Dhaddacha Bitootessa 13, 2013 manni murtii Federaalaa dhaddacha yakkaa Lidataa oole irratti, Obbo Baqqalaa Garbaa

Dhaddacha Bitootessa 13, 2013 manni murtii Federaalaa dhaddacha yakkaa Lidataa oole irratti, Obbo Baqqalaa Garbaa “Kanin ittiin himatame Ejjennoo Siyaasaa kootini” jechuun jecha waakkii kennataniiru.
Mana Murtii Olaanaa Federaalaa, Ramaddii Lidataa, Dhaddacha Farra Shororkaa fi Dhimmoota Heeraa 1ffaa jecha waakkiifi amantaa himatamtoota galmee Obbo Jawaar Mohammad Mohammad himatamanii dhaga’uuf gaafa Bitootessa 13, 2013 dhaddacha ta’uunsaa ni yaadatama. Olmaa dhaddachaa sanarratti, himatamtoota keessaa Himatamaa 1ffaafi 2ffaa dabalatee namoonni shan, himannoo ittiin himataman ilaalchisuun jecha waakkiifi amantaa mana murtichaaf, ‘Galma Haqaa’ Keessatti kennataniiru. Obbo Baqqalaa Garbaas, himannoo isaanitti dhihaate hedduun isaa himannaa sobaa ta’uu ibsuun, gariin ammoo ejjennoo siyaasaa isaan hordofan akkasumas mirga heeraafi uumamaan argatan kan sarbu ta’uu ibsanii turan. Guutuun jecha Obbo Baqqaalaas akka itti aanutti dhihaata.
 
 Kabajamaa Mana Murtii, yakkan ittiin himatame kana gabaabseetuma raawwadheera ykn hin raawwanne jedhee otoon deebisuu danda’ee silaa na tola ture. Garuu, himannaan kun waanan godhes waan hin goones, waanan jedhes waan hin jennes, waan ejjennoo siyaasaa koo ta’es kan hin taanes, walitti laaqee kan dhiyeesse waan ta’eef yaada koo xinnumallee babal’isee kennuuf dirqama natti ta’eera.
Kanneen yakka godhamanii himannaa keessatti ibsaman irra guddaan ejjennoowwan siyaasaa koo yoo ta’an isaanis:-
 
1. Sabaahimalee adda addaatti dhimma bahuun saboota sablammiiwwan walitti buusuu
2. Ummanni mootummaarratti akka kaka’u gochuu
3. Aangoo qaama aangoo mootummaarra jiruu Fulbaana 30 dhumata jechuu
4. Ummata Oromoo ajjeesaa fi fixaa kan ture Nafxanyaa dha. Sirna Naf_xa_nyaa jalatti buluu hin qabnu jettee
 
kakaasaa ega turtee booda du’a Artisti Hacaalaa Hundeessaa sababa godhachuudhaan du’a namoota baay’eef akkasumas manca’iinsa qabeenyaatiif sababa taatee jirta, kanneen jedhani dha.
Sadarkaa duraarratti, sabaa fi saba walitti buustee jirta kan jedhuun yakkameen jira. Dhimma kana ilaalchisee sabootni walqixxummaa fi nagaan akka waliin jiraataniif carraaqqii nuti waliin taasisne himatamaa 1ffaa Jawaar Mohaammad kan dubbate otoon irra hin deebine, ani guddinni koo, ejjennoon siyaasaa koo, amantaa fi gochi kan koo wantootan ittiin yakkame kanneen kan hin agarsiisne ta’uu gabaabumatti tuqee darbuun barbaada. Ijoollummaa koo kanan dabarsee fi barnoota koo sadarkaa duraa kanan hordofe amantaa Kiristaanummaatiin kanneen walitti firoomnee fi dhalattoota Saba Gumuz gita koo ta’an ka mana keenya taa’anii barachaa turan waliin ture.
 
