Oduu Ammee: Murtee Koree Teknikaa Araara ABO fi Mootummaa Itoophiyaa. Amajjii 24-2019

Oduu Ammee: Murtee Koree Teknikaa Araara ABO fi Mootummaa Itoophiyaa. Amajjii 24-2019

Koreen teknikaa araara mootummaafi ABO raawwachuuf hundaa’e har’a Amajjii 16 irraa eegale lolli gama lamaaniinuu akka dhaabatu labse.
Koreen guyyaa har’aa marii isaa magaalaa Ambootti taasisaa jiru karoora, yeroo itti raawwatu akkasumas murtii garaa garaa dabarseera.
Murteewwan kanneen keessaa:
1. Olollii miidiyaa gama lachuunu akka dhaabbatu, komiillee yoo qabaatan miidiyaaf ibsa kennuu hin danda’an
Komii yoo qabaatan koree hundaa’e qofaaf gabaasuu qabu.
2. Waraana Bilisummaa Oromoo gara kaampiitti galchuun guyyoota 20 giddutti akka xumuramu.
3. Yeroo waraanni seenu simannana ho’aa akka taasifamuuf.
4. Guyyaa waraanni galu danqaan akka hin jiraanne Raayyaan Ittisa Biyyaa guyyoota sadiif daandii akka banaa godhu.
5. Kaampiiwwan waraanni itti qubatus bakkeewwan lolli itti turerraa akka fagaatu.
6. Dhimma qabinsa waraanaa koreen teknikaa yeroo yeroon dhaqee akka hordofu.
7. Kaampii keessa ji’a lamaa ol akka hin turrellee murtaa’eera.
Marii araaraa har’aa irratti sangaan araaraa kan qalame yoo ta’u qaamoleen lamaan tiruu waliin nyaataniiru.
Walitti Qabaan Gumii Abbootii Gadaa fi Abbaa Gadaan duraanii Bayyanaa Sambatuu ”araari kuni kan xumuraati, qormas qalanneerra,” jedhaniiru.
Mariin kan xumurame yoo tahu wanti hafe murtii kana hojiirra oolchuudha jedhameera.
Madda: BBC Afaan Oromoo
Koreen mootummaafi ABO jidduutti araara buusuuf hundaa’e waraana dhaabuu labse

Dábessá Gemelal

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

(bbcafaanoromoo)——Koreen teknikaa araara mootummaafi ABO raawwachuuf hundaa’e har’a Amajjii 16 irraa eegale lolli gama lamaaniinuu akka dhaabatu labse.

Koreen guyyaa har’aa marii isaa magaalaa Ambootti taasisaa jiru karoora, yeroo itti raawwatu akkasumas murtii garaa garaa dabarseera.

Murteewwan kanneen keessaa:

  • Olollii miidiyaa gama lachuunu akka dhaabbatu, komiillee yoo qabaatan miidiyaaf ibsa kennuu hin danda’an.
  • Komii yoo qabaatan koree hundaa’e qofaaf gabaasuu qabu.
  • Waraana Bilisummaa Oromoo gara kaampiitti galchuun guyyoota 20 gidduutti akka xumuramu.
  • Yeroo waraanni seenu simannaan ho’aa akka taasifamuuf
  • Guyyaa waraanni galu danqaan akka hin jiraanne Raayyaan Ittisa Biyyaa guyyoota sadiif daandii akka banaa godhu.
  • Kaampiiwwan waraanni itti qubatus bakkeewwan lolli itti turerraa akka fagaatu.
  • Dhimma qabinsa waraanaa koreen teknikaa yeroo yeroon dhaqee akka hordofu fi
  • Kaampii keessa ji’a lamaa ol akka hin turrellee murtaa’eera.

Marii araaraa har’aa irratti sangaan araaraa kan qalame yoo ta’u qaamoleen lamaan tiruu waliin nyaataniiru.

Oromoon wayita araara buusu kormatu qalama

Walitti Qabaan Gumii Abbootii Gadaa fi Abbaan Gadaa Tuulamaa duraanii Bayyanaa Sambatuu ”araarri kun kan xumuraati, kormas qalanneerra,” jedhaniiru.
Namoonni maal jedhan?
Miseensa koree araaraa kan ta’an Obbo Haayilee Gabree ”Rasaasni qabsoo Elemoo Qilxuu ykn immoo Taaddasaa Birruun dhuka’e har’a dhaabata. Kana booda Oromoon bilisummaadhaaf jedhee qawwee hin dhukaasu,” jedhaniiru.

Obbo Hayileen Konfaransii Nageenyaa dheengadda Finfinneetti taa’a’amerratti, dubbiinsaanii “Araara kana milkeessuuf korma qaluun yoo barbaachise binnee qalla; nama qaluun yoo barbaachisemmoo anaan qalaa dhiiga kiyyaan araara buusaa,” jedhu namoota hedduu biratti dubbii ijoo taheera.

Araara kana milkeessuuf korma qaluun yoo barbaachise binnee qalla; nama qaluun yoo barbaachisemmoo anaan qalaa dhiiga kiyyaan araara buusaa.

Gabree Haayilee, Maanguddoo Oromoo

Dura taa’aa Itti aanaan KFO Obbo Baqqalaa Garbaan immoo ”labsiin kuni labsii dhumaati. Labsii kana qaamni hin fudhadhu jedhu Ormiyaa keessa jiraachuu hin danda’u,” jedhan.

Mootummaa bakka bu’ani kan dubbatan Obbo Moogas Ida’e, ”Murtee koreen kuni dabarse mootummaan ni fudhata. Silaa guyyaan kuni nu gabaabbate feena. WBO boru ganama simachuuf qophiidha,” jechuun dubbatan.

Pirezidantiin Yunivarsiitii Amboo Dr Taaddasa Qana’aa, ”dhaabni kamiyyuu yoo dogongora uume kan miidhamu ummata waan ta’ef nagaa ummataatif hojechuu qabna. Dogongora wal irratti lakkaa’uu hin qabnu,” jechuun dubbataniiru.