Dinquu Dayyaasaa!Duulli Abiyyii fi Daanieel Kibrat Oromummaa fi sabboonummaa cabsuuf jalqaban guyyuma guyyaan guddataa fi bal’ataa deemaa jira.

Dinquu Dayyaasaa! Duulli Abiyyii fi Daanieel Kibrat Oromummaa fi sabboonummaa cabsuuf jalqaban guyyuma guyyaan guddataa fi bal’ataa deemaa jira.

Duula kana keessaa tokko olola aangawootni Bilxiginnaa (Badhaadhina) kanneen akka #Hailu_Adugna Sooressaa fi Abbaa Hiyyeessaa Dinquu Dayyaasaa irratti jalqaban kana fa’adha!
Olola isaanii kana keessa wanni dhugaa fakkataa tokko hin jiru!

1. Hoteela ‘Sodare Resort’ kan Qotee Bulaa Oromoo lafa isaaniirraa buqqaasee ijaare jedhan kana , Dinquu Dayyaasaa Mootummaarraa bite. Obbo Dinquun iddoo Riizoortii Soodaree kana guutumaan guututti harkatti galfachuu isaa dura Mootummaa fi abbootii Qabeenyaa Lama waliin Aksiiyoonaan bulchaa turan. Booddee Mootummaanii fi Abbootiin Qabeenyaa Lamaan fedhii ofiitiin gahee Aksiiyoona isaanii obbo Dinquutti gurguratan. Obbo Dinquun Riizoortii kana bituuf Qarshii Biiliyoona tokkotti dhiyaatu baase. Kana Ani sirriittin beeka.

2. Biyya kana keessatti kan Koolleejjii/Yuunvarsiitii dhuunfaa banee hojii baruu fi barsiisuu hojjatu Dinquu qofa miti. Qulqullinni Barnootaa Yuunvarsiitota gurguddoo mootummaa keessayyuu hin jiru. Karaa Barnootaa, Fayyaa, Seeraa, Qonnaa fi Barnootaatiin biyyattiin kuftee jirti. Barsiisonni Riifti Vaaliitti barsiisan kanuma biyyattiin oomishte malee Rifti Vaaliin kophaatti waan oomishate hin qabu. Kanaafuu dhimma kanarratti Mootummaa mataa isaatu komatamuu qaba!

3. Waa’ee Durboota maal maal jettan sana ammoo Dinquun yeroo itti Shamarree namaaf dhiyeessu hin qabu. Namichi hojii qaba. Kan durba namaaf dhiyeessurratti bobbahu Kaadiree akka keessanii kan hojii hin qabne kana!

4. Geetaachoo Asaffaa waliin kan hojjataa ture Abiyyi Ahmadii fi caasaa keessan kanneen akka Alamuu Simee fi Dammallaash G/Mikaa’eel (Itti gaafatamaa caasaa Tikaa) fa’adha. Geetaachoo Asaffaa gooftaa keessani ,OPDO, fuutanii nama biraatti hin maxxansinaa!

5. Dinquun waan waadaa gale kennuu dhiisii kan waadaa hin galinuu ummata isaatiif gargaarsa taasisaa jira. Kan maallaqa Ummataa maqaa Lootorii Lammiin Lammiif jedhuun ummata bal’aa Oromoorraa guuree nyaate isin warra Bilxiginnaa kana!

6. Dinquun Gibira hin kafalu kan jettaniiif ammoo, Gibira kan gabbarsiisu mootummaadha. Yoo isin gibira keessan sirnaan sassaabbatuu dadhabdan badii Dinquu miti. Badii keessani!

~
Koroonaa fi Bilxiginnaa nu baraari!

Yakka Obbo Dinquu Dayyaasaa uummata Oromoo irratti raawwatee fi raawwaataa jiru kana beektuu laata?

Maqaa isaa irraa eegalee Obbo Dinquun Oromoo fakkaachuu isaa fi duuressa Oromoo jedhamuu isaatti namni baay’een isa beeka. Hataa’u malee Dinquun maqaa Oromoo baatee nama Oromoo nyaatedha. Maqaa Oromoo baate nama Oromoo saamedha, lafa isaa irraas Oromoo buqqisedha. Mee yakka jajjabaa Obbo Dinquu Dayyaasaa uummata Oromoo irratti raawwate keessaa hamma tokko isiniif ibsa.

