ABO: Dhaamsa Waggaa Haaraa 2018

ABO: Dhaamsa Waggaa Haaraa 2018

Adda Bilisummaa Oromoo Irraa

For Amharic Version Click Here

Waggaa

  • Kabajamaa Ummata Oromoo, biyya kee irratti Abbaa tahuuf Qabsoo Bilisummaa finiinsaa
    jirtu,
  • Qeerroo Bilisummaa Oromoo, gabrummaatti xumura gochuuf diina sarduu irratti argamtu,
  • Miseensota ABO kaayyoo ummata Oromoo galiin gahuuf diina waliin wal qabaa jirtan,
    Waraana Bilisummaa Oromoo diina ummata keenyaa roga hundaan falmuu irratti argamtu,
  • Addatti ammoo miseensota ABO fi ilmaan Oromoo kanneen mana hidhaatti gidiramaa
    jirtan,
  • Akkasumas firoottan QBO:

(Oromo Liberation Front) — Waggaan 2017 dhumatee Waggaa haaraa 2018 seenuu sababa godhatuun ABOn, dhaamsa baga ittiin isin gahee maqaa miseensota GS-ABO, WBO fi miseensota ABO maraan oggaa dabarsu kabajaa fi gammachuu guddaani. Waggaan haaraa itti seenaa jirrus waggaa qabsoon bilisummaa itti jirru xumura argatee bilisummaa keenyaan itti guduunfamu akka tahu, akkasumas bara ummatootni cunqurfamoo marti sirna cunqursaa fi ukkaamsaa Wayyaanee jalaa itti bilisooman akka tahu hawwii qabnu ibsina.

Waggaa dhumate keessa ummatni Oromoo akkasumas cunqurfamootni marti qabsoo hadhooftuu geggeessaa turaniin milkiilee boonsaa galmeessaniin, mootummaan Wayyaanee/TPLF mootummaa farra-ummatootaa fi shorarkeessaa tahuu hawaasni addunyaan akka hubatu itti taasifamee dha. Milkiilee argaman kanneen galmeessisuufis ummatni Oromoo fi ummatootni cunqurfamoo Impaayera Itoophiyaa wareegama gosa adda addaa baasuuf dirqamuunis keessatti mul’ateera. Addatti ammoo ummatni Oromoo bilisummaa isaa gonfatuu fi biyya isaa irratti ajajaa tahuuf qabsoo finiinsaa tureen wareegama ulfaataa baasee jira. Daa’immanii hanga Dargaggoo, haawwanii fi abbootiin qabsoo kana keessatti lubbuu isaanii dabarsanii kennaniiru.

Waggoota lameen as aanan keessa qabsoo hadhooftuu miseensotni, maadheeleen ABO fi qeerroon geggeessaniin wareegamni ulfaataan baafame injifatnoo galmeesseen qabsoo bilisummaa sadarkaa ol aanaatti ceesise. Mooraan diinaa qabsoon caccabee jaarmayaa mata mataa keessattii fi jaarmayoolee waliin gurmaa’an gidduu wal gaareffannaa fi wal dhabbiin akka hudhaman taasise. Wal mormii of keessattii fi walii isaanii gidduutti uumame kanaanis laamsha’uun sadarkaa suphamuu hin dandeenye irra gaheera.

Mootummaan Wayyaanee/IHADG qabsoo ummatootaan marfamuu irraa shakkiin malee akka duraatti ajajaan bittaa isaa itti fufuu kan hin dandeenye tahuun mirkana. Kana waliin qabsoon ummatootaa Wayyaanee irratti  adeemsifame mootummaan Wayyaanee mootummaa farraummatootaa kan gaaffiilee haqaa ummatootaaf deebii quubsaa kennuu hin barbaadne tahuu ifa gochuu danda’uun injifannoo argame keessatti eda’ama.

Mootummaa farra-ummatootaa kana jabinaan dura dhaabbatuun karaa irraa maqsuuf tarkaanfii ABOn bara 2017 fudhate keessaa tokko Kora Sabaa ABO geggeeffatuun hoggana jabaa fi ititaa argamsiisuu ture. Akka jaarmayaatti of cimsuun murteessaa tahuu irraa Kora Sabaa 4ffaa geggeeffameen ABOn QBOf kanneen qabsoo biyya keessaatti qooda mul’ataa qaban, diinaan wal qabaa jiran dabalatee hoggana filatuun milkiin xumurame. Diinnii fi farreen Korri Sabaa kun akka hin milkoofneef yaaliin godhan qabsoon irra aanamee Korri dhugoome ABO caalaatti cimsee ka’e. Qajeelcha qabsoo akeeka dhaabaa irratti hundaa’e raggaasuu fi murtiilee garagaraa qabsoo bilisummaa fuula dura furgaasan dabarse irratti hundaa’uun hojiileen raawwatamanis kan diinaa fi farreen mataa gadi qabachiisani.

