Atileet Siifan Hasan: Akka kaanis ta’u baatu Finfinneefi Sulultaatti lafa bitadheera’

Atileet Siifan Hasan: Akka kaanis ta’u baatu Finfinneefi Sulultaatti lafa bitadheera’

(bbcafaanoromoo)–Atileetin fiigicha fageenya gabaabaas ta’e dheeraa fiigdetti milkaa’u qofa osoo hin taane riikardiillee cabsuutti jirtudha atileet Siifan Hasan.

Dhihoo immoo qophaa ishii shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa tibbana dorgomame irratti fiigicha fageenya lamaan kan 10,000m atileetonni Itoophiyaa ittiin beekaman dabalatee shaampiyoonaa taateetti.

Dhaabbanni Atileetiksii Addunyaa atileetota 10 ciccimoo jedhee badhaasaaf barana kaadhime keessaa toko Siifan turte.

Sadarkaa atileetiksii dubartootaa dhabbanni kuni baruma keessa jirru baasen atileetin dursaa jirtu atileetii dhalootaan Itoophiyaa garuu Nezerlaandif kan fiigdu Siifan Hasanidha.

Tibbana turtii addaa BBC Afaan Oromoo waliin taasisten dhimmoota isin baruu feetu jennee yaadne gaafanneerra.

“Atileetin ani sodaadhu hin jiru. Mo’achuu malee tasa mo’atamuu hin barbaadu” jetti shamarreen umurii waggaa 26 fi shaampiyoonaan addunyaa Siifan Hassan.

“Itoophiyaadhaaf akkan fiigu namni na gaggaafate jira. Ani garuu odoon fiigee jedhee hawwee hin beeku. Yoo biyyi Oromoo bilisa baate malee” jechuunis dubbatti.

Umuriishee waggaa 15tti baqattummaan gara Awurooppaa kan imalte shaampiyoonaan addunyaa atileet Siifan Hasan qormaata jireenyaa hedduu keessa darbuushee dubbatti.

Ammammoo atileetota dubartoota fageenya giddugaleessaa baha Afrikaaf qormaata cimtuu taaterti. Turtii Siifan Hasan walin taasifne iddoo dhalootaa fi imala gara baqattummaa gaafachun eegalle. Itti dhihaadhaa!


Siifan: Ani magaalaa Adaamaattin dhaladhe. Garuu waa takka keessaa hin qabu. Arsii Aanaa Muunessaa magaalaa Qarsaa kan jedhamu gara baadiyyaattin guddadhe.

Gara biyya Neezarlaand umriikoo naannoo waggaa 15 yookin 16ttin deeme. Yeroo sanatti as biyya keessa jireenyaafis ispoortiifis baay’ee namatti hin tolu ture. Achumatti hafuuf itti yaadeen deeme.

BBC: Ispoortii asumatti eegaltemoo erga gara Neezarlaand deemte booda?

Siifan: Ispoortii asumattin eegale. Fiigicha akka maleen jaaladha. Gara mana baruumsaa yeroon deemu nan fiiga, dorgommis nan dorgoma ture. Ani nama mana keessa oolu hin turre.

Ala baay’een jaaladha. Achi deemee barumsa eegaleen ture. Ijoollee ispoortii hojjetantu akkan ispoortii eegalu na taasisan.

BBC: Jireenya biyya Neezarlaand baruun sitti cimee turee?

Siifan: Jireenyi biyya Neezarlaand waggaa lama ykn sadif natti ulfaatee ture. Ani intala baadiyyaati. Baadiyyaattimmo balballi banaa dha. Warri ollaa walitti dhufa.

Waliin jireenyi hawwaasummaas ni baay’ata. Yeroon achi dhaqu akka tasaa bakki gaarinillee nan geenye. Mana ‘under age’ jedhamu na gahe. Yeroo hunda balballi ni cufama. Animmo nama ala baay’isu.

Haadha koo waliinillee sababa sanif wal lolla ture. Kanaaf waggaa tokkof rakkachaan ture. Nama Oromoo dhiisi nama Itoophiyaatinu wal hin agarre. Yaadni biyyaas sammuu koo keessa deddeebi’aa ture.

Qilleensi biyyaas gargar ture. Yeroo gannaa achi akka malee qorra. Hanga waggaa lamaa sadiif halkanillee abjuudhaan biyyuma kana argaa ture. Sana boodan jireenya biyya sanaa walin wal bare.

BBC: Yeroo tokko “atileet Fayyisaan anaaf goota kooti” jettee turte. Gootummaansaa gama kamiini? Fiigicha yeroo eegaltuhoo atileetin fakkeenya godhatte jiraa?

