Bara baraan wayita guyyaan kun (Ebla 15) geesse Oromoon bakka jiruu ‘Baga Guyyaa Goototaa Geenye’ waliin jedha.

GUYYAA GOOTOTAA: Ebla 15
(Irradeebiin kan maxxanfame)

Bara baraan wayita guyyaan kun (Ebla 15) geesse Oromoon bakka jiruu ‘Baga Guyyaa Goototaa Geenye’ waliin jedha. Guyyaan Gootota Oromoo yeroo jalqabaaf kan kabajame Ebla 15, 1983 ture. Bara Guyyaan Goototaa itti kabajamuu eegalee irraa kaasee yoo xiqqate dhaloonni tokko darbeera. Ofii Guyyaan Goototaa maali inni? Goototni eenyu fa’i? Maaliif Gootota jedhamu? Maaliif Ebla 15 Kabajama? Eenyutu kabaja? Ofii sabni biyyii irraa fudhatame Guyyaa Goototaa kabajachuu danda’aa? Yoo danda’e akkamitti? Hunda caalaa garuu gaafachuu kan qabnu ‘dhaloota ammaaf hiika maalii qaba’ gaaffii jedhudha. Gaaffiiwwan kun hundi deebii quubsaa barbaadu. Isaan kana hunda haala quubsaa ta’een deebisuun qorannoo ofdanda’aa akka barbaadu nan amana. Kanaaf hunda deebisuuf hin yaalu. Hunda isaanii deebisuun dhimmoota walxaxaa hedduu waan qabuuf battalatti deebii gaaffiiwwan kanneenii hunda dandeenya natti hinfakkaatu. Ka’een tokko lama yaalamee, nahoofkalchaa.

Wayita waa’ee Guyyaa Goototaa ibsuuf yaallu seenaa qabsoo biyyoolessaa Oromoo fi bu’aa bayii sabboontummaan Oromoo keessa darbe yooxiqqaate fal’aanaan irraa wal arraabsisuun barbaachisaa akka ta’e naaf gala. Ani garuu ammaaf isa kana bira hindhaqu, tasumaa hin yaalu, sababiinsaas barruu gabaabduu akkasiin waan yaalamu miti. Garuu waa’ee Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), keessumattuu waa’ee isa seenaa ABO keessatti Dirree Bahaa jedhamee beekamuu saffisaan keessa fiigeen dubbadha, gaggabaasee jechuukooti. Kana gochuuf kan ani fedhe gaaffiiwwan armaan olitti ka’an keessaa yooxiqqaate dhaloonni amma jiru isa tokkoof ykn lamaaf deebii akka argatu fedheeni. Yoo ani kana eegale namoonni biroon immoo nagargaaranii ittifufu jedheen abdadhe.

Qabsoon biyyoolessaa saba Oromoo bifa ammayyaan 1960oota keessa ijaaramee socho’uu eegale bara 1973/74tti Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) dhale. Sochiin Oromoo duraan faffaca’ee naannoo naannootti adeemaa ture gaaddisaa fi hooggansa jaarmiyaa kanaa jalatti walittiqabame. Qabsoon hidhannoo fala tokkittii sabichi qabu ta’e. Oromoon kaampii waraanaa banattee qabsootti seente. Haalli siyaasaa fi loltummaa biyya Itiyoophiyaa fi Gaanfa Afrikaa garuu danqaa guddaa ta’e. Waa’een warraaqasa Itiyoophiyaa fi aangoo qabachuun Dargii, waa’een dhimma Somaalee fi dhimmi inni naannoo kana keessaa qaba jedhu, waa’ee lafti qotee-bultootaaf deebifamuu gufuu guurratanii asba’an. Isaan kun hundi rakkina mooraa qabsoo Oromoo keessatti dhalateen walitti dabalamanii bara 1978-79 keessa hanga humna lolaa ABOn qaba jedhu bittinneessuu qaqqaban. Kaampiin waraanaa Oromoon ijaarratte niburjaajofte. Rakkinoota kana hunda mataatti baattatanii, baddaa fi gammoojjii keessa naanna’anii fala barbaaddatanii, dhimma isaaniis fixatanii irra aanuudhaan Amajjii 1982 deebisanii kaampii waraana ABO kurfeessan, deebi’anii milkaa’an jechuudha. Amajiin 1 guyyaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jedhamee kan moggaafame bara kana. Utuu dubbannuu alaabaan ABO amma faajjii qabsoo bilisummaa Oromoo ta’e kun yaa’ii bara 1982 kana waggaa tokko dursee ayyaaneffannaa Amajjii 1, 1981 irratti yeroo jalqabaaf laga Jalluu (naannoo Raamis) keessatti fannifame. Haala nama ajaayibuun huccuu isaanii tatarsaasanii, isa kaan gabaa keessaa dhokatanii dhaqanii bitanii walitti suphanii hojjetan. Alaabaan kun bara kana hojjetame jechaa hinjiru, maddi isaa hanga 1960ootaatti gara duubaatti harkifama.