Ummata Oromoon alatti gargaarsa homaatuu kan hin qabne qabsoo of irratti hirkannoon adeemsifamu kanaan, diinaa fi gufuulee Qabsoo bilisummaa Oromoo dura dhaabbatan of duraa mancaasuu irra taree caccabsuu danda’uun injifannoo bara dabarsine argame keessatti galmaawa.

Mootummootni biyyoota ollaa fi halaalaa mootummaa Wayyaanee aangoo irra tursuu irraa dantaa qaban hundi, kanneen qabsoo ummata Oromoo gufachiisuu keessatti hirmaatanitti herregaman. Dhiibbaan gama kanaan qabsoo bilisummaa irra gahe, akka hin dhaga’amnee fi hin mul’atneef ukkaamsuuf yaaliin godhamaa ture hundi ulfaataa akka tahe hin haalamu.

Kana irra kan aanamu qabsoo of irratti irkannoon tahuun miseensotaa fi deggertoota, qeerroo bilisummaa fi sabboontotaan hubatamee qabsoo addaan hin citne adeemsifameen akeeka farreenii fi gufuulee caccabsuun fashalsee qabsoon bilisummaa sadarkaa ukkaamsuun hin danda’amneen gahameera. Hanga ammaattis QBOn oduu duraa akka tahetti jira.

Dhaabbattootni mirga namoomaas qabsoo finiinaa jiru keessatti hammeenya gara-jabinaa Wayyaaneen raawwatamaa jiru gabaasuu hin dhaabne. Mootummaan Wayyaanee farradimookraasii fi shorarkeessaa tahuu bal’inaan akka ibsamu kan taasise qabsoo ummatootaa adda durummaan ammoo qabsoo ummata Oromoo ti.

ABOn hundeeffama isaa irraa kaasee hanga ammaatti tokkummaa Oromoo gadi dhaabuu fi dhugoomee akka mul’atu taasisuu irratti bal’inaan hojjete. Akeekni eebbifamaan kun akka hin dhugoomneef diinni gufuulee garagaraa uumaa fi garaagarummaa xixiqqaa afarsuun tokkummaa Oromoo diiguuf yaaliin godhes akkuma akeeka isaa biroo maseenfamee jira. Keessattuu waggaa dabarsine kana keessa tokkummaan Oromoo akka urjiitti ifee mul’atuu dhaan diina hundee dhaa raase. Qabsoo bilisummaa ABOn durfamuun tokkummaan mirkaneeffame. Galatni kan qabsaawotaa fi sabboontotaa haa tahu! Har’a Oromoo adda baasuun gonkumaa hin danda’amu.

Akeekni diinaa, Oromoo lafa irraa buqqaasuun geography biyyaa isaa fi demography jijjiiruu imaammate qabsoo bilisummaa ABOn durfamuun, addatti ammoo Qeerroo Bilisummaa ABO jalatti gurmaa’ee fi sabboontota Oromoon maseensuun kan danda’ame Fincila Diddaa Gabrummaa gara Fincila Xumura Gabrummaatti ol guddifameen tahuu waakkatuun hin danda’amu. Ummatni Oromoo tokkummaan hiriiree akka biyya isaaf falmatu dandeessisuuf hojii hojjatamee firii boonsaa argamsiise kanaaf galatni kan qabsaawota wareegamtootaa fi ummata keenya akka gurmuu kanniisaatti wal gula ka’uun falmatuu danda’ee ti. Kunis injifannoo ol aanaa qabsoon galmeesse tahee yaadatamaa jiraata.

Mootummaan Wayyaanee/EPRDF tahinnaa/hayyama ummataan aangoo hin arganne. Humnaan dhufe. Humnaanis jiraate. Aangoo humnaan argate tikfatuufis waraanaa fi humna tikaa irratti hirkate.

Addatti ammoo humni tikaa hanga gandaatti bifa adda addaan caaseffame bittaa isaa dheeressuu keessatti qooda guddaa qaba. Caasaan mootummaa Wayyaanee kun ummata Oromoo to’atuu irratti dabalee farra-qabsoo bilisummaa tahuu dhaan kabajamuu mirga ummata Oromootti gufuu tahe. Har’a caasaan mootummaan Wayyaanee itti hirkatee jiraatu kun qabsoon bakkaa siqfameera. Caasaalee diinaa Oromiyaa keessatti diriirfaman keessaa harki guddeessi laamsheeffamanii jiran.