Yeroo ummattoota Oromoo fi Gumuz kan waliif ollaa ta’an gidduutti waldhabdeen uumamee ture sanatti Himatamaa 1ffaa wajjiin rakkinicha furuuf gara iddoo sanaatti akkan deemuuf waan na dirqisiise keessa tokko jaalala ijoollummaa qabaachaa turre sana dha. Akka amantaa kootti, ilmi namaa walqixaa fi bilisa ta’ee uumamuu waanan amanuuf hawaasan keessatti argameen dafee walbaruuf, afaanii fi aadaa isaanii barachuuf kennaan qaba. Namoonni tokko tokko bakka tokko waggoota soddoomaaf afurtama jiraatanii afaan uummata keessa jiraatanii san biyya hin dubbanne keessatti, ani garuu waggoota hedduun dura gargaaraa eegumsa fayyaa ta’ee Godina Geede’oo keessatti Kilinika Garbootaa jedhamu keessatti yoon ramadamu turtii waggaa tokkoo keessatti, kabajaan ummatichaaf qaburraa kan ka’e, Afaan Geede’oo baree turjumaana tokko malee dhukkubsattoota yaaluu danda’eera.
 
Saboonni biyya keenyaa hedduun wayita ayyaanota isaanii kabajanii fi walgahii siyaasaa murteessaa gaggeeffatan affeeramee hordofeera. Ilaalcha siyaasaa kootiin ani dimokiraasii fi mariitti kanan amanu, tooftaa qabsoo ilaalchisee, tooftaa Maahatama Gaandii – Saatyagiraahaa fi tooftaa Maartiin Luutar Kiingi – qabsoo nagaa nama hordofu dha. Ilmi namaa kan madaalamuu qabu, bifa gogaa isaatiin otoo hin taane amala isaatiin ta’uu akka qabu, dubbii isaa jaalatamaa ‘Mul’atan Qaba” jedhu jabeessee kan keessatti dubbate, kitaaba falmaa mirga namoomaa beekkamaa, Maartiin Luutar Kiingi gara Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraatti hiikuudhaan, nutis nama kan madaaluu qabnu saba isaatiin osoo hin taane amala dhuunfaa isaanitiin akka ta’uu qabuuf yaadee muuxannoo akka irraa fudhannuuf yaalii godheen jira. Walumaagalatti, gara siyaasaatti seenuu kootiin duras ta’ee booda, dubbii kootiinis ta’ee barreeffamaan guyyaa tokkollee waan kabajaa saba tokko gadi buusu ykn gocha saba tokko xureessu raawwadhee hin beeku. Kana namuu narratti mirkaneessuuf hin danda’u. Dhugaan kana ta’ee otoo jiru namni akka anaatti maqaan isaa xureeffamee duulli jibbiinsaa irratti raawwatame jiraachuu isaa garuu ani hin beeku.
 
2ffaan, mootummaa irratti ummata kakaaftee jirta kan jedhu yoo tahu, biyya keenya keessatti mootummoota jijjiiramaa turan wajjiin, sababa amaloota isaaniitiin hariiroo gaarii akkan hin qabne hin haalu. Mootummaa waraanaa kan ta’e Darguu wajjiin otoo waliif hin galin barri isaa dhume; ADWUI’n dhufee otoo waggaa hin guunne na hidhe; Mana Murtii Olaanaa Federaalaa kanattis kunoo yeroo sadaffaaf dhiyaadheen jira. Bara 2002 ALH yeroo duula filannoo, weerara lafaa fi qonnaan bultoota lafarraa buqqisuu irratti qeeqa cimaa waanan dhiyeessef ilkaan natti ciniinamee, Yuunivarsitii Finfinnee magaaluma tana keessatti argamutti barsiisaa waanan tureef bara 2003 dareerraa waamanii na hidhanii, Solooloo deemtee leenjii waraanaa ABO fudhatte jedhamee himatamee, ragoota abbaan alangaa leenjiseen ragaan sobaa narratti bahamee waggoota afur hidhameen fixee bahe. Wantin yeroo sana godhe, gafuu/daba yeroo san ture dubbachuun, ummata mootummaarratti kakasuu ta’ee yoo lakkaa’ame, eeyyeen godheera.
 
