Site icon Kichuu

Dhageettiin Sirboota Afaan Oromoo YouTube irratti akkamiin wayyaa’uu eegale?

Dhageettiin Sirboota Afaan Oromoo YouTube irratti akkamiin wayyaa’uu eegale?

Aartistonni Afaan Oromootiin walleewwan garaagaraa hojjetan akkaataa eeganiin irraa fayyadamuu dhabuusaanii kaasaa turanis yeroo dhiyoo as garuu fudhatamummaan walleewwan Afaan Oromoo dabalaa jira.

(bbc)—Weellistoonni hedduun kilippiiwwan sadarkaasaanii eeggatan hojjechuudhaan waan miira dorgommii keessa galan fakkaatu.

Walleewwan Afaan Oromoon hojjetaman sadarkaa biyyaarra darbanii, biyyoota bahaa fi lixa Afriikaa tokko tokko keessattillee hanga dhageettii argachuutti ga’aa jiru.

Namoonni walleewwan fooyyee qaban filanii yaada irratti kennan sirboota Oromoo hedduu filatanii irratti dubbataa jiru.

Fakkeenyaaf Weellisaa Galaanaa Gaaromsaa kan weellise Wal Agarraa, kan Artist Andu’alam Gosaa Darbee laallaa, kan Artist Margituu Worqinaa Obomboleettii, kan Fayyisaa Furii Qondaala, Kan Guutuu Abarraa Hawwaanawwa fi walleewwan kilippiidhaan hojjetaman hedduun dhageettii guddaa argataniiru.

Weellistoota Oromoo biratti jijjiiramni kun akkamiin dhufuu danda’e? maaltummoo hafa?

Sirboota kunneen dabalatee kanneen biroo hedduu chaanaalii YouTube isaarratti fe’uun kan beekamu ‘Vision Entertainment’ kan hundeessee fi amma olaantummaan kan hoogganu Birraa Gammadii waliin turtii taasifneerra.

‘Artistoonni xiiqii fi dorgommii keessa galan’

Itoophiyaa keessatti uummanni Oromoo saboota kaanirra heddummina qabaatus, walleen Afaan Oromoon hojjetaman garuu hagas mara fudhatamuu dhabuun(dhageettii hedduu dhabuu) weellistoota keessatti xiiqii uumeera jedha Birraa Gammadii.

Waltajjii(Pilaatfoormii) Artistoonni Oromoo itti fayyadaman, Vison Entertainment hundeessuufis kun akka isa kakaase hima.

”Uummanni Oromoo uummata miiliyoona 50 caalu ta’ee yeroo sirbi Afaan Oromoo ba’u garuu nama muraasatu ilaala. Uummnni lakkoofsi isaanii xiqqoo ta’an ammoo walleensaanii kan Afaan Oromoo caalaa ilaalamaa ture. Kanatu nu aarsee akka dhaabbata kana hundeessinu nu dirqamsiise.”

Rakkoo guddaan Aartiin Oromoo qaama abbaa itti ta’ee mataa walitti qabu dhabuusaati jedha Birraan.

”Akkaataa viidiyoon itti hojjetamurraa jalqabee hanga YouTube irratti fe’amuutti, adeemsi pirodaakshiniisaa hundinuu rakkoo qaba ture. Qaamni ijoollee ciccimtuu filee, viidiyoo fi sagaleerraa eegalee hanga wallee hojjetanii xumuruutti bira dhaabatu hin jiru. Jaarmiyaan ulaagaa (standard) kaa’ee qulqullinarratti xiyyeeffate hojjetu dhibuun rakkoo ijoodha.”

Hojiin qulqullina qabu hojjetamuunsaa Aartiin Oromoo, uummata Oromoo bira taree sabota biraanillee akka daawwatamu godheera kan jedhu Birraan, ”sirboota keenyarratti yaada kan kennan (reaction) saboota Itoophiyaa biroo fi namoota Afriikaati,” jedha.

