Dooktar Abiyyi Ahimad hayyu duree ABO obbo Daawud Ibsaa waliin mari’atan

Dooktar Abiyyi Ahimad hayyu duree ABO obbo Daawud Ibsaa waliin mari’atan

OBN Afaan Oromoo

Dooktar Abiyyi Ahimad hayyu duree ABO obbo Daawud Ibsaa waliin mari’atan
=============================================
[OBN 02 11 2010] Obbo Daawud Ibsaa jila isaanii waliin ministiraa muummee Dooktar Abiyyi Ahimad waliin Eertiraatti mari’achuu isaanii BBCn gabaase jira.

Ministiraa Muummee Dooktar Abiyyyii fi jilli ABO obbo Daawud Ibsaa dhimmota gurguddoo irratti mari’achuun, wal hubannoo gaariirra ga’uu isaanii dubbii himaan ABO obbo Toleeraa Adabaa BBC’tti himani jiru.

Waltajjichaan fuula duratti haala akkamiitin waliin hojjechuun danda’ama kan jedhu irratti mari’atamee jira.

Gareen lameen jilasaanii qopheessuun biyya biraatti waliin mari’achuuf walii galaniiru.

Yoomii fi eessatti marichi gaggeefama kan jedhuuf, obbo Toleeraan yeroo gabaabaa keessatti raawwachuuf bellamni qabameera jechuun alatti waan dabalataa hin himne.

Akka jaarmiyaa tokkootti qabsoo Oromoo keessatti haala akkamiin waliin hojjenna kan jedhu irratti mari’atameera.

Jilli ABO fi mootummaa yommuu wal argan dhimmoota hunda irratti kan mari’atan ta’a jedhaniiru.

ABO’n biyya galuuf haal-duree attamii kaa’e?
ABO: ”Rakkoo nageenyaa Lixa Oromiyaaf harka keessaa hinqabnu”
Kamisa darbe ministirri muummee osoo gara Asmaraatti hin qajeeliin manni maree Itoophiyaa ABO dabalatee gareewwan akka Ginbot 7 fi ABBO galmee shororkeessummaa jalaa baaseera.

Dabalataan gaggeessitoota olaanoo ABO duraanii kan akka koloneel Ababaa Garasuu fi hundeessitoota DH.D.U.O keessaa tokko kan turan Obbo Yoonaataan Dhibbisaa biyya Masirii irraa gara biyyatti deebi’uunsaanii ni yaadatama. Maddi: BBC


ONN:TVOMT:Olollli sobaa kan OPDO biyyaa keessaa fii OPDO biyya alaatiin bifa qindoomina qabuun deemaa jiru kun Eessaa ka’e ?

ONN:BREAKING NEWS :AMHARIC NEWS July 9/2018

ONN:BREAKING NEWS Jiila ABO/OLF Fi JIila mootummaa Itoophiyaa giddutti Mariin bu’uura geggeeffamee jira.Adooleessa 9/2018