Ammaas lammata bara 2008 saamichi lafaa, gafuun, ukkaamsaan, loogummaa fi adeemsi farra dimokiraasumma ija baasee yeroo ummata rakkisetti gocha sana mormuu kootiin shoororkeessummaan himatamee ammas/lammata mana hidhaa seene. Yeroo sanatti dhugumatti qabsoo karaa nagaatiif ummata kakaasuuf yaaleera. Paartiin aangoo irra ture dambalii mormii ummataa dandamachuu dadhabuu isaatiin humnoonni jijjiiramaa keessatti argaman miidiyaatti gadi ba’anii yaada ummataa deeggaruun “Shoororkeessitoonni nu’i, ummanni dogoggora hin qabu, cubbuu raawwanneerra, hanneerra” jedhanii dubbachuu jalqabuu isaaniitiin kanuma mana murtii dhufanii akka ragaa nuuf ba’an Muummicha Ministeera ammaa dabalatee angaa’ota olaanoo biroo ragaa ittisaatiin waamnee osoo beellama irra jirruu, paartichi haaroomsa keessoo isaatti godheen yeroo sanatti jijjiiramni olaanaa jedhame taasifamee himanni keenyaas addaan citee mana hidhaatii baane.
 
Jijjiiramni yeroo godhamu ummanni martuu abdii guddaa kan horate yoo ta’u aniis warra Waaqa galatoomfate keessaa tokkoon ture. Rabbiin/Waaqni kadhannaa keenya dhaga’ee namoota gaarii akka nuuf kennetti godheen fudhadhe. Haasawa Muummicha Ministiraa fi kanneen biroo onnee nama tuqu yoon dhaga’u baay’ee qalbii koo na booji’e. Kanarraa kan ka’e gara biyya alaa afeeramee yeroon deemetti, waltajjiileen irratti argame hundarratti mootummaa kana akka deeggaran kadhadheera. Waashingitan irraa hamma Niwyorki, Kawunsilii Atlantik irraa hamma Isteet Dippartimanti’tti deddeebi’ee gareen jijjiiramaa boqonnaa argatee dhaabbilee dimokiraatawaa jabeessee, filannoo milkaa’aa geggeessuu akka danda’u deeggarsi haa taasifamuuf jechuun falmeeraaf. Yeroo tokko inumaayyuu, amantaan garee kanarraa qabu irraa kan ka’e hoggantoota gaarii akkanaa erga argannee booda anaaf siyaasa mormii keessa turuun barbaachisaa ta’uu dhiisuu waan maluuf hojii koo idilee qofarratti daangeeffamuuf murteessuuf hamma yaaduutti ga’een ture. Garraamummaa ture.
 
Walumaagalatti jijjiiramichi ariitii kanaan hadiida isaarraa maqa jedhee yaadee hin beeku. Mana hidhaa kumoonni keessaa bahan kumoonni kudhan ni seenu jedhee hin yaadne. Maa’ikalaawiin tokko cufamee manneen barnootaa hundi Maa’ikalaawii namni itti hidhamu ta’a jedhee hin tilmaamne. Dargaggoonni harka duwwaa taankii dura dhaabbatanii qabsaawan ‘Shanee’ jedhamanii ajjeefamanii, hangana balleessine/dhabamsiisne jedhamee akka gootummaatti miidiyaadhaan labsama jedhee hin tilmaamne. Haati Oromoo lammata ni boochi/boossi jedhee gonkumaa hin yaadne. Biyyuma kana keessatti hayyuun baroota hedduuf hadhaa gidiraa dhandhamaa jiraate osoo jiruu diyaaspooraan alaa bararee dhufee lafa saammachaa waa’ee qabsoo hayyoota kana barsiisa jedhee gonkumaa hin yaadne ture. Hidhataan Mootummaa (Poolisiin, Waraanni) mana qonnaan bulaa gubaatii itti marsee dhiichisu ni jiraata jedhee tilmaamuu niin danda’a turee?
 