Kanneen sobamaniis haa tahu dantaaf jecha ummata Oromoo irratti hojjatan gochaa isaanii irraa akka dhaabbatan taasifaman hedduu dha. Injifannoo qabsoon argamsiise kana jabeeffataa, akka deebi’ee gadi hin dhaabbanne taasisuuf itti fufiinsaan irratti hojjatamuu qaba.

Gufuulee diinaan kaa’aman ummatni Oromoo injifannoo irratti galmeeffate kan biraa duula kanneen Wayyaaneef daboo bahan irratti galmeessee dha. Mootummaan Wayyaanee Oromiyaan kan Oromoon keessatti badhaadhu, hojjatee jiraatu osoo hin taane, hiyyummaan keessatti mankaraaruu fi keessaa baqachiifamu akka tahuuf hojjata.

Diinummaa mootummaa kanaa caalaatti kan mirkaneessu ammoo tarkaanfii Oromiyaa fi Oromiyaan alatti waggaa dhumate keessa raawwatamee dha. Mootummaan Wayyaanee/EPRDF Oromoo Oromiyaa keessaa buqqisuutti dabalee mootummaa naannoo ummata ollaa waggoota dheeraaf nagaa fi obbolummaan waliin jiraatan waahelfatuun Oromoo of keessaa akka buqqaasanii ari’an taasisuu isaa ti. Gochaan diinummaa ummata Oromoo irratti raawwatame kunis godaannisa yoomiyyuu hin dagatamne ummata Oromoo fi ummata Somaalee gidduutti kan uumee dha.

Humni hidhataa maqaa “Liyyuu Hayli” jedhuun Wayyaanee dhaan ijaarame, deggersa, leenjisaa fi hidhannoo guutuu waraana Wayyaanee irraa argatuun ummata Oromoo fayyaaleyyii fi hidhannoo-maleeyyii irratti roorroo fi hammeenya gaddisiisaa raawwate, akeeka diinaa milkeessuu fi lafaa fi qabeenya Oromoo irratti abbaa tahuuf hawwuu irraa ti.

Duulli har’a babal’atee mul’atu kun waggoota 26 dabraniif osoo adddaan hin citiin ummata Oromoo irratti adeemsifamaa kan turee dha. Ummatni Oromoo duula bal’aa itti baname kana jabinaa fi tokkummaan of irraa ittisuu danda’uun kan dinqisiifamuu dha. Haa tahu malee hanga mootummaan Wayyaanee aangoo irra jirutti lolli Oromiyaa fi Oromoo irratti xiyyeeffate kun hin dhaabbatu. Duula jireenya Oromoo irratti agaamame kana caalaatti maseensuuf Oromoon tokkummaa jabeeffataa diina dura dhaabbatuun itti fufuu qaba.

Diinni ummata Oromoo qabsoo ummata Oromoo doomsuuf kan itti xiyyeeffate biroon caasaa dhaabaa biyya keessaa fi sochii Qeerroo cabsuu ture. Kun diinaan qofa osoo hin taane, kittillayyoota diinaa waggoota 26f Wayyaaneef ergamaa bahanii fi of tahanii mul’atuu hin dandeenye, tajaajiltuu diinaa tahanii jiraatuu murteeffatan dabalata. Caasaan ABO, Qeerroo fi dargaggoon Oromoo duula diinaa kana dura dhaabbatuu irratti wareegama baasan yoomiyyuu seenaan hin dagatu. Wareegama baasaniinis caasaa dhaabaa fi dargaggoo tikfatanii jiran.

Duulli dargaggoo Oromoo irratti baname kun shira dargaggoo Oromoo wal afoo dhaabuu of keessaa qaba. Jaarmayaa aadaa “Foollee” jedhu maqaa hatuu fi akeeka isaa irraa maqsuun dantaa siyaasaa ittiin guuttatuuf tattaaffiin karaa jalee diinaa godhame dargaggoo Oromoo wal dura dhaabuuf akeekkata. Foolleen ummata irratti osoo hin taane, ummataaf ijaarama. Dirqamni nageenya ummataa tiksuu kan foollee ti. Haa tahu malee OPDOn akeeka abaaramaa fi fokkisaa qabatuun Qeerroo Bilisummaa ummataaf wareegamaa jiran ittiin cabsuuf yaalaa akka turee fi jiru eenyuufuu ifaa dha. Gochaan kun gochaa ergaa diinaa bakkaan gahuu tahuu hubatuun Abbootiin Gadaa akkasumas Qeerroon Oromoo “Foollee” OPDOn dhimma itti bahuu yaalaa jirtu akeeka siyaasaa isaaniif qofa tahuu hubatuun sirreessuu irratti akka hojjatan ABOn dhaama. Akeeka diinaa fi farreenii kana ummatni keenyas fashalsuuf ilmaan isaa cinaa dhaabbatuu qaba.

