Baaburri haaromsichaa garam jedha?

Above Single Post

Baaburri haaromsichaa garam jedha?


#Gudunfaa_Dubbii: Oromoo kan taatan hundi #Share godhaa Dhaamsaafi Video kana.

Wareegamni Ulfaataa Lubbuu Ilmaan Oromoo 6000 olii kan irratti Baafame Keessaa dhimmi guddaa fi Ijoon #Dhimma_Finfinneeti!! Mirgi Abbaa Biyyummaa, Abbaa Qe’ummaa(Lafaa)fi Qabeenyuumma Finfinnee Uummata Oromoof mirkanaa’u qaba kan jedhudha. Gaaffii Bilisummaafi Mirga Hiree ofii Ofiin Murteeffachuuf Oromoon bara dheeraa qabsaawaa ture akkuma jirutti ta’ee dhimmi belbeltuun Furmaata atattamaa barbaaduufi Filannoon hin ilaalamne Dhimma Finfinneeti. 

Amma Yeroo Gabaabaa Keessatti :

1ffaa Mirgi Abbaa Biyyummaa Oromoon Finfinnee irratti qabu mirkanaa’ee, Bulchiinsii Finfinnee Mootummaa Naannoo Oromiyaa jalatti Deebifamuu qaba!!
2ffaa Afaan Oromoo Afaan Biyyoolessaafi Afaan Hojii Mootummaa Federaalaa akka ta’uu atattamaan labsamuu qaba!!

3ffaa Sochiin Ijaarsaa Manneenii walqabatee Naannaawaa Finfinneetti saamichi Lafaa godhamaa jiru seeraan dhorkamuu qaba , Kunis labsiin mirkanaa’uu qaba!!
4ffaa Ilmaan Oromoo Jiraattoota Finfinnee fi Naannawaa Finfinnee qe’ee isaanirraa buqqifamanii Lafti qabiyyeen isaanii irraa fudhatame haala ulfaataa keessatti argamaniif Kaasaan guddaan kanfalameefi Lafti qabiyee isaanii irraa fudhatame deebifamuufi qaba, Kunis atattamaan labsii seeraan mirkanaa’u qaba. ..
# Gaaffiiwwaan hedduu Qabna, gaaffii Belbeltuu kanaaf garuu dursineee Deebii argachuu qabna!!


Baaburri haaromsichaa garam jedha?

Haaromsi sirna siyaasaa Itoophiyaa eega dhalatee akkuma salphaatti waggaa tokkoo cinaa tahuuf jedha. Jijjiiramni dhiiga ilmaan Oromoo kumoota dhugee as gahe kun ammayyuu gaaffii Oromoon itti qabsoo godhee jijjiiramicha fide akka hin deebisin ifaa dha. Haa tahu malee daandii gaaffii kana deebisuuf haala mijeessu diriirsuutti jira jedhamee obsaan eegamaara. Dhugaan jiru kana tahus haalli itti deemamaa jiru abdachiisaa dha jechuun rakkoo dha. Wantoota jalqabbii gaarii irraa maqaa jiran hedduu argaa jirra waan taheef osoo kana caalaa hin bubbulle dubbachuun dirqama. Rakkoon adeema haaromsaa kana keessatti wal dhalaa deemaa jiru yoo callifamee laalame lakkuma bubbuluun toyannaan ala bahuuf deema.

Akkuma namuu quba nutti qabaa jiru hoggansi haaromsaa kun harka Oromoo jira. Deemsi mul’ataa jiru ammoo gaaffii Oromoof furmaata eegamu fiduu mannaa cupheewwaan siyaasaa Oromoo fi Oromummaa balfaniif carraa banaa deemuutti jira. Dirree qabsoo keenyaa isa guddaa kan tahe dhimma Finfinnee irratti waan deemaa jiru qofa laaluun fakkeenya gahaa dha. Oromoon dhiiga isaatiin sirna olaantummaa TPLF waggaa 27f goobe buqqisee hundumaa ifatti baase galataa fi ulfina isaaf malu dhowwatamuun osoo nu ajaa’ibuu, inumaa bakka 1991 dura turetti akka deebifamuuf shirri ifaa fi dhoksaa irratti dalagamaa jira. Tuffii hagas gahu kana maaltu nutti fide? Falli hoo maali?

