Akkatti suurri Fesbuukiirratti gadhiifame seenaa mana barumsaa Booranatti argamu jijjiire

Akkatti suurri Fesbuukiirratti gadhiifame seenaa mana barumsaa Booranatti argamu jijjiire

Inni bitaa mana barumsaa dur ture, inni mirgaa kan haaraa ijaaramedha
Manni Barumsaa kuni Godina Booranaa Aanaa Dubluq keessatti argama.
Kana dura bulchiinsi Mag/Finfinnee barattootaaf sagantaa nyaataafi uffata yunifoormii kennuu jalqabuu isaa yeroo ibse namoonni dhagahan mana barumsaa kana yaadachuu himu.
Suurri mana barumsaa deeggarsa barbaadduus fesbuukiirratti gadhiifame. Ergasii hunduu harka hiixate jedhu Aab Dabbasoo Waariyoo.
‘’Nutis saffisaan koree uumnee, lakkoofsa herreega baankii bannee beeksisne. Yeroo gabaabaa keessatti birriin miiliyoona tokkoo fi kuma 300 ta’u walitti qabame” jedhan.
Mana barumsaa dur tureefi amma ijaarame

Godina Booranaa Aanaa Dubluq kan jiraatan Aab Godaanaa Carfii, sababa manni barumsaa Ganda isaaniirraa fagoo jiruuf jecha hawaasa naannoo waliin ta’uun mana barumsaa waliin ijaarratan qabu.

(bbcafaanoromoo)—Haa ta’u malee, manni barumsaa kuni godoo mukaan ijaarame kan gubbaan pilaastika balbala illee seeraan hin qabnedha.

Sababa kanaafis ganna ganna bokkaan waan jigsuuf jecha bara hunda Fulbaanarratti deebisanii haaromsuun ijoolleen achuma keessatti baratu.

Akka Aab Godaanaan jedhanitti manni barumsichaa keessa isaatiis teessoo hin qabu. Ijoolleen dhukkumarra teessee baratti.

Waggaa dura magaalli Finfinnee barattoota magaalattiif sagantaa nyaataafi uffata yunifoormii kennuu jalqabuu isaa toora Fesbuukiirratti waan gadhiiseef yaanni seenaa mana barumsaa kanaa jijjiirus isumaan walqabata.

Yeroo sanatti barsiisaan tokko kan waan barattoota Finfinnee kana argee ‘biyyuma kana keessa ijoolleen mana barumsaa akkanaa keessatti baratanis nijiru’ yaada jedhuun suura mana barumsa maxxansa.

Suuraan Fesbuukiirratti maxxanfame kan mana barumsaa Dirree qilleensaa kan yeroo mara jigee Fulbaanatti haaromfamudha.

Namni hedduun wal harkaa fuudhee qooddate. Eessatti argama, akkamiin gargaarree ijaarra kan jedhus walumaan biyya keessaa fi alaa namni waldubbise.

Koreen kaka’umsa kana qindeessus battalumatti hundaa’e.

Miseensa koree kanaa kan tahan Aab Dabbasoo Waariyoo waan qoosaa fakkaatutu hojii qabatamaattiii jijjiirame jechuun BBC’tti hime.

“Jalqaba nama jiraataa Yaaballoo ta’e tokkotu qarshii kuma 30 nan gumaacha jedhe. Booda namoonni biyya Ameerikaa jiraatanis akka deeggaruu barbaadan barreessan.

‘’Nutis saffisaan koree uumnee, lakkoofsa herreega baankii bannee beeksisne. Yeroo gabaabaa keessatti birriin miiliyoona tokkoo fi kuma 300 ta’u walitti qabame” jedhan.

Maallaqa walitti qabame kanaanis manni barumsaa jijjigee ture suni bilokeetiidhaan ijaaramee baruu fi barsiisuuf qophiii ta’eera jedhan Aab Dabbasoon.

“Mana barumsaa kana ji’a sadii keessatti ijaarsisnee xumurre. Ijaarsa isaatiif birrii miiliyoona tokko ta’utu bahe. Maallaqni kuni maallaquma waamicha karaa Fesbuukiin taasifne irraa argame” jedhan.

Suura mana barumsaa kana Fesbuukiiirratti gadhiisuudhaan hojii hawaasa tajaajilu akkanaa qabatamaa gochuutti hedduu akka gammadanis himu.

Manni barumsaa haaraan bifa kanaan ijaaramee hojiif qophaa’eera

“Fesbuukiiirraa ka’ee waan qabatamaa akkanaa hojiitti jijjiiruutti hedduu gammadne. Miseensa koree kanaa ta’uutuu baayyeen gammada.

‘’Amma pirojektii lammaffaa jalqabneerra. Hayyuu argaa dhageettii Booranaa Doktora Kabajaa Borbor Buleetif mana jireenyaa ijaaruufis sochii jalqabneerra” jedhan.

Jiraataan Gandichaa Aab Godaanaanis manni barumsaa kuni ijaaramuufii isaatti Qilixamsuu(Gammachuu) guddaa qabaachuu himan.

“Duraan ijoolleen fuula teessu hin qabdu. Fuula dabtara irra kaayattulleen hin qabdu. Rakkoo jabduu ture, amma waan hundi guutameefii hedduu nama qilixamsiisa” jedhan.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.