ABOn mikaa’ina kana bira ga’uun garuu dalagaa salphaa hinturre. Jalqaba hooggansi ABO haalaa fi bifa Oromiyaa calaqqisiisuun hooggansa biyyoolessaa (national leadership) horachuutu irra ture. Mootummaa Itiyoophiyaa waggaa lamaan dura Somaalee irratti injifannoo argatee loltoota akka mixii/goondaa baay’atan ganda keessa naqe jalaa miliqaa jiraachuun, rakkoo dhiyeessii leeccaaloo danda’uun, caasaa basaasa Dargii irraa hamma danda’ame oftiksuun, ‘Western Somali Liberation Front (WSLF)’ dhukkubsachiisuun immoo isaan birooti. Rakkinoota kana irraa dandammatanii qabsoo saba Oromoo gara fuulduraatti tarkaanfachiisuuf haala itti mootummaa Ziyyaad Barree waliin hojjechuun danda’amu faluuf Hayyu Dureen ABO yerosii Obbo Magarsaa Barii fi murni hooggansa jaarmiyichaa gara Somaaleetti imala eegalan. Bakka jedhaniif osoo hingeenye Bitootessa 1980, Fiiq bakka jedhamtutti loltoonni ‘WSLF’ hooggansa biyyoolessaa Oromoo ta’ee tajaajilaa kanjiru hooggansa ol’aanaa ABO hunda garajabinaan rasaasa itti roobsanii fixan. Hunda isaanii ajjeesan.

Walumaagalatti ajjeechaa Bitootessa 1980 irratti kan wareegaman Gootota 13 hanga 14 kan ta’an yammuu ta’u isaan keessaa hammi tokko kunooti: Hayyu-duree ABO Obbo Magarsaa Barii, Itti-aanaa Hayyu-duree kan ture Damissee Tacaanee (Gadaa Gammadaa), miseensota Koree Guddugaleessaa kan turan Abboomaa Mitikkuu fi Yiggazuu Bantii, Komaandii Waraana Dirree Bahaatti ajajaa itti-aanaa kan ture Falmataa/Caccabsaa (Umar), Komaandii Dirree Kibba-Bahaatti ajajaa kan ture Irra-aanaa Qacalee, Komaandii Hooggansa Giddugaleessaa Dirree Bahaatti miseensa kan ture Faafam Dooyyoo fa’i.

Maddoonni afaanii akka nuuf himanitti warri hooggansa ABO keessaa Musliimota ta’an isaan Musliimota hintaane gananii yoodhiisan lubbuu isaanii oolfachuu akka danda’an loltoonni ‘WSLF’ affeerraa dhiyeessaniifii turan. Affeerraa dhiyaate diduudhaan ‘kaayyoon baaneef kaayyoo Oromummaati, amantaadhaan adda hinbaanu, walumaan nufixaa,’ jedhanii deebii kennuudhaan walumaan wareegaman, gulantaa Oromummaas olfageessanii nuuf kaayan. Seenaa Oromummaa irradeebi’anii dhiiga isaaniin barreessuudhaan bakka wallaalumnii fi garaagarummaan qaqqabuu hindandeenyetti fannisan, olkaayan. Dhumaatiin gurmuu hooggansaa Obbo Magarsaa Bariin durfamu ajjeefamuun garuu ABOf rakuttaa cimaa ta’e, ifaan ifatti ABOn hooggansa malee hafe jechuudha.

