Kichuu

Buufataaleen filannoo Oromiyaa keessaa filannoo gaggeessuuf gahaa miti jedhame

Oromiyaa

Buufataaleen filannoo Oromiyaa keessaa filannoo gaggeessuuf gahaa miti jedhame 

Akka biyaatti buufataalee 50,201 banamuuf qopheeffaman keessaa hanga ammaa buufataaleen filannoo kuma 24 caalan akka hin banamne ifoome. Oromiyaa keessatti hanga ammaa buufataalee filannoo 9% duwwaan banamuu fi Shawaa Lixaa,Gujii, Booranaa, Wallaggaa Bahaa,Wallaggaa Lixaa, Horroo Guduruu,Qellem Wallaggaa, Buunnoo Baddallee keessatti kaardiin filattootaa akka hin qaqqabne baramee jira. Buufataaleen Oromiyaa keessaas filannoo gaggeessuuf gahaa miti jechuun marii paartiilee waliin taasiste irratti aadde Burtukaan Midhagsaa ifatti dubbatetti . Nutis furmaatni waaraa Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa ijaaruudha jenne; jechaas jirra; mirkaneessinas.
Filannoon hin jiru
Qeerroo Intelligence Group

Oduu SIMBIRTUU: Itti Gaafatamaan faayinaansii waraana shaabiyaa (Eertiraa) Naannoo Tigiraayitti ajjeefamee jira

Baroota hedduuf waraana shaabiyaa keessatti aangoo sadarkaa garaa garaa irra tajaajilaa kan turee fi yeroo ammaa itti gaafatamaa faayinaansii fi dhiyeessii(Logistics) waraana Eertiraa walii galaa kan tahe,Raa’isom Tigraay keessatti ajjeefamee jira. Beenyaa waraana shaabiyaaf hanga masaraa Abiy Ahmed deddeebi’aa kan turee fi qindeessaa olaanaa saamicha qabeenyaa Tigraay keessaati. Warqiin KG 371 gara Asmaraa akka fudhatamu kan qindeesses isa. Yeroo ammaas qondaantotni Eertiraa Yemane Gebre Mesqel dabalatee gadda ibsachaa jiru.
Itti Muddi
Qeerroo Intelligence Group

Oduu Ammee: Naannoo Tigiraay Daanshaatti Waraanni raayyaan ittisa biyyaa xoophiyaa hedduun ajjeefaman

Waraana guyyaa kaleessaa jalqabee humna waraana TPLF fi Raayyaa ittisa biyyaa xoophiyaa gidduutti gaggeeffamaa jiruun Daanshaatti waraanni Raayyaan ittisa biyyaa xoophiyaa hedduun dhumatee jira. Loltootni Tigraay, naannoo Amaaraa galuun Ciilgaa keessatti humna addaa Amaaraas haleelaa jiru.
Qeerroo Intelligence Group
Poliisiin Oromiyaa maqaa leenjiin gowoomfamuun lolatti ergamuuf utuu deemanii didanii tamsa’uun dhagaa’ame!
SBS-Ebla, 14/2021
Humni Poolisii Oromiyaa Fiichee fi Saalalee jiran mootummaan guyyaatti durgoo Qarshii 1000 isiniif kennina leenjii Adaamaa deemtu jechuun gowoomsee fuudhee ka’ee erga isaan Sulultaa ga’aanii Adamaa utuu taane ABO-Shanee loluuf Wallaggaa deemtu ittiin jedhamnaan Poolisoonni kunneen diduun Magaalaa Sulultaa keessa guyyaa lamaaf erga turanii booda mootummaan humnaan garas erguuf gaafa dirqisiisu uuffata waraanaa of irraa baasanii uffata siiviliin dhokatanii kara karaa tamsa’uu maddi keenya Finfinnee irraa Shinniigaaf himee jira.
Kanuma sababeeffachuun humni tikaa yeroo ammaa ajajaa Poolisoota sanaa qabee bakka itti facaaftee fidi jechuun dararaa jiraachuun beekameera.
Exit mobile version