OMN: Magaalaa Hararitti dargaggoonni heddu rasaasan rukutaman. Wax 9/2018

OMN: Magaalaa Hararitti dargaggoonni heddu rasaasan rukutaman.

Wax 9/2018


Of ta’anii biyya hogganuu kan jennu keessaa kuni tokko!

Amma taate!! Mallattoo gaariidha. Hojiin kun gara caalu biyya keessatti nubarbaachisa. Aadaa fi mallattoowwan eenyummaa Oromoo kan saboota hundaa gararraa akka Dr Abiy kaa’u namni barbaadu hinjiru, kana barbaachuunis dhukkuba malee nageenya miti. Kan barbaachisu aadaa fi mallattoowwan eenyummaa Oromoo isa motoomni (state) Itiyoophiyaa jaarraa tokkoo oliif lola irratti bane sana kan saboota biyyattii waliin iddoo walqixa akka argatu gochuudha. Gochi akkasii akka namoonni baay’een keenya yaadnu Oromummaadhuma qofa waan calaqqisiisuuf miti; ykn akka namoonni gariin yaadan eenyummaa biyyattii, akkuma motoomni bara mootii moototaa taasise, eenyummaa saba tokkoo qofa ta’ee akka mul’atuuf miti. Hojiin akkasii abdii jiraachuu danda’uu fi fulla’iinsa biyya keenyaa waan ta’eefi.

Carraan Itiyoophiyaan akka biyyaatti ittifufuuf qabdu akka namoonni muraasni jedhan federesshinii sabdaneessaa amma jiru kana dimokraatessuu qofaan miti; aangoon biyyattiis walqixa saboota biyyattiif hiramuu qaba. Dimokraasiin akaakuu garagaraa waan ta’eef akaakuun dimokraasiin marti aangoo bulchiinsaa saboota hundaaf walqixa hiruuf carraa walqixa waan uumu miti. Kanaaf aangoo biyyattii walqixa hundaaf hiruun nagaan jiraachuu biyyattiif murteessaadha. Aangoo sabootaaf hirtee eenyummaa isaanii immoo cinaachatti baasuu hindandeessu.

Aangoo giddugaleessaa hundaaf wayita hirtu mallattoo fi aadaa eenyummaa sabootaas walqixa iddoo kennuufiin murteessaadha; kana jechuun garuu akka namoonni #OroMaaraa projaktii jedhamu biyya keessatti adeemsisaa jiran wallaala irraan kan ka’e “eenyummaan dhiiga keessaa ba’a, tokkummaa sabootaa jabeessuuf walmakiinsa dhiigaa isaan seenaa keessatti qabaataa turan agarsiisuutu fala” jedhanii yaadan miti. Eenymmaan dhiiga waliin hariiroon inni qabu garmalee xiqqaadha, sanuu sirumaa yoohariiroo qaba jennee dubbachuu dandeenye. Osoo eenyummaan dhiiga keessaa ba’a ta’e kan hunda dursee eenyummaa dhabu uummata Oromooti. Eennummaan adeemsa seenaa yeroo gabaabaa keessatti dammaqinaan hojiikoo jedhamee waan hojjetamu malee waan dhalootaan argamu miti. Eenyummaan garagaraa biyya keenya keessa jiran of ijaaruuf jecha, akkuma kan biyyoota biroo, seenaatti dhimma ba’u. Kanaaf siyaasni biyya keenyaa waan bara kanaa caalaa dhimmaa hiikkoo seenaa irratti waldhaba. Namni dhimmi kun gaariitti galeef eenyummaa sabootaa ykn kan nama dhuunfaa (warra ani eenyummaa sabaa hinqabu jedhan dabalatee) waa’ee dhalootaa ykn dhiiga waliin walqabsiisuuf niqaanfata. Kun mata-duree mataa ofii danda’e waan ta’eef ammaaf nandhiisa.

Sadarkaa biyyaatti mallattoowwan eenyummaa saboota hundaa walqixa dhaabuun jechoota summaa’oo bara mootii-moototaa Itiyoophiyaa calaqqisiisan (zerenyinnet, zer, xilaachaa, Itiyoophiyaawiinnet fi kkf) Dr Abiy wallaalaanis ta’e beekaa darbee darbee fayyadamu of irraa fageessuu nidabalata. Namni gara kanatti ofqabu gaaffii uummata Oromoo deebisuun hafnaan gurraan dhaga’uullee hinfedhu. Dr Abiy uffata aadaa Oromoo amma mul’ise kana calliseetuma dhimma malee raaw’ata jedhee hinfudhu. Tarii gaaffiiwwan ijoo uummanni Oromoo qabu keessaa tokkumallee taatu deebisuuf yaadee namatti bubu’ee ilaaluuf waan fedhen se’a. Waan isa baasu isatu beeka (dhimma aangoo dhuunfaa isaan walqabateen jechuukooti), bara kana garuu uummanni Oromoo waanuma Oromoo taate qofaaf ykn waan ani Oromoodha jette qofaaf waan sideeggaru miti, sun kuttee jirti; faayidaa biyyoolessaa inni barbaadu eegsisuuf fedha/dandeettii qabaachuu fi dhabuukee ilaala. Dr Abiy MM ta’uu waliin walqabatee abdiin uummata Oromoo keessatti dhalates inni guddaan isa kana malee namni dhuunfaa Oromoo ta’e tokko waanuma waajjira sana seeneef gammadee natti hinfakkaatu. Ammaaf Dr Abiyyiin galatoomi, ulfina argadhu jedheera.

