Barattoota sabaan qooduun walitti buusuuf sochii taasifamu kamuu ni balaalefanna jedhan Barattoonni Yuunivarsiitii Amboo

Barattoota sabaan qooduun walitti buusuuf sochii taasifamu kamuu ni balaalefanna jedhan Barattoonni Yuunivarsiitii Amboo

OBN Sad 17, 2011 – Barattoota sabaan qooduun walitti buusuuf sochii taasifamu kamuu ni balaalefanna jedhan Barattoonni Yuunivarsiitii Amboo. Barattoonni Yuunivarsiitii Amboo hiriira guyyaa har’aa gaggeessaniin saboota obbolaa waliin taanee tokkummaadhaan nageenya Yuunivarsiitii ni eegsifanna jedhan.

Dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti nagaa fi tasgabbiin akka hin jiraanne shira xaxamus hin fudhannu jedhan. Barattoonni Yuunivarsiitii Amboo dhaadannoolee Oromoo kan keenya, Amaaraan kan keenyaa, Tigrayi kan keenya, Gambeellaan kan keenya jedhuun kabajaa fi jaalala saboota obbolaaf qaban ibsaniiru.

Hiriira kana irratti barattoonni sabaa fi sablammii garaagaraa irraa walitti bahan hirmaataniiru jechuun Rippoortarri keenya Yeroon Toleeraa gabaaseera.


Chali Ensermu Beyene