Sirboota Oromoo YouTube irratti…

Walleen Afaan Oromoon hojjetamaa turan hedduun kanaan dura dhageettii guddaa hawaasa bal’aa biraa argachuu dhabuusaaniin alatti seera ittiin bulmaata YouTube cabsan jedhamuun haqamaa turan.

Sirboonni Afaan Oromoo heddumminaan hojjechuun kan beekamu Raayyaa Istuudiyoonis sababuma walfakkaatuun akka cufamee ture nutis iyyaafannee turre.

Erga haalonni akkasii hammaatanii as walleen Afaan Oromoon hojjetaman qabbanaa’anii turan, weellistoonni kaan hojii aartiillee kan dhiisanii ba’an jiru jedha Birraan.

”Dhaabbati Vision Entertainment rakkoo walfakkaataa keessa akka hin galleef jecha ulaagaa barbaadamu hunda guunnee hojjetaa jirra.’

”Nuti kan goonu aartiin Oromoo akka sadarkaasaa eeggatee hojjetamuudha. Dhaabbati kun biraandii akka ta’uu fi aartistoonni keenya akka irraa fayyadaman ifaajaa jirra,” jedhe.

Weellistoonni Oromoo yeroo baayyee hacuuccaa jala jiraachuu fi rakkoo maallaqaa qabaachuu himatu.

Rakkoo weellistoonni kaasan kanaaf qaama furmaataa ta’uuf akka hojjetaa jiran hima Birraan.

”Ijoolleen keenya maallaqa ittiin hojii sadarkaasaa eeggate hojjetan hin qaban. Kanaaf nuti chaanaaliin keenya brand ta’ee, ijoolleen Oromoo akka wallee isaanii irratti fe’atan goone. Sirbooti sadarkaasaanii hin eegganne akka sirratan goona. Artistoonnillee waan qulqullina qabu hojjechuuf akka dorgommii fi xiiqii keessa seenan gooneerra,” jedhe.

Hundaa ol ammoo qajeeltoo YouTube’n akka seeraatti kaa’atee jiru hordofuun dirqama jedha Birraan.

”Artistoonni Oromoo wayita nama wayii maqaa dhahanii sirban dhagahama, kunimmoo dubbii jibbiinsaa(hate speech) jalatti nama himachiisa. Ijoolleen keenya hedduun jechoota haasaa jibbiinsaa jalatti ramadamaniin miidhamaa turan.”

Kanaan dura weellistoonni Oromoo hedduun seera ittiin bulmaata YouTube kanarratti hubannoo hin qaban kan jedhu Birraan, hubannoo cimsuurrattis akka hojjetan hima.

”Waan fedhan kallattiin osoo hin taane afaan aartiitiin ibsachuun ni danda’ama. Fakkeenyaaf Artistiin tokko nama wayii maqaa waamee ajjeesaa! kan jedhu yoo ta’e YouTube’n hin eeyyamu. Nuti isa kana dursinee qorannee qajeeltoo kana kabajna.”

Qajeelfama ittiin bulmaata YouTube kabajuun alatti, walaloo fi yeedaloon akkaataa qalbii namaa hawwatuun akka qophaa’u ulaagaa keenyee hojjenna jedha Birraa Gammadii.

”Walaloon barreeffamu boca aartii qabaachuu qaba malee kallattiidhaan maqaa namaa fi sabaa kaasanii abaaruu fi ajjeesaa jechuun sirrii miti. Dabalataan kaameeraa ittiin waraabnu, qulqullina waraabbii fi bakka itti waraabnuufillee xiyyeeffannoo guddoo kennina.”

Aadaa, safuufi dhugaa Oromoo waan of keessaa qabuuf dursa kennina kan jedhu Birraan, ”akkaataan pirodaakshiniis ulaagaa keenya isa ijoodha,” jedha.

”Akka baay’ina uummatichaaf ammallee ga’aa miti”

Uummanni Oromoo akkuma heddummina isaa aadaa fi duudhaa hedduu qalbii namaa hawwatan qaba kan jedhu Birraan, ”Aadaan gosa hedduu kun osoo sirriitti ba’ee mul’atee uummata Oromoo qofa osoo hin taane sabni biraanillee waan ilaaluu danda’uudha,” jedha.