Siifan: Atileetin ani ilaalee akkas ta’e jedhe hin jiru. Ani intala musliimaati. Warri koo Islaama. Kanaafu gara fiigichaa kana wanti akkasin ta’a jedhu hin jiru ture.

Ergan biyyaa deeme booda barsiisaan koo fiigicha jaalatutu jira.

Barsiisaa sana walin bakka fiigichaa deemee namittin tokko na ilaaltee “intalli kun dandeettii qabdi fiigicha eegaluu qabdi” jettee kophee naaf bitte. Sana booda garuu barumsa narsii barachaa waan tureef baay’ee natti ulfaate.

Boodas akka tasaa federeeshinii atileetiksii ‘Dutch’ [maqaa biraa Neezarlaand] argadhee akka na gargaaru natti hime. Isaan bira bara 2012 seenee bara 2013 dorgommii Diyaamand Liigii dorgomee nan milkaa’e.

Bara 2014 immoo atileetota olompikiifaa fiigan mo’achuu eegale. Milkaa’inni kiyyas akkuma nama har’a ka’ee boru milkaa’e ta’e. Kolfa…

Fayyisaan ummata Oromoof waan baay’ee godhe. Inni rakkoo sana mul’isuu isaatin namootni dhufanii “harka qaxxaamuruun maal jechuu dha?” jedhanii na gaafatu turan.

Yeroon hiikaasaa itti himus faranjootnifaa ni boo’u turan. Kanaaf akka malee isa dinqisifadha.

BBC: Barumsa narsii maalirraan geessee jirta? Yeroo ammaatti fiigichaan ala hojii biraa qabdaa?

Siifan: Barumsa narsii waggaa lama baradheen dhaabe. Yeroo kanatti fiigichaan ala wantan hojjedhus hin qabu.

BBC: Dhiyoo kana shaampiyoonaa addunyaa irratti meetira 1,500 fi 10,000 warqee argatte. Keessattuu meetira 10,000 kan atileetotni Itoophiyaa ittin beekkaman mo’achuun kee hiikaa adda ta’e qabaa?

Siifan: Eyyeen hiikaa adda ta’e naaf qaba. Ani fiigicha dheeraa marsaa isteediyeemii baay’atu hin jaaladhu. Kan nuffisiisu natti fakkaata. Kana duras hin fiigu jedheen ture. Leenjisaa kiyyatu bara darbe 10,000 ni fiigda naan jedhe.

Anis fiigichi koo meetira 1,500 baay’ee badaa waan turef “of adabuun qaba” jedhee “tole” jedheen. Sana booda warqee argadhe… kolfa…. Kanaaf baay’ee itti gammadeera.

BBC: Itoophiyaaf osoon fiigee jettee yaaddee beektaa? Qaamni Itoophiyaarraa si gaafateho jiraa?

Siifan: Namni na gaggaafate jira. Gama kootin garuu osoon Itoophiyaaf fiigee jedhee hawwee hin beeku. Yoo biyyi Oromoon bilisa baate malee.

Itoophiyaan ijoollee heddu qabdi. Isaanuma osoo qarqaaranii irratti hojjetanii nan inaafan ture. Garuu kanuma jiranirratti hin hojjenne.

Fakkeenyaaf Yoomif Qajeelchaa walin hojjenna. Garuu rakkoo heddu keessa darbaa jira. Kanaafu Itoophiyaaf fiiguu hin hawwu. Sirumayyuu bagan achii bahen jedha.

BBC: Fiigicha fageenya garaagaraa fiigda. Fageenyawwan kunneeninis milkaa’aa jirta. Sababnisaa maali?

Siifan: Sababnisaa shaakallii sirriitti hoojjechuu dha. Obsa qabaachuni. Duraan obsa hin qabun ture. Dorgommii seenee nan muddamaan balleessaan ture.

Bara 2017 as garuu yoon moo’es yoon mo’atames viidiyoo dorgomichaa irra deebi’een ilaala. Kanaafuu hin muddamu. Irra guddaa garuu sababni isaa shaakallii dha. Xiyyeeffannoo fi yeroo koos isumaaf kenna.

BBC: Kunuunsi biyya Neezarlaanditti atileetif taasifamu maal fakkaata? Si kunuunsu?

Siifan: Gama kilabiitin atileetotaaf deeggarsa gochuurratti Itoophiyaatu caala. Neezarlaand keessa waan akkasii hin qaban. Kilaba yoo ta’es situ waa kaffala.

Kanaafuu hojjetaa fiiguu qabda. Garuu nama akka kootti bakka gaarii gaheef achi wayya.

Federeeshinii walin wal hin loltu. Sa’aatin kee gaarii taanaan “maal sif goona? Kaampii kam deemta? Akkam sif goona?” jedhanii kan kunuunsan isaani.