1. Obbo Dinquu Dayyaasaa seera malee lafa ilmaan Oromoo kan buqqisaa ture yommuu ta’u Oromiyaa bakkeewwan garaagaraatti kan inni buqqise hafee sababa babal’ina Resort Sodarreen lafa heektaara dhibba sadii (300) ol fudhachuun abbaa warraa 60 lafa isaa irraa buqqiseera.
2. Naannooleen kaan galii duureyyii isaanii irraa walitti qabaniin kan guddatan yommuu ta’u obbo Dinquun garuu hamma ammaatti galii mootummaa naannoo Oromiyaaf galuu qabu miliyoona jaatama (60) ol osoo hin galchiin jira.
3. Mootummaa waliin hariiroo uumuudhaan yoo qarshii miliyoona dhibba tokko (100,0000,000) naaf kennaa Shanee fi ABO nan balleessa jechuudhaan qarshiif kadhachaa jira.
4. Hoogganaa tika biyyaa kanaa kan ture Geetaachew Aseffaaf barattoota mana barumsaa isaa Rift Vaaliitti baratan sagaagalummaaf dhiyeessaa tureera. Shamarran Oromo mana barumsaa deeman qarshiif jedhee mancaasaa tureera.
5. Jijjiirama uummanni Oromoo lubbuu qaqqaalii itti dhabee fide kana hanqisuuf wayyaantichi Geetaachew Asaffaa akka Dinquun qarshii miliyoona 500 baankiidhaa baafatuuf waan haala mijeeseef qarshii miliyoona dhibba shan fudhatee kan ture yommuu ta’u humni jijjiiraamaa waan hudhee qabeef jijjiiramicha garuu danquu hin dandeenye.
6. Dinquun mana barumsaa isaa bakkeewwan garaagaraatti barnoota adda addaa kenna jedhee uummata saama kan ture yommuu ta’u osoo barumsa gahaa hin barsiisiin akkasumatti eebbisuudhaan, ‘forged’ oomishuudhaan barataan Oromoo akka doofummaa jalatti kufu taasiseera. Kun yakka wayyaaneen hin raawwaanne maqaa Oromummaatiin Oromoo irratti Dinquun raawwatedha.
7. Dinquun hiyyeessa Oromootti liiqii ( araaxaa) kennuudhaan yeroo isaan kaffaluu dadhaban qabeenya dhaabbata fi lafa, akkasumas mana isaanii irraa buqqisaa kan turee fi ammas kan buqqisaa jirudha.
8. Dinquun namoota sababa walitti bu’insa uumameen naannoo Somaalee irraa buqqa’aniif qarshii miliyoona 12 kan kenna jedhee kan waadaa gale yommuu ta’u hamma ammaatti homaayyuu hin kaffalle,homaayyuu hin kennines.
Walumaa galatti Obbo Dinquu Dayyaasaa nama Afaan Oromoo dubbatee Oromoo saamee, Oromiyaa hiyyoomsee ofii badhaadhe akkasumas dureyyiii wayyaanee karaa agarsiisee qabeenya naannoo keenyaa saamsisaa turedha. Kan ormi nu godhe caalaa kan warra maqaa Oromumaatiin saba keenya miidhetu caala.

Hailu Adugna

Abiy Ahmed’s Prosperity Party



Mootummaa Amaaraa!
~
Itoophiyaan bakka buutota biyyaa yookiin Diippiloomaatota 1200 qabdi. Sana keessaa nama 78 qofaatu Oromoodha. Kun parsantiidhaan parsantii 6.5% qofa taha. Diippiloomaatota biyya bakka bu’an keessaa Ambaasaaddaroonni Oromoo tokko hin jiran. Ambaasaaddarootni Itoophiyaa bakka bu’anii Gamtaa Awrooppaa, London, Newyork, Washington, China fi African Union hundinuu Amaara. Ministeerri Haajaa Alaa diippaartimentoota (kutaalee hojii) 20 of jalaa qaba. Diippaartimentoota kanneen keessaa tokkollee Oromoon hin hoogganu. Qacaramtoota Ministeera kana keessa hojjatan 1400 keessaa Oromoon nama 100 gadi!.

Yaa Waaq maal na argisiifta?
~
Miidiyaan Mootummaa ifaan ifatti Minilik faarsuu jalqabee jira. Miidiyaan mootummaa kan gibira ummatarraa sassaabamuun bulu ifaan ifatti Minilikii fi seenaa Minilik faarsuu jalqabee jira.

#Ethiopian_Press_Agency jedhama. Miidiyaa mootummaati. Kan hoogganamuun namoota Itoophiyaa dullattii (Itoophiyaa Afaan, Aadaa fi Eenyummaa Amaaraarratti ijaaramte ) deebisuuf halkaniifi guyyaa hojjataa jiran kanneen akka Doktor Wadaajeenah Maharrana , Daanieel Kibrat, fi Obaang Meetoo jedhamaniini.

Gaaffiin Oromoo deebi’uun haa hafuu namni gaaffii Oromoo dhaggeeffataa jiru hin jiru.

Miidiyaan hundi qabsoo oromoo busheessuufi beekamtii dhoowwatuurratti hojjataa jira. Itoophiyaa aadaa, afaanii fi eenyummmaa Amaaraatiin ijaaramtu sana ijaarutti jiru.
Fakkeenyi guddaan Miidiyaan ummataa ganamaa galgala sirna dabre dhaadhessuudha. Alaabaa takkittii dhaadhessuudha.

Miiidiyaan mootummaa guutumaan guututti miidiyaa Amaaraa tahee jira!

Dhaabbilee fi Biirooleen Feederaalaa guutumaan guututti biiroolee Amaaraa tahanii jiran!

Biyyi hafuura gaafa Minilikii fi Haylasillaaseetiin bulaa jirti!

#Mootummaaa_Amaaraa!



Dinqu Dayyas Bara dukkana fi bara namni nama dheysuumiti Dinqun Nafxayana Malif Ajesu Barbade


New Oromoo music 2019 Caalaa Birruu (Lafee Gootaa) Oromo Music and Entertainment