Basaastoti PP Nairobi, Kenya seenan.

Basaastoti PP Nairobi, Kenya seenan.

Ergamtootni PP haala WBO keessaa tibbana haasa’amaa turen dahatanii diigumsa uumuu fi sabboontota qabsaawota bilisummaa Oromoo adamsuuf guyyaa kaleessaa fulbaana 15 2021 Nairobi, Kenya seenanii jiru.
kan mootummaan PP Kenyatti bobbaafatte kunis:
1) Haayiluu Gonfaa
2) Abbabaa Garasuu fi
3) Bilisummaa Biraanuu ta’uun mirkaanaa’ee jira.
Jarri farreen ABO beekkamoo ta’an kun waggootii sadan dabran kana biyya keessatti hooggantoota, qondaalota, miseensotaa fi deggertoota ABO hunda hidhaa fi hiisisaa akkasumas ajjeesisaa kan turan fi duula WBO irratti mootummaan PP geeggeessaa ture keessatti warra qooda guddaa qabaachaa turanii dha.
Ammammoo WBO fi PP jidduutti araarri akka bu’uuf deemna jechuudhaan akkuma baranitti sobaan WBO irratti shira dalaguuf Nairobi, Kenya kan seenan ta’uun hubatamee, Hooggantootni WBO fi caasaaleen ABO fi qabsaawoti Oromoo hundumtuu bakka jiran maratti ergama basaastota PP kana saaxiluudhaan fashalsuu irratti hojjechuu barbaachisa.
#OPDOn hundee irraa buqqaatee dhabamuu qabdi!