tuma. Miseensonni federeeshiniachaa sagal ta’uu kew 47 jalatti tarree naannoolee dhuma qabu (exhaustive list) godhee tumeera. Kanaafuu, Finfinneen qaama Itoophiyaa ta’uuf dura qaama Oromiyaa ta’uu qabdi jechuu dha. Kanumaan walqabatee Finfinneen afaan hojii Oromiyaa Afaan Oromootiin hojjechuu sababni didduuf tokkollee jiraachuu hin danda’u. Afaan biro dabalattee ittiin hojjechuun akka mirga ofiin of bulchuutti lakkaa’amuu fi kan danda’u ta’u qaama fi magaalaa guddoo Oromiyaa taatee afaan hojii naannichaa Afaan Oromoo lagachuu hin dandeessu. Heera Oromiyaatiinis waan tumame dha. Finfinneen Oromiyaa dha kan jedhamuufis kanaafi. Kanumaan walqabatee, Mootummaan RFDI, Mootummaa Federaalaa fi Mootummaa Naannootti, jechuunis gulanta lamatti qoodamee kan caaseffame dha. Naannoleen kunis saglan kew 47 (1) tarreeffamuun ibsaman maqaan isaanii Mootummaa Naannoo Tigraay, Mootummaa Naannoo Affaar, Mootummaa Naannoo Amaaraa, Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Mootummaa Naannoo SSUK, Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz, Mootummaa Naannoo Gaambellaa fi Mootummaa Naannoo Hararii dha.

4. Gulantaaleen Mootummaa Lamaan Aangoo Waliif Kabajuuf Dirqama Qabu

Heera Kew 50 (1, 8, 5) jalatti Mootummaan RFDI, Mootummaa Federaalaa fi mootummoota Naannoleetti gulantaa lama qabaatee kan caaseffame ta’uu, Caffeen naannolee dhimmota aangoo Naannoo ta’anirratti aangoo seera baasuu akka qaban, aangoon mootummaa federaalaa fi naannoleef Heera kanaan murtaa’ee kennamee waan jiruuf federaalli aangoo naannoo akka kabajuu qabu naannoonis aangoo federaalaa kabajuu akka qabu tmameera. Finfinnee akka Naannootti ilaaluun aangoo Naannoleef kenname cabsuu waan ta’eef fudhatama hin qaba.

5. Keewwatni 49 Dhimmoo Teessoo Federaalaa Dubbata Malee Waa’ee Caaseffamaa Miti

Akkuma mata duree isaatirratti ibsame, Heerri RFDI Keewwatni 49(2) waa’ee teessuma magaalaa mootummaa federaalaa dubbata malee waa’ee caaseffama mootummaa miti. Tumaaleen caaseffama mootummaarratti dubbatan kan armaan olittitti 1 fi 2 jalatti ibsaman qofa. Kanaafuu akki itti tumaa keewwata kana xiqqaa 2 jalatti ibsames hafuura kanaan hubatamuu qaba jechuu dha. Bu’uruma kanaan keewwatni 49 kun dhimma teessoo mootummaa federaalaa murteessu dubbata male dhimma caasaa/gulantaalee mootummaa murteessu miti. Dhimmi Finfinneedhaaf chaartara baasuu kallattiidhaan keewwata kanaan federaalaaf hin kennamnee, akkasumas dhimma paarlaamaan federaalaa seera itti baasu ta’ee (federal matters) kew 51 fi 55 Heerichaa’tiin ifatti federaalaaf hin kennamne. Aangoon ifatti federaalaaf hin kennamin ammo kan Naannolee akka ta’e kew 52 jalatti tumameera. Bu’ura kanaan chaartara magaalaa Finfinnee Caffee Oromiyaatu baasuuf aangoo guutuu itti qaba.

Asirratti wanti dagatamuu hin qabne, akkuma qaama Oromiyaa kamuu Caffee keessatti miseensonni uummata Finfinnee bakka bu’an filatamuu qabu. Dhaabbileen siyaasaa Oromiyaa bulchuuf dorgoman kaadhimamtoota Finfinnee bakka bu’anii Caffee Oromiyaaf dorgoman dhiyeeffachuu qabu jechuudha. Haala kanaan ofiin of bulchuun Finfinnee kun Heera Oromiyaa jalatti ta’uu danda’a.