Haala kanaan dura tureen walbira qabamee wayita ilaalamu, yeroo dhiyoo as fudhatamummaan sirboota Oromoo baayyee nama jajjabeessa kan jedhu Birraan, garuu akkaataa baay’ina sabichaan ga’aa miti jedha.

”Qara nuti waggaa lamatti sirbi Afaan Oromoo yoo kuma 500, miiliyoona tokko argate, suuraa kaasnee akka milkaa’ina guddaatti maxxansaa turre. Amma garuu ji’a tokkotti nama miiliyoona tokko caaluun ilaalamuun waan baayyee nama boonsu,” jedha.

Milkii kana daran cimsuuf Artistoonni cimanii hojjechuu akkuma qaban, miidiyaa fi rogeeyyiirraas hojii guddaatu eegamas jedheera.

”Aartii guddisuufis qabsoo barbaachisa waan ta’eef keessatti hirmaachuun qooduu qabu, beeksisuu qabu. Afaan Oromoo qofa waan ta’eef osoo hin taane sirba istaandardii qabu jajjabeessuu qabu.”

Kanaan dura ijoolleen Oromoo Afaan Oromoon sirbuu hifatanii hanga gara Afaan biraan sirbuu yookiin dhiisuutti ga’aniiru.

Weellistoota muuziqaarraa fagaatanii tibbana itti deebi’an keessaa Artist Fayyisaa Furii tokko.

Wallee isaa ‘Qondaala’ jedhu kan daawwattoota hedduu argate akka milkaa’uuf namni qooda guddaa gumaache Birraa Gammadiiti.

”Amma seenaan duraa jijjiiramee inumaa afaan biraa irraa gara Afaan Oromootti fedhiin heddummaataa jira. Kun akka boodatti hin jennee fi kanarra akka cimu gochuuf miidiyaa fi rogeeyyiin miidiyaa hawaasummaarratti beekamanillee qooda gumaachuu qabu,” jedha Birraan.

Uummanni Oromoo waggoota hedduuf waanjoo garbummaa ofirraa qolachaa kan jiraate waan ta’eef aartiin Oromoollee waa’ee madaa isaarratti kan xiyyeeffateedha jedha Birraan.

”Keenya yeroo waanjoo garbummaan wal’aansoo qabu, uummati biraan kan haalli mijateef damee aartii irratti invest godhanii hojjetaa turan. Damee muuziqaa akka kubbaaniyyaa guddaatti irratti hojjetaa turan. Keenya garuu weellisaadhumatu carraa argateen tattaafata malee kan cinaa dhabbatee deggeru hin jiru.”

”Maqaa sirba Afaan Oromootiin ispoonsara gaafachuunillee qaanii ture, sirba Oromoo taanaan namni nama dubbisuyyuu hin jiru ture. Kun hundi artistoota Oromoo hamilee tuqee, aartiinillee akka hin guddanne danqeera.”

Uummanni Oromoo seenaa duraa kaasee komachuu caalaa karaa ittiin aartiin guddachuu danda’urratti mala dhahuu qaba kan jedhu Birraan, ”karaa ittiin aartii Oromoo guddisna jennee yaadnu keessaa tokko dhaabbata Vision Entertainment kan hundeessineef kanaaafi,” jedhe.

”An wayita ijoolleen keenya sirbasaanii osoo maallaqa tokko itti hin argatin tola feesifachuuf namoota kadhatan ija kootiin argeen natti dhagahame. Chaanaalii keessanirratti naaf maxxansaa jedhanii kadhatu.”

”Har’a garuu sun jijjiirameera. Inumaa yeroo ammaa Chaanaaliiwwan hedduun sirboota Afaan Oromoo irratti hojjechuuf yaalaa jiru, view’n illee guddataa waan jiruuf. Kana boodallee cimuu qaba.”

Exit mobile version