Oduu Waa’ee Obboo Dinquu Dayyaas DhrTVO irraa dhufte

Dinquu Dayyaas
OBBO DINQUU DAYYAAS

Obbo Dinquu Dayyaas abbaan qabenyaa Oromoo fulbana irraa qabanii mootummaa xoophiyaa jalaa lubbuu baafachuuf akka baqatan ni beekama. Yeroo ammaa kana immoo motummaan xoophiyaa kun shororkeessummaan farrajee dookumenteeshiinii irratti hojjisiisaa akka jiru ragaan har’a argadhe ibsee jira.

OBBO DINQUU DAYYAAS OBS TV

DOOCUMENTARII KANA KAN HOJJACHAA JIRU DHRTVO, FBC, WALTA FI HUMNA TIKAA BIYYATTIITU WALIIN TA’EE QOPHEESSAA JIRA. Haaluma kanaan yeroo a mmaa ilmaan Oromoo manneen hidhaa biyyattii keessa jiraniin Obbo Dinquutu nu hidhachiise, wantota guuttamuu qabaniis nuuf guutee jeequmsaaf nu kakaase jedhaa ragaa bahaa jedhanii reebicha cimaa irratti gaggeessaa jiru jedha ragaan argadhe.

Warreen ragaa akka ba’an dirqisiifamaa jiran keessaa Gaazexeesaa Abdii Gadaa OBS irra kan hojjataa tureefi yeroo ammaa mana hidhaa giddugaleessaa kess jirudha.
Odeeffannoon kun kan argame har’a naannoo sa’aa shaniitti DHRTVO waajjira itti aanaa DAARIKTERAATTI CUFATANII YEROO MARI’ATAN KAN DHAGA’ETU NAAF HEERE.

Tooftan kaayyoo kanaas abbaa qabeenyaa kana qabeenyasaa saamuufi hojisaa dhabamsiisuu akka ta’e nibeekama. Kanaafis ragaan sobaa hedduun qindaa’aa waan jiruuf uummanni Oromoo akka falmachuu qabu dhaamsa kana ittiin naaf gahi.


Source of the following is wikipedia

Dinquu Dayyaasaa abbaa qabeenyaa fi tola-oolaa yoo ta’u abbaa Koolleejjii Riifti Vaaliti. Dinquun dhaabbata Televizyiinii tamsaasu kan Oromia Broadcast Service (OBS) jedhamus hundeesseera.

Dhaloota Isaa[edit | Lakkaddaa gulaali]
Dinquu Dayyaas Sululta bakka Gabreelii Leencaa jedhamutti dhalate. Abbaan Dinquu Dayyaasaa Abbaamakkoo ijoollee shantamii lama qaba. Dinquu ilmoo soddommii saddeettaffaa ta’ee dhalate. Dayyaasaan nama aangoo qabu yoo ta’u giraazmaachii ture. Feedhii aadaa Oromoo guddisuuf qaburraan kan ka’es, Dayyaasan miseensa Waldaa Wal-Gargaarsaa Maccaa fi Tuulamaa ture. Haatii Dinquu Daansee Gurmuu jedhamti.

Dinquu Dayyaas Sulultatti haa dhalatu malee kan guddate garuu Aanaa Boosat, Ganda Rukeecha fi Boqoree keessatti. Dinquun barnoota sadarkkaa tokkoffaa fi giddu-galeessa lammaffaa Mana Barumsa Walancitiitti kan barate yoo ta’u mana barumsaa ga’uuf naannoo sa’aatii sadi’ii deema ture. Barnoota sadarkaa lammaffaa ammoo magaalaa Adaamaatti Mana Barumsa Haawaasitti barate.

Qabeenya Horachuusaa[edit | Lakkaddaa gulaali]
Abbaan Dinquu Dayyaas, Dinquun akka qotatuu fi of danda’uuf qotiyyoota cimdii lamaa fi lafa qarxii afurtamii shan hojjattoota wajjin kenneefi. Haala kanaan Dinquun barachaa fi qotachaa ture. Dinquun sangaa gabbisuun bu’aa guddaa akka qabu waan hubateef xaafii sirriitti qotee gurguruun sangaa gabbisuu jalqabe. Sangaa gabbisuu qofaan osoo hin daangeffamin, baaburri midhaan daaku waan hin jirreef, Dinquun kana hubachuudhan baabura midhaanii iddoo Tirii Sangootaa jedhamutti dhaabe.

Haala kanaan qabeenya horachaa kan deeme Dinquun, bara 1998 gamoo Naa’ol jedhamu magaalaa Adaamaatti ijaare. Gamoon kun yeroo amma (bara 2015) hoospitaalaa fi koollejjii fayyaa ta’uun tajaajilla jira. Itti aansun bara 1999 mana barumsa sadarkaa tokkoffaa kan NFYD Lakkoofsa 1 jedhamu magaalaa Adaamaatti ijaare. Boodarras ol guddachuun manni barumsaa kun barattoota oolmaa daa’immaniirraa kaasee hanga qophaa’inaatti barsiisaa jira. Yeroo amma magaalaa Adaamaa keessa manni barumsa kun lama yoo ta’u magaalota kan biraattis babal’achaa jira. Itti fufuun, bara 2000 Dinquun Koolleejjii Riifti Vaalii hundeesse. Koollejjiin kun sadarkaa olaanatiin barsiisaa waan tureef battalumatti gara yuunivarsiitii koollejjiitti ol guddate. Yeroo ammaa Koollejjiin Yuunivarsiitii Riifti Vaalii kaampaasii kudha shan kan qabu yoo ta’u walumaa galatti barattoota 120,000 yoo qabaatu kana keessa 78,000 barattoota idilee fi 42,000 ammoo barattoota barnoota fageenyaa baratani.

Tola Ooltummaa[edit | Lakkaddaa gulaali]
Koollejjii Yuunivariitii Riifti Vaalii keessatti, Dinquun barattoota harka qalleeyyii fi gargaarsa hin qabne tola akka baratan carraa iskoolaarshiippii kenneefii barsiisun beekkama. Akkaataa kanaan barattoonni kuma baayyee ta’an hanga ammaatti Riifti Vaalitti baratanii eebbifamaniiru.

Dinquun artistoota Oromoo fi namoota kaanis gargaarun beekkama. Weellistoota Oromoo Nuhoo Goobanaa, Sayyoo (Tsaggaayee) Daandanaa, Laggasaa Abdii fi Halloo Dawwee dhukkubstanii yeroo gargaarsa barbaadaniitti, Dinquun gargaarsa maallaqaa fi yaalchisuu godheeraafi. Hunda isaanitiiyyuu mata mataan qarshii 100,000 kan kenneef yoo ta’u lafa mana jireenyaaf ta’u magaalaa Adaamaa keessatti kenneeraafi. Yoon kan dhukkubsatan ta’e ammoo Hoospitaala Riifti Vaaliitti akka tolaan yaallaman godheera.