6. Itti Waamamni Bulchiinsa Finfinnee Federaalaaf Ta’uun Aangoo Federaalaaf Kenname Hojiitti Hiikuuf Qofa

Itti waamamni Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee federaalaaf ta’uu kan qabu hanga aangoo federaalaaf kennamee hojiirra ooluuf gargareetti malee akka caasaa qaama federaalaa ta’eetti fudhatamuun sirrii hin ta’u. Asiratti itti waamamni kan federaalaaf godhame Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee dha malee magaalittuma mataashee akka hin ta’inis keewwatni Heericha 49 irratti sirriitti ibsee akka jiru hubachuu barbaachisa. Akkuma olitti ibsame, Heera RFDI Keewwatni 49 kun kaayyoon isaa teessoo mootummaa federaalaa himuu dha malee aangoo qooduus miti.

7. Finfinnee Ofiin Of Bulchitu

Akkuma armaan olitti ibsame keewwatni 49 akeekni isaa ykn barbaachisummaan isaa teessoo mootummaa federaalaa murteessuu dha. Mata dureen isas kanuma. Kanaafuu, ofiin of bulchuun asirratti Bulchiinsa Magaalaa Finfinneef kenname akka malee baldhifamee hiikamee sadarkaa naannoo kan kennuuf miti. Heericha kew 1 kaasee yoo dubbisnu sirna federaalawaa aangoon gulantaa lamatti qoodame ta’uu hubanna. Kanaafuu, ofiin of bulchuun Finfinneef kenname kan aangoo Oromiyaan akka naannoo federeeshinichaatti Finfinneerratti qabdu kan sarbu ta’uu hin danda’u. Ofiin of bulchuun Finfinneef kenname kun karaa lamaan kan daangeffame dha.

Tokkoffaan Mootummaan Federaalaa aangoo federaalaaf kennamu hojiirra oolchuuf dhimmoota barbaachisaa ta’aniin walqabatee Finfinneen teessoo isaa waan taateef magaalattii irratti aangoo qaba. Itti waamamni federaalaaf jedhames kanuma.

Lammeessoon Finfinneen qaama fi magaalaa guddoo Oromiyaa waan taateef, aangoo akka miseensa federeeshinichaatti Oromiyaan qabdu Finfinneerrattis raawwatinsa ni qaba. Ofiin bulchuun Finfinnee dhimmoota lamaan kanarraa hafanirratti ta’u qaba jechuu dha. Chaartarri magaalichaas haala kan hubannoo keessa galche ta’ee tumamuu qaba.

8. Walumaagalatti: Finfinneen qaama fi magaalaa guddoo Oromiyaa, teessoo mootummaa federaalaa taatee kan tajaajiltu gama biraatiin ammoo haalota lamaan kana haala hubannoo keessa galcheen sadarkaa Naannootii gaditti kan of bulchitu akka taatetti hubachuun barbaachisaa dha.

Hub: Barreeffama kana, armaan dura barreeffamoota dhimma Finfinneerratti Abduljabbaar Huseen, Batruu Dibaabaa fi Ani Yeroo adda addaa barreessaa turrerraa cunfee gabbisee kanin dhiyeesse dha. Horaa Bulaa!

Ibsaa Gammadaa
Finfinnee, Oromiyaa, Itoophiyaa

Ferhan Abdulselam

“Asaaminaw Xiggeen balaa waggaa dhibba shan dura nutti dhufe kan caalutu amma numuudhate kan jedhe dhugaa isaati. Kana ofiraa ittisuuf Ijaaramuu qabna” ~ Eskindir Naggaatu haasaa har’a taasise irratti akkas jedhe. Hin yaaddattu yoo ta’e warri baaldaraas kun ajjeechaan waxxabajji 15 sun raawwatamuun torban tokko dura jiraattoota Baahir Daar waliin wal arguuf karoora baafatanii turan. Guyyoota baayyeedhaaf erga beeksisaa bahaan booda walgahicha torban tokkon achi siksineera jedhan. Guyyaan walgahii inni haraan waxxabajjii 14 moo 15 ture. Wanti kun tasuma ta’e moo itti yaadamee ta’e kan jedhu ammas gaaffi natti ta’a. Eeguumsii waajiraalee mootummaaf godhamu bakka adda addaatti akka harca’u waan karooraan godhame fakkaata. Qorattoonni ajjeechaa guyyaa sanii baayyeen isaani namootuma naannoo Amaaraa waan ta’aanif waan kana sirriitti qorachuu isaani nan shakka. Qorannoon sun siyaasni keessa jira. Sanis ta’e kana hasaan Eskindir har’aa kan agarsiisu Asaaminaw isa lammattaa ta’uuf akka deemaa jiruu dha.
THE FINFINNE INTERCEPT

