Akeeka Mootummaa Cehumsaa

Akeeka Mootummaa Cehumsaa
 
1. Akeekni Mootummaa cehumsaa inni ol-aanaan, dimokraasii dhugaa Oromiyaa keessatti bu’uureessuun, gaaffilee siyaasaa, dinagdee fi hawwaasummaa, (kan akka mirgoota namoomaa waloo fi matayyaa, gaaffii of bulchuu/hiree murteeffannaa wkf.) hamma deebii hin argatiin karaa deemookraatawaa taheen akka deebii argataniif haala fi sirna aanjessuun mootummaa abbaa irree hundeen buqqisuu fi jijjiruudha;
 
2. Partiin amma Caffee Oromiyaa dhuunfatee Oromiyaa bulchaa jiru sadarkaa federaalaattuu cehumsaaf shoora guddaa xaphachuu fi haala tolchuuf kan waadaa gale kabajuu hanqachuun mootummoota naannoolee, zooniiwwan, aanoota fi gandoota baay’ee keessatti irra deddeebi’ee bulchiinsa waraanaa fi Poliisootaan uummatoota siivilii irratti dhiittaa mirga dhala namaa gita hin qabne ifatti kan raawwatee fi ammas kan rawwachaa jiru tahe daran Oromiyaa keessatti gonkuma nagaa fi tasgabbii fiduu hin dandeenye. Akkasumas cabinsa Heera biyyaa mudate faana balaa sirna dhablummaa fi Mootummaa dhabluuman nagoomii naannoo akka hin booressineef nagaa waaraa fi tasgabbii fiduuf;
 
3. Sirna bulchinsa abbaa irrummaa paartii tokkoo buqqisuudhaan, sirna paartii danuu fi dimookraatawaa ta’e eenyummaan Oromuummaa, aadaan fi afaan Oromoo kan keessatti kabajamu argamsiisuuf. Waliigala dirree siyaasaa amma jiru jijjiiruun kan Jaarmooleen siyaasaa danqaa tokko malee sagantaa dhaaba isaanii barsiisan,uummata ijaaran, waajjira banatan gochuuf. Akkasumaas sadarkaa hundaatti Ol’aantummaa Seeraa mirkaneessuun dhibdeelee adda addaa hawaasichi qabu ilaalchisee Jaarmooleen Siyaasaa mul’ata furmaata addaa addaa qaban dirreen dorgommii siyaasaa isaanii eegamee fedhiin ummataa karaa amansiisaa taheen akka falan gochuuf,
 
4. Uummatooti hundi cunqursaa sabaa yookaan ol aantummaa humna kamii jalaa bilisa ta’anii walqixummaan akka waliin jiraatan taasisuu dha;
 
5. Jaarmooleen siyaasa Oromoo, beektonni oromoo, Abbootiin Gadaa, Hadhootiin Siiqqee, Shamarranii fi Dargaggoon waligalaa murnii Hawaasa Oromoo adda addaa yabboo maarii (Forum) itti martuu yaada isa murtee ummataaf karaa nagaan dhiyyeeffatu tolchuuf waliigala qulqullummaan tarsiimoo fi caasaa waaraa qaamota dhimmi ilaalu hunda hammatuu fi bulchinsa bu’uura bal’aa qabu uumuuf;
 
6. Mirgootiin dhala namaa akka nam tokkee fi walootti kan waligaltee fi waadaalee UN fi AU keessatti tarreeffaman akka kabajaman gochuuf;
 
7. Bakka mootummaan Federaalaa Ityophiyaa aangoo Heeraa dhabee jiruu keessatti hariiroo sabaa fi sablammiilee waliin jiru nageenyaan akka itti fufuuf gochuuf;
 
8. Yeroo cee’umsaa kana keessatti jaarmayoliin Oromoo mul’ata siyasaa adda addaa qabaniif caffee ofii keessatti sirna ifa, bilisa fi kabaja qabuun wal dorgomanii yeroo gara sadarkaa Federaalaa ykn guutuu biyyaatti dhiyyaatan, yaada fi fedhii ummata Oromoo sagalee tokkoon dhiyyeessuun ummata Oromoo irraa kan utubame humna siyaasaa angawwaa tokko uumuuf”

Walgahiin Oromaraa olaantummaa fi dhiibbaa yaadaa paartilee Amaaraa uumaniin xumurame.