Paartiin biyya bulchu bakka lamatti fottoqee Raayyaan Ittisaa Biyyaa keenya dadhabaa ta’ee balbaloonni daangaa keenya alagaaf akkanatti banamu/saaqamu jedhee akkamiinan tilmaama? Paartiileen Mormitootaa “Isin Morkattoota” jedhamnee yoo xiqqaate moggaasa kanatti gammadnee osoo hin xumurin waajjiroonni keenya guututti cufamanii, miseensoonni keenya guututti hidhamanii, filannoo keessaa baafamna jennee gonkumaa hin yaadne. Dhibbeentaa sagaltamaa ol miidiyaaleen mootummaa fi miidiyaaleen dhuunfaa mootummaatti hirkatan too’annoo saba tokkoo jala ta’anii kanneen biroo irratti duulu jedhee hin tilmaamne ture. Gara jabinaa fi reeffa lakkaa’uu haala hin baratamneen akkanatti ni baranna jedhee hin yaadne.
 
Walumaagalatti dhugaa fi dharri saffisa hin eegamneen bakki isaanii wal jijjiiramee/geeddaramee wanti hundi (Aangoon, Qabeeny, Beekumsi, Amantaafi Dhaabbileen) kabaja yoo dhabu callisee ilaaluu dadhabuun koo akkan mootummaa irratti mormii kakaasuutti natti lakkaa’amee ta’uu danda’a. Akka paartii siyaasaatti gurmoofnee, hayyama seerawaa baafannee kan sochoonu, gocha mootummaa badaa akkanaa eeruudhaan, ummataaf beeksisnee, ifatti saaxiluu fi qeequudhaan akka sirraa’an karaa nagayaatiin dhiibbaa uumuufi. Akka lammii tokkoo fi hoggansa olaanaa dhaaba siyaasaa tokkootti gochoonni kun mirga koo qofa osoo hin taane dirqama kiyyasi.
 
Sadarkaa 3ffaarratti kanin ittiin yakkame ” aangoon seerawaa qaama aangoo mootummaa harkaa qabuu, Fulbaana 30 dhuma” jettee kakaaste kan jedhu dha. Biyyi teenya biyya Heera qabdu dha. Heerri keenya kun guduunfaa waadaa waliigaltee keenyaati. Kan abbumti barbaade akka barbaadetti cabsu miti. Kan barreeffame, irra guddaa hooggantoota abbaa irree ta’aniif cancala akka tahuuf yaadameeti; Heerichi paartileen siyaasaa aangoo mootummaarraa turuu kan danda’an waggaa shaniif qofa tahuu qaawwa tokko hiikaa Heeraatiif osoo hin hambisin cufee tumeera. Haa tahu malee, paartiin biyya bulchaa aangoo mootummaa gadhiisuu waan hin barbaanneef, namootuma paartii tokkorraa walitti dhufanii fi kan ummanni qubasaatin hin filanne, Mana Maree Federeeshiniitti dhimma bahee, dhimma Hiikoo Heeraa hin feesisnerratti Hiikoo Heeraa akka kennan taasisee, karaa seeran alaatiin turtii aangoo isaa dheereffatee jira.
 
Heera biyyattii bu’ura godhadhee aangoon mootummummaa paartii biyya bulchuu kan dhumu Fulbaana 30 ta’uuni fi achi booda mootummaa jiraaturratti paartileen birootis irratti waliigaluu qabu yaadni jedhu yeroo sanitti yaada namoota wayyaba ture. Har’as yoo tahe qaamni amma aangoo mootummaa irra jiru karaa Heeran ala ta’een seeran ala aangoo qabatee kan itti fufe dha amantaa jedhun qaba. Kun yakkaan na himachiisuu hin danda’u.
Sadarkaa 4ffaarratti ”Ummata Oromoo kan ajjeesaa ture Naf_xa_nyaa dha, Sirna Naf_xa_nyaa jalatti buluu hin qabnu” jettee jirta jechuudhan na yakkan. Sirni Naf_xa_nyaa badiiwwan kana hin raawwanne kan jedhu yoo jiraate, bakki amma jirru dhaddachi kun mana murtii miti jechuu waan danda’uuf waliigaluuf ni rakkanna. Ajjeechaawwanii fi hammeenyota Sirni Naf_xa_nyaa raawwate irratti baay’ee kan jedhamee fi barreeffame waan ta’eef, kitaabota/hojiiwwan barreessitoota seenaa bebbeekamoo akka Piroofeeser Baahiruu Zawudee, Richaardi Paaankirasti, Mohaammad Hasan fi Laaphisoo Gedeleeboon ilaaluun qofti gahaa ta’a.
 