Master plan Abaay Tsahaayee maqaa jijjiirratee መሪ ፕላን maqaa jedhuun hojiirra oolee jira. Kutaan magaalaa 10 ture Koyyee Faccee, Boolee Arraabsaa fi Yeekkaa Abbaadoo dabalachuun kutaa magaalaa 13 ta’anii dhufanii jiru. Kutaalee magaalaa sadan kun qofti heektaara 16,000 caalu qabatanii Finfinneetti makamanii jiru. Dereje Begi kutaa magaalaa KOYYEE FACEE argitee?


Gaaffii Oromoon Finfinneerratti Qabu – Finfinnee Bara 1987 (1995) Duraa fi Boodaas Ilaallata. Karoorri Magaalattii Ammaa Hoo Maal Akeeka?
1. Gaaffiin duraa Finfinneen magaalaa guddoo Oromiyaati, qaama Oromiyaati, Heerri haa kabajamuu aangoon Heeran Oromiyaan akka Naannoo tokkootti magaalaa guddoo ofiitirratti qabdu haa kabajamuu kan jedhu dha. Oromiyaan aangoo bulchiinsaa (raawwachiisuu), seera tumuu fi hiikuu Heeran kennameef magaalaa guddoo ishii Finfinneerratti hojiirra oolchuu danda’uu qabdi. Ofiin of bulchuun Heeran magaalattiif kennameef kan aangoo Oromiyaan akka naannotti qabduun gadi dha. Kunis Finfinnee bara Heerri RFDI itti ragga’e, 1987, durarraa kaasee lafa bal’inni isaa heektaara kuma 21 gubbaa jirtu ilaallata.

2. Lafti ykn qubsumni Finfinnee kan heektaara kuma 21n ala jiru seeran ala saamichaan qonnaan bulaa Oromoo buqqisuun qabiyyeewwan lafaa godinoota biroo jala turan (amma Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee) saamuudhaan kan qabame waan taheef amma bulchiinsa GAONF jalatti deebi’uu qaba. Finfinneen mataashiitiin magaalaa Oromiyaa taatuyyuu haala qabatamaa amma jiruun mirga of bulchuu waan qabduuf lafa kallattiidhaan GAONF jala ture Finfinnee jalatti dhiisuun aadaa, afaan, seenaa fi eenyummaa Oromootiif quuqama dhabuudha. Duguuginsa Oromoo osoo laallu callisuun gochicha fudhachuutti lakkaa’ama, yakka.

3. Fifinneen kan lammiilee hundaati, beekkamaa dha. Magaalonni kaanis akkasuma. Garuu Finfinneen teessoo Mootummaa Federaalaa taatullee, magaalaa (guddoo) Oromiyaati malee magaalaa guddoo Naannolee Saglanii/Kudhanii miti. Naannooleen hunduu magaalaa guddoo mataa isaanii qabu; gaaffii abbummaa Finfinneerratti dhiyeessanis hin qaban. Gaaffin dhiyaate kan Oromiyaa tahuun ishii qabatamaan haa mirkanaa’u dha malee kan saba tokkoo haa taatuu miti. Gaaffii bu’ura Heeraa, Seeraa, Seenaa fi argama lafaa qabu kana deebisuun hanqatee inumaa adeemsa dullachaan deemuun maalif barbaachise? Sanuu ammamoo?

4. Karaa biraatiin ragaan armaan gadii kun ammoo Pilaanii Olaanaa Finfinnee waggoota itti aanan 25 kan Sadaasa 2012 qophaa’e agarsiisa. Lafa saamichaan babal’ifame dhugoomfachuuf kan deemamu tahuu agarsiisa. Kutaawwan magaalaa akka malee Godina Addaatti achi bal’atan – Qaallittii, Eekkaa fi Boolee qoqqooduudhaan KUTAA MAGAALAA 13 taasisuuf karoorfamee hojiitti seename. Kunis faallaa Heeraaf seeraa fi faallaa gaaffii haqaa Oromoon waggoota darbaniif dhiyeessaa tureeti.

