Dhaamsa Oromummaa Ilmaan Oromoo Hundaaf

Above Single Post

Dhaamsa Oromummaa Ilmaan Oromoo Hundaaf

Berhanu Hundee tin, Bitootessa 17, 2019

Ethiopian jounalist Eskinder Nega, who was given an 18-year prison sentence in 2012 on accusations of links to the banned Ginbot 7 group, gestures from a car after being released from Kaliti Prison because the Qeerro pressure on the Government in Addis Ababa on February 14, 2018. Eskinder is now fighting now against Qeerroo. | Photo Credit: AFP

Yoo dubbii tuffannee kan laallu ta’e malee, haalli yeroo ammaa sabni Oromoo keessa jiru kan nuti yaadnu caalaa walxaxaa fi hedduu yaaddessaa dhas yoon jedhe dhara waan ta’u natti hin fakkaatu. Balaa namatti deemaa jirus alaalatti arguu danda’uun barbaachisaa dha. Kun sodaa osoo hin taane, akka wal yaadachiisnuu fi wal hubachiisnuufi.

Akkuma beekamu, rakkoolee nu keessa jirutti dabalamee diinotni keenya keessumaayyuu warri sirna duriitti nu deebisuuf halkanii guyyaa ciminaan hojjechaa jiran waraana nurratti labsaa jiru. Waraana yoon jedhu qawwee qabachuu qofaa miti. Kunis waan itti aanee dhufuuf deemu ta’a. Humnootni kun yoomiyyuu caalaa wal gurmeessaa fi wal ijaaraa olola cimaa nurratti bananii jiru. Ololli kun immoo jabaatee garamitti akka deemaa jiru hubataatu arga. Dubbii tuffachuun nurra hin jiru. Diina kee tuffannaan injifatamuuf ofqopheessite jechuu dha.

Hunda caalaa dhimmi Finfinnee gara lamaaniinuu (gara keenyaa fi gara diinota keenyaatiin) dhimma du’aa fi jireenyaa akka ta’e waan hin haalamnee dha. Finfinneen qaama fi dabrees handuura Oromiyaa, qabeenya saba Oromoo waan taateef, dhimmi kun nuuf hunda caalaa murteessaa dha. Isaanis dhumanii lafa kanarraa dhabamu malee, Finfinneen qaama fi haadha ishii Oromiyaa jala akka galtu hin barbaadan. Kun garamitti akka nu oofu hubachuun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu.

Karaa biraatiin immoo, rakkooleen keessa keenya jiranis furmaata hin arganne. Waayeen WBO hedduu rakkisaa qofaa osoo hin taane yaaddessaas ta’ee jira. WBO mooraatti galachanii waan godhaa jiran hubatamaa jira. Jaarmaaya ODP(OPDO) keessa namootni Oromoo ta’anii garuu diinaaf hojjechaa jiran ifatti saaxilamaa jiru. Ammallee humni meeqa dhaaba kana keessa dhokatanii diina tajaajilaa akka jiran wanti sirriitti beekamu hin jiru. Jaarmayootni Oromoo tokko tokkos kan biyya alaatii galan ofdanda’anii hojjechuu fi uummata keenya ijaaruu fi sochoosuu (mobilize godhuu) dhiisanii bobaa ODP jala galanii waan taa’an fakkaatu. ODPn Qeerroos gara gara hiruuf, kaan ofittiqabuuf yaalaa akka jirtu dagatamuu hin qabu. Rakkooleen akkanaa walitti dabalamanii haala keenya rakkisaa fi walxaxaa taasisanii jiru.

Rakkoon Oromoo hunda caalaa kan hammaatu waan diinotni keenya nu keessa seenanii; namootuma keenyatti fayyadamanii qabsoo cimaa nurratti godhaniifi. Humnaan nu caalanii osoo hin taane, tooftaa fi tarsiimoo adda addaatti fayyadamuudhaan Oromoo Oromoorratti kakakaasuu dha; Oromoo Oromoodhaan ajjeesuu dha; Oromoo walirratti duulchisanii qabsoo bilisummaa keenyaa kana sakaaluu dha. Kana godhuun isaaniif hedduu salphaa (simple) dha. Maaliif yoo jedhame, Oromootni kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan fedhii Habashootaa guutuuf hojjetan hedduu waan ta’aniifi. Warra akkanatti fedhii saba ykn uummata Oromoo bal’aa (Oromo National Interest) guuttuf hojjechuu dhiisanii Habashootaaf tumsa ta’an, gareelee adda addaatti hiruun ni danda’ama. Gareelee kana keessaa isaan gurguddoon akka armaan gadii ti:

