Dhaamsa Aatattamaa Jimma’rraa ergame. Via Face book
Dhaamsa Aatattamaa Jimma’rraa ergame. Via Face book
Guyyaa haar’aa jechuniis gaafa 09/05/2017 ummanni naannoo haarargee bara 1996 A.L.H tti Godiina Bunno Baddallee(Iluu Abbaa Boor duraanii.)tti qubachifamanii turan kessaa Abbaan warraa baay’inni isaanii 750 ol ta’an sababa Gammojjii lafa qonnaaf hin taaneetti qubachifamaniif bakki akka jijjiiramuuf yeroo adda addaa kessatti iyyatanillee Godinni Bunnoo Baddallee furmaata kennufii waan hin dandenyeef Motummaa Naannoo Oromiyaatti iyyachudhaaf Maatiiwwan isaanii qabachuun dubartotaaf daa’imman isaanii dabalatanii milaan gara finfinneetti demaa waan jiraniif Akkasumas yeroon ergaa kana sif barressaa jiruutti Magaalaa Jimma kessaa qaxxaa muranii bahaa jiru waan ta’eef Ummanni kallattii Finfinnee fi Jimma Gidduutti argaman kan akka Sarboo,Sakkooruu,Walisoo,Tullu Bolloo,fi Sabbataa Jiran Gargaarsa akka godhaniif dhaamsa kana naaf dabarsi…Yeroo Ammaa kanatti Polisiin Federaalaa dorsisaa jira.” Dhaamsa jimma’rra ergame kana waliif dabarsaa (share) taasisaa. Lammiilee keenya kana kun karaa’rra tti miidhaan akka isaan hin mudannee, akka gargaarman taasisaaa. Galatoomaa.