Ayyaanni Irreecha Malkaa Mogor-dulaa-har’a kabajame.

Ayyaanni Irreecha Malkaa Mogor/dulaa/ har’a kabajame.

Irreeffattoonni Irreecha Malkaa Mogor/Malkaa Dulaa) bara 6415 baga ittin isin ga’e. Baga nagaan geessan. Bara dhufu nama bilisummaa irraatti waliin irreeffatu nu godhu.
Malkaan Mogor lafa seenaati. Lafa Gootonni akka Badhaadha Dilgasaa, Fayyee Garasuu faa itti biqilanii dha. Badhaadhni gaafa lola eegalus bakki yaa’ii Wazaroo,Yaayyaa,Ada’aa fi Gumbichuu Iddoo kanaa dha. Malkaan Mogor laga guddaa dha.
 
Uummanni Aanaa Sulultaa Naannoo Kana jiraatu fi Yaayyaa Gullallee Ganni seenee Onkoloolessa keessa qofa walitti ce’u. Uummanni kun gaafa Irreechaa kanallee gama fi gamana dhaabbatee Angafaaf quxusuun dabareen Irreeffata. Fuula Gammachuutin fagoo irraa nagaa walitti dhaama. Bara kanas haaluma kanaan Irreeffatame. Mogor lafa Albuudan badhaadhe, kan Warshaaleen Simintoo kan akka Darba, Ethio-cement fi kan biroo dhiyeessiin galtee Warshaa/Raw material) isaaniif madda lafati.
 
Garu Uummanni naannoo kana keessatti argamu bu’uuralee misoomaa hin qaban. Rakkoon Ibsaa, Bishaanii, Network Bilbala fi Kkf hedduu Uummata qabuu dha. Rakkoon Riqicha dhabuu Malkaa Mogor rakkoo Olaanaa dha. Rakkoo kana PP’n akka hin furre ni beekna. Garu rakkoon Uummata kanaa bilisummaa keessatti akka deebi’u Abdiin qaba. Irra deebiin baga geessan.
Jabaan Waaqa!
 

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.