Afaan Oromoo mana hidhaa Abiy Ahmed keessatti afaan Federaalaa ta’ee jira.

Afaan Oromoo mana hidhaa Abiy Ahmed keessatti afaan Federaalaa ta’ee jira.

Hidhamtooti siyaasaa Oromoo kumaatamaan mana hidhaa Abiy Ahmed keessatti daramaa jiraachuun jijjiiramni Qeerroo fi Qarreen Oromoo wareegama guddaa itti baasan yakkamtoota EPRDFn butamee karaa irraa maquu mirkanessa.
Hooggantootnii fi qondaaloti waajjira ABO guddicha Gullallee keessa hojjechaa turan irra guddaan isaanii mana hidhaa kanatti daramaa jiru.
Isaan keessa lama miseensota hojii geggeessituu(Shanee Gumii) ti.
1) Abdii Raggaasaa
2) Mikaa’el Booran
Jaha ammoo miseensota koree gidduuti(Gumii Sabaa) ti.
1) Kennasaa Ayyaanaa
2) Muraataa Sabaa (Malkaamuu Danuu)
3) Kaayyoo Fufaa
4) Mohammed Raggaasaa(Firaa’ol Jaallataa)
5) Amaan Filee
6)Gammachiis Tolasaa
Qondaalota qaroo itti gaafatama hojii jaarmiyaa ol’aanaa geggessan keessaa kan akka:
1)Daawit Abdataa
2) Lammii Beenyaa
3) Koloneel Gammachuu Ayyaana
4) Dr. Gadaa Oljirraa
5) Meetii Milkoo, Barreessituu waajjira HD-ABO
6) Yaazoo Kabbabaa
7) Gadaa Gabbisaa faatu keessatti argama
Karaa biraa hooggantootni KFO kan akka:
1) Baqqalaa Garbaa
2) Dajanee Xaafaa
3) Jawar Mohammed fi
miseensotis kan akka
1) Hamzaa Booranaa
2) Shamsaddiin Xahaa fi kan biroonis mana hidhaa kana keessatti hiraarfamaa jiru
Waan hidhamtoota siyaasaa Oromoo kana yeroo kaafnu kan mootummaa Abiy Ahmediin ajjeefamaniif ammaallee guyya guyyaan ajjeefamaa jiranis hedduu ta’uun hubatamuu qaba.
Qabsaawoti Oromoo wareegamaniif mana hidhaa keessatti dararamaa jiran akeeki qabsoo ummata Oromoo osoo hinsharafamin bakka ga’uu qaba jedhanii osoo qabsa’anii ta’uun baramee ummatni Oromoo hundumtuu tokkummaadhaan ka’ee qabsoo kana jabeessee bakkaan ga’uu qaba.