Etana Habte


Kalee galgalaa Yunibarsiity Dillaati nyaaphii Bombbii dhoose!
Guyyaa 1/10/10 A.L.H galgalaa keessaa Naannoo sa’aati 3:50ti Yunibaarsitii Dillaa Moonaa Samaraa(Odaa Yaa’aa) Manaa kitaabaa( Library) Social science jedhamtuu irrattii bombbiin dhoote! Bombii dhooten Walqabatee Miidhaan cimaan namoota 13 ta’an irrattii dhaqaabadee.
Namii baqaa walii irraa oriyee madooleen Muummee hin qabduu.Ijoolleen miidhamtee irraa caalan ijoollee oromooti.Namaa Lubbuu dhabee hin qulquleefanne!Ka’uumsii Waraanaa eennuun akkaa ta’ee hagaa ammatii beekkamuu baatullee wannii namaa Shakkisisaa hedduuti jiraa.Fakkeenyaaf:-
•Guuyyaa Kaleesaa kan laftii Nagaa Agaziin dallaa yunibaarsitichaa Keessaa yaa’aa oolte maaliif akka ta’ee hin beekkamnee.
•Guyyaa 02/10/10 Ijoolleen Oromoo Yunibarsitii Dillaa qophii akkaa akkaa qabdii turtee ,wa’ee geggesaaa eebbifamtoota baraa kanaa,wa’ee GAASO(Gumii Dagaaginnaa Aadaa,Afaanii fi Seenaa Oromoo) waggoota lamaa oliif eegii gaafa jeequmsa bara 2008 E.C dhabaatee ilaalchisee malaa mariin ni jiraa ture.
•Jeequmsii Oromoo Gujiif Sabaa Gediyoo baldhaan Waan jiruuf Yunibaarsiin Dillaa Godina Sabaa Geediyoo kan jalatii waan argamtuuf jeequmsii Karaa jaraatiin dhooyina laata shakkiin jettulleen ni jirtii
•Hawaasii Tigree guyyaa kaleessaa jechuun 01/10/10 E.C Naannoo warraatii Mormmii akka akkaa dhageesisaa oolee.Kanumaan Walqabatee shirii kun tigreetin godhaminaa shakkiin jettulleen ni jirtii.

Dhábasá Wakjira Gemelal


OMN: Magaalaa Hararitti dargaggoonni heddu rasaasan rukutaman.

Wax 9/2018

Bulchinsi mootummaa naannoo Hararii lafa Oromoota abbootii lafaarraa fuudhuun qaamota iddoo biraatii dhufaniif laataa jiraachuun mormii dhalchuun himame.

Dura-dhaabbanaa dhiibbaa raawwatamaa jiruutiif jiraattoonni magaalattii kumootaan lakkaawaman subii arraa hiriira mormii jabaa gaggeysuu maddeen gabaasan.

Hiriira mormii godhame irrattiis dargaggoonni hedduun rasaasaan kan madaawanii fi isaan akka maleetti miidhamuun du’aafi jiruu jidduu jiranis jiraachuu maddeen ibsan.

(Usmaan Abdulaxiif)

Oromia Media Network


“Nuuf dirmadhaa jedhu!
Erga hidhamanii waggaa/ganna 8 ga’aniiru. Mana hidhaa Qaallitii keessatti 4 ta’anii mana dukkanaatti hidhamanii jiru. Isin ABO dha jedhamanii hidhaa umurii guutuun irratti murtaa’e. Erga irratti murtaa’ees maatii (haadha, abbaa fi obbolaa) yoo ta’e malee namni kaan dubbisuu hin danda’u.
Dhaamsa isaanii: Mana hidhaafi mana dukkana kana keessaa akka baanuuf/hiikamnuuf karaa dandeessaniin dhiibbaa akka nuuf gootan yjn goosistan fi addunyaatti akka nuuf beeksistan kabajaan Uummata Oromoo quuqama sabummaa qabdaniifi mirga namaaf falmitan isin gaafanna jedhanii dhaammataniiru.
Isaanis:
1. Faqqadaa Abdiisaa Gusuu- bakka dhalootaa Godina H/G Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee ganda Tulluu noonnoo
2. Dajjaazmaach Bayyanaa- bakka dhalootaa godina H/G Wallaggaa aanaa Horroo,
3. Abdiisaa Ifaa- bakka dhalootaa Godina L/Shawaa- aanaa Gindabarat
4. Kadir Zinaabuu- bakka dhalootaa Aggaaroo

# Ilkee fi Irree wayyaaneerraa Qabsaawota keenya kana haa buusisnu
Injifannoon kan Oromooti!”


OMN: Aanaa Cinaaksan araddoota hedduu keessatti lolli adeema jira.

Wax-9-2018

Godina Harargee bahaa Aanaa Cinaaksanitii Ganama arraa Poolisoonni Addaa NaannooSomaalee hawaasa nagayaa irratti dhukaasa roobsuun namoonni hedduun haala gaddisiisaa taheen yoo ajjefaman kanneen kudhanii ol-tahan ammoo madaayuun gabaafame.

Humnoonni kunneen Araddoota akka Qobboo, Ordaa fi Ulaan-ula keessa qubatanii akka jiran ibsuun jiraattoonni naannawa sanii eeggannoo barbaachisaa tahe akka godhanis dhaamame.

(Faa’izaa Iliyaas)

Oromia Media Network

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.