AYYAANA GUYYAA GOOTOTAA, Ebla 15, 2021 (IBSA ABO)

AYYAANA GUYYAA GOOTOTAA, Ebla 15, 2021
(IBSA ABO)
 
Kabajamtootaa fi jaal’atamtoota miseensota fi qabswaawota ABO, ummata Oromiyaa fi Wahilootan Qabsoo Bilisummaa Oromoo bakka jirtanitti,baga guyyaa yaadannoo gootota Oromiyaa Ebla 15f nagaan geessan; geenye.
Ummatni Oromiyaa dhuma jarraa 19ffaa irratti yeroo afaan qawweetiin harka halagaa jalatti kufee biyya namaa humnaan dhiibee, dangaa namaa cabsee nagaa booressee utuu hin taane, warra humnaan Oromiyaa cabsee qabeenyaa isaa saamuu fi of jalatti cabsee bituu hawwateetu daangaa itti cabsee mirga uumamaan qabu irraa sarbe. Loollii Caalii Callanqoo, Harkaa muraa fi Harmaa muraan Annoolee akkasumaas loolootiin gurguddoo bakkoota adda addaatti qeyyee isa irratti gaggeeffaman seenan galmessee jira.
 
Ummatni Oromiyaa guyyaa cabee irraa kaasee, bilisummaa fi abbaa biyyummaa isaa mulqame deeffachuuf finciloota walirraa hin citne gaggeessaa jiraate. Finciloota akka Rayyaa fi Azabo (1928-30), Dawwee (1947), Konfedresii Oromoota dhihaa (1936), baddaa Harargee (1943 fi 1948), kan Kibbaa Oromiyaa keessatti yeroo adda addaatti ka‘ee deebi’ee dhaamaa ture; tattaffiin Waldaa Macaa fi Tulamaa Oromoo deebisee ijaarsaan lafaa kaasuu godhee, Sochii Kibbaa Oromia fi Falmii mana Barumsaa University Finfinnee keessaatti bara 60-ota keessa tahaniin sochiin uummata Oromoo gara sadarkaa biyyooleessaatti akka bifa qabaatu taasise.
 
Deemsi kun ummatni Oromiyaa cabee waggaa dhibba booda akka ABOn bara 1973 waaltummaan mul’ata siyaasaan mirga isaa falmachuuf kan isaaf tahu akkasumas hogganaa fi jarmiyaan akka dhalatu godhe. Qabsoo bara dheeraa kana keessatti wareegamni guddaan baafameeraa. Ebla 15 deemsaa sochii ummataa keenyaa kan seena, kan kaleessaa fi har’aa wareegama qaqqaaliin ummatni Oromiyaa baasee Yaadannoo goonee kan waada keenyaa itti haareeffannuu dha. Wareegamni suukanneessaan Gammoojjii Somaliyaa (Shinniggaatti) erga mudatee kunoo waggoota 41 tahe. San boodas wareegamoota hedduu baafne, haalli amma keessa jirrus daballee wareegama baasuuf kan jiraannu tahuu nuuf eera.
 
Keessumattuu dammaqinsi ummata Oromiyaa falmaa bilisummaa isaaf godhu bara 1991 yeroo mootummaan cehumsaa biyyattii keessatti ta’e irraa kaasee daran dabalaa akka dhufe tahuun beekamaa dha. Kun ammoo ABO’n adda durummaan dargaggootaa fi barattoota Oromiyaa dammaqsuu fi ijaaruun gara qabsootti akka dhufani mirgaa isanii falmatan gochuu irraa kan madde tahu dhugaa lafa jiruudha. Ummatni hacuucaa didee bilisummaaf fincile yoomiyyuu deebiin isaa kan haqaa fi bilisummaa oolee bula malee hin hafu. Uummatni Oromiyaa hanga bilisummaa barbaadu argatutti wareegma sodaaf jecha qabsicha irraa of duuba mil’achuun gonkumaa akka hin jiraatne mirkaneessee jira. Haallii Ganfa Afrika fi Didhaleen harka nu qabanii baay’atanii karaan dheeratus mirgaa fi haqa keenya argachuuf jeecha murannoo fi of-irratti hirkannon qabsoo keenya masakuun milkii keenyaaf iggitii itti gochuun nu danboobsa.
 
Wareegamni Jaallan Shinniggaa seenaa qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa keessatti wareegamoota qalbii qabsaawotaa fi uummata keenyaa hawwatan keessaa tokko. Yeroo wareegamni kun itti mudate, eenyummaa fi gaafatamni isaanii akkasumas haalli isaan itti walfaana kufan ilaalcha addaa kennisiisaaf. Haa tahu malee Guyyaan Yaadannoo Gootota Oromiyaa kan gootota Oromiyaa bilisummaa fi haqaaf kufan hunda itti kabajnuu fi yaadannuu dha. Gootota sabaa fi biyyaaf of-kennan qabaachuun ulfina ol’aanaa biyyaa ti. Isaan qabaachuuf gammachuu fi boona nutti dhagahamu ibsachuuf Guyyaa Goototaa Oromiyaa (GGO) fardeessinee ayyaaneffanna. Haalii COVID -19 hedduminaan qaaman walarganii kabajuu irratti dhibbaa qabatees lammiileen Oromiyaa hunduu bakka jirutti haala isaaniif mijaatuu anjeeffachuun Gootota isanii yaadachaa waadaa isaanii haroomfataa akka kabajan abdii fi hawwii keenya. Irra deebinee BAGA GEESSAN! Jenna.
 
