Site icon Kichuu

Artiist Haacaaluu Hundeessaa badhaasa ‘Grammy’ irratti ogeeyyii lubbuun darban waliin yaadatame

Artiist Haacaaluu Hundeessaa badhaasa ‘Grammy’ irratti ogeeyyii lubbuun darban waliin yaadatame

Finfinnee, Bitootessa 7, 2013 (FBC) – Artiist Haacaaluu Hundeessaa ogeeyyii indaastirii muuziqaa keessatti maqaa guddaa qabanii fi bara Faranjootaa 2020 lubbuun darban dhaabbatichi yaadate keessaa tokko ta’e.
 
Badhaasa Grammy bara Faranjoota 2021 irratti Artiist Haacaaluu Hundeessaa ogeeyyii indaastirii muuziqaa keessatti maqaa guddaa qabanii fi bara Faranjootaa 2020 lubbuun darban dhaabbatichi yaadate keessaa tokko ta’eera.
 
Artiist Haacaaluu Hundeessaa tarree ogeeyyii muuziqaa addunyaa beekamoo ta’an kan bara Faranjoota 2020 keessaa addunyaan lubbuun dhabde keessaa tokko ta’uun badhaasa Grammy bara Faranjoota 2021 Dilbata Ameerikaatti gaggeefamerratti yaadatame. Dhaabbati akkaadamii waraabbii Grammy, Viidiyoo maqaa ogeeyyii bara Faranjootaa 2020 lubbuun darbanii tarreesse, ”hawaasa muuziqaa bara Faranjootaa 2020 keessa dhabne haa yaadannu kabajas haa kenninuuf” jedhe.
 
Dhaabbatichi ogeeyyii tokkoon tokkoon isaanii oogummaa isaaniin waan hawaasa muuziqaa addunyaaf gumaachaniif kabaja kennas jedheera. Badhaasa Giraamii bara Faranjootaa 2021 Dilbata darbe gaggeeffame kana irratti Biyoonseen ammas mo’achuudhaan si’a 28 argachuusheetiin seenaa haaraa galmeessiteetti. Weellistuun beekamtuu kun amma seenaa Giraamii kana keessatti dubartii hunda caalaa badhaafamte taateetti.
 
Teeyilar Iswiift akkasuma badhaasa hojii artii guddaa kanarratti si’a sadii albamii waggaa mo’achuudhaan dubartii biroo seenaa dalagde taateetti. Barnaa Booy Albam Muuziqaa Filatamaa Addunyaa yoo mo’atu, Wiizkiid immoo viidiyoo muuziqaa filatamaa Biyoonsee waliin hojjeteen mo’ate.
Intalli Biyoonsee Biluu jedhamtus badhaasa kana mo’atteetti.
Maddi: BBC
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
 

Dhaabaa Caalaa – Dubbiin Tun – New Ethiopian Oromo music 2021(Official Video)

ኮረኔል አብይ አህመድ በዓለም ላይ በታሪክ የመጀመርያው መሪ 1ቢሊዮን ዶላር ሰጥቶ አገሩን በ ባዕድ ወራሪ ያስወረረ እና ያዋረደ አረመኔ መሪ ….

Exit mobile version