“Dhimmi Obbo Dinquun walqabate jiru duula waggoota dhibbaa oliif nafxanyaan dinagdeen Oromoo akka hin guddanneef

“Dhimmi Obbo Dinquun walqabate jiru duula waggoota dhibbaa oliif nafxanyaan dinagdeen Oromoo akka hin guddanneef

KMN:- Waxabajjii 10/2020
===================
marii Prf. izqi’eel Gabbisaa waliin mata dureewwan;-
1, Hojii gadi lakkisuu Af-yaa’ii mana maree federeeshinii
2, Marii mana maree bakka buutota ummataa fi 3, dhimma “WARRAAQSA GALAANA UMMATAA’


#Bilxiginnaa_Gawwaadha

Jarre jaanjoftuun tunneen waan darbe irraa waa baruu hin danda’a aggaamiin #Jawaar irratti raawwatte sunuu ni fashale ni kasaarte ummanni aggamii san hadheeffatee gadi bahee falmate ummata nagayaan hiriira nagayaa ba’ee deebii mootummaa irraa barbaada jedhee karaa nagayaatiin socho’aa jiru #Nafxanyaa lubbuun hafuu #Jawaariitti gaddite ijoollee guddaaf xiqqoo oromootti rasaasa roobsite lubbuu nama #86 galaafatte san as deebitee qaanyii jalaa ba’uuf #Jawaartu ajjeesisiise jette hamma har’as jechutti jirti ummanni Jawaariif ba’ee utuu karaa irra Jiruu #Jawaarumti amma gahee falmattanii naaf galaa karaa cuftanis banaa deebii gaafadhee waan irra gahe isiniif ibsaa jedhee ummata karaa irraa galche wanni sun garuu achii buutee ta’e utuu gaafas hamma jarri harka micciiramtee deebii gahaa kennituufitti qabsoon itti fufee dhaadannoon har’aa kun hin dhufu

#Ammaa_Maaliidha?
Jarreen dubbii hedduu fayyadamte shira hedduu fayyadamte hin milkoofne amma #Kawaariin tuqxee ajjeecha akka gaafa sanii deebisuu feeti ajjeechaa keessa bu’aa siyaasaa barbaachuu feeti
Gaafa duraa ajjeechas namoota ((86) kan raawwate #Nafxanyaa ture kan ammaa garuu mootummaan waraana isaatiin ummata duguuguuf jira kana dura dhaabbannee falmina diraamaa dhumee dhiisaa jechuunii qabna

Ajjeechaa isaan tooftaan oromoo irratti labsaaran kana dursinee hubannee of irraa dhoorkin
Lubbuu hayyoo oromoo mitii lubbuu ilmaan oromoo kan guyyaa irraa guyyatti hobbaasaa jiruu akka dhaabu akeekkachiifna

~by Usmaan Waariyoo Heeban.


#Finfinnee (Inbox)

“Waa’e Sodaree!

“Dhimmi Obbo Dinquun walqabate jiru duula waggoota dhibbaa oliif nafxanyaan dinagdeen Oromo akka hin guddanneef qabeenya isaa mara dhaaluuf karoorfate ammas ilmaan isaa itti jirani. Wanti dhimma nama dhunfaa ti miti, kaayyoo Oromoo dinagdeen ala godhuun gabrummaa keessa tursisuuf hojjachaa turani. Duri kaase hanga ammaa humnaaf seera fayydamuun Oromoo lafa isaa irraa buqisuun, qabeenya isaa saamuun, kan keessaa tattaafatu balleessuun toftaa warri itti fayyadamaa tureef jiru. Oromoon qabeenya isaa irratti abbomu (abaa ta’u) akka hin dandeenye godhuun hiyyumaa keessatti hanbisuun waan duri irraa kaase hanga ammaa raawwataa turanif jirani. Kana ammo mootummoota biyya bulchaa jiran keessa seera isaani toluu baaffachuun raawwataa kan turaniif itti jirani. Kan fagoo hafee haala amma jiru yoo ilaallu, Amaan tana biyya kana keessatti Abiiy Ahimadif PPn isaaf,
• Kan nama muduuf kaasu abooti qabeenyaa saba Amaaratti
• Kana abbaa fedhe ajjeesisu fi hisisuu abbooti qabeenyaa nafxanyaati
• Ijaarsa seeran alaa kan faayinaansi godhu abooti qabeenyaa Amaarati
• Kan biyya saamuuf hataa jiru abooti qabeenyaa nafxanyaaf jala kaatoota isaanitti
• Liqii baankii irraa fudhatani waan fedhan erga ittin hojjatani booda kan liqii haqsisaa jiran ilmaan nafxanyaati
• Daldala meeshaa waraana seeran alaa irratti kan boba’e jiru jaruma kana. Nafxanyaa Oromiyaa keessa jiruus kan hidhachise jaruma kana.
• Maqaa invastimantiin lafa FF fi Oromiyaa keessa jiru kan saamaa jiru jaruma kana.
• Midiyaalee dhunfaa saba biraa arabsaniif jibba ofan kan dhabeef deeggarsa godhu jara kana.
• Walitti bu’insa amantaa fi sabaa akka umamu kana godhaa jiruus jaruma kana.
• Manni murti fedhi jaraa eege waan fedhan murteessa kkf.
FKN;