Yeroo ammaa kanatti lammiileen Oromiyaa goleelee Oromiyaa maratti falmaa farreen mirga namaa waliin waldura dhaabbachuun godhamu irratti wareegama lubbuu qaalii baasaa jiran.Hoogganootni dhaaba keenyaa dhibbootaan mana hidhaatti hiraarfamaa jiru. Miseensotaa fi deggertootni ABO kumootaan badii malee hiraarfamaa fi hidhaatti guuramaa jiran. Ajjeechaan lammiilee Oromiyaa lafa bal’aa irratti geggeeffamaa jira. Kanaaf ragaan qabatamaan gochaa ummata keenya Walloo irratti dhihoo raawwatamee fi kan ammas ummata keenya dhiha Oromiyaa irratti raawwatamaa jiruu dha. Ummatootni kaanis akkasuma haala sukanneessaan ajjeefamaa jiraachuun haala hundi keenya itti of-qopheessuu qabnu tahuu akeeka.
 
Ayyaana baranaa kan dabran irraa wanti adda godhu jira. Innis: Tokkoffaa akkuma jarraa 19ffaa yeroo ummata Oromiyaa gabroomfatan humna alagaa ( Mootummaa Alaa) of-gargaarsisanii Oromiyaa cabsan, ammas Mootummaa Biyya Ollaa fi Militia naannoo Amahra Oromiyaa fi Benshagul – Gumuz irratti bobbasanii cabsuuf yaalaa jiru. Lammaffaa, ayyaaneffannaa Guyyaa Gootota Oromiyaa (Ebla 15) dhaabbataatti daballee wareegama abbootii fi haadhotii keenyaa kanneen Calii-Calanqoo fi Harka-Muraa fi Harma- Muraa Aannolee cululissinee yaadatnu dha; akkasumas kan ammaan tana wareegamaa jiran qalbeeffachuu taha. Dhugaa fi seenaa balleessuun sabicha balleessuun addatti hin ilaalamu; kanaafuu seenaa kanaa akka dhalootnii qalbeeffatuu gadi jabeessinee hubachiifna.
 
Dhalootni haaraan galfata haadhotii fi abbootii kan hin nyaatne tahuu hojiin agarsiisuu qaba, kunis haala nama boonsuunis itti jirama. Har’as falmaa birmadummaaf godhamu keessatti ilmaan Oromiyaa xinnaa-guddaan, dhiiraa-dubartii fi hoogganaa fi hoogganamaa utuu adda hin bahin wareegama lubbuu, hidhaa fi qe’ee ofii irraa buqqaafamuu mudachaa jira. Murannoo fi wareegamaaf qophii tahuun injifatnoo fida; injifannoon bilisummaa fida. Bilibilisummaa keenyaaf falmachuun mirgaa fi dirqama dhalootaa ti.
 
Maayyii irratti, mohuu keenyas hin mamnu. ABOn akkuma aadaa fi amala isaatti mirga lammiilee fi saba keenyaaf muratnoon dhaabbatuun dirqama isaa tahuu tolchee dhaaba beeku dha. ABOn filmaata biyyoolessaa fakkeessaa fi dharaa kan ta’e keessaatti akka hin hirmaatne ugguramuu isaa baree irraa dhaabbateera. Qajeelfama qabsoo haala yeroo waliin deemu dhuuka-bu’oota isaaf yeroo yerootti dabarsaa jira. Kunis itti fufa. Haala fedhe keessatti keessaa fi alaatti hojii jaarmaa fardeessuun tokkummaa fi walquba qabeenyaan dantaa lammiilee Oromiyaa fi Oromiyaa walteeffatee mirgaa ummatoota biros kabajuun socho’uu dirqama keenya tahuu tolchinee beekna.
 
Walumaagalatti, qajeelfama Dhaaba keenyaa hordofaa falmaa mirga dimokrasii fi mirgoota uummataa maraaf dhaabbachuu itti fufna. Warri alaa hojii diplomaasii fi kan biyyaa keessaf sagalee waliif tahuun yoom illee caalaatti wal irraa eegama. Mirgi kennaa fi badhaasaan dhufu hin jiru. Bakka jirru maraatti dirqamaa dhalootaa haa bahannu.
Wareegamni Gootota keenyaa Firii kennu Malee lafatti Hin Hafu !
Gootonni Keenya Bara Baraan Haa Yaadatamani !
 
Injifatnoo ummata bal’aaf !
Adda Bilisummaa Oromoo
Ebla 15, 2021
Finfinnee