Kana waliin kanneen dantaa matayyaaf jecha qabsaawota irratti duulaa jiran gochaa farrummaa kana irraa akka dhaabbatan ABOn gadi jabeessee gorsa dabarsaaf. Yeroon kan ummata Oromoo irratti hiriiran osoo hin taane, kan waliin hiriiran tahuu qalbifadhaa jedhaan.

Waggaa dabarsine kana keessa kan diinaatti dabalee gareelee fi nam-tokkeen diinatti hidhata qabanii fi kanneen kaayyoo bilisummaa Oromootti gufuu tahuu filatan ABO maqaa xureessuuf ololli adeemsisan bal’aa ture. Kanneen bu’aa bubuutuu argatuuf ori’an akkanaa, ABO fi ummata Oromoo adda kutuuf yaalan.

Haa tahu malee har’a ABO tokkummaa fi QBO gadi dhaabuu fi jiraachisuuf wareegama waggaa 40 baase, Qeerroo fi ABOn tokko tahuu beekaa fudhatuu diduun ergaa diinaa milkeessuuf ololli adeemsisan ABO fi ummata Oromoo adda baasuu hin dandeenye.

Ammas taanaan dalagaa diiggaa itti jiran irraa of qusatuu diduun ummata keenyaaf dhimmaa fakkaatuun ergaa diinaa dabarsuu itti fufanii waan jiraniif, ummatni keenya biyya keessaa fi alaa of irraa tiksuu qofa osoo hin taane, akka akeeka isaanii maseensuu irratti jabinaan hojjatu ABOn hubachiisa.

ABOn jaarmayaa siyaasaa Oromoos tahe kan alagaa ijaaramuu irraa mormii ykn jibbiinsa hin qabu. Qabaatees hin beeku. Ijaaramuun mirga. Haa tahu malee jaarmayootni siyaasaa Oromoo garii karoorri hojii isaan baafatan kan diina irratti qabsaa’uu osoo hin taane, kan ABO danda’ame dhabamsiisuu dadhabame dadhabsiisuu ti. Akeekni kunis jibbiinsa dhuunfaa, bolola aangoo fi ABOn dhabame malee mul’atuu hin dandeenyu yaada jedhu irraa madda. Jarmayootni siyaasaa maqaa “Itoophiyaan” ijaaraman ammoo daran akeeka ABO diiguu fi dhabamsiisuu akka dhaabbataan qaban Oromoon hin beekne xiqqaa dha. ABO dhabamsiisuu dhaan gaaffii ummata Oromoo ukkaamsuu akeeka jedhuun masakamu.

ABO fi qabsoon bilisummaa ummatni Oromoo irratti wareegamaa jiran isaan biratti mirga dimokraasii osoo hin taane, kan biyya diiguu ti. ABOn jaarmayoota kamiifuu mirga isaanii kabajee osoo jiruu kan ABO kabajuu dhabuun irratti ololuu fi dhabamsiisuuf shiruun ammattis tahe fuula duratti furmaata argamsiisu hin qabu. Waltajjii argatan irratti maqaa ABO kaasuun xureessuuf yaaluun dalagaa kanneen gaafatamni itti hin dhaga’amnee fi ummataaf kabajaa hin qabnee ti. Mirga dimokraasiif qabsoofna jechaa kanneen mirga dimokraasii ummata isaaniif qabsaa’an diineffatuun qaanfachiisaa dha. ABOn kanneen akkanaa of irraa ittisuun akeeka ittiin deeman fashalsaa har’a gahe; fuula durattis of irraa ittisuun mirga tahuu hubachiisa.

Ummatni kamiyyuu hacuuccaa fi saaminsa jalaa walaba tahuu barbaada. Qabeenya isaa irratti ajajaa tahuun fedhii fi mirga ummata hundaa ti. Bilisa tahee dubbatuu, dhiibbaan alatti bakka bu’aa ofii ofiin filatuun mirga dimokraasii jaarraa 21ffaa keessatti bal’inaan mul’atuu dha. Haa tahu malee har’as taanaan sababa mootummaa TPLF/EPRDF irraa ummatootni Itophiyaa mirga kana guuttatuun dheebuu bahuu hin dandeenye. Jijjiirama xixiqqaa wayta qabsoo ummatootaan sardamutti fudhatuun mirgi ummatootaa kan kabajame fakkeessee lallabuun cunqursaa fi ukkaamsaa itti fufuun murtii Wayyaanee akka tahetti jira. Kana irraas miidhaan dhaqqabu dabalaa akka jiru, duranaafis hammaataa kan deemu tahuun hin shakkisiisu.