Ministeera dhimma alaa irraa Wariqinaa Gabayyoo, Ministeera gali irraa Adaanach Abebe, Ministeera Haqaa irraa Biraanu Xagaayyee, Baanki daldala Xophiyaa iraa Baacaa Ginnaa akkamiin ka’an, dhibbaa eenyuun ka’an. Maal barbaada namoota kana achi irraa kaasisan kan jedhu namu ni hubata. MM fedhi isaani guutuuf namoota kana kan kaasee yoo ta’u iddoo isaanumaan mari’ate namoota waljala jijjire jira. Guyyaa Dr. Ambaachoon faa du’an sana jarri kuni Biraani Xagaayeef oromoota sabbonumaa qaban ajjessuuf yaalani akka turan ni beeknaa.

Kan biraa hafe duula midiyaan Lamaa Magarsaa irratti isaan wayiti tokko banan (deemograafi FF jijjiruu, abooti qabeenya irraa lafa fudhe qeeroof keenne, seera Oromoo deeggaru baasaa jira kkf ) MM Oromoo cabsuu fedhu kuni Lamaa kaasuuf haala mijataa akka argateef, naannoo Oromoo laamisheessu keessatti gahe qabu. Sana booda Shimalis nuti barsisee, nutu fidee kkf jechaa turuun isaani ni yaadatama. Midiyaaf (ESAT, AHADU, kkf) aktivistotni isaani Alamuu Simee, Awalu fi Taayyee faa akka iddoon keennamuuf dhibbaa isaan godhaa turanif bu’aa isaa kanuma argine.

Jarri kuni ministeera fayyaa kan ture Dr. Amir Amin Zayiti qulqullina hin qabne galchina jedhani waan dideed dhibbaa iraan gahaa turaniin hojii gadi dhisuun ni beekama.
Gareen Nafxanyaa kunis kan hogganamu nama Ababaaw Taaddasaa jedhumu (abbaa “Star business group”f Baankii Absinyaa %40 qabu), Warquu Ayitanaw, Balaayina Kindee fi Tamasgan (abba Gamoo Dabraworq, Meekiskoo) faa akka ta’e ni beekama. Baanki Amaaraa jedhamuus % 80 ol jara kanatu dhunfate. Jarri kuni abbaa qabeenyaa Sogida Afaariti Omishaa ture Sayiid Yaasiin nama jedhamu hojiin ala (deeggarsa Damaqaaf Gadutiin) godhani warshaa sogidaa irraa fudhachuun isaani ni beekama. Waaltaaf Faanaan nama kana irratti illee “documentary” hojjachuun isaani ni yaadatama.

Koroonaan walqabate yeroo manni dhunfaa keenname, Warquu Ayitanew lammi Xoophiyaa yoo jedhamu Dinquu D. immoo namni tokko jedhame gabaasamu isaas yaadanno dhiyooti.
Kanaaf dubbiin amma isaan itti deemaa jiran waa’e Dinquu osoo hin taane shira akka sabaatti Oromoo irratti deemaa jiru. Falli isaas sirna bittaa nafxanyaa kana of irraa kaasuu qofa.
“Dhugaa qabnaa, Ni Moo’anna!
“Finfinne irraa.”

Via: Tsegaye Ararssa


Waraabessa Kan dur caalaa jabaatee nutti dhufe ergamtuu nafxanyaa ABIY jedhamu kana yeroon of irraa golaabuuf sabnii hundi qabsoon of irraa geggesuuf of irratti murteessuu qaba.

ከሶደሬ ሪዞርት ጀርባ – የዋልታ ምርመራ ዘገባ