‘Dhiittaan mirgoota namoomaa ji’a ja’an darban Tigraayitti raawwataman callifamee ilaalamuu hin qabu’-Aministii Internaashinaal

‘Dhiittaan mirgoota namoomaa ji’a ja’an darban Tigraayitti raawwataman callifamee ilaalamuu hin qabu’-Aministii Internaashinaal

Anga’oonni Afriikaafi addunyaa sababa waraana geggeeffameen dhiittaa mirgoota namoomaafi kabajamuu dhabuu seerota deeggarsa idil-addunyaa baatiiwwan jahan darbaniif Naannoo Tigraay goolaa ture ilaalchisuun dubbachuu qabu jedhe Aminastii Intarnaashinaal.

(bbc)—-Waraanni Sadaasa 4, 2020 erga eegalee as, namoonni kumaatamni ajjeefamanii, kuma dhibbaan kan lakkaa’aman immoo biyyuma keessa qe’eerraa buqqa’anii jiru.

Kuma 60 ol ammoo Sudaaniin da’oo godhachuuf garasitti baqataniiru.

Aminastii Intarnaashinaal fi dhaabbileen biroos dhiitaa mirgoota namoomaa yakka waraanaa dabalatee sarbama namummaa ta’uu malan irratti ragaa hedduu walitti qabanii akka jiran ibsa dhaabbatichi.

Dubartootaa fi shammarran irratti miidhaa saalaa, gudeeddii gareedhaan ta’uun loltoota Itoophiyaafi Eertiraatiin raawwataman irrattis gabaasonni jiru jedha Aministiin ibsa isaa kanaan.

‘‘Erga lolli eegalee ji’oonni jaha darbanii, sarbama mirga namoomaa ga’eefi seeronni deeggarsaa idil-addunyaa cabuu agarsiisuuf ragaan jiraatus, Gamtaan Afriikaas ta’e Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii dhimmicha irratti deebiin kennan haala nama naasisuun ga’aa hin turre,’’ jedhani Deproos Mucheenaa, daayirektarri Aminastii Intarnaashinaal kan Bahaafi Kibba Afriikaa.

‘‘Manni Maree Nageenyaa UN haala hammaataa Tigraay keessa jiru irratti yaaddoo qabu ibsuuf yeroo itti fudhatee ture. Gamtaan Afriikaafi mootummoonni naannoo sana jiran yakka waraanaafi sarbama mirgoota namoomaa irratti raawwatameef wanti godhan badaa hin jiru.’’

Miidhama gama hundaan

Mootummaan Itoophiyaa gara Tigraay deemnee himannaa sarbama mirgoota namoomaa ga’e jedhame qulqulleeffachuuf waamicha Aminastii Intarnaashinaal irraa dhiyaate fudhachuu didee, akkaataa naannicha waliin wal-qunnaman ammas ulfaataa ta’ee jira jedha Aministii Internaashinaal.

Haata’u malee, xiinxala suuraawwan saatalaayitiifi viidiyoowwan adda baasuu dabalatee, maloota garagaraatti fayyadamuun yakkoota raawwataman irratti ragaa walitti qabanneerra jedha ibsi dhaabbatichaa.

Dabalataanis lammiilee naannoo Tigraayi jiraniifi baqattoota Sudaan Bahaa jiran bilbilaafi qaamaan argamuun dubbisnee jirra jedheera.

Ajjeechaawwan raawwataman keessaas, Lixa Tigraayi, Maayi_Kaadraa keessatti Sadaasa 9-10 gidduutti ajjeechaa siiviilota dhibbaan lakkaa’aman irratti loltoota kan loltoota TPLF’n raawwatameera jedhameefi isa hordofuun dhalattoota Tigraayi irratti aggaammatamuun namoonni hedduun ajjeefamuufi qabeenyi saamamuufi jumlaadhaan hidhamuu gabaasonni naga’aniiru jedha, Aminastiin.

Sadaasa 28-29 gidduu, loltoonni Ertiraa jiraattota dhibbaan lakkaa’aman Aksuum keessatti ajjeesuu bareen jira, kunis ‘yakka namummaa irratti raawwatamuun’ qixadha jedha.

Adwaa keessattimmoo jedha Aminastiin, gaafa Eebla 12, 2021 namoota nagaa irratti adda osoo hin basin dhukaasuun nama sadii ajjeesanii 19 kan ta’an madaa’aniiru.

CNN waliin ta’uun hojii hojjenneen ammoo, Amajjii 15, 2021, dhiyeenya Aksuum bakka Maahibara Degoo jedhamutti loltoota Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaatiin namoonni ajaja mana murtii malee jumlaadhaan ajjeefamuu adda baafanneerra jedheera.

Erga Tigraayi keessa akka sochoo’aniif hayyama argatanii boodallee, dhaabbileen idil-addunyaafi miidiyaaleen achi deemuun waan nuti jechaa turreefi gabaasota dhiittaa mirgoota namoomaa haaraafi hamaa ta’an gabaasaa turani.

