Bilxiginan: Oromoo ishee mormu hunda hiitee, qaanessitee fi ajjeeftee isa na deeggara jetuttimmoo kaardi filannoo 10 itti rabsitee filmaatni isheen gootu

Bilxiginan : Oromoo ishee mormu hunda hiitee, qaanessitee fi ajjeeftee isa na deeggara jetuttimmoo kaardi filannoo 10 itti rabsitee filmaatni isheen gootu fudhatama argatee mootummaa seer-qabeessa na taasisa jettee kan yaaddu doofa jabana kanaati.

Inni si deeggarus si duukaa hin jiru, isa hiites dhiifama gaafattee hiikta, isa ajjeefteefis dhiigaan kafalta yaa cundhuraa.

 
Oduu gaddaa
Ijoollee Oromoo sabboontota tahan naannoo dhaloota goodina qeellam Wallagaa aanaa Gawoo Qeebbee tahan hojiif gara finfinnee dhufan mana jireenya isaani goodina addaa naannoo finfinnee Sansuusii jedhamuu irraa warri tika mootummmaa ukkamsani fuudhudhaan bakka hoolata jedhamutti rasaasan ergaa rukutani turan keessaa namni tokko kan maqaan isaa Eebbisaa Taaddasaa ogeessa fayya kan tahe battalumatti
Lubbuun kan darbee yoo tahu hiriyaan isaa kan maqaan isaa Taariku Milkiyaas jedhamu du’aa fi jiruu jidduu jiru hospitaala Abeet naannoo yohaannisitti argamu keessatti yaalama jiraachu isaa sif ibsa.
Biqilaa kiyya ijoolleen kun badii fi yakka tokkollee akka hin qabnee fi Oromummaa isaanitifi kan dhuman.dafii qilleensarraa nuuf oolchu
Via: Ajaahib Jimaa Tooboo


(Dr. Etana Habte)
Torbee kana hookkarri naannoo Amaaraa keessatti mul’ate karaa hedduu of ibse. Rakkoo hammaataan bakkoota garagaraa jiraatus xiyyeeffannaan bakka rakkinni jiru ta’uun hafee bakka wacnii fi dutiinsi jiru akka ta’u taasise. Kana irraan kan ka’e OPDO ‘vibration mode’ irra kaa’ee afaan cuqqaaluudhaan hayyoonni bakka akkasii akkas jedhan jettee akka guungumtu taasise. Waca finxaaleyyii Amaaraa daangaa dhabe irraan kan ka’e OPDOn illee ani fira Oromooti jechuu kajeelte, saalfii tasuma hinqabdu waan ta’eef. Keessa baatee macaafa eenyummaa fi seenaa Oromoon seenessun eebbisa jettee abaartee biraa galte.
 
Kanuma waliin Oromoon torbaniifis ta’u xiyyeeffannoo isaa Oromiyaa irraa kaasee waca kanneen irra kaa’eera. Yeroo hunda argama ji’ograafii diina uummata Oromoo yaadachuun barbaachisaadha. Diinni uummata Oromoo guddaan Oromiyaa keessa jira; kanaaf hojiin qabsoo Oromoo inni hangafaa diina Oromiyaa keessaa kana buqqisee dacheetti dabaluudha. Diinni kun OPDO malee kanbiraa miti. Diinni uummata Oromoo baroota soddoma darbaniif OPDOdha. Milkaa’inni qabsoo Oromoo hamajaajii Oromiyaa keessaaa kana lafa jala galchuudhaan madaalama. Gaafa OPDOn mancaate warri ollaadhaa yuusan teessoon isaanii barbaachaan hinargamu. Waci abbaa fedhee yoo ka’e, abbaan fedhe yoo dute, yoo yuuse, yoo halaake, yoo mar’ates Oromoon OPDO irraa ija buqqisuu hinqabu. Diinni Oromoo inni guddaan OPDOdha, mataanshee nafxanyicha Abiy Ahmed jedhamu sana. Kana tasa hindagatinaa.