AMBOO FI NAANNOO ISHEE QABSOO BILISUMMAARRA MAALTU HUDHEE?

AMBOO FI NAANNOO ISHEE QABSOO BILISUMMAARRA MAALTU HUDHEE?

Qabsoo Bilisummaa Oromoo gaggeeffamaa ture keessattii hirmaannaa ummata Oromoo Amboo fi nnaannoo ishee olaanaa ta’uurraa darbe fakkeenya diddaa garbummaa taatee turte. Hudhaalee Qabsoo Bilisummaa Oromoo akka Amboo fi nannoosheeti jiran ijoon kan arman gadiiti
 
1. CAASAA GANDUMMAAN MURNI PP IJAARRATTE: As jalatti wantota gurguddoo sadiitu ilaalama. Kunis daballee gandaan ijaaraman, WBO naanoo kana socho’u golgaa gandummaa jalaan qabsaahaa fakaatanii takaalu fi caasaa muumichaa kan pp ti. Ijaarsa Gandummaa: Ijaarsi gandummaa naqarsa qabsoo qaama ijaarrateeyyuu akka ta’e ifa galaadha. Mootummaan nafxanyaa tooftaa yeroo baafateen namoota muraasa aangoo fi maallaqaan ijaarratee AMBOO fi naanoo ishee akka lamata mataa ol hin qabannetti cabsuuf hojii hedduu hojettera.
 
Caasaa isaan diriirfatan akka kanaan dhihaateera. Ijaarsa gandaa gurgudaa 3tu jiru. kunis akka Waddeesaatti gandoolee 13 kan haammate, akka Qaqaliitti aanaa Amboo fi Dandii jalaa gandoolee heddu irraaa kan ijaarame harki walaakka garee kanaa Giincii irratti kan dalaguu fi garee D/Icinnii (shanan fi jibaat ni haammata) Mataan dabballoota gandummaan ijaaramanii Guddataa Dinqaa/I/G/DH/Nageenya godinaa ( dhalootan Amboo xulee)
Saahiluu Diibsaa / Kantiibaa magaalaa Amboo dhalootan Amboo xulee)
Hayilee Gurmeessaa I/G PP godinaa dhalootan Dandii kotoba)
 
Hayiluu Dalasaa/ Hinsarmuu Dalasaa/ Abbaa Caffee (dhalootan Amboo Golfofa) Teeknikaa fi Taaktika Hojii Farruummaa Isaanii: Magaala Amboo fiixaa hanga fiixaatti qaxanaan qoodanii ramaddiin kennameeraaf. Qaxanaa itti ramadaman keessatti iddoo bunaa, bakkaa liistiroo, puulii fi kaafee keessatti waan haasoftu dhoksaan waraabuu fi battaaltti humna addaa itti waamuun qabsiisuu. Guyyaa warraaqsi jira jedhame yaadamu aammoo caalatti bakka/qaxanaa itti ramadaman haalan to’achuun polisii waliin ta’uun hanga tarkaanfii fudhachuutti raawwatu. Dabballeen ramaddiin qaxanaaa kennameef kun ijoollee leestiroollee maallaqa argatuuti nama waan qabsoo dubbatuu fi hammeenya mootummaa dubbatu yeroo argitan nuu heera jechuun ijaarrataniiru. Halkan mataaati uffata marachuu poolisa waliin mana Qeerroo agarsiisuun hojii dabalataa isaaniiti. Dabballoonni hojii farraa kana hojjetan keessa warren ijoo ta’an tarrisa maqaa isaanii yeroo dhihootti ibsina.
 
Namoota keenyatu aangoo irra jira haa hojjechhiifnu dhaadanno jedhuun sammuu hordoftoota isaanii haguuganiiru. Namoota isaanii jechuun kan gandummaa sana jechuudha
WBO Naanoo Kanaa Golgaa Gandummaa Jalaan Danquu: Namootni dabballe pp kun irraa heddu warra kaleessa qeerroo waliin qabsootti turan ykn hidhaa jalaa turan kanafis miseensota WBO hedduu waliin hiriyaa akkasumas dhalootan ganda tokko kan ta’an hedduun jiru. Carraa kana fayyadamuun haaduu qara lama ta’anii WBO naannoo kana socho’u hedduu haarsaa hin malle kanfalchiisanniiru yoo barbaachisaa ta;ee argame yeroo itta aanu raakoo muudate ni tarrisna. Carraa kaanaan WBO naanoo kanaa quunnamtii isaa illee akka sirreefatu dhaammanna. Caasaa muumichaa pp: tikaa mootummaa akka naanoo kanaatti socho’an
 
Hayiluu Gonfaa (dhalootan D/incinni)
Shifarraa Eebbisaa/Abdii Eebbisaa ( dhalootan Shanan)
Biraanuu Dhabbasaa (dhalootan D/incinnii)
Abdiisaa Ifaa ( dhalootan G/barat)
Geetuu Dandessaa fi kkf
 
2. SHORORKAA FI HOKKARA HAMAA QABSAAHOTAA FI JIRAATTOTA NAGAA IRRATTI GAGGESSU: Wareegamuun Jaal Galaanaa Immaana agarsiistuu guddaadha. Hiriyootni Jaal Gaalaana heedduun Hayiluu Dalasaa/Hinsamuu Dalasaa dabalatee warreen Aangoo qabanii fi tika mootumaati. Sababni kaleessa waliin qabsaaha turan har’a qabsoos gananii hiriyaa isaniis Jaal Galanaa ganan. Oromiyaa lixaa fi kibbaatti Abbaan Torbee aangahaa mootummaarrattii tarkaanfii waan fudhateef qaama shakkine ittin jedhan ajjeesu kun Ambo hin jiru. Kanaaf ajjeesneet bosonatti sin ganna erga jedhu fi shorkaa hamaatu nurraati deemaa jira.
 
3. CAASAAN DHAABOLEE MORMITOTAA ( ABO FI KFO ) DABALLEE PP GUUTAMUU: Caasaan sadarkaa godinaatti/magaalaatti ABO qabu qulqulluudhaa jennee yoo illaallu miti. Tokkummaa Riqitaa I/G koree ABO G/Shawaa Lixaa dabalatee, Naa’ol kumsaa, Naahil abbabaa tika jenne maqaa yoo itti tuuluu baannellee Gurraa mootuma ta’u dhabnu waan beeku fakaata. Kanaafis tarkaanfii fudhachaa jirutti quba qabna. KFO nis rakkoo walfakaataatu jira gurba waggaa 10 oliif maqaa KFO tiin waajira keessa taa’aa ture amma duroome bahee fakkaata ( Qana’aa chuuchee) akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.
 
Haat’u malee yeroo ammaa caasaan pp sodan kan guutamtee fi Ambo gallakisuun fifinnee taa’uu eegalaniiru fkn Hayiluu Dalasaa.
Source: Dabessa Gemelal