Breaking NEWS: Waajjirri Tikaa Bilxiginnaa namoota Saba Amaaraa qofaan guutamaa jiraachuun dhaga’ame

#Breaking NEWS Waajjira_Tikaa
 
Waajjirri Tikaa Bilxiginnaa namoota Saba Amaaraa qofaan guutamaa jiraachuun dhaga’ame.
 
Humni siyaasaa Amaaraa seenaa biyyattii keessatti kara mul’atee hin beenneen hoggantoota fi ogeessota basaasaa saboota biroo biyyattii keessa jiran hunda ari’uudhaan kanneen saba tokkoon bakka buusaa jira.sabnis Amaaraa jechuudha.
 
Hogganaan dhaabbatichaa Tamasgeen Xurunee fi Itti Aanan isaa Indaashaaw Xaasoo lamaanuu Amaaraa yoo tahan, yeroo ammaa kana basaastota haaraa 450 tahan dhaabbata leenjii Tikaa Finfinnee, Kotobeetti argamu keessatti leenjii irra turan rammaddii geggeessaa jiru.
Basaastota haaraa dhaabbata Leenjii Basasummaa Kinfee Gebra Madihin irraa bahan 450 tahan keessaa 287 saba Amaaraa fi 56 Naannoo ummattoota Kibbaarraa tahuunis beekuun danad’ameera.
FSM irraa

Maammee Caffee


ODUU Hatattama ABO warana adda oromiya 21 Ajesu fi muddama abiy kesa gale lola tplf waji |Moha Oromo