Benishaangul Gumuz: ‘Miseensonni Poolisii 10 Benishaangul to’annoo jala oolfaman’

Benishaangul Gumuz: ‘Miseensonni Poolisii 10 Benishaangul to’annoo jala oolfaman’

Miseensonni humna poolisii addaa Naannoo Benishaangul Gumuz wal dhabdee tibbana uumamee ture keessatti hirmaachaa turan 10 to’annoo jala oolfamuu itti gaafatamaa bulchiinsaa fi nageenyaa Godina Wallagga Bahaa Obbo Taakkalaa Tolasaa BBC’tti himan.

(bbc)—Wal dhabdee naannichatti uumamee tureen walqabatees namoota 75,000 qe’eefi qabeenyaa isaanii irraa buqqaasuun, lubbuu namoota baay’ee galaafatameera. Gocha kana duubas humni hidhate akka jiru namootni qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’uun bakkeewwan garaagaraa buufatanii jiran BBC’tti himaniiru.

Humni poolisii Oromiyaa fi raayyaan ittisa biyyaas haalicha tasgabbeessuuf yammuu gidduu galan humni hidhate dhukaasa irratti banuun miidhaa akka geessise Obbo Taakkalaan himaniiru.

Raayyaan ittisa biyyaas namoota hidhannoo guutuun dhukaasa banan kanatti marsuun namoota 10 to’achuu Obbo Taakkalaan himan.

Dabalataanis humnootiin poolisiin kunneenis to’annaa jala kan olfaman osoo mana namootaa gubuu fi qabeenya barbadeessanuu argamuun ta’ulleen dubbatan.

Qaamni hidhachuun ummata irratti dhukaasa bane kun miseensa poolisii addaa Naannoo Benishaangul Gumuz akka tahe dubbataniiru ittigaafatamaan kun.

Humni hidhannoo guutuu waliin to’annoo jala oolfame kunneen buufata raayyaa ittisa biyyaa naannichatti argamuufi kaampii saddeettaffaa jedhamuun beekamutti akka argaman himaniiru.

Obbo Taakkalaan qaama akkamiitu gocha kana qindeessaa jira kan jedhu ilaalchisee mootummaan qorannoo barbaachisaan taasisuun ol’aantummaa seeraa kabachiisuuf ni hojjetas jedhan.

Kana dhugoomsuun kan danda’amu immoo yoo uummatni qe’ee isaatti deebi’ee haalichi tasgabbaa’ee ofumaan qaama shakkamu eeruun deeggarsa taasisedha jedhan.

Haalichi ammayyuu guutummaa guutuun akka hin dhaabbannes himaniiru. Wal dhabdee kanaan namootni 75,000 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’uun magaalaa Naqamtee fi aanaalee godina Wallaga Bahaa adda addaa keessatti deeggaramaa akka jiranis dabaluun himaniiru.

Dhimma kanaratti kan haasofsiisne Bulchaa Itti Aanaan nannoo Benishaangul Gumuz, Obbo Abarraa Baayyataa, walitti bu’iinsa kanaratti humni naannichaa tasumaan hin hirmaanne jechuu haalaniiru.

Hanga ammaatti humni addaa naannichaa kan jiru magaala Lojigaanfooy Cogee keessa, lakkoofsi isaanis meeqa akka ta’e ni beekama jedhaniiru.

Dabalataniis “Tasumaan walitti bu’iinsicha irratti humni addaa naannichaa hin hirmaanne’ jechuun cimsanii dubbataniiru.


OPDO dha moo ODP dha? Ammallee rafaaatuma jira! Moo ammallee sodaa wayyanee isa caldhisiisaa jira!! Humna fii fedhii warri Benishaanful ummata Oromoo akkanatti ittiin godhan hin qaban. Kana tigreen akka duuba jirtu beekkamaadha!

Ragaan Abdi Iley viidoo isaa irratti gadi dhiise gahaa dha. Abdi Iley, akka Ato Getachew Asafa Tigree dhaa, yaakka san hundaa isa raawachiisaaa ykn hojjechiisaa ture addeessee jira. Ammaas taatu yakka akkanaa kana kan naannoo Benushaangulitti ummata Oromoo irratti hojjetamaa jiru akka wayyaaneen duuba jirtu ifaadha!

OPDO/ODP ammallee waayyaanuma sodaachaa jira moo ummata Oromoo irraa dandaa hin eega garaa isaa guutate? Maqumaaf angoo qabnaa jedhee gurra nu duuchaa halkanii guyyaa ree! lammaa Magarsaa fi Dr. Abiyyi miti kan ummata biyyaa itti gaafatamu! Moo isaan amma waan suusiin toophiyaa isaan qabdeef kan ummata Oromoo tirraa dantaa takallee hin qaban.

Toophiyaa dendemachiifnee jedhanii tuma fanxasiyaa godhuudha! Walgahiin isaanii tan Fanxaziyaa tuu kan gargar cituu deemtu hin fakkaattu!. Oromoon suusii Toophiyaa irraa dantaa takkallee hin qabu! Wanni ummatni Oromoo barbaadu nagayaan jiraachu!