Injifannoo kana kan fide humna ummataa fi hogganoota Oromoo (Team-Lamma) EPRDF keessa turaniiti. Wayta ummanni keenya hoggansa Qeerrootiin dhiiga isaa Wareegee sirna TPLF dhiibu gartuun Team-Lammas ’gooftaan keenya ummata’ jechuudhaan yeroo duraaf dhiibbaa TPLF jalaa of baasuu isaa labse. Wareegamni ummanni keenya dhiiga isaa gabbaruun gumaache kan hiriyaa hin qabne tahuyyuu, gartuun Team-Lamma dhiiga ummataa kanatti gatii gochuuf wareegamaaf of qopheessee sosso’es goota ulfinni guddaan maluufii dha. Odoma sirni TPLF qarriffoo ittiin jara ququmsuu danda’u ofirraa qabuuti humni kun wareegamaaf of qopheessee warraaqsa ummataatti makame. Kanaafuu qoodni kaa’amuufii qaba. Gatiin haaromsa kana fiduuf kafale kan tuffatamuu fi dagatamuu qabuu miti.

Haa tahu malee gartuun kun har’a gurmuu jabaa akka jalqabaa sana qaba moo hin qabuun gaaffii deebii argachuu qabuu dha. Obbo Lammaa Magarsaa namni maqaa fi hoggansa isaatiin gareen wareegamaaf of qopheesse sun injifannoo galmeesse amma maal keessa jira? Dhimma Obbo Lammaa Magarsaa irratti wanni dubbatamu dhugaas tahu soba adda bahuun xaliilawiinsa humna qabsoo Oromoof barbaachisaa dha. Qabsoo keessatti walii galuun akkuma jiru walii galuu dhabuunis waan baasaa miti. Haala siyaasaa wal xaxaa Itoophiyaa hogganan keessatti dubbiin walii nama galchuu dhabu yoo jiraates ajaa’iba tahuu hin qabu. Warraaqsa biyya kamuu keessatti wanni akkasii ni mudata. Rakkoon garaagarummaa yaadaa horachuu osoo hin taane garaagarummaa sana akka itti keessumsiisan wallaaluu dha. Akki amma itti deemamaa jiru caalaatti ololtoota keessaa fi alaa kan nu diiguuf hamuummataniif karra banuun daranuu hamileen ummata keenyaa akka cabu gochuu mala. Diina alaa qofayyuu osoo hin taane keessoo keenyaattuu murnummaa siyaasaa fi naannummaan warra yaaduuf hiree banaa jira. Ammas kan mul’ataa jiru kanuma fakkaata.

Team-Lammaan jabinaa fi murannoo isaa waggaa tokko dura qabu sana deebisee jabeessee ummata isaa waliin jiraachuu mirkaneessuu irraa eegna. Yoo sun hin taanes akka itti qabsoo kanatti diinni harka hin dhoofne irratti wal amantaa fi gamtaa jabaa qabaachuu gad bahanii himuun hurrii qulqulleessee diinatti karaa cufa malee hiree hin banuufi.

Team-Lammaa irraa wanni jabeessinee dubbachuun dirqama tahuuf miseensotuma gurmuu kanaatu aangoo harkaa qaba waan taheefi. Hanqinas tahee jabina hanga ammaa agarsiisaniif jarumatu maqaa itti fudhata. Mooraa masaanuu nu tuffatuu fi mirga wal qixxummaa kan nuti itti duuneef akka gaaffii olaantummaatti dhiheessee abaaruu barbaaduufis sababni guddaan qabaa dogoggoraa hoggansa kanaati. Jalqabuma irratti waadaa daangaa dabre humna kanaaf seenuutu rakkoo kana dhale. Rakkichi eega dhalatee booda gara itti qaban wallaalanii rakkachaa jiraachuus argina. Haqa qabsoon godhamteefii jijjiiramni kun dhufeef ijatti walitti himuun haftee wal sodaachuu fi wal sossobuudhaan biyya bulchuu yaadu. Kun ammoo mooraa masaanuuf onnee irratti onnee dabale. Waan Oromoon kaleessa wareegameef hanga dagatanitti jara dhiitesse.