  • Warra Oromoo fi saba biraarraa dhalatanii fi rakkoo eenyummaa (identity crises) qaban
  • Warra karaa fuudhaa fi heerumsaatiin akkasumsa karaa amaniitii fi hawaasummaatiin Habashoota wajjin walittihidhannaa qaban
  • Warra of ta’uu hin danda’ini fi ayidoolojii adda addaatiin qabamanii fedhii saba Oromootiif dantaa hin qabne
  • Warra fedhii dhuunfaatiif malee kan saba Oromootiif hin cinqamne, warra Sabboonummaan Oromoo isaan keessa hin jirre

Egaa, kun rakkoolee keessa keenyaatiif bu’ura cimaa dha. Isaan kanatu meeshaa diinaa ta’anii qabsoo keenyas sakaalaa jiru jedheen amana. Dhugaan kun dagatamuu hin qabu. Rakkoolee jiran ergan tuttuqe booda, MAAL GODHUU QABAN? Gaafii kana fi deebii ani isaaf kennuu yaalutu gara mata-duree barreeffama kanaatti nu geessa (Dhaamsa Oromummaa). Rakkooleen mooraa QBO keessa jiran dhugumatti baay’ee ciccimoo waan ta’aniif, akka heerragaatti Foormulaan isaa kana jedhanii lafa kaa’uun nama rakkisa. Haa ta’u malee, yaada tokko tokko akka furmaataatti dhaamsa dabarsuun barbaada.

  1. Mooraa Oromoo qulqulleessaa deemuun hoji-manee isa duraa waan ta’eef, kana godhuun dirqama ta’a. Kanaafuu keessa keenya qulqulleessuuf gantuu fi galtuu akkasumsa ayyaanlaallattuu addaan baasnee beekuu qaban
  2. Sabboontotni Oromoo, olola diinaarraa madduuf xiyyeeffannaa kennuudhaan amnatiidhaan, naannoodhaan, gandaan akkasumsa ilaalcha siyaasaatiin walqoqqooduu dhiisuu. Wanti waloon qabnu OROMUMMAA waan ta’eef, Oromummaan waa hundaa dursuu qaba
  3. Jaalatamus jibbamus, ABOn akka kaayyoo isaatti jaarmayaa onnee fi sammuu uummta Oromoo bal’aa keessa jiru waan ta’eef, har’a gareelee adda addaatti caccabuu isaa laaluu fi sababa kanaan xiqqeessuu dhiisnee, jaarmayaa kana haa kunuunfannu
  4. Jaarmayoota Oromoo xiqaatanis guddatanis, jabaatanis laafanis, kan dhugumatti fedhii uummata Oromootiif hojjetan kabajuu fi jajjabeessuu qabna. Haa ta’u malee, kan kaayyoo diinaa qabatanii ka’ani fi har’allee isa kana dhugoomsuuf hojjetan addaan baafachuun barbaachisaa dha
  5. WBOn kan lubbuu isaa takka yoo baate hin deebine kana dhabuuf kutatee manaa bahee fi bosonatti gale bashannanaaf osoo hin taane dhimma hunda keenyaatiif jedhaa waan ta’eef, kabaja guddaa isaaf kennuun dirqama Oromummaa ti. Karaa danda’amu hundaan isa bira dhaabbachuunis akkasuma dirqama ilma Oromoo ti jedheen amana.
  6. Seera fi heera biyyattii amma lafa jirutti ni fayyadamana yoo jenne, sirna Federaalaa fi dhimma Finfinneerratti haal-dureen akka hin jiraatne ilmaan Oromoo sagalee tokko dubbachuu fi kanaafis ciminaan hojjechuun barbaachisaa dha.
  7. Keessumaayyuu dhimma Finfinnee laalchisee Habashootni albee nuti qarachaa waan jiraniif, karaa danda’amu hundaanuu dura dhaabbachuuf Ilmaan Oromoo bakka jiran hundaa wal yaamuu fi waltumsuun dirqama ta’a. Finfinneerratti haal-dureen takka hin jiru.
  8. Dhumarratti, rakkoolee fi garaagarummaa keenya akkauma jiranitti kabajaa fi waliif obsaa, garuu diinarratti Ilmaan Oromoo wal bira dhaabbachuun badiirraa ofbaraaruu waan ta’eef, kanaaf jennee, wal jaalachuun, wal obsuun, walkabjuun, waliif nahuun, yeroo rakkoo walbira dhaabbachuun dirqama dhalootaa ti. Oromoon wal malee akka hin qabne fi alagaa hin abdanne hubatamuu qaba.

 

 

 

Below Single Post