5. Gaaffiin seeraaf haqaa ammas itti fufa. Finfinneen magaalaa Oromiyaa taatee magaalaa teessoo federaalaa tahuu maaltu dhorka? Daangaa bulchiinsaa ka seerawaa maaf dhabdi? Finfinneen kan hundumaati kan jedhamu magaalonni biroo hoo kan hundumaatii mitii? Magaaloota kaan yoom addaan qooddanne? Biyyattiin biyya takkaa mitimoo?
Horaa Bulaa!

Ibsaa Gammadaa
Finfinnee, Oromiyaa, Itoophiyaa


Wixinee Labsii Chaartarii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee lakk. 361/1995 (akka fooyya’etti) Fooyyessuf Wixineeffame

Osoo Gaaffiin Abbaa Biyyummaa Finfinnee Ni Deebi’aaf Eegnu Bulchiinsi Taakkalaa Uumaa Labsii haala duraanii ittifufsiisu Baasuuf Deemuun Seermalee, gaaffii ummata Oromoo Gatii Dhabsiisuu ta’a

Magaalaa Finfinnee Irratti seera Baasuuf, Raawwachiisuu fi Aangoo Abbaaseerummaa Kan Qabuu Mootummaa Naannoo Oromiyaati

Sirna Federaalaa keessatti aangoon mootummaa federaalaa fi Naannoolee jidduutti kan qoodamu daangaa lafaa kan bu’uureffatuu dha. Kanaaf akka waliigalaatti aangoo abbaaseerummaa naannoon tokko qabu daangaan bulchiinsa naannoon sanaa murteessaa dha jechuu dha. Qoodinsi aangoo kunis adda dureedhaan caaseffama mootummaa federaalaa fi qajeeltoo qoodinsa aangoo mootumma sirna federaalaa bu’uureffachuun akka ta’e ni hubatama. Manneen Murtii Naannolee aangoo abbaa seerummaa dhimmoota Naannoo irratti qabu. Manneen Murtii Federaalaas aangoo abbaa seerummaa dhimmoota Federaalaa irratti qabu. Kunis Heera Federaalaa keessatti adda bahee jira. Federaala fi Naannootti aangoon abbaaseerummaa kan mana murtii qofaa dha (kwt. 79(1)). HMFDRI kwt. 80(1) fi (2) jalatti manneen murtii Federaalaa fi Naannolee dhimma isaanii irratti aangoo abbaaseerummaa isa ol’aanaa akka qaban tumameera. Bu’uura kanaan naannoleen daangaa isaanii keessatti manneen murtii dhimmoota naannoo isaanii ilaalanii murtii kennan ni gurmeessu. Regional states determine their own court structure and administration of justice. Mootummaan Federaalaas lafa mataa ofii waan hin qabaanneef maanneen murtii federaalaa dhimmoota federaalaa ilaaluun murtii kennan mootummaa naannolee keessatti ni gurmeessa. Kun aangoo abbaaseerummaa kan dachaa taasisa(the duality of justice administration). Yoo hin gurmeessin manneen murtii mootummaa naannootiin gurmeeffaman akkuma haala isaatti dhimmoota federaalaas kanneenis ilaalanii murtiin kennu. Each tier is required to operate within its area of jurisdiction, and any action to the contrary is null and void to the extent of its inconsistency with the law.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee bulchiinsa MNO jalaa akka jiru ykn magaalaan Finfinnee magaalaa Oromiyaa akka taate ifaa dha. Finfinneen miseensa Federeeshinii waan hin ta’iniif ofiisaatii of dandeessee manneen murtii gurmeeffachuu hin dandeessu. As Addis Ababa is not one of the regions in the federal system the city cannot determine their own court structure and administration of justice. Kanaaf bulchiinsi haqaa magaalatti bulchiinsa haqaa mootummaa Oromiyaa ykn seera Oromiyaan baaftu irratti kan rarra’uu dha. Hundeen dubbii inni bu’uuraa “Finfinneen qaama Oromiyaati!” kan jedhu sirriitti jala muramuu qaba. Kanaaf hariiroon Finfinnee fi Oromiyaa gidduu jiru hariiroo qaamummaa Naannichaa malee ulaagaa aangoo Federaalaa hin ta’u. Haaluma walfakkaatuun hariiroo Naannollee biroo waliinis akka finfinneetti osoo hin ta’in akka Oromiyaati yoo uumee dhimmichi aangoo Federaalaa ta’a malee, kan magaalaa Finfinnee gara naannootti ol guddisuu miti.