Hoggansa biyyaattis harka naqatanii gara fedhanitti akka waan fedhan micciiraniif hiree qaalii baneef. Akka lafa jala wal jaaranii fi kaartaa ittiin aangootti of baasan tolfatan gargaaraa jira. Yoo akkasitti itti fufe, humni maqaa Oromootiin harkaa qaba jedhamu ofiifis kasaaree saba laalaa baadhatee deemaa jiru kanas kasaarsuuf taa’a. Oromoo afaan qabee halagaa walqixxummaatti hin amanne masaraatti deebisuuf gumaachaa jira jechuuttis nama geessa. Haalli kun itti fufnaan wal waraansa rifaasisaa dhalchuu mala. Ummanni Oromoo hanga ammaatti obsaan haa dhaggeeffatu malee injifannoo isaa micciiree harkaa fudhachuuf humna bookkisu argaa kana caalaa hin obsu. Injifannoo isaa tikfachuuf sochii kamuuttuu seenuuf dirqamuuf haqa qabaata. Gaafas eenyuyyuu ummata komachuuf hamilees tahee aangoo hin qabaatu. Balaa kana hambisuuf hoggansi jiru kun wal facaasuu dhiisee gurmuu isaa kalee san haaromsuudhaan amanamtummaa ummata Oromoof qabu mirkaneessuun dirqama isaa ti.

Humni hoggansa irra jiru kun kophaa isaa tahee humna masaanuu dhiibuun itti ulfaachuus argaa jirra. Oromoon maseena hayyuu hin qabu tahullee of gargaarsisanii waliin tabba bahuun osoo danda’amuu maaliif akka kophaa isaanii fiiguu filachuun hanqina dhalataa jiruuf maqaa itti badan namaaf hin galu. Hayyoota Oromoo haaromsa kanatti amananii fi bolola murnummaa kamirraayyuu walaba tahan heddu qabna. Kaleessas Oromoo har’as Oromoo qofa giddu gala godhatanii warra qabsoo irraa hirmaatan gargaarsifachuun abshaalummaa dha malee waan saalfachiisu miti. Qabaatanii daboo wal waammachuunuu badhaadhina. Akka itti warri masaanuu wal ijaaraa jiru laaluu qofaanuun barbaachisummaa tumsaa hubachuun salphaa dha. Humni warra Amaaraa caasaalee birokraasii bara dheeraaf diriirfatee qabu hunda ciisaa dammaqsuun namuu ogummaa irra jiru keessatti akeeka abjootame akka dhugoomsuuf wal gurmeessaa jira. Namni jaraa har’a caasaa mootummaas tahee mootummaan alaa keessa haa jiraatuutii, ijarraa wal dubbisuudhaan akeeka tokkoof fiigaa jira. Akeekni sun akeeka Oromoo gad qabuuti. Hoggansi kun kana madaalee beekaa Oromoo of gargaarsisuu qaba. Aangoon amma jiru kun yoo Oromoo ofitti waamee of cinaa dhaabe qofa kufaatii itti aggaamamaa jiru irraa baraarama.

Dhumarratti gorsa MM Abiyiif: Cehuumsi tokko akka milkaayuuf jigii yaammatanii humna cimsachuutu barbaachisa. Mooraa siyaasaa Oromoo gurmessanii of humnessuun dabaltee kannaeen saboota biroos madhagfatanii deemuuniin murteessaadha. Osoo kana eegnuu gareeduma core ta’eeyyuu adda faca’uu eegaluun gaaga’ama hamaa fiduu mala. Saffisaan adeemsa humna facaasuu irraa humna sassaabachuutti deebi’uu qabdun jedha.

Yaya Beshir

Below Single Post