#Doorsisa Abdi Kutannaa! Dr. Abiyyi Obbo Sulxaan Qaasim Akeekkachiisaniiru.

#Doorsisa Abdi Kutannaa!Dr. Abiyyi Obbo Sulxaan Qaasim Akeekkachiisaniiru.
 
#Muummichi Ministeraa Ethiopia Duraanii Dura Taa’aa Paartii ODA Akeekkachiisan!
Walgahii guyyaa Kaleessaa Onkoloolessa 15, 2020 Dhimma Marii Biyyoolessaa Jechuun Paartiileen Siyaasaa Marii taasisan irratti Waraqaa Durataa’aan ODA Obbo Sulxaan Qaasim Dhiheessan Irratti Dr. Abiyyi Obbo Sulxaan Qaasim Akeekkachiisaniiru.
 
Akka odeessi keessa beektota irraa bahe addeessutti, Waraqaan marii Obbo Sulxaan Marii Biyyooleessaa irratti dhiheessan Ajandaa Mooraa Oromiyaa dhaadhessuu osoo hin taane Mooraan Itiyoophiyaa akka sabaa fi sab-lammoota biyyattiif toltutti ijaaramuuf, Rakkoon Mooraa Oromiyaa keessa jiru furamuu qaba, Ummattoonni biyyattii nagaha argachuu qabu, nagaha Ummattootaa jeeqee kan ofiillee jeeqamaa jiru Paartii Badhaadhinaati, marii gaggeesinu kana irratti natu siif beekaa osoo hin taane, akkamittiin akkam goonaa irratti mari’achuu qabana jechuun yaada kennatan irratti erga walgahii xunuratanii booda Kophatti waamuun akeekkachiise.
Kabajaa fi ulfina namummaa irraa mulqe, Hoogganno Mooraa Oromoo dhimma Mooraa Oromiyaa dubbachuuf kabjini namooma isaa irraa mulqamuun daba dhaloonni sirreessuu dha.
Suuraan ni dubbata dubbisaa!
Daldala Siyaasaa Marii Biyyoolessaa jechuun Maqaa Paartiilee Siyaasaa jechuun Shubbisan Kana Keesaatti Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n /OLF hin hirmaanne. Haalaa fi Yeroo amma keessa jirru Keessatti Dhabamaa fi Badii irraa Biyya kana kan Baraaru Mootummaa Ceehumsaa Biyyoolessaa ijaaruu dha Malee Marii Biyyoolessaa Murna Maafiyaa wajjiin Gaggeessuu Miti.
 


OMN: Haala yeroo irratti turtii Olbaanaa Leellisaa waliin (KFO) – ( Onk 17, 2020)

OMN- Haala yeroo irratti marii Boruu Galgaloo Waliin

“አሁን ያለው የብሄር ፖለቲካ የተመሠረተው ለመብት በመቆም ሳይሆን አማራንና ቤተ ክርስትያንን በመጥላት ላይ ነው” – በቅርቡ ከእስር የተፈቱት የ #ኢሀን ሊቀ መንበር ይልቃል ጌትነት
(ምንጭ፦ አሃዱ ቴሌቪዥን)

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.