Addatti ammoo ummata Oromoo irratti xiyyeeffatuun karoorri baafame gara sadarkaa ol aanaatti kan cehu tahuu gochaan itti jiru mamiin alatti mirkaneessa. Kanaaf QBO sadarkaa amansiisaa irra gahee jiru fiixa baasuuf jabinaan hojjatuun dirqama qabaawotaa fi ummata keenyaa ti. Filmaata biraas hin qabnu.

ABOn QBO milkeessuuf jaarmayaa jabeessuu irratti xiyyeeffatuun hojiin hojjate firii qabeessa. Kanaaf kan ijaarame daran jabeessuu fi babal’isuun injifannootti arreeduun dirqama miseensotaa fi deggertootaa tahuu beeknee waggaa haaraa injifannoon keessa bahuuf warraaquu qabna. Diinni ummata Oromoo hanga aangoo irraa hin maqsamnetti QBO dura dhaabbatuu itti fufa. Karoora ummata Oromoo cunqursaa fi saaminsa jala tursu baafatuun dalagaa diinummaa hojjata.

Waggaa haaraa kana keessa karoora diinaa hunda burkuteessuu irratti ciminaan hojjatuun kan nu irraa eegamu dirqama lammummaa tahuu ABOn hiree kanaan yaadachiisa. Miseensotni dhaabaa fi WBOn karaa hundaan of jabeessuun, sochii qabsoo babal’isuu fi karoora dhaabaa hojii irra oolchuun dirqama qabsoo irra jiru tahuu beekuun bal’inaan irratti hojjatuun gaaffiin ummata keenyaa deebii akka argatu gochuu irratti akka bobba’an ABOn dhaamsa isaa dabarsaaf. Kana waliin QBOf fira horuu irratti akka bal’inaan bobba’amu ABOn dhaama.

Ummata Oromoo qe’ee isaa irraa humnaan buqqisuu dhaan lafa-dhablee taasisuun karoora Wayyaanee dhaan bal’inaan hojii irra oolfamaa jiru akka tahetti itti fufee jira. Maqaa kijibaan misoomaa fi guddina shaffisaa argamsiifna jedhuun Oromoo lafa isaa irraa buqqisanii ari’uun kan badhaadhaa jiran Wayyaanotaa fi alagoota Wayyaaneetti michooman tahuunis hubatamaa dha. Oromiyaan kan Oromoon keessatti badhaadhu, hojjatee jiraatu osoo hin taane kan keessatti hiyyoomee beelaan mankaraaruu fi keessaa baqachiifamu taasifamuu eenyuyyuu jalaa dhokataa miti.

Diinummaa mootummaa kanaa caalaatti kan mirkaneessu tarkaanfii Oromiyaan alatti waggaa dhumate keessa raawwatamee dha. Mootummaan Wayyaanee/EPRDF Oromoo Oromiyaa keessaa buqqisuutti dabalee ummata ollaa waggoota dheeraaf nagaa fi obbolummaan waliin jiraatan waahelfatuun Oromoo of keessaa akka buqqaasanii ari’an taasisuu isaa ti. Gochaan diinummaa ummata Oromoo irratti raawwatame kunis godaannisa yoomiyyuu hin dagatamne ummata Oromoo fi ummata Somaalee gidduutti uumee jira.

Lammiilee Oromoo kuma dhibbootaan lakkaa’aman qabeenyi isaanii saamamee ari’aman kanneeniif dirmatnaan ummatni keenya agarsiise Oromoo mara boonsa. Lammii bara rakkoo tahuu isaa roga arfan Oromiyaa irraa dirmatuufiin tokkummaa Oromoo caalaatti ittiin mirkaneesse.

ABOn dirmatnaa lammiin lammii isaaf godhe dinqisiifataa akka itti fufuufis jajjabeessa. Lolli kunis akkuma olitti ibsuu yaalle hanga mootummaan Wayyaanee aangoo irra jiru kan dhaabbatu akka hin taane hubatamee, ummatni keenya kan ammaa caalaa of ittisuuf of ijaaruu fi of qopheessuu itti fufuun dirqama taha.

Mootummaan Wayyaanee/EPRDF addatti Qeerroo Oromoo irratti xiyyeeffatuun maqaa ABO fi farra-misoomaa jedhuun, ajjechaa fi hidhaan waggaa dabarsine keessa bal’inaan raawwate gochaa gara-jabinaa fi tarkaanfii mootummaa shororkeessaa ti. Oromiyaan alattis dargaggoota Oromoo barnootaaf biyya Wayyaanee Tigraay dhaqan irratti akkuma durii tarkaanfiin waggaa dabarsine keessa fudhatamaa ture mootummaan kun Oromoof naasuu kan hin qabnee fi dhabamsiisuu irraa boodatti kan hin deebine tahuu agarsiisa.