Leenjiif biyya biraa yoo deemtes “hoteela keef sif kaffalla. Nyaata keef sif kaffalla” jedhanii si kunuunsu.

BBC: Atileetiksii erga eegaltee booda wanti buufatte maali? Atileetotni heddu investimantii irratti yeroo bobba’an mul’ata. Gama kanaan ati maalirra jirta?

Siifan: Naannoo Rufaa’eeli [Finfinnee] fi Sulultaa lafa bitadheera. Ani atileetii reefu guddataa jirtu dha. Amma argataan jira malee akka warra duraanii sana birrii miiliyoona yookin biiliyoona warra kaayate sanaa miti… kolfa….

Gara fulduraatti hojii investimantii hojjechuun barbaada. Keessattuu naannoo Arsii naannoo Muunessaa magaalota xixxiqoo keessatti ofiif qofa osoo hin taanee ummata achi jiru sanaafis hojjechuun barbaada.

Dubartoota cunqurfaman akkasumas ijoollee rakkoo keessa jiran qarqaarun barbaada. Qarshii ofif kuufachuu qofa osoo hin taane namallee qarqaartee ummanni sun gammadee arguun qabeenya tokko jedheen yaada.

BBC: Atileetii sodaattu ni qabdaa?

Siifan: … kolfa… Duraan atileetii osoo hin taanee fiigichan sodaadha ture. Mo’achuun barbaada. Tasa mo’atamuu hin barbaadu. Atileetin sodaadhu hin jiru.

Atileetin cimtuudha jedhee yaadu Almaaz Ayyaanaati. Isheen baay’ee jabduu dha. Ishee nan dinqisiifadha.

BBC: Afaan meeqa dubbachuu dandeessa?

Siifan: …kolfa… Afaan Oromoo nan dubbadha …kolfa… afaan haadha kootiti. Afaan Dutch nan dubbadha. Afaan Ingliiziis nan dubbadha. Amaariffallee xiqqoo xiqqoo nan yaala.

BBC: Miidiyaa hawwaasummaa kan akka facebook hin fayyadamtu. Maalifi?

Siifan: Facebook nan fayyadaman ture. Ergan balleesse garuu waggaa lama ni ta’a. Yerookoo na jalaa fudhata. Yeroon fiigicha fiige al tokkon ‘message’ dhibba yookin kumaatu naaf ergama. Kanaaf sa’aatii isa ittin ilaalu hin qabu.

Namni akka kootii of beeksisuuf miidiyaan hawwaasummaa isa barbaachisa. Ani garuu fiigicha irratti qofa cimtuu yoon ta’e na gaha. Namni na beekes beekuu baates… callisa…

BBC: Gama gaa’elaatinhoo akkami? Bultii ijaarattee?

Siifan: Nikaa dhiyoo kanan godhadhe. Ji’a jaha ni ta’a. Abbaan warraa koo immoo nama Wallaggaa Naqamteedha… kolfa…

BBC: Leenjisaan kee duraanii Albeerton sababa dawaa nama jajjabeessun dorgommiirraa ittifamaniiru. Dhimmi kun miidhaa sirraan gahe qabaa?

Siifan: Dhimmichi ana walin waan wal argu hin qabu. Dhimma waggaa kudhan dura uummame.

Ani Albeertoon nama gaarii, nama namaaf yaadu ta’uu isaan beeka. Atileetota baay’ee gargaara. Guyyaa ayyaanaallee atileetota shaakalsiisa. Ergan ani isa bira deemee waggaa lama. Isa bira deemuu koon durallee sa’aatin [kan dorgommii] koos gaari ture.

Meedaaliyas nan qaban ture. Ani bar ganamaa galgala na qoratu. Ispoortii qulqulluuttin amana. Garuu dhimmichi baay’ee na gaddisiise. Xinsammuu koollee na miidhera.

BBC: Amma leenjisaa haaraa argatteertaa?

Siifan: Eeyyeen. Manaajarri koo leenjisaa haaraa nuf argateera. Ameerikaa keessa. Maqaa leenjisichaa nan dagadhe.

BBC: Dorgommii Olompikii bara 2020f qophaa’aa jirtaa? Fageenya kan irratti dorgomuuf yaadde?

Siifan: Akkuma baranaa damee hundarratti nan qophaa’a. Meetira 800 hanga 10,000 nan hojjedha. Haa ta’u malee, yeroo sana irratti kam irratti cimaa akkan ta’u nan ilaala. Garuu meetira 5,000 fi 10,000 kanin filadhu natti fakkaata.

BBC: Galatoomi.

Siifan: Waan na affeertanif isinis galatoomaa… kolfa…


Ethiopia | “ኦሮሚያ ነፃ ካልወጣች ለኢትዮጵያ አልሮጥም!”