Aangoon abbaaseerummaa mootummaa federaalaa fi naannoo jidduutti Heera qofaan qoodama.
Labsiin Manneen Murtii Federaalaa lakk. 25/88 Kwt.11(1)(b) &14(2) dhimmoota hariiroo hawaasaa(civil cases) magaalaa Dirree Dhawaa fi Finfinnee keessatti ka’an irratti walduraa duubaan manni murtii sadarkaa duraa fi manni murtii ol’aanaa federalaa aangoo akka qaban tumameera. Heera keessatti dhimmicha kan federaalaa gochuuf dhimmi iddoon akkanaatti ta’e aangoo federalaa jalatti akka kufu wanti caqafame hin jiru. Heericha kwt. 78(2) jalatti aangoon mana maree bakka bu’oota ummataa manni murtii sadarkaa duraa fi manni murtii ol’aanaa federalaa guutummaa biyyatti hundeessuudha. Bu’uura kanaan yoo hundeessan immoo aangoo isaanii olii fi gadii (vertically) murteessuu ni danda’u malee aangoo isaanii kan dalgaa (horizontally) federaalaa fi Naannoolee jidduu jiru murteessuuf aangoo hin qabu. Aaangoon mootummaa federaalaa fi naannoo jidduu kan murteessu heera mootummaati malee seera tarreeffamaa manni marichaa baasuunii miti; Kanaaf Manni maree bakka bu’oota ummataa Finfinnee fi Dirree dhawaa caqasuun dhimmoonnni achitti raawwataman dhimma federaalaa akka ta’an gochuuf aangoo hin qabau. Kun kan murtaa’u Heera mootummaa ilaaluun malee labsii L. 25/88 ilaaluunii miti.

Gama biraatiin labsii L. 25/88 kwt. 4(11) fi kwt. 5(2) falmiin jiraattoota naannoolee adda addaa jidduutti ka’u aangoo mannen murtii federaalaa jalatti akka kufu tumameera. Finfinnee miseensa federeeshiinii miti. Dhaddachi ijibbaataa Mana murtii waliigala Federaalaa Murteewwaan yeroo adda addaa kennaa tureen Finfinnee akka Naannootti lakkaa’ee falmii jiraataan Finfinnee jiraattoota naannoo biraa wajjiin qabu aangoo abbaa seerummaa Manneen Murtii Federaalaa taasisuun murtiiwwan dirqisiisoo faallaa HMFDRI kwt. 47(1) fi kwt. 9(1) qabu kennaa jira. Murtiiwwan dhaddachi kun L.G, 52041 fi , L.G. 36460 ta’erratti kenne ilaaluun gahaa dha. Labsiiwwan sadarkaa Federaalatti ba’an hedduun isaanii keessatti labsii kana keessatti “Finfinneen akka Naannootti lakkaawamti” jechuun yoo tumamu ni mul’ata. Labsiiwwanii fi murtiiwwan qabiyyee akkanaa qaban hundee Heeraa waan hin qabneef raawwatiinsa hin qabaatan. Walumaagalatti Finfinneen qaama mootummaa Naannoo Oromiyaa waan taateef MNO aangoowwan Heera Federaalaa fi Heera Mootummaa Naannoo isaatiin qabu hundumaa FINFINNEE irratti hojiirraa oolchuuf aangoo fi mirga ni qaba. Bu’uura kanaan MNO Finfinnee irratti aangoowwan magaalaa Finfinnee keessatti qaamolee mootummaa kan akka manneen murtii fi qaamolee haqaa biroo caasessuu; imaammata, tarsiimoofi karoora misooma diinagdeefi hawaasummaa baasuu fi raawwachiisuu, fi seerota adda addaa Magaalichaaf baasuu fi raawwachiisuuf aangoo fi mirga ni qaba jechuu dha.