Dargaggoon Oromoo gochaan bineensummaa irratti raawwatamullee kaayyoo ABO bakkaan gahuu irraa humni isa hanqisuu danda’u akka hin jirre gahaatti hubachiiseera. Qeerroon Oromoo adda durummaa fi murannoon falmaa adeemsiseen ummata isaatti abdii horuutti dabalee akka isa cinaa hiriiru taasiseera. Hidhaa fi ajjeechaaf osoo hin jilbeenfanne, wal gurmeessuu dhaan diddaan agarsiisaa jiru kan dargaggoo biroofis fakkeenya tahee dha.

Har’a Oromiyaa keessatti dhaadannoon “Wayyaaneef hin bitamnu!” jedhu gandoota Oromiyaa mara keessaa dhaga’ama. Fincila Xumura Gabrummaa itti jiramu waggaa haaraa kana keessa milkeessuufis dhaamsi “Tokkummaan haa kaanu!” jedhu bakka hundaa dhagahama. Ummata tokkoomee mirga isaaf falmatu kan mohuu danda’us hin jiru. Haqa kana kan shakku yoo jiraate kan seenaa mootummoota cunqursitootaa fi abbootii irree hin beekne qofa.

ABOn hiree kanaan mootummaan Wayyaanee ummata mohuu hin dandeenye lolaa akka jiru hubachiisaa, yoomiyyuu kan injifatu ummata haqa isaaf falmatu tahuu yaadachiisa. Akeekni ummatni Oromoo qabsaawaafii jirus akka injifannoon gudunfamuuf ABOn karaa hundaan ummata waliin tahuu gadi faginaan hubachiisa.

Tarkaanfii diinummaa Qeerroo fi dargaggoo Oromoo irratti fudhatamaa jiruun Fincilli Xumura Gabrummaa kan hin dhabamne tahuu, miseensotni dhaabaa, deggertootnii fi ummatni Oromoo marti hubatuun akkuma kanaan duraa sochii godhan gootummaa fi murannoon akka itti fufan ABOn dhaamsa dabarsaaf.

Duula waggoota dheeraaf ABO fi WBO dhabamsiisuuf tattaafatameen ABO fi WBOn hin dhabamne. Haa tahu malee diinni ammayyuu abjuu ABOn dhabamsiisa jedhuun dhama’aa akka jiru hundatu arga. ABOn duula fuula hundaa keessaa fi alaan irratti gaggeeffamaa turee fi jiru irra aanee, kaayyoon ittiin deemu ummata biratti jaalala, kabajaa fi deggersa horataa dhufuu irraa ummatni Oromoo sagalee tokkoon “ABOn nu haa bulchu!” Kallachi qabsoo ummata Oromoo ABO dha!” WBOn Gaachana ummata Oromoo ti!’ jechuun ifatti dhaabbii isaa ibsatuu irratti argama. Deggersaa fi jaalala ummataa kana kan argamsiise wareegama miseensotaa, ummata keenyaa fi deggertootaa ti. Qabsoo itti fufsiisuu fi dhaaba isaatti iggitii gochuu keessatti shoorri WBO ol aanaa tahuun hin falamsiisu. Ammas taanaan WBOn magaalaa fi baadiyyaa bal’aa keessatti diinaa fi lukkeelee diinaa irratti tarkaanfii fudhatuun diina mogolee laaffisuu irratti argama.

Kana bara 2018 caalaatti babal’isuun kan ummatni WBO irraa eegu guutuutti akka tarkaanfatu shakkiin hin jiru. Kun dirqama isaa tahuu hubatuunis akka kana guuttatuuf karoorfatu gadi jabeessinee qajeelchina.

Jaarmayootni Oromoo maqaa fi akeeka adda addaan qabsoo geggeessan jiraatuun dhokataa miti. ABOn kanneen waliin araara buusuun mooraa qabsoo bilisummaa gabbisuuf tattaafata ol aanaa gochaa akka ture ummata Oromoo addatti ammoo hawaasa Oromoo ala jiraatu jalaa dhokataa miti. Kanneen dhaabaaa fi hoggana tokko jalatti gurmaa’uun qabsoo itti fufuu murteeffatan waliin hojjatuuf wal tahiinsa irra gahameen walitti dabalamuun hoggana tokko jalatti walitti qabamuun danda’ameera. Kanneen hafanis xiqqaatu walitti baquun ammatti hanqatullee olola wal irratti oofuu fi wal dura dhaabbatuun miidhaa malee faayidaan irraa hin argamuu irratti waliigalamee ololaa fi wal dura dhaabbannaan akka xiqqaatu waliif galamee ture. Hojiitti hiikuu hanqina jiru keessatti ABOn gaafatama hin qabu.

