Dhaamsa: Fayyisaa Leellisaa ummata Oromoof dabarse kana

Dhaamsa: Fayyisaa Leellisaa ummata Oromoof dabarse kana qalbiidhaan dubbisaa.

Dhaamsa gootni keenya Fayyisaa Leellisaa haala yeroo irratti ummata Oromoof dabarse kana qalbiidhaan dubbisaa.
=================================
“Namni barreeffama kana argitan hundi ilmaan oromootin naaf gahaa.
Akkam jirtu kabajamtoota qaqqaalii Qeerroo ilmaan Oromoo!
Nagaa kiyyatti aansuudhaan,akkuma beekamu yeroo ammaa kana fincilli diddaa gabaa lagannaa itti fufeeti jira.haa ta’u malee,godinoota muraasa keessatti qofa waan ta’eef quubsaa miti.Oromiyaa bakka hunda walga’uutu irraa eeggama.
Dhimmi kuni kan yeroo gabaabaa keessatti dhaabbatu osoo hin ta’iin kan yeroo dheeraf itti fufu ta’uutu irra jiraata.irra caalatti waantootni baadiyyaarraa fe’amanii gara magaalaa finfinnee deeman hundu haalan dhorkamuutu irra jiraata.sana booda kabajni keessan gaafattanii osoo hin ta’iin,ofiif manatti isiiniif dhufti.
Kana booda daandirratti harka duwwaa du’uun dhaabbachuu qaba.qabsoon keenya haala abshaalummaa qabu kanaan deemutu irra jiraata.kan nu fixaa jiru qabeenya keenya waan ta’eef isuma gabaa laguudha.
Loon,Hoolaa,Re’ee,Midhaan,Kuduraa fi Fuduraa gabaa lagi.yoomiyyuu waan qabeenya kee gurguruu diddeef namni dhufee mana keetti si ajjeesuu hin jiru.
Inni dhaabbatee isinitti dhukaasus maal nyaatee akka sinitti dhukaasu gaafasuma hubattu.
Keessayyuu Harargee bahatif,jimaa keessaan sumaalee dhorkachuu waan diddaniif kan daangaa ce’anii ilmaan keessan duguugaa jiran.ammaan booda dhaabaa.
Galatoomaa!
Dogoggora yoon qabaadhe nasirreessaa.”

via Yaya Beshir