Kanaaf wixineen labsii Chaartarii Bu/Mag/Finfinnee fooyya’aa(lab. Lakk. 361/1995) fooyyessuuf bahuuf deemu ija kanaan ilaallamuu qaba jechuu dha. HMFDRI kwt. 78(3) Naannoleen Mana Murtii Waliigalaa, Mana Murtii Ol’aanaa fi Mana Murtii Aanaa gurmeessuu qabu, Tarreeffamni isaa seeraan adda baha. HMNO Kwt. 64(1) jalatti immoo Qaamni abbaa seerummaa Naannichaa Mana Murtii Waliigalaa, Mana Murtii Ol’aanaa Godinaafi Mana Murtii Aanaatiin gurmaa’a jechuun tumameera. Kanaaf Oromiyaan akkuma magaalota isii biraa kanneen akka adaamaa magaalaa Finfinnee fi Dirreedhawaa keessatti manneen murtii idilee hundeessuuf angoo ni qabdi. Kan Oromiyaan dhimma isiitiif hundeeffattuu fi Federaali dhimma ofiirratti hundeeffatuun ala maanneen murtii bu’uura heeraatiin hundeeffamuu danda’an hin jiran jechuu dha.

Manneen murtii magaalaa (city courts) Finfinnee fi Dirree Dhawaa keessatti hundeeffaman bu’uura seeraa kan qabanii miti. Manneen murtii sadarkaa duraa fi ol’aanaa Federaalaa bu’uura HMFDRI kwt. 78(2) magaalaa Finfinnee fi magaalaa Dirree dhawaa keessatti hundeeffamanii jiru. Kanaaf manneen murtii kunniin dhimma federalaa qofa irratti aangoo qaban. Manneen murtii Magaalaa Al- Heerawaa waan ta’anii bu’uura heeraatiin, dhimmoota federaalaa irraa kan hafe, dhimmoota magaalaa Finfinnee fi Dirreetti ka’an irratti irratti aangoo abbaa seerummaa kan qabu naannoo Oromiyaati. Kanaaf Finfinneen qaama Naannoo Oromiyaa fi daangaa Naannichaa keessatti kan hammatamtu waan taateef dhimma federaalaa ilaalchisee manneen murtii federaalaa kan hundeeffamaniin ala adda dureen kan hundeeffamuu qaban manneen murtii naannoo Oromiyaati. Manneen murtii kunniin akkaataa seera deemsa falmiitiin yookiin seera birootiin, dhimmoota Manneen Murtii naannootiif kennamanii fi daangaa Magaalichaa keessatti ta’an irratti aangoo guutuu ni qabu. Jecha biraatiin Mannen Murtii Naannoo Oromiyaa sadarkaan jiran bulchiinsa magaalaalee Finfinnee fi Dirree Dhawaa dhimmoota daangaa bulchiinsa magaalaalee kanneenii keessatti uumamaniin walqabatee aangoo abbaa seerummaa ni qabaata jechuu dha.

Kanaaf wixinee Labsii chaartarii Magaalichaa Manneen Murtii Magaalaa Finfinnee fooyyessuuf wixineeffame Finfinnee fi Adaamaan, Dirree fi Adaamaan tokkuma waan ta’aniif Finfinnee qofaaf seera akkanaa baasuun aangoo naannichaa fedhii ofiitiin dabarsanii kennuu ta’a. Dhimmoonni yeroo ammaa manneen murtii magaalaa Finfinnee fi Dirreedhawaatiin ilaalamaa jiran isaan silaa aangoo manneen murtii Oromiyaa jalatti kufanii dha.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee dogongoroota armaan duraa sirreessuun mirga abbaabiyyummaa Oromoon Finfinnee irratti qabu ni mirkaneessa jennee osoo eegnu gocha duraanii itti fufsiisuun yaaliin gochaa jiru kun gaaffii finfinneef deebii kennuuf qophiin tokkollee akka hin jirre agarsiisa. Wixinee chaartarii magaalaa Finfinnee fooyyessuuf bahuuf deemu kana akkuma durii federaalaan karaa mana marii bakka bu’oota ummataatiin baasuuf deemamaa jiraachuu isaas sochiin mootummaan Oromiyaa dhimma Finfinnee irratti godhaa jiruu fi gaheen inni qabu akka hin jirre agarsiisa. Labsii Finfinnee abbaa biyyaatiif deebisu malee labsii seera mirga abbaa biyyummaa mulqu cimsuuf bahu hin feenu.

MIRGAA FI KABAJAA UFII ABBAADHUMATU DEEBIFFATA!!!

Abduljebar Hussien

ONN Marii Tumsa Paartileee siyaasaa