Naf_xa_nyaa jechuun sirna gita bittaa qawwee qabatee ummata naannawa tokkoo weeraree, kan ajjeesu ajjeesee kan hafes gabbarsiisee, lafa humnaan irraa fudhatee, afaan, aadaa fi amantaa ofiisaa fedhii ummatichaatin ala dirqiidhaan irratti fe’e bitu jechuu dha. Sirni Naf_xa_nyaa kun jaarraa 19ffaa irraa kaasee qabatamaan kan hojiirra oole kutaalee biyya keenya Oromiyaa fi Kibba biyyattiitti ture. Hedduun keessaan Sirna Naf_xa_nyaa kan beektan seenaarraa qofa ta’uu mala, kitaaba seenaa ykn namarraa dhageessanii ta’uu mala. Ani garuu gocha isaatiinan beeka hammeenya isaa jalatti jiraadheera. Ilmi namaa qe’ee horteen isaa durirraa kaasee irra jiraaterratti lafasaa
 
saamamee, salphatee, namaa gadi ta’uudhaan ofiif hagabuu ta’ee waan qote abbaa irree qawwee qabatee itti dhufu yoo nyaachisu argeera. Akaakayyuuwwan keenya lafa irratti loona bobbaafatan Naf_xa_nyaan eessa akka dhufe hin beekamne humnaan fudhatee abbaan koo fi namoonni biroos qabeenya isaanii gurguranii lafuma isaanii deebisanii yoo bitatan, ijoollummaa kootitti abbaa koo wajjiin ‘Shilingii Adii’ harreetti feenee deemnee Naf_xa_nyichaaf yoo galchinu nan beeka. Egaa yoo sirna akkasirratti hin qabsoofne maalirratti qabsaa’u mee? Sirna hamaa kana fakkaatu jalatti buluu diduun akkamitti nama himachisa? Ani ammas taanaan sirna akkasii jalatti buluu hin hayyamu.
Akkan olitti ibsuuf yaale Naf_xa_nyaa fi Amaaraan garaa gara dha. Fakkeenyaaf:-
 
1. Naannoon itti dhaladhe, guddadhee fi ammumayyuu maatiin koo jiraatanitti waggaa waggaadhaan qonnaan bultoonni Amaaraa hojii barbaacha. Akkuma nama kamuu gatii hojii/ifaajee isaanii guduunfatanii baay’een gara dhufanitti deebi’u. Hangi xiqqaan ammoo ni turu, tokko tokko ammoo achumatti hafanii warroomanii ilmaan godhatu. Isaan kun humnaan lafa fudhachuu warra dhufe miti; waraana hin banne; eenyummaasaanii dhalattoota biyyichaarratti hin feene; kanaafuu isaan kun Amaara malee Naf_xa_nyaa miti.
 
2. Barnoota koo sadarkaa olaanaa kanan baradhe Naannoo Amaaraa kan dur Koolleejjii Barsiisotaa Baahir Daar jedhamutti ture. Hiriyoonni koo kan duraas dhalattoota Amaaraa turan. Hojiirrattis waahiloonni hojii kootii Amaarota turan. Qawwee/Naf_xii hin qabanne; namas hin buqqisne; isin bulchina jedhanii hin beekan; eenyummaa isaanii kaanirratti fe’uuf kan barbaadan hin turre; isaan kun Naf_xa_nyaa miti. Egan hojiirratti bobba’ees yeroo baay’ee magaalotaa fi baadiyyaa Amaaraa daawwadheera. Haala jireenya ummatichaa ilaaleera. Haalli jireenya isaanii qonnaan bulaa naannoon ani itti dhaladheetirraa garaagarummaa hin qabu. Ummata kanaan Naf_xa_nyaa dha jechuun doofummaa siyaasaa qofa osoo hin taane cubbuudhasi.
 
