Ajjechaa Artist Hacaaluu Hundeessaa booda qondaalota ABO hidhaman keessaa, Obbo Lammii Beenyaafi Daawwit Abdataa mana hidhaatii gad lakkifaman

Ajjechaa Artist Hacaaluu Hundeessaa booda qondaalota ABO hidhaman keessaa, Obbo Lammii Beenyaafi Daawwit Abdataa mana hidhaatii gad lakkifaman
 
Sirni kun sirna badaa dha. Jaallan keenya sababa Oromoo fi Oromiyaaf falmaa jiran mana hidhaatti gidirsaa jira.
Jaallan lamaan har’a hiikaman kun nagaan akka dhufuuf hojjachaa turan. Silaa badhaafamuu qabu ture. Sirni nagaa hin beekne garuu isaan darare.
Dhugaan Saba keenyaa Yeroon itti mirkanaa’u fagoo miti!!

Ajjechaa Artist Hacaaluu Hundeessaa booda qondaalota ABO hidhaman keessaa, Obbo Lammii Beenyaafi Daawwit Abdataa guyyaa har’aa mana hidhaatii gad lakkifamuu Abukaattoon isaanii OMN-tti hime.
Obbo Lammii Beenyaafi Daawwit Abdataa qondaaltota Adda Biliisummaa Oromoo poolisii humna addaa Oromiyaatiin qabamanii, mana murtii Sulultaatti deddeebi’aa turan keessaa tokko yoo ta’aan, manni murtii marsaa sadii oliif mirga wabii eeguufis poolisiin ajaja mana murtii fudhachuu diduudhaan ji’oota afurii oliif mana hidhaa garaaraaa keessatti isaan hiraarsaa turuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
Obbo Abdii Ragggasaa, Koloneel Gammachuu Ayyaanaa fi qondaalonni dhaabichaa kan biroon manni murtii mirga wabii eeguufis ammas harka Poolisii Oromiyaa keessa jiraachuus abukaatoon isaani kun himeera.

Jaallan qaqqaalii, #DaawitAbdata #LammiiBeenyaa, baga nagaan baatan!!


Faandiyyaan kun maal dhudhuufaa?
Galtuun silas waan baaftu hin beektu!


ወንድማችን አበራ ረጋሳ ከ2 ወንድሞቹ ሃይሉ ረጋሳ እና ነመራ ረጋሳ ጋር ዛሬ መኪና አስቁመው በተፈፀመ ጭፍጨፋ ሕይወቱን አጥቷል የወለደች እናት አንድ ልጅ ስታጣ ሀዘኑ ምን ያህል መረራ እንደሆነ ይታወቃል ሦስት ወንድ ልጅ በአንዴ ማጣት ምን ብዬ እንደምገልጸው ቃላቶች ያጥሩኛል።
መተከል ድባጤ እየሆነ ያለው ከመኖር ተስፋ ያስቆርጣል ።
ከሕዝቡ አስቀድመህ መሣሪያ ስትፈታ የከረምክ አመራር እንኳን ደስ አለህ !።
Temesgen Gemechu

 
OMN ODUU IJOO (SAD 14/2020)

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.