Himannaawwan kanneen keessaas, Lixa Tigraayi naannoo Humna Addaa Amaaraa fi Faannoo akkasumas milishaa Amaaraatiin to’atamee jiru keessatti duguuggiin sanyii raawwatameefi humnaan namoota kumaatama kudhaniin lakkaa’aman qe’eesaaniirraa buqqisuun ni eeramu.

Aminastii Intarnaashinaal himannaawwan kunneen ofiin adda baasuu danda’uu baatus, qorannoo geggeessuu itti fufas jedhe.

Dabalataanis, dirqisiisanii gudeeduufi miidhaan saalaa wal-qabatan dubartootaafi shamarran Tigraayi irratti xiyyeeffachuun guutuu Tigraayitti raawwatamaa turaniiru.

Gabaasni dhiyeenya kana eejansiiwwan UN fi dhaabbilee miti mootummaa birootiin dhiyaateen akka jedhanitti, ‘‘miidhaa dubartoota irratti ga’aa jira jedhameefi gargaarsi ammeentaa miidhaa raawwateen qaqqabaa jiraachuu hafuusaatiin hedduu akka rifatan,’’ agarsiisu.

Kun akkuma jirutti, eejansiiwwan gargaarsaa akka jedhanitti, hoospitaalonniifi dhaabbileen fayyaa Tigraayi keessa jiran akka haleelamniifi saamamanidha.

“Dubartoonni Tigraayi osoo addunyaan argaa jiruu miidhaan saalaa irra ga’aa jiraachuun waan haalamu miti. Hoospitaalonniifi dhaabbileen gargaarsaa akka isaan hin gargaarreef ammoo, dhiyeessiin addaan cite meeshaaleen ga’aa ta’anis hin jirani,’’ jedhani Deproos Mucheenaa.

Gargaarsi namoomaa danqamuufi soda beelaa

Qaamoleen waraana Tigraayi kanarratti hirmaatan hundi gargaarsa namoomaaf karaa akka saaqaniif Aminastii Intarnaashinaal wayiwaataa ture. Eebla 27 irraa kaasee jijjiiramni jiraachuu kan hime UN, ‘‘haalli Tigraayi keessa jiru ammas yaaddessaa ta’uufi qaamoleen gargaarsaa yeroodhaan gargaarsa qaqqabsiisuuf rakkaachaa jiru,’’ jedhee ture.

Dhuma ji’a Bitootessaarra dhaabbanni arjoomaa ‘Médecins Sans Frontières (MSF)’ jedhamu yaaliin ergama gara Maqaleetti gochuuf ture yeroo lama haala badaa ta’een duraa dhaabsifameera.

Jalqaba wayita dhaabsifamanitti, loltoonni daandii biratti namoota osoo manni murtii irratti hin murteessin jumlaan osoo ajjeesanii argani, fageenya gabaabaan boodas loltoonni konkolaataa MSF dhaabsisuun konkolaachisaa lammii Itoophiyaa harkisanii buusuun qabannoo qawweedhaan erga rukutanii booda ajjeesuuf itti dhaadatani, akka gabaasni Aminastii jedhutti.

Naannolee qonnaa Tigraayi keessa jiranirraa ummanni akka buqqa’u godhamuun, midhaan maasiirra ture barbaadaa’uufi kan kuusaa keessa ture saamamuun isaanii, UN fi qaamoleen biroos hanqinni nyaataa ‘‘hammaataan’’ mudachuurra darbee, beelli mudachuu danda’a jechuun akeekkachiisaa turani.

Kun osoo jiruu, hokkoriifi walitti bu’iinsi keessumaa Naannolee Amaaraa, Beenishaangul Gumuz fi Oromiyaa keessatti namoota siiviilii irratti aggaammates yaaddeessaadha jedheera ibsi dhaabbata mirga namoomaa kun.

Naannoo Amaaraatti iddoowwan Cilgaa, Godina Shawaa Kaabaa fi Godina Addaa Saba Oromoo keessatti haleellaawwan mudataniin alatti, Beenishaangul Gumuz Godina Matakalitti haleellaan hidhattootaan raawwatameera.

Godinaalee Lixa Oromiyaa keessattis Sadaasa 2020 irraa kaasee hidhattoonni dhalattoota Amaaraa irratti haleellaa raawwachaa turani jedheera gabaasichi.

“Qorannoon walabaa idil-addunyaa geggeeffamee himannaan sarbama mirgootaa qaamolee hindaan raawwatamaniiru jedhaman adda ba’uun, warreen balleessan seeratti dhiyaatanii yeroo itti aanuuf wanti akkasii iddoo akka hin qabne ittiin barsiisuun barbaachisaadha,” jedhani Deproos Mucheenaa.

“Haata’u malee deebiin idl-addunyaa akkuma kanatti qabbanaa’ee itti fufa taanaan, haalli hammaataa amma jiru daran itti fufee to’annoon ala carraan itti ta’uuf malus nijira,” jedhaniiru daayirektarri kun.