Dhimma jaarmayoota siyaasaa Oromoo ilaalchisee murtii Korri Sabaa ABO 4ffaan dabarse irratti hundaa’uun hogganni dhaabaa waamicha dabarsaa akka tures yaadatamaa dha. Ammas taanaan ABOn jaarmayoota siyaasaa Oromoo dhugaa fi qulqullummaan mirga dhaabaa kamuu tiksaa waliin hojjatuuf qophii tahuu beeksisaa, dhaabootiin jiranis dirqama kana akka bahatan gaafata.

Waamicha kanaafis kanneen dhimmi ilaalu deebii akka kennan abdataa, ummatni keenya fiixa bahiinsa akeeka kanaa milkeessuu keessatti qooda irraa eegamu akka gumaachu gaafata. Kanneen yaada ijaaraa kana dura dhaabbatanis hordofee akka gaafatu ABOn dhaammata. Har’a manni hidhaa Wayyaanee ilmaan Oromoo yakka homaatuu hin qabneen guutamee argama. Kanneen mana hidhaa Wayyaanee hin beekamne keessatti hiraaraa jiranis danuu dha.

Lammiileen mirga ofii fi ummata isaaniif jechaa miidhaan qaamaa fi sammuu irra geessifamaa jiru kunneen hundi ummata Oromoo biratti kabajaa qaban. Ummatni Oromoo ilmaan isaa kanneen falmaa mirgaa keessatti qooda fudhatuu irraa diinni irratti roorrisaa jiru gargaaruu akka addaan hin kutne gaafataa, ABOn karaa isaaf danda’amu hundaan bira dhaabbatuu kan itti fufu tahuu hubachiisa. Ummatni Oromoo kan qabsoo geggeessaa turee fi jiru jijjiirraa buqqaasaa mirga isaa kabajchiisu argamsiisuufi. Milkaa’uun qabsoo Oromoo milkaa’ina qabsoo ummatoota cunqurfamoo maraa ti. Qabsoon ummata Oromoo ummata Tigraay dabalatee ummata kamuu irraa diinummaa hin qabu.

Kana wallaaluun kanneen ummata Oromoo diina godhatuun irratti duulan diinni har’a waliin duulaa jiran bor kan isaanitti garagalu tahuu dagatuu hin qaban. Kana waliin ummata Oromoo nagaa dhorkatanii nagaan jiraanna jechuun kan hin yaadamnee fi dogoggora. Waan taheef fira tooftaa kan tahe mootummaa Wayyaaneetti maxxanuu lagatuun fira tarsiimoo kan tahe ummata Oromoo waliin hiriiruun diina waloo loluun ummatoota cunqurfamoo irraa eegama. Waliin jireenya boriifis daandiin ijaaraa fi amansiisaan kana qofa tahuu hubachiisaa, dalagaa hariiroo baroota dheeraa ummatoota gidduu booressu akka hatattamaan dhaaban ABOn gorsa isaa dabarsaaf. Dabalataanis kan furmaata waaraa argamsiisu mirga ummata Oromoo beekuu fi fudhatuu tahuu hubachiisa. Ummatni keenya ammoo weerara itti banamu kamuu irraa of ittisuuf mirgi heera addunyaa akka isaaf eyyamu hubatee dhaamotuu tokko malee of ittisuuf akka jabaatee hojjatu irra deebiin hubachiifna.

ABOn ummatoota hundaa fi mirga ummatootaa hundaaf kabajaa akka qabu irra deeddeebiin ibsee jira. Sagantaa siyasaa ABO bara baraan haaromsamu hunda ilaaluun ni danda’ama. Gochaanis hundeeffama isaa irraa kaasee hojiin lafa irratti agarsiisee jira. Hariiroo ummatoota cunqurfamoo waliinii jabeeffatuun galii akeeka waloof waadaa isaa haaromsaa, kanneen diinaan afanfaajja’anii QBO ija shakkiin ilaalan bilisummaan Oromoo mirga ummatootaa kan kabajsiisu malee kan miidhu akka hin tahiin mirkaneessa.