Dhumaatii hooggansa ABO kana warri dirree qabsoo irra jiranii fi Obbo Galaasaa Dilboon durfaman battalatti dhagayuu hindandeenye. Obbo Margarsaan wayita karaa eegalan kan barreeffamaan bakka buufatan Obbo Galaasaa Diboo turan. Kanaaf Obbo Galaasaan haala rakkisaa kana keessatti hojii qabsoo ittifufuutu irra ture, walgayii itti aanu keessattis Obbo Galaasaan mata-duree Qindeessaa-Waraana Dirree Bahaa jedhamuun hanga bara 1989 Hayyu-Duree ABO ta’anii filatamanitti hojii hooggansaa irratti lafadhaye baachuu eegalan. Walgayiin itti aanu bara 1982tti walgaye ture, walga’iin Gumii Sabaa Ebla 15, 1983 akka adeemsifamuuf kan murteesses yaa’ii bara 1982 kana ture.

Ebla 15, 1983 immoo rakkina biraatu dhalate. Bakka buufata wiirtuu hooggansaa Hayyu-dureen ABO Obbo Galaasaa Dilboo fi jaallan isaanii giddugala hooggansaa (headquarters) taasisanii itti fayyadaman, Billiqa-Darasaa, caasaan basaasa Dargii waan bira gayeef loltootaan marsuun waraana itti bane. Hooggansa ijoollummaan jiru kana keessaa jaallan ja’a battalatti wayita wareegaman Obbo Galaasaa fi warri hafan madaa cimaa madaa’anii lubbuun ba’an. Walga’iin Kora Sabaa Godina Bahaa hooggansi ABO bakka tarsiima’aa (strategic) ta’e Billiqa bakka jedhamutti waame hafuu hinqabu jechuudhaan xiiqeffatanii madaa huccuun hidhachuudhaan adeemsifame. Billiqni bakka walgayii Kora sabaa taatee filatamuun sababa qaba ture. Billiqni Laga Waabee fi Laga Dhungataa jidduutti argamti, haala caaseffama bulchiinsaa impaayera Itiyoophiyaan ibsuu yoofeene Godinaalee Harargee fi Arsii jidduutti argamti jechuudha. Walga’iin bara 1982 wayita taa’amu sochii ABO gara baddaa Baaleetti babal’isuuf murtiin waan taasifameef bakka ABOn keessa socho’aa jiru hundaaf giddugaleessi Billiqa. Kanaaf miseensonni, deggartoonni, jaarsoliin, bakkabu’oonni uummataa, hooggantoonni sadarkaa garagaraa baha Oromiyaa fi kibba-bahaa keessaa karaa adeemanii argamuuf adeeman iddoon tarsiimoo fi giddugalaa isaan qaban Billiqa.

Murtii Korri Sabaa Godina Bahaa Ebla 15, 1983 taa’e dabarse keessaa tokko Guyyaa Goototaa kan nuti jennuun kana, Guyyaan Goototaa wagga waggaatti Ebla 15 akka kabajamuuf murtaa’e. Wayita murtaa’u garuu ilaacha bal’aa fi seenaa Oromoo giddugaleeffateen gaggeeffamuudhaan kan wareegamtoota ABO qofa osoo hintaane isaan qabsoo mirga abbaa biyyummaa Oromoof jedhanii xumura jaarraa 19ffaa irraa eegalanii lubbuu isaanii kafalan yaadachuuf akka tolutti dhimma paartii tokkoon ol taasifamee murtaa’e. Warri Guyyaa Goototaa kana hundeessan ilaalcha bal’aa fi seena-qabeessa akkasii waalteffatanii hundeessan. Ayyaaneffannaa sabni Oromoo mallattoo biyyoolessaa taasisee kabajuu qabu ilaalchisee Korri Sabaa Billiqatti taa’ame kan murteesse keessaa Guyyaan Goototaa isa beekamaa haata’u malee isa qofaa hinturre. Fakkeenyaaf Guyyaan Dubartootaa Bitootessa 8 akka kabajamuuf murtaa’eera.

