Common mistakes in Afaan Oromoo
Beka Moti tiin, Ebla 22, 2019
Dogoggoraan jechoota Oromootti fayyadamuu
(confused and misused Oromo words)
Fakkeenyaaf:
-Nami aaru tokko dubbii balleesuuf booda hin deebi’u, kan dallanu immoo dubbii irraa gara boodaatti deebi’aa.
-Hawwaasi gocha yakkamaan tokko godhe ni abaara, warri immoo yammuu aaran mucaa isanii ni sookka’u.
-Bofi nama ciniina malee nama hin hiddu, kannisi immoo nama hidda malee nama hin ciniinu.
-Nami miillaan deema, horiin immoo kotteedhaan deema. Egaa yammuu hedduu jechoota kana waliindhooyinee haasofna.
Haata’u malee, manabarumsa keessatti akka kanatti akka hin barsiifamne nan abdadha.
( In the school, colloquial/informal speech and formal speech must be differentiated and taught to bring Oromo offsprings from all corners of Oromia together)
Jechoota akkasii sana keessaa yartuun warra gajjallaa kana:
Aaruu fi Dallanuu
Abaaruu fi Sookka’uu
Dubbatuu fi Haasa’uu
*Mataa muruu fi Rifeensa muruu.
Onnee fi Laphee
Onnee fi Garaa
Garaa dhabuu fi Onnee dhabuu.
Beekuu fi Baruu
Balleesuu fi Dogoggoruu
Bu’uu fi Harca’uu
Bookkisuu fi Barooduu
Cophuu fi Dhimmisuu
Ce’uu fi Qaxxaamuruu
Dabuu fi Jallachuu
Dha’uu fi Rukutuu
Dhiquu fi Miicuu
Dhukkubuu fi Laalachuu
Dafuu fi Ariifachuu
Dho’uu fi Xaaxa’uu
**Eeguu fi Tissuu
Fannisuu fi Rarraasuu
Goomachuu fi Hinaafuu
Hurrii fi Qayyoota
Ke’aachuu fi Uffachuu
Ligdaa’uu fi Samuu
Lafa fi Dachee
Maqaaballeesuu fi Maqaabaasuu
Miillaan fi Kotteen
Naanna’uu fi Galagaluu
Fuunfachuu fi Suufuu
Furdatuu fi Gabbachuu
Goomatuu fi Hinaafuu
Go’uu fi Wacuu
Hojjetuu fi Tolchuu
Habbuqatuu fi Unachuu
Jissuu fi Kuffisuu
Jobobi’uu fi Jeeja’uu
Mucucaachuu fi Sigigaatuu
Madaqsuu fi Naalchuu
Okkoluu fi Bakkaafuu
Qalbeefachuu fi Hubachuu
Qaana’uu fi Salphachuu
Saamuu fi Ha’uu
Soofuu fi Duuguu
Rifeensa fi Dabbasaa
Waraabuu fi Buddusuu
Sirbuu fi Wallisuu
Sobuu fi Sossobuu
Dheedhii fi Xobbee
Mucucaachuu fi Sigigaachuu
Shakkuu fi Mamuu
Dhaabachuu fi Ijaajjuu
Dhaggeefachuu fi Dhaga’uu
Diilalla’uu fi Qabbanaa’uu
Cimaa fi Jabaa
Bareedina fi Miidhagina
***Buufachuu fi Qubachuu
Bilisummaa fi Walabummaa
Dhaamsa fi Ergaa
Bobeessuu fi Qamsiisuu
Bareeduu fi Miidhaguu
Duddaba’uu fi Haluuba’uu
Deeguu fi Hiyyoomuu
Ciniinuu fi Hidduu
Ilkaan fi Ilkee
Xobbee/kichuu fi Dheedhii
*Nami rifeensa muratu tokko, rifeensan muradha jedha malee, mataan muradha jechuun sirrii miti.
**Polisiin Baankii eega, Abdiisan immoo saawwa tissa.
***Allaattiin muka irra qubate, xiyyaari immoo lafa buufate.