Agartuu Qeerroo tibbanaa (Goolii)-Jaallattootniif hordooftootni Agartuu Qeerroo marti barruu “Agartuu Qeerroo!”

Agartuu Qeerroo tibbanaa (Goolii)

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Hagayya 19, 2018
Finfinnee Oromiyaa

Jaallattootniif hordooftootni Agartuu Qeerroo marti barruu “Agartuu Qeerroo!” jedhuun kan yeroo dheeraaf nu faana turtan, haala torbanootaa, guyyoota gara dhumaa torbanii isinii dhiyeessaa yoona gahuun nii yaadatama. Har’a agartuun Qeerroo torbanoota darban kanaaf moggaasa “GOOLII” jedhu laateeraaf. Gooliin kun maali? Dubbisaa!

Ittiin Lixa

Qabsoon wal dhaggeeffataa, wal jabeessaa miira jaallummaan ija wal qixaan qabsaa’an galiinshee tilmaama hinqabu. Qabsoo keessatti waliif abboomamuun isa hangafaati. Miira qabsootiin qooda walii laachuun, jaallummaan wal kabajanii waliif bakka laachuunis barbaachisaadha. Qabsoon naamuusaan deemaan dhumnishee (gooliinshee) milkaa’aadha. Qabsoo Goolii siyyaasaatti galchuu qofaaf utuu hintaane, qabsoo gooliishee bareechuuf akka warraaqnu himuun barbaachisaa taati.

Qabsoo maseensuun qaamootni uummataaf qabsaa’ota gidduutti goolii uumanii waa keessaa baafachuuf carraaqanis jiru. Isaan kana ofirraa dinninuun barbaachisaadha. Qabsoon kan sabaati, kan saba Oromoo. Qaamota goolii uumanii fayyadamaa ta’uu hedanis kan ofirraa dinninuu qabu uummaticha. Ilmi naamusa hinqabne naamusa isaa hanga hintolfannetti qarree qabsootti ol baasuun qabsaa’ota Qarree qabsoo sana jala jiran akkasaan naamusa hineegne gochuu mala. Kanaaf ilma/intala dhaabbiitu qabsoo sabaa fuulduratti buta jechuun barbaada.

1. Goolii
1.1. Goolii jechuun maali?

Jechoota afaan Oromoo keessaa jecha hiika dachaa qabu kanneen ta’an keessaa Gooliin isa tokko. Gooliin hiika gaariis hiika fokkataas qabaatuu mala. Gama tokkooni Gooliin gahumsa waan tokkoo kan ittiin ibsannudha. Ykn xumura sochii tokko jechuudha. Kanaan Goolii gahumsa qabsoo ha jennu. Gama faallaan kan ilaallu taanan ammoo Gooliin jeequmsa. Jeequmsi kun ammoo kan saba miidhuuf kan biyyattii gara dabaatti oofuuf tattaafatu ta’uu mala. Isa kanaan ammoo Goolii jeequmsa qabsoo jenna. Torban darbee; Gooliin amma Oromiyaa keessatti adeemaa jiru hiika lamaan kana qabatee jira. Gama tokkoon qabsoo addi bilisummaa Oromoo taasisaa turetu yeroo galma isaa gahuuf tattaafatu ture. Faallaa Goolii galuuf jedhu kanaan ammoo jeequmsatu babal’ate. Jeequmsi kun ammoo maqaa Qeerroo maxxanfateef akkasuma sochii WBO akka uummataan balalaeffatamuuf ka warraaqaa turedha. Goolii kana lamaanuu addaan hiiknee haa ilaallu.

1.2. Goolii gahumsa qabsoo

Qabsoon tattaaffii waan tokko argachuuf goonudha. Qabsoon Oromoos tattaffii mirga abbaa biyyummaa gonfachuuf taasifamaa turedha. Adeemsa qabsoo Oromoo ABO dhaan durfamu keessatti taphataan olaanaan ykn taphataa ittisaan (defensive) WBO ture. Booda kanarra bifa addunyaa ajaa’ibuun taphataan fuulduraa (offensive) ykn taphataan Goolii galchuuf sochiirra tureef jiru Qeerroo yoo ta’an walitti qabaaf hogganni tapha qabsoo Oromoo kan addunyaanis beektu Adda Bilisummaa Oromoo ABO ta’uu eenyullee akka beeku martuu nii hubanna.