3. Dhalattoonni saba Amaaraa hojii daldalaatiin jiraatan michuuwwan kooti. Bakki daldalasaanii itti hojjetatani takkaa bitataniiti yookaan kireeffataniiti. Eenyuyyuu hin saamne, eenyummaa isaaniis kaanirratti hin feene. Isaan kun Amaara malee Naf_xa_nyaa miti.
 
Naf_xa_nyummaan bulchiinsa lafaa wajjiin kan walqabatu yoo ta’u akka sirnaatti labsii lafa baadiyyaa ALH bara 1967 labsameen bu’urri isaa buqqa’ee jira. Yeroo dhiyootii as garuu, tooftaan oomishaa (mode of production) kan jijjiirame ta’uun beekamus, Sirni kun sadarkaa ilaalchaatti bayyanatee maqaa tokkummaa Itoophiyaa jedhu jala gugatanii eenyummaa isaanii qofa kan biyya guutuu bakka bu’u fi ibsu taasisuudhaan afaan saba biraa, aadaa biraa, amantaa fi seenaa warra biraa fi walumaagalatti daneessummaa busheesanii akka loogii sanyummaatti ilaaluudhaan nama saalfachisuun xiqqeessuun baay’achaa dhufeera. Kan caalummoo sirna addunyaan akka jibbisiisaa fi saalfachiisaatti fudhachuun ummattota dhiifama gaafatee bira darbe, boolla awwaalamerraa baasanii akka seenaa boonsaa tokkootti tiishartii ”ani ilma Naf_xa_nyaati’ jedhu uffatanii geeraruun eegalamee jira.
 
Ilaalchi Naf_xa_nyummaa inni haaraan kun leellifamu karaa danuudhaan yoo ta’u,
duullisaa ammoo kan gaggeeffamu; namoota ilaalcha kana baatanii biirookiraasii mootummaa keessa jiraniin, miidiyaa mootummaa fi dhuunfaatiin, aktivistootan, falmitoota mirga namooma warra ofiin jedhaniin, dhaabbilee hawaasaatiin, walaleessitootaan, barreessitootaan, hayyootaa fi qorattootaan, koomeediyaanoota fi maqaa deeggartoota ispoortiitiin maqaa tokkummaa biyyaatiini.
 
Har’a siyaasaan biyyattii birkii lamatti hiramee jira. Inni tokkoffaan dhaabbattootan armaan olitti ibsetti dhimma bahuun federaalummaa sabdaneessaa hordofaa jirru kana diiguudhaan Heera biyyattii jijjiiranii olaantummaa sirna durii (sirna afaan, aadaa fi seenaa murna qeenxee tokkoo) deebisanii gadi dhaabuu kan barbaadu. Birkiin lammataa ammoo sirna daneessummaa keessummeessu fi kabajuu itti fufsiisu kan fedhu dha. Gareen tokkoffaan kun dhaabbilee [mootummaa fi dhuunfaa] amma too’achaa jiru cimsatee sababoota adda addaa funaanuudhaan duula garee/birkii lammaffaarratti eegale itti fufee filannoo keessaa baasuun kophaa isaa dorgomee kaayyoo isaa raawwachiisurratti argama. Kanaafis himannaa kijibaa kana uumuun fulduratti deemaa jira.
 
Himannaan kunis qaamuma tarsiimoo deemsa kanaati. Himannichi kaayyoon isaa siyaasaa dha. Yakki ani raawwadhe hin jiru. Kabajamaa Mana Murtii, shira warra gafuuwwaa danuu raawwataniitiin kan kufe reeffa ilma keenya qaalii, Artisti Haacaaluu Hundeessaa gaggeessuu fi sirna awwaalcha irratti argamuuf yaaliin taasise akka yakkaatti ilaalamee yoo ta’e, umrii guutuu yoon hidhameyyuu hin gaabbu. Galatoomaa”.
 
Bito.22 Bara 2021
Baqqalaa Garbaa
Finfinnee, Oromiyaa, Itoophiyaa