Mootummaan Wayyaanee diddaa ummatootaan marfamee gara kufiinsaatti shaffisaan arreedaa jira. Haa tahu malee mootummaan farra ummatootaa kun ammiyyuu akeeka hokkolaan of haaromsaa bittaa kiyyan itti fufa jedhuun waadaa kijibaa hin guutamnee fi jijjiirraa namootaan jijjiiramaa ummatootni barbaadan hanqisuuf hojjatuu itti fufee jira. Ejjannoo kanaanis lammiilee Oromoo jumlaan ajjeesuu fi hidhuu hojii guyya guyyaa godhateera.

Haala ummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru argaa, kaayyoo diinaa eenyummaa Oromoo haguuguu fi dhabamsiisuu akeekkate maxxanfatuu dhaan diina waliin hiriiruun hafnaan mul’atuun iyyuu wayta qaanfachiisaa tahe jiru kanatti, hoggana siyaasaa fi qondaala waraanaa tahuun caasaa mootummaa keessatti haammatamanii diinaaf hojjatuun seeraanis tahe seenaan gaafachiisaa dha.

Waan taheef kana hubatuun ilmaan Oromoo caasaa mootummaa kamuu keessatti argamtan addatti ammoo waraana Wayyaanee keessatti sadarkaa adda addaa irratti kan argamtan hundi waamicha ummatni keessan deddeebisee isinii dabarsaa jiruuf akka owwaattan ABOn irra deebi’uun waamicha isiniif godha.

Paartiin of haaromsaan bittaa kiyya itti fufuu qaba jechaa jiru, nama namaan bakka buusuun jijjiirraa kan godhe fakkeessuuf yaaliin godhu ummata kamuu biratti fudhatama hin qabu. Ummatootni jijjiirraa kabeebsaa osoo hin taane jijjiirama hundee barbaadan. Addatti ammoo ummatni Oromoo nama namaan bakka buusuun faaydaa akka hin argamsiifne tarkaanfiilee fakkaatoo kanaan duraa irraa barnootaa fi muyxannoo gahaa argatee jira. Waan taheef kanneen jechoota ummataan darbatamanitti fayyadamuun ummata gowwoomsuu dandeenya jechuun afaan damma dibatanii summii facaasaa jiran of irraa gatuuf jabaannee irratti qabsaa’uun mirga keenya harka galfatuuf haa kaanu.

ABOn waggoota dheeraaf mootummootni ollaa fi halaalaa mootummaa Wayyaanee maqaa dimokraasii fi wal qixxummaa sabootaan dahatee saaminsaa fi cunqursaa hiriyaa hin qabne geggeessaa jiru qabeenya, leenjii waraanaa fi dippilomaasiin akka hin gargaarre irra deddeebi’uun yaadachiisaa turuun ni beekama. Haa tahu malee waamicha godhamaafii ture kana irra tarkaanfatanii gargaarsa itti fufuun miidhaa ol aanaa dhaqqabsiisuu arguu dirqamanii jiran. Tumsaa fi gargaarsa biyyoota ollaa fi fagoo irraa argatuun mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo fi kanneen biroo kumoota hedduun lakkaa’aman lafa isaanii irraa buqqiseera.

Dhumaatii jumlaa mootummaan kun Ayyaana Irreechaa Bishooftuu keessatti dhaqqabsiisee fi waraanni mootummoota alaan leenjifamee fi hidhachiifame ajjeechaan jumlaa Calanqoo fi lafa Oromoo bal’aa irratti raawwatu ifatti mul’ateera.

Miidhaa ol aanaa ummata mirga isaaf falmatu irra gahe kana argaa fi dhaga’aa callisuun gaafachiisaa tahuu ABOn ammas irra deebi’ee yaadachiisa. ABOn diina irratti qabsaa’u gargaaruu akka dhaaban gaafata malee gargaarsa homaatuu kan irraa hin barbaadne tahuu hubatuun gargaarsa dhumiinsaa fi miidhaa ummata irraan geessisaa jiru akka dhaaban gaafata. Furmaatni rakkoo siyaasaa Impaayera Itophiyaa hudhee qabee jiru Wayyaanee aangoo irratti tiksuu fi jijjiirama suphaan kan hin argamne tahuu akka qalbifatan ABOn dabalee hubachiisa.

Qabsoon Bilisummaa Oromoo, deggersa alagaatiin alatti qabsoo of irratti irkannoo fi murannoon mirga keenya of harka galfatuuf wareegama baafneen as gahame. Kanaan boodas qabsoon bilisummaa fi walabummaaf adeemsisaa jirru, kan duubatti hin deebifamne tahuu mirkaneessina. Kana jabeeffatuu fi wal malee homaa akka hin qabnee fi ala irraa homaa akka hin eegganne caalaatti hubatuun bara kana bara milkii isa ol aanaan diina irra aannu taasifachuuf akka sochoonu gadi jabeessinee hubachiifna!

Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Muddee 31, 2017

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*