Taphni qabsoo keessatti taasifamaa ture dafqa guddaan as gahuuf dhiiga dhangala’uuf lafee cabuun sadarkaa har’arra gahuun beekamaadha. Goolii dhumaa kana wayiita rukutanii galchuuf Oromoo of faana hiriirsuun ABO’n sochiitti jiru kanatti miirri gurguddaan daawwattootaaf deggarttoota akkasuma miseensota taphichaa akka dhuunfatee jiru hubatamaadha. Miira kana tohachaa qabsoo sabaa gaggeessuun murteessaa ta’uu dhaamuu barbaanna. Qabsoo gaafa gooliisaa gahuuf jedhu miira guddaan akka nama dhuunfatu hubatnus adeemsa keenya eeggachuuf akka duubatti nu’n deebifnetti sochii ofii tolfatuu barbaachisa. Hanga gooliin dhumaa garbummaa waliin addaan nu baaftu galtee, abbaa murti/daanyaadhaan fiishkaan hinafuufamnetti mirqaansa guddaan kan nu miidhu malee kan nu fayyadu hinfakkaatu.
Kanaaf Gooliin gahumsa qabsoo keenya ammaa kunuunsa qaama Oromoof qabsaa’uu fii gahumsa Oromoo maraa kan barbaachisudha. Qabsoo as gahe akka hinsigigatne tikfachuun barbaachisaa ta’uu Agartuu Qeerroo dhaammata.

1.3. Goolii jeequmsa qabsoo
Gosa Goolii keessaa tokko ta’ee, faallaa Goolii gahumsa qabsoo kan ta’e keessaa tokko Goolii Jeequmsa qabsooti. Gooliin jeequmsa qabsoo sadarkaa qabsoon irra gahe waliin adeema. Sadarkaa qabsoon sabichaa irra gahe ilaaluun malaaf tooftaa qabsoo sabaa duubatti deebisu fayyadamuun kan diinni qabsoo itti dhimma bahatudha. Gama biraan ammoo waan qabsoo sabaa utubu itti fakkaatee qaamotni qabsoo sabaa keessatti goolii uumanis jiraatuu malu. Kunneen lamaanuu garuu gosa Goolii Jeequmsa Qabsoo jalatti hammatamu.

Gooliin jeequmsa qabsoo amalaaf sochii isaa irraa ka’uun qaamota gurguddoo 3 irraa hundeeffamee sochii taasisuu mala. Kunis
A. Qaama diina innikaa
B. Qaama diina dantaa dhuunfaa
C. Qaama dingataa (kan waan qabsoo sabaa gaggeessu fakkaatuun sochii Goolii jeequmsa babal’isu jechuudha)

A. Qaama Diina Innikaa
Qaamni diina innikaa yeroo mara qabsoon saba inni garboomsee jiru maalirra akka jiru qorataa oola. Qorannoo inni taasisu ammoo adeemsa gahumsa qabsoo duubatti deebisu bocatuuf dandeessisa. Tooruma kanaan goolii jeequmsa qabsoo babal’isuu irratti namoota bobbaasuun waan hinoolle. Kunis qaama qabsoo fakkaatee warraaquudhaan adeemsa qabsoo sabaa uummata waliin wal dhabsiisuuf uummata biratti jibbisiisuu raawwata.

