Afaan Oromoo: Gaaffiin afaan federaalaa gochuu akkuma gaafatametti deebisuu malee ‘qabdii siyaasaa’ gochuu hin barbaachisu’

Afaan Oromoo: Gaaffiin afaan federaalaa gochuu akkuma gaafatametti deebisuu malee ‘qabdii siyaasaa’ gochuu hin barbaachisu’

Humna guddaafi bal’ina qabuun, Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa ta’uu waan danda’uuf gaafficha akka gaafatametti deebisuu malee ‘qabdii siyaasaa’ godhachuun hin barbaachisu jedhan hayyoonni.

(bbcafaanoromoo)–Sirna bulchiinsa federaalaa tokko keessatti afaan federaalaa ta’uudhaaf ulaagaalee bu’uuraa hanga barbaadamuu ol guutee osoo jiruu Afaan Oromoofi gaaffiin ummata Oromoo ‘qabdii siyaasaa’ ta’ee ture jedha Yunvarsiitii Finfinneetti barsiisaafi qorataan afaanii Obbo Qulqulluu Ijoo.

Dhimmi Afaan Oromoo afaan federaalaa taasisuu sadarkaa paartilee siyaasa Oromootti yeroo hedduu akka dubbii ijoo siyaasaatti ka’a.

Dhuma baatii Guraandahalaa bara 2020 keessa manni maree ministirootaa afaan Amaaraa dabalatee Afaan Oromoo, Tigirinyaa, Afaan Somaaleefi Affaar afaan hojii federaalaa akka ta’an murteessee ture.

Gaaffilee gurguddoo sadan ummatni Oromoo waggoota dheeraaf gaafataa ture keessaa tokko Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa taasisuudha kan jedhan hayyoonni afaaniifi xiinxaltoonni federaalizimiifi imaammataa, gaaffii kana sirnaan deebisuu malee dhikkifannaa miira ummataa ilaalanii dhimma siyaasaa godhachuun waan hin malle jedhan.

Paartiin biyya bulchu yeroo waggoota lama hin guutne keessatti kora isaa gurguddaa irratti akka dhimma ijootti kaaseera.

Sadaasa 2019 Ministirri mummee Abiy Ahimad (PhD) ergaa fuula Feesbukii isaaniirratti dabarsaniin Afaan Oromoo dabalatee afaan Tigree, Afaar, Somaalee afaan hojjii federaalaa akka ta’an murtaa’uu ibsanii turan kanaaf fakkeenya.

Haaluma kanaanis Afaan Oromoo afaan paartichaa ta’u qofa osoo hintaane, afaanoota biraa waliin afaan hojii federaalaa akka ta’uuf murtaa’uu himaniiru. Kunis gaaffiiwwan bara dheeraaf ummanni Oromoo kaasaa ture keessaa tokko ta’u yaadataniiru.

Bara 2018 keessa baatii Guraandhalaa Afaan Oromoo, afaan Amaaraatti dabalataan afaan hojii mootummaa federaalaa akka ta’u nan qabsaa’a jechuun ibsa xumura wal-gahii koree giddu-galeessa isaarratti DHDUO’n yeroo sanaa kan boodarra ODP ta’e ibsee ture.

Akka hayyoota gara garaa BBC’n dubbisetti garuu, dhimmi Afaan Oromoo dhimma paartii siyaasaa ta’ee ‘ho’ee qabbanaa’uu’ siyaasaa waliin deemu miti.

Biyya sirna federaalaan bultu keessatti afaan tokko afaan hojii federaalaa gochuuf ulaagaaleen akka addunyaatti guutamuu qaban jiru jedha qorataan Sirna Federaalizimiifi Imaammataa Moonenuus Hundarraa.

Ulaagaalee kanneen keessaa ammoo baayyinni ummata afaan sun afaan dhalootaa isaanii ta’eefi faayidaa afaanichi dinagdee keessatti qabaatuufi bulchiinsa waloo federeeshinii keessatti qabaachuu malutu ilaalama jedha.

Murteen siyaasaa kan barbaachisu ta’ullee afaan tokko afaan federaalaa gochuun atakaaroo hedduu hin barbaadu kan jedhu Moonenuus, bu’uura fedhii ummata bal’aafi akkaataa gaafichi itti gaafatamaa tureen deebisuun bulchiinsa waloo sirna federaalizimii keessatti bakka bu’ummaa walqixa ta’e mirkaneessuun tokkummaa biyyaa cimsa jedha.

Qorataan Afaaniifi Aadaa BBC’n Noorweyirraa dubbise Amaanu’eel Raagaa (PhD), yaada Moonenuus kana ni cimsa.

Baayyinni namoota afaanicha dubbatanii, faayidaa inni bulchiinsaafi daldala keessatti qabu, akkasumas ummata walitti fiduu keessatti ga’ee Afaan Oromoo qabu baayyee murteessaa waan ta’eef afaan federaalaa gochuun tokkummaa biyyaaf bu’uura akka cimsuuti jedha.

“Afaan Oromoo afaan federaalaa gochuun ummanni Oromoo osoo akka keessummaatti itti hin dhaga’amiin, anis biyya kana keessaa qoodan qaba jedhee akka inni yaaduuf karaa banaaf.