Lammaa Magarsaa yoo nagaya Oromoota eegee eegsiisuu hin deendeenne ykn nagayaa Oromoota tirraa dantaa takkallee hin qabaannee ummatni Odromoo Lammaa Magarsaa angoo irraa buusuu qabu! Lammaa Magarsaa angoo irraa arihamuu qaba!

Down Down Lammaa Magarsaa!!!!
Oromoo ficcisiisee angoo irraa kaasaa!!

Murataa Biyyaa


#Finfinnee Oromiyaa


Duula Haaraa Gama Beenishaangul Gumuz Irraan Ummata Keenyatti Baname Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoorraa Kenname.

Ummanni Oromoo barootaaf lola daangaa faayidaa siyaasaa of keessaa qabuun heddu gaaga’amaa turuun beekamaadha. Waggaa kana keessa qofa daangaa Somaalee lola Liyyuu Hayiliin banteen ummanni miliyoona tokkoo ol ta’u qe’ee fi qabeenya isaarraa buqqaafamee rakkoo hawaasummaa hamaaf saaxilame. Yaalii fakkaataa ummata Oromoo Gumii fi saba Geedi’oo gidduutti uumameen gaaga’amni hamaan qaqqabeera. Ummanni keenya Walloos lola daangaa sabootni ollaa yeroo yerootti bananiin akka hamaatti haleelamaa yoona gahame.

Haleellaan karaa Oromiyaa Lixaa ummata Oromoorratti banames qaama itti fufiinsa saboota ollaa ummata Oromoorratti kakaasuun bu’aa siyaasaa haammachuuti. Ummanni Oromoo fi Gumuz ummata barootaaf nagaa fi obbolummaan waliin jiraataa turan ta’us yeroo adda addaatti walitti bu’iinsa qaamni biraan gidduutti uumuun yeroo adda addaatti uumamaa ture. Walitti bu’iisa uumamu keessatti ummanni keenya haala hamaan miidhamaa yoona gahe. Sababni ummanni keenya miidhaaf saaxilame keessaa muraasni:

1) Ummanni Oromoo waggaa 28 guutuu meeshaa hiikkachiifamaa saboonni ollaa isaa ammoo hidhachiifamaa madaalliin humnaa gara saboota Oromoo haleelaniitti jallachuu

2) Humni mootummaa dirqama heerri biyyaa irratti gate bahuu hanqachuun saboota kaaniif baabsaa ummata keenya ammoo haleeluu. Ummanni Oromoorratti lola banan tumsa humna mootummaa kanatti dhimma bahuun daangaa haleellaa isaanii babal’ifachuu

3) Loogiin gama humna mootummaa kun waggaa dheeraaf yaaddoo walitti bu’iinsaa keessa akka jiraatnu gochuu. Waldhabbiin akkanaa kun waliin jireenya sabootaa balaaf saaxilaa dhufuu

4) Mootummaa tokko jala jiraatamee tokko miidhamaa kaaniif ammoo seera cabsuun akka eebbaatti fudhatamuu, Oromoon ammoo itti fufiinsaa akka haleelamu taasisuu

5) Mootummaan hanqina isaa dhokfachuuf dhimma Oromoo ololaa miidiyaan haguugee darbuu aadaa godhachuu, aadaan kun hanga har’aatti osoo hin jijjiiiramiin itti fufuu

6) Saboonni loogii Mootummaa abdatan itti gaafatamummaa malee yakka suukanneessaa dalaguurraa of qusachuu dadhabuu, Oromoon haleellaa itti banamu meeshaa fi seera itti hirkatee ofirraa qolatu dhabuudha.

Gochaa suukanneessaan saba keenya Wallaggaa Bahaa, Wallaggaa Lixaa fi Beenishaanguul Gumuz keessatti gidduu kana raawwatamaa jirus dhugaa kana lafa kaa’a. Kana waan ta’eef, yeroo ummanni keenya akka hoolaa gorra’amee haala suukanneessaan qalamaa jiruu fi juumlaan qe’eesaarraa buqqaafamu kanatti mootummaan callisee ilaaluun amalli durii kan isa hingadhiisne ta’uu mul’isa. Mootummaan hatattamaan duula ummata keenyatti humna hidhateen baname kana akka gidduu seenee dhaabsisu gaafanna. Haalli kun itti fufnaan nageenya akeekame kan dukkaneessu ta’uus yaadachiisuu feena.

Injifannoon Ummata Oromoof!

Fulbaana 28,2018
Finfinnee Oromiyaa


First they were displaced from Hararghe by Liyu police from their homes, relocated in Benishangul Gumuz, and now they are not only getting killed, but innocent human beings have been hunted like wild animals, buttered, burned alive in the way Cooked to be EATEN by another human beings? Did I just hear these people’s stories about what’s happening to them in Ethiopia correctly in this interview? #Unbelievable.