Adeemsi diina innikaa kun torbanoota darbe maqaa Adda Bilisummaa Oromoo akkasuma Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhahatee uummata keessa socho’uun qabeenya uummatarraa saamaa tureera. Keessattuu chaaphaa fakkaattii oomishachuun ani ABO dha maallaqa fidi jechuutiin shororka jabaa uummata keessa facaasaa ture. Kaayyoon diina innikaa kun qabsoo ABO gara dabarsuutiin maqa balleessii irratti oomishee deggarsa uummataa dhorkachiisuuf dhimma itti bahata. Gooliin Qabsoo mudatuuf torbanoota darbe nu mudate akkanaa fuuldurattis dhufuu mala jennee qophaa’uun cimina. ABO waraqaa miseensummaa ammatti uummataaf qopheesse akka hinqabne irra deddeebiin ibsataa jiraachuus gurraa qabdu.

Gama tokkoon ammoo qaamni diina innikaa kun WBO fakkaatuun utuunni uummata keessa faca’ee meeshaa waraanaa uummatarraa funaanuu dhagaa’amuusaas gurraa qabna. Adeemsi uummata keenyarraa qawwee funaanuu kun sochii OPDO waggootaaf taasisaa turte ta’uus hubatamuu qaba. Uummatni keenya ittuu akka hidhatu gorsuu malee qawwee saba Oromoo irraa saamuun amala WBO fi akeeka ABO akka hintaane hubachuun Goolii akkanaa ifirraa qolachuuf nu gargaara. Gooliin maqaa garaagaraa dhahatee WBO hadheessuun uummataaf Onnee uummataa keessaa baasuuf socho’amaa ture torban darbee kan galma hingeenye ta’uu hubatuun cimina.

B. Qaama diina dantaa dhuunfaa

Goolii qabsoo kanneen uuman keessaa adda dureen warra dantaa dhuunfaaf warraqaan ta’uu hubatuu nu feesisa. Qaamonni dantaa dhuunfaaf socho’an kunneen maqaa garaagaraa dhahatanii maallaqa uummatarraa saamuuf Goolii qabsoo uumanii jiraachuu barbaadu. Bakka hinjirre of kaahanii nuti ebeludha ebeluuf maallaqa geessinaatii maallaqa fidi jechuun uummata dinninuu jalqabu. Maallaqa uummatarraa maqaa WBO fi qabsoo ABO tumsuu jedhuun funaananii kaasinaa dhuunfaa guddifachuu barbaadu. Carraa Goolii jeequmsaa qabdu kana fayyadamanii uummata saamuu barbaadu. Gochaan kun torbanoota darbe qaamota muraasaan “nuti Qeerroo” ABO ti jechuun waraqaa eenyummaa sobaa baafatanii uummata keessa socho’aa turan. Maxxansa ABO’n hinbeekne maxxansanii waraqaa Eenyummaa ABO bitadhaa jechuun magaalota hedduu keessatti madda galii taasifachuun qabsoo ABO maqa balleessuurra turan. Warra akkanaa uummatni ofirraa akka dinninu agartuun Qeerroo uummatasaaf dhaama!
C. Qaama dingataa (kan waan qabsoo sabaa gaggeessu fakkaatuun sochii Goolii jeequmsa babal’isu jechuudha)

Gosota goolii qabsoo keessaa tokko kan ta’e Qaama Dingataa warreen jenne kana. Qaamni dingataa kun utuu ofiifuu hinbeekin diinaaf hojjeta. Garuu; uummataaf hojjetu itti fakkaatuu mala. Qaamonni kun ofiin of murteessanii warra aantummaa qabanirraa ka’uun ajaja dhuunfaa isaaniitiin uummata keessa socho’an dabalata. Hedduun qaamota akkanaa gootummaa qaban irraa ka’uun dirqama qabsoo deggaruu, qabsootti makamuu qabda jechuun uummata nagaa utuu hinbeekin goolu. Gooliin akkanaas bakka godhachuu qaba. Namootni uummataaf qabsaa’uu fedhan naamusa qabsoo haalaan akka baratuu qaban xumura irratti Agartuu Qeerroo dhaammata.

Injifannoon Uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati!
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Hagayya 19,2018
Finfinnee Oromiyaa

Via: Oromia News Network – ONN