Kanaa achi, Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa gochuu dhiisuun akka ummanni Oromoo biyya isaa keessatti keessummaa ta’uufi shakkii keessa galu gochuudha waan ta’eef gaaffii keessa galuu hin qabu.”

Dr. Amaanu’eel akka jedhutti dhimmi Afaan Oromoo dhimma dhaaba siyaasaa tokkoo osoo hin taane dhimma guutuu Oromooti. Kana waan ta’eefis, paartiin siyaasaa tokko dhufee deemuu waan danda’uuf dhimma paartii siyaasaa tokkoo olitti yaadamuu qaba jedha.

Baayyinni namoota Afaan Oromoo akka afaan abbaatti dubbatanii Itoophiyaa keessatti tokkoffaa ta’ulleen imaammataan deggaramee hanga maluuf akka guddatu hin taasifamne jedha Yunivarsiitii Wallaggaatti barsiisaafi Qorataan Afaanii Itti-aanaan Piroofesaraa Fedhasaa Taaddasaa ammoo.

Akka guddatu gochuun hafee baroota dhufaa darbaa mootota Itoophiyaa gara garana dhiibbaaniyyuu irra qaqqabaa ture, ammallee jiras jedha.

“Seera itti baasaniiti afaan kana kan isaan daangessaa turan. Bara 1923 kaasee Hailesillaaseen seera baasuun afaan ummata guddaa Afaan Oromoo akka hin guddanne godheera.

Afaan amantii, afaan hojii, afaan waliigaltee biyyattii keessatti ta’u Amaariffa qofa akka ta’u jedhe,” jechuun hacuuccaa Afaa Oromoora ture ibsa.

Afaan Oromoo gadi qabuun bara mootummaa Dargii keessa akka itti fufe ibsuun, kufaatii Dargiin boodallee bara ce’umsaattis yeroo seeraafi heera mootummaa federaalaa tumanitti, afaan hojii waliigalaa afaan Amaaraati jechuun furmaanni waara’aa hin kennamiin hafeera jedha Obbo Fedhasaan.

Waraqaan qorannoo Dr. Milkeessaa Miidhagaa dhimma afaaniifi federaalizimii irratti gaggeessanii barruu ‘Journal of Public Administration and Policy Research’ jedhu irratti bahes yaaduma Garagaraa Piroofesar Fedhasaa kana cimsa.

Lakkoofsa ummataa kan bara 1994 eeruun Afaan Oromoo ummata afaanicha dubbatuun hunda caalee osoo jiruu yerooo Heerri mootummaa federaalaa qophaa’etti ta’e jedhamee diida qabamuun bira darbameera jedhan Dr. Milkeessaan.

Yeroo Heerri mootummaa tumametti Amaariffa qofa afaan hojii federaalaa gochuun filatanii darbuun loogii mootota Itoophiyaa duriirraa jalqabee Afaan Oromoo irratti raawwatamaa ture itti fufsiisee darbuu isaa qorannoo isaaniitiin agarsiisu.

Akka lakkoofsa ummataa bara 2007 keessa gaggeeffamettis, ummata Itoophiyaa keessa jiran keessaa kanneen Afaan Oromoo dubbatan guddaa dabale — Oromoon %34.5 yoo ta’u, Amaarri %26.9 ture. Haaluma kanaan namoonni Afaan Oromootti afaan hiikkatan %33.8 yoo ta’an kan Amaariffatti afaan hiikkatan ammoo %29.3 ture.

Akka argannoo Dr. Milkeessaa kanaatti haqni afaanii jallachuun ammoo, hawaas-dinagdeefi siyaasa keessatti walqixxummaan akka hin jiraanne gochuu qofa osoo hin taane, saba guddaa akka Oromoo moggaatti baasuun guddina biyyaa waliigalaa duubatti harkiseera.

Akka Gargaaraan Pirofeesaraa Fedhasaan jedhutti yeroo ammaallee gaaffiin Afaan Oromoo akka gaafatamaa jirutti deebii argachaa hin jiru.

“Yeroo ammaa kanatti akka tapha ijoollee wayii ta’e. Afaan ummata miliyoona 4 fi 40 walii wajjiniin beekamtii amma jedhamu kanatti deemama gaafa jedhamu mataan isaa baajatni afaan shaniif ramadame hin jiru.

Afaan shan takkaatti afaan hojii federaalaa gochuuf biyya hanqinni baajataa jiru akka biyya keenyaa kanatti rakkisaa ta’uu isaa qofa osoo hin taane, “Afaanota kana tarreessanii kaa’uun Amaariffa akkuma duraatti itti fufeetu afaan biyyoolessaa akka ta’u hawwuudha,” jedha Obbo Fedhasaan.

Akka hayyoonni kunneen jedhanitti ummata Itoophiyaa keessaa walakkaatti kan siqu Afaan Oromoo dubbata. Kanaaf biyya sana dagaagsuufi guddisuudhaaf, akkasumas nagaa biyya sana keessatti uumuudhaaf Afaan Oromoo gahee bu’uraa qaba.

Uummanni Oromoofi uummattoonni biyyattii biroo wal kabajanii waliigalteen akka jiratanis Afaan Oromoo hidda walitti hidha ta’uu danda’a jedhu.