Dhimma filannoo irratti dhaabni ABO maalirra akka jiru, 

Above Single Post

Dhimma filannoo irratti dhaabni ABO maalirra akka jiru, 

Biqilaa Amanuu Abbaashomaatiin gabaasame.

(22 Hagayya 2019, Finfinnee, Oromiyaaa) Waajjira ABO Gullalleetti guyyaa har’aa (Hagayya 22/2019) ilmaan Oromoo fedhii isaaniitiin bakka adda addaarraa wal dubbisanii haala ABOn keessa jiruufi kallattii gara fuulduraa gaafachuuf argamanii turan. Wantoota gaaffii ta’an qabxii gurguddaa qabatanii akka miseensaafi deeggaraa dhaabichaatti yaada tumsaaf ta’us qabatanii deemaniiru. Namoonni kunis kallattiidhaan Hayyu Duree ABO jaal Daawud Ibsaa bira deemuun yaada isaanii ibsatan. Gaaffii qabanis gaafatanii hubannoo argatanii deebi’an. Wantoota akka gaaffiitti isaan kaasan:

– Dhimma filannoo irratti dhaabni ABO maalirra akka jiru,
– Dhaabicha laaffisuufi dhabamsiisuuf aggaammii itti aggaamamaa jiru dandamachuuf ABOn hagam jabina akka qabu (Akkuma beekamu maqaa ABOtiin gareen wayii Soodareetti ijaaramee socho’aa waan jiruuf burjaajjii dhalatuu malu hanqisuuf murtoon dhaabaa maal akka ta’e gaafatan.)
– Rakkinoota keessoo fi alaan dhaabichatti gufuu ta’aniif furmaata akkamiitu akka jiru
– Haalli Qabsoo Bilisummaa Oromoo waliigalaa akkamitti deemaa akka jiru
– Miseensotaafi deeggartoota dhaabichaa jumlaan hidhamaa jiraniif dhaabni maal yaadaa akka jiru fi kkf irratti akka gaaffiitti dhaabichaaf dhiyeessan.

Hayyu Dureen ABO jaal Daawud Ibsaas gaaffiiwwan kanaaf deebii kennaniin:
– Dhimma filannootiif ABOn waan irraa eegamuu fi waan ulaagaan boordii filannoo barbaadu hunda guutee deebii boordii filannoo qofa eegaa akka jiru ibsan. Akkuma deebii boordii filannoo argataniin miidiyaaf akka ibsan himan. – Dhaaba ABO kana laaffisuuf ykn dhabamsiisuuf aggaammiin jiru guddaa ta’uu hubachiisuun, ABOn uummata isaa fi dhugaa qabatee akka irra aanuu danda’u ibsan. Kana keessatti ABOn kaayyoo waan ta’eef ABOn lama akka hin jirre BBC News Afaan Oromoo irratti akkuma ibsinetti uummannis sana hubachuu akka qabu akeekan.
– Rakkinoota keessoofi alaa dhaabichaa furuudhaaf xiyyeeffannaan kan hojjetamuufi kunis qabsoo dhaabichaafi uummataan akka furamu ibsan.

– Haalli Qabsoon Bilisummaa Oromoo itti deemaa jiru ammatti kallattii nagaatiin gaaffii uummata Oromoo baroota dheeraa akka deebi’uuf qabsaa’aa jiraachuufi ejjennoon qabsoo karaa nagaa ABOn itti jiru haga deemamuu danda’u deemuu akka qabuufi yaanni jijjiirame kan hin jirre ta’uu ibsan.
– Dhimma hidhamtoota miseensotaafi deeggartoota ABO irratti sochiin ABOn nagaan uummata keessa socho’uu qabu danqaan itti hedduummachuurraa kan ka’e dhaabichuu haala rakkisaa keessa akka jiru ibsanii, miseensota dhaabichaa haala kanaan hidhuun dhaabicha laaffisuuf hojii hojjetamaa jiru ta’uu himan.

Kanuma cinatti, uummanni Oromoo haala rakkisaa kana keessa darbuuf kutannoon akka of jabeessuu qabu dhaamaniiru.

Namoonni haala kanaan gaaffii fi yaada isaanii ibsachuuf argamanis haala kam keessattuu ABO waliin akka jiraniifi aarsaa barbaachisu kaffalanii kaayyoo qabsoo kanaa tikfachuu akka qaban ibsaniiru.


Mootummaan Itoophiyaa ABO laaffisee filannootti galmeessuuf yaadaa ture. Maqaa adda addaa itti maxxansee, yakka ABOn hin dalagne ABOtti maxxansee akka uummanni ABO jibbu gochuudhaan fi hiriira baasee ABO balaaleffachiisuuf waan hedduu dalage mootummaan. Kana malees, garee waggaa hedduu dura ABO keessatti rakkoo uumee ABOrraa achi ba’ee dhaabicha balleessuuf dalagaa turan, warra waa’ee qabsoo Bilisummaa dagatanii faca’anii biyya ormaa keessa turan, warra nama lamaanuu taa’ee waa’ee qabsoo Oromoo mari’atee hin beekne waamee paartii godhee ijaare.

Paartii gochuu qofa utuu hin taane, “isintu ABOdha” jechuun holola burjaajjessaa oofaa turan. Namoonni kun gaafa gara biyyaa deebi’an “nuti mootummaa deeggaruuf galle, nuti maqaa qofaan malee ijaaramnee wal geenyee akka dhaabaatti hojjennee hin beeknu” jedhaa turan. Har’a garuu “nu malee ABOn hin jiru” jedhanii mootummaadhaan ijaaramanii as ba’an. Soodareetti walga’anii ABO’ummaa labsatan. Dhaaba dhugaafi sirrii sana akka uummanni balfuufi shakkii irraa qabaatu taasisuuf yaalan. ABOn waa’ee filannoofi sochii nagaa utuu hogganni gara biyyaatti hin galiin Ertiraatti mootummaa waliin waliif galan. Mootummaan waliigaltee sana cabsee ABO balleessuuf hojjechuutti ka’e.

Mootummaan erga uummanni holola mootummaatiin ABO jibbuu dhiisee dirqamaan dhiibanii filannoo fi sochii nagaa keessaa baasuurratti hojjechuu eegalaniiru. Warri “nu malee ABOn hin jiru” jedhanii shiraan ijaaraman kun ammammoo achii as deebi’anii maqaa “tokkummaa dhaabota ABO” jedhuun dhufaa jiru. Warri ABO balleessuuf waggaa hedduu dalagan kun kan ammas ejjennoon isaanii ABO balleessuurraa adda hin taane ammas dhaabicha diiguu barbaadu. Kana uummanni Oromoo xiyyeeffannoo guddaan ilaalee dhaaba isaa kana baraaruu qaba.

ABOn nagaadhaan akka socho’uufi filannootti akka dhiyaatu gochuurraa of qusachuun mootummaa kanaa balaa guddaa biyya kanatti fida.

Biqilaa Amanuu Abbaashomaa

Below Single Post