Kanaaf gabaabumatti Guyyaa Goototaa jennee wagga waggaatti Ebla 15 kan kabajnuuf sababatu jira, sanuu sababa quubsaa, kan dhaloonni tasumaa dagachuu hinqabne. Meeshalee seenaa keessaa luqqifamanii malllattoo sabaa ta’an keessaa kan akka nuti Guyyaa Goototaa jennuun kun bu’aa guddaa qabu. Akkuma alaabaa, faaruu biyyoolessaa fi kkf meeshaa ittiin biyyi ijaaramudha, isa biyya isaa hindhuunfatin jiruuf immoo meeshaa ittiin qabsoo ofii jajjabeessanidha. Kana malees sababaa fi seenaa hundeeffama ayyaana kanaa “Oromia-wide national image” akka inni qabu ittiin walyaadachiifnee kan wantoota/yaadota akka ilbiisaatti bifa qabsoo keenyaa faaluu barbaadan kan ittiin of irraa ifannudha. Kan ani jechuu barbaade, Guyyaan Goototaa kan abaluu fi kan abaluu, kan warra akkasii waan jedhumu hinqabu, kan saba Oromooti. Seenaa keessatti ayyaana kana ABOn haahundeessu malee har’a Guyyaan Gootota Oromoo kan ABO miti, kan saba Oromooti, kaayyoon inni ittiin hundeeffames kanuma waan ta’eef jechuudha. Namni Oromoo ta’e tokko Guyyaa Goototaa kabajuuf Oromoo ta’uun isaa qofti ga’aadha, dirqama miseensa murnoota ABO har’a jiranii ta’uun irraa hin eegamu. Yoo hiika ABO uummata Oromoon walqixxeessinee ilaalle irraa kan hafe namni Guyyaa Goototaa kabajuuf Oromoo ta’uu qofatu ga’a.

Namni Oromummaatti amanu hundi Guyyaa Goototaa kabajuutu irraa eegama, kabajnee firaa fi diinatti ergaa dabarsuutu nurraa eegama. Warri Kora Sabaa ABOn Ebla 15, 1983 waame irratti ayyaana kana yeroo jalqabaaf kabajatan kaayyoo cimaa tokko qabu turan, “gootota/hooggantoota keenya ajjeeftan illee qabsoo keenya ajjeessuu hindandeessan,” ergaa jedhu diinatti himanii mudhii hidhatanii qabsoo bilisummaa itti fufuu ture. Hiikni abbootii keenyaaf bara 1983tti hojjete dhaloota har’a jiruufis sanuma, sababiinsaa gaaffiin Oromoo ammayyuu hindeebine. Kanaaf qabsaa’ota qaqqaalii qabsoo bilisummaa keessatti dirree waraanaa irratti wareegaman yaadachuufis ta’e, barattootaa fi dargaggoota Oromoo Wayyaneen hiriira irraatti fixxe, isaan ayyaaneffannaa Irreechaa irratti dhuman, walumaagalatti dargaggoo, dhiiraa fi dhalaa, jaarsaa fi jaartii maqaa qabsoo Oromootiin wareegaman hunda ittiin yadachuuf itti fayyadamna. Guyyaan Goototaa har’a dhaloota keenyaaf hiika qabaachuu kandanda’u akkasitti jabeessinee, hiika itti kenninee yoo kabajanne qofa. Guyyaan Goototaa kan Oromoo maraati, haakabajnun jedha. Nahoofkalchaa.

Etana Habte


#Shaashamannee (Inbox)

“ይህ ፎቶ ሻሸመኔ ከተማ ዉስጥ ያለ መስቀለኛ መንገድ ላይ ያለ አደባባይ ላይ የተተከለ የአባገዳ እና የነፃነት ባንዲራ ነበር። አሁን የነፃነቱን ባንዲራ ነቅለዉ የአባገዳዉ ቢቻ ቆሟል። ነቅለዉ ከማንሳታቸዉ በፊት በትልቅ መኪና አደባባዩን ገጭተዉ ባንዲራዎቹንም ከጣሉ በኋላ አደባባዩን አስጠግነዉ የአባገዳን ባንዲራ ቢቻ ተክለዉ የነፃነቱን ባንዲራ አስወገዱት። ሆን ብለዉ ይህን የሚመስሉ ሥራዎችን በሌሊት ሻሸመኔ ከተማ ዉስጥ አምስት(5) አደባባዮች ላይ ሠርተዋል። የፕሮጀክቱ አንቀሳቃሾች የብልጥግና ካድሬዎች ናቸዉ።”

Tsegaye Ararssa

 

 

 

 

 

 

 

 


=✓BAGA GUYYA GOOTOTA GEESSAN

DHUGA KUDHAAMMADHU

HIN GANNU WAADAA

KAAYYOO GOOTOTA KEENYAA

AARSAA KAFALUU GALMAAN GEENYA

DIINNI ILKAAN BAASEE

BARA LAKKAA’ATUS

KICHUU CIREE NYAATUS

GOONI QABSOOF BAHEE HIN DUUNE

INNI QABSOOF DU’ES HIN DUUNE

=✓GOOTTA DU’A MALEE

SEENAAN GOOTAA HIN DU’U

^======================^

=✓Gootota injifannoo
Sabaaf wareegaman
Seenaatu yaadata
Kaayyoo gootota keenyaa
Aarsaa kafaluun
Galmaan geenya

=✓Bu’aa bu’ii qabsoo
Ummata Oromoo
Ilmi waadaa dhaaluu
Hayyuuf Qeerroon
Isa wareegameef
Imimmaan haqatee
Qaanqee qabsoo facaasee
Hayyuuf goonii dhaloonni qubee
Gatii dhiigaa kaffalaa
Hin gannu waadaa
Kaayyoo gootota keenyaa
Aarsaa kafaluun
Galmaan geenya

=✓Diinni ilkaan baasee
Bara lakkaa’atus
Kichuu ciree nyaatus
Goonni qabsoof bahee
Hin duune
Inni qabsoof du’es
Hin duune
Dhaloonni qubee
Diinni garaa gubee
Qaawwa hin laatu
Eenyummaaf jabaatu

=✓Hundaa harkaa qabus
Haqaaf dhugaatu harcaasa
Gumaa gootota du’anii
Isa jirutuu baasa
Qabsoon fininee tolee
Isa rafe kaasaa
Hayyuuf goonni biyyaa
Seenaa biyyaattii jijjiiraa
Wal utubuun kaanee
Nu waliin hin jirtu
Gufuun biyyaa hin taane

=✓Gootota injifannoo
Sabaaf wareegaman
Seenaatu yaadata
Kaayyoo gootota keenyaa
Aarsaa kafaluun
Galmaan geenya

=✓Diinaaf qawwa laannee
Yoomuu wal hin abbaarru
Gantuuf bakka laannee
Dhugaa jiru hin haallu
Lafeen gootaa cabee
Dhiigni lafa yaa’us
Dhugaaf haqa jiru
Rabbitu harkaa qaba
Nuyi abbaan qabeenyaa
Kaayyoo gootota keenya cufaa
Tokkummaan bakkaan geenya

=✓Gootota gaafa xiiqii!
Kan hundi ragaa ba’eef
Isa dhugaa filate
Isa sabaaf jiraate
Guyya gootota keenya
Biyyaaf wareegamanii
Eebila 15 baga guyya
Kanaa yaadataan√√√√

=✓Tufaa Wadaajoo Eebila 2020