Waraqaa “presentation” Leencoon dhiyeesse jedhamu guddinna dimokirasiif gaarii taatullee, leenci dulloome boombii funaana akka jedhan haasaan Leencoo waan qaanfachiisaa ture.
Leencoon jaarsi burkutoofte sun akkas jette “jijjiirama kana kan fide, qaama alaa tokkoyyuu miti qaama mootummaa keessaa jijjiiramni dhufe” jechuun dhugaa fi qabsoo uummata keenyaa akkuma dur TPLFtti kennetti har’as dhugaa uummata kanaa waakkatee jira.
Haala mootummaa cehumsaa 1991-1995 ture irratti Leencoo, Diimaa fi Galaasaan yaada wal duraa duubaan laataniin “utuu nuti hin qophaa’iin nutti dhufe” jedhanii jiru. Maarree keenyallee hin dhaqxe akka waan qophii taatee jechuun kan sirbameef kanaafidha.
 
Pirofeesor Birhaanuun kan gama Amaaraatiin Yuunivarsiitii AAU irraa waraqaa qorannoo dhiyeesse ifumaan “sirna Fededaalizimiirra sirni Unutarii “Ahaadaawwiin” yeroo itti caalu ni jira” jechuun yaada sirna Nugusaatti biyyatti deebisuu ifaan calaqqisiiseera. Guraagichi Pirofeeser Baahiruu Zawudee Adeemsa Itoophiyaa bara 1953_1997 haalota turan kan dhiyeesse akkana jedhee jira “Mangistuu Niwaayii fi Garmaamee Niwaay 1953tti fonqolchi mootummaa isaan yaalan kan fashalaa’e, amma kana hanqinaa fi cimina isaa qoratanii qaamotni mormii fi qawwee hidhatanii jiran operetion milka’aa tahe akka hin geessifne jabeessen gorsa jechuun sirna Abiyyiif yaada gorsaa kennuun ittuma fufuun ammoo “Dargiin Afuura Barattootaa Hordofuun Afuura Akka Hin Baafanne Hordofaa ture” jechuun ammoo cal jedhee darbee jira.
 
Baahiruun asirratti Fonqolchi akka itti hin dhufneef gorsa keessaa erga kennee booda, Dargiin afuura barattootaa hordofaa ture kan jedhu garuu cal jedhee irra darbee jira.
Sababaan isaas ifaan mootummaan kun barattootii fi dargaggoon akka hafuura hin baafanne gorsuurra waan turaan dubbii cigoon akeekee irra darbeera.
 
Yaadi gama paartilee fi hirmaattota Amaaraa irraa ka’an “Qeerroon Humna Badiiti” kan jedhu yoo tahu, waltajjicha irrattis namoota Oromoo amananiif malee yaada akka kennan eyyamaa hin turre.
Haa ta’u malee Alamuu Simeen carraa paartii Badhaadhinaa tahuusaatiin argateen Qeerroon humna badii akka hin taane deebiseefi jira.Garuu, Alamuun kan maqaan isaa xuraa’aa ture ittiin of miicuuf ykn ammoo dhuguma dubbata kan jedhu waanin jedhu hin qabu.
Walumaa galatti waltajjiin kun Leencoo Lataa fi Dr Diimaa Nagawoon kan qophaayee fi eyyama Abiyyi irraa argataniin (Kaka’umsa Abiyyiin waggaa darbe biiroo isaatti hirmaanne) akkuma jedhan, siyaasa bilxiginnaa akka tahe hubatamuu qaba.
 
Waltajjichi haalli taa’umsa fi hirmaannaa isaa yoo ilaaltu ammoo waltajjii qindoomina hin qabne, kan daddaffiin waamamee fi keessummooti waltajjiin akka dhumeen kan bakka bulan dhaban, hoteelotaa arii’aman, gargaarsa dhaabbata biyya Jarmaniin kan waamame tahus, durgoo tokkollee kan hirmaattotaaf hin kaffalin akka tahe beekamuu qaba.
Hirmaattoti ani hojii mataa kiyyaa dhiisee as yoon taahu, yoo xiqqaate qindeessitoota wlatajjichaa maaliif namni waan bunaaf shayii baasu nuuf hin herregne jechuun komatanii jiru.
Ijoolleen durgoo dhabdes, sagantaa footoo diddee babbadde.
